Qaroo Waamaraa
19.3K subscribers
2.86K photos
48 videos
73 files
1.55K links
Yoom AGS. Akkan taanes; akka taanus taaneerra! akki ta'uu qabnu si'achi. Akka ta'uu qabdu ta'uuf akka taatu ta'i. Kana ta'uufis Qaroo Waamaraa qabaadhu. Galmi keenya boruu guddaa-dha. Masaraa jabaas ijaaraa jirra. As-goraa!
Download Telegram
Amboo Gaafa Xiiqii
Amboo maqaa kumaa
Amboo lafee qabsoo
Hawwii nama hundumaa

Amboo gaafa giitii
Amboo lafa seenaa
Amboo biyya gootaa
Amboo lafee seenaa

Amboo mataa biyyaa
Amboo guca qabsoo
Amboo biyya kiyyaa
Amboo gaafa rakkoo

Amboo.....!
👏42
Gaaffiin inni guddaa
OBSA NAMA dhorkata
Humnaa OL yoo ta'u
Didee NAMA mo'ata
🔥52
#Amaloota_Namoota_Dafanii_Aaranii_10n:

1. Onnee Qulqulluu Qabu:
Aariin isaanii gubbaama qofa. Keessoo isaaniitti haaloo fi summii yeroo dheeraa xaxani qabachuu hin beekan.

2. Fakkeessuu Hin Beekan:
Keessoon isaanii fi gubbaan isaanii tokkuma. Fuula lama qabaachuu fi duubatti shira xaxuu hin beekan.

3. Dafanii Dhiifama Gochuu:
Akkuma dafanii aaran, aariin isaanii erga qabbanaa'ee booda dafanii dhiifama godhu, waan darbes ni dagatu.

4. Dhugaadhaan Nama Amanu:
Onnee guutuun nama amanu; namoota biroo irraas dhugummaa fi amanamummaa qofa eegu.

5. Jaalala Ho'aa Qabu:
Aariin isaanii akkuma ho'aa ta'e, jaalalli fi kunuunsi namoota jaallataniif qabaniis baay'ee gadi fagaata. Onnee guutuu jaalata.

6. Garaa Laafeyyiidha:
Yeroo namni biraa rakkatu ykn miidhamu dafanii garaa isaaniitti dhaga'ama, gargaarsaafis qophaa'oodha. Namaa yaadu.

7. Duubatti Nama Hamachuu Hin Beekan:
Waan komatan dura keetti dubbatu malee, duuba keetiin nama hamachuu fi shira xaxuun isaan bira hin jiru. Dhoksaa hin beekan. Iftoomina qabu.

8. Dafanii Dhiifama Gaafatu:
Erga tasgabbaa'anii booda yoo dogoggoraniiru ta'e, boona malee dafanii "naaf dhiisi" jedhanii dhiifama gaafatu.

9. Miira Isaaniitiif Amanamoodha:
Miira isaanii (gammachuu, gadda, aarii) dhoksuuf hin yaalan; waan dhugaatti isaaniitti dhagahamu calaqqisiisu. Sobaaf hin yaalan.

10. Amanamummaa Cimaa Qabu:
Hiriyaa ykn nama jaallatan tokkoof amanamummaa guddaa qabu; yeroo dhiphinaas cinaa namaa irraa hin fagaatan. Obsi gowwummaa irraa gargari. Obsuun gaariidha. Ta'us garuu daangaa qaba.


♻️Join & 🔗SHARE
╔════════════╗
#Qaroo_Waamaraa
╚════════════╝
https://t.me/ForAllthingsEye
7❤‍🔥1👍1👏1
Lama natti taate

Gaafa dukkanaa'u
Xomboora bobeessu
Mukukkula guuranii
Gurraacha addeessu
Waa Lama natti taate
Warqeen soorettiidha
Mataatti na baate
Gurreen ko'eettiidha.
Tokko harkaa qabdi
Tokko morkaa qabdi
Maaf deebii dhabdi?
Silaa MIRGA Qabdi?
Akkam gama yaaddi?


♻️Join & 🔗SHARE
╔════════════╗
#Qaroo_Waamaraa
╚════════════╝
https://t.me/ForAllthingsEye
6👍1🥰1
Ati Darbiteetta... 💯
13
Jaalalaaf Safuu!

Miilla malee si oofa
Karaa malee
Yaada malee
.
.
.
Si oofa...si oofa...
🔥4🥰1👏1
ISA DHUMAA MITI

Bitaaf mirga ilaalee
Sin eegsisu sobaan
Amalli kabaja caala
Sin jaalladha dhugaan
Tokkon bakka sin buusu
Anaaf situ WABII DHA.
Waadaa gola onneekoo
Wal jaalalli ABDIIDHA.
Harki jaalalaa walqaba
Hidhaa malee walhiiti
Jireenyi kunis jalqaba
KUN ISA dhumaa miti


G fi Y
Gurree fi Gurbittii
Warqee fi Ana
.
.
.
.
Itti fufuu? Warqe?
11👏2
Natti dhaga'ama
Keessa kootii ka'ee
Siif hin danda'ama
Inni humnakoon ol ta'e
🔥51
Warqeekoo

Yoo dubbatan
dubbii qaba
Yoo callisan
murtii dhaba

Silaa.
Gaafa Ture gaafa bule
Akka baraa akka garaa
Keessa ofii Gola ofii
Maaltu namaa baraa?

Warqittiif
7👍1
Sagalee kee dhaga'uuf
Utuun qofaa miixadhuu
.
.
.
.
.
.
💎koo🖤koo
9🔥2🤬1
Yeroo tokko tokko
Humnaa OL sitti ta'a


Jaalala hambisuuf
Kabaja kee gattee
Otooma miidhamtuu
Dhiifama gaafattee
Miira kee moo'attee
Obsaan yoo gad jette!
Gaarii ture jenneet

Jaalala kees dhabdee
Kabaja kees dhabda
Gaaf san qalbii cabdee
Aariin OFIIkee adabda!

Yaada namaa miti
Namayyuu jibbita
Jaalala faarsitee
Gad jechuu gaabbita

Malli maali malli maali
Maal wayyaa?
Abjuudhaan malee
Sin argu ani guyyaa
Warqeeko
8🥰2🔥1
Mudannoo 1 keessa;
Muuxannoo 1k tu jira
Akkasuma👆👇
Kufaatii 1 keessa
Barumsa 1k tu jira
6🔥2
Namni fagoof dhihoo
Waan fedhe dubbatu
Waan keessa koo jiru
Eenyuyyuu hin hubatu
👍3
Si jaallachuun koo filannoo koo miti, inni carraa samii irraa naaf kenname fi hiika jireenya kootiiti.

Namaan jaalatamuu miti, nama jaalachu keetin nama gaarii akka taatu hubadhu.

Jaalalli Dhugaa Gatii Dhugaa Nama baasisa.

Maal Wayyaa?
24
Jaalala keessatti wanti guddaan dubbachuu osoo hin taane, miiraa fi yaada nama si jaallatu dhaggeeffachuudha.
👍5
Naanna'ii naa koottu
Karaa isa handoodee
Garaan siin jaalate
Boo'ee siif gadoodee
Dhaapheen si eega
Manatti nan galchuu
Rabbitu waliif kenne
ANAS-Sis nu lachuu

Waan Ofiiko
4👏2🥰1
Bara 2018, Dadhabeera jettee dhiiste mitii? Bara 2019, Waaqayyo immoo Jalqabeera siin jedheera hin sodaatin!
14🔥1🥰1👏1
Barana; Aduun eebbaa siif baati, Caaltee argamta.!
5👍1👏1