Qaroo Waamaraa
19.2K subscribers
2.86K photos
48 videos
73 files
1.55K links
Yoom AGS. Akkan taanes; akka taanus taaneerra! akki ta'uu qabnu si'achi. Akka ta'uu qabdu ta'uuf akka taatu ta'i. Kana ta'uufis Qaroo Waamaraa qabaadhu. Galmi keenya boruu guddaa-dha. Masaraa jabaas ijaaraa jirra. As-goraa!
Download Telegram
Ani imaltuu karaa irratti badee miti; garuu ija kee keessa ergaan seenee booda gara kamitti akkan deemu dagadheera jechuudha.
13👍1
Dhiira ta'uun nama miiti
Gaadii malee nama hiiti

Gara laafummaan
Garraammummaan
👍162
Haqa faana dha'ee
Sadii yoon of gorse
Nama garaas ta'ee
Sadii bor of dhokse
Ittiin lama buluufis
Sadadii yoon obse
Maal waa'ee baasa
Biyyaa nana baasa
9👍4
Waanin jirre, yaaddee
Of hin dhiphisiin mee
Kan qabdutti gammadi
Maaltu sirraa hidhamee
14🔥2
Halkan yoo aduun badde hin boo'in, imimmaan urjii akka argitu waan siif hin eeyyamneef. Hin Boo'iin!

Yeroo Uumaa kee kadhattu Hojii salphaa hin kadhatiin, Humnaa fi dandeettii hojii ulfaataa si dandeessisu fi moosisu kadhadhu
17👍9🥰2
Yaaddee beektaa? Silaa utuu umurii mallaqaan BITATAN ta'ee, duuti kan hiyyeessootaa Qofa taati ture. Kan deemanii hin fixne karaadha, Kan beekanii hin fixnes garaadha.
👍41
Guyyaa gaarii Waan Ofii
Soorettii haadha sooraa
Na qaqqabadhu kaa dafii
Sumaafan dukkana jooraa


Xinnoof
Gurreef
Warqeef
Sooreef
Dammeef
Jiituuko💎🖤
Hundi keessanuu dubbisaa. Garuu idduma 1 jirtu.
10🥰1
Amboo Gaafa Xiiqii
Amboo maqaa kumaa
Amboo lafee qabsoo
Hawwii nama hundumaa

Amboo gaafa giitii
Amboo lafa seenaa
Amboo biyya gootaa
Amboo lafee seenaa

Amboo mataa biyyaa
Amboo guca qabsoo
Amboo biyya kiyyaa
Amboo gaafa rakkoo

Amboo.....!
👏42
Gaaffiin inni guddaa
OBSA NAMA dhorkata
Humnaa OL yoo ta'u
Didee NAMA mo'ata
🔥52
#Amaloota_Namoota_Dafanii_Aaranii_10n:

1. Onnee Qulqulluu Qabu:
Aariin isaanii gubbaama qofa. Keessoo isaaniitti haaloo fi summii yeroo dheeraa xaxani qabachuu hin beekan.

2. Fakkeessuu Hin Beekan:
Keessoon isaanii fi gubbaan isaanii tokkuma. Fuula lama qabaachuu fi duubatti shira xaxuu hin beekan.

3. Dafanii Dhiifama Gochuu:
Akkuma dafanii aaran, aariin isaanii erga qabbanaa'ee booda dafanii dhiifama godhu, waan darbes ni dagatu.

4. Dhugaadhaan Nama Amanu:
Onnee guutuun nama amanu; namoota biroo irraas dhugummaa fi amanamummaa qofa eegu.

5. Jaalala Ho'aa Qabu:
Aariin isaanii akkuma ho'aa ta'e, jaalalli fi kunuunsi namoota jaallataniif qabaniis baay'ee gadi fagaata. Onnee guutuu jaalata.

6. Garaa Laafeyyiidha:
Yeroo namni biraa rakkatu ykn miidhamu dafanii garaa isaaniitti dhaga'ama, gargaarsaafis qophaa'oodha. Namaa yaadu.

7. Duubatti Nama Hamachuu Hin Beekan:
Waan komatan dura keetti dubbatu malee, duuba keetiin nama hamachuu fi shira xaxuun isaan bira hin jiru. Dhoksaa hin beekan. Iftoomina qabu.

8. Dafanii Dhiifama Gaafatu:
Erga tasgabbaa'anii booda yoo dogoggoraniiru ta'e, boona malee dafanii "naaf dhiisi" jedhanii dhiifama gaafatu.

9. Miira Isaaniitiif Amanamoodha:
Miira isaanii (gammachuu, gadda, aarii) dhoksuuf hin yaalan; waan dhugaatti isaaniitti dhagahamu calaqqisiisu. Sobaaf hin yaalan.

10. Amanamummaa Cimaa Qabu:
Hiriyaa ykn nama jaallatan tokkoof amanamummaa guddaa qabu; yeroo dhiphinaas cinaa namaa irraa hin fagaatan. Obsi gowwummaa irraa gargari. Obsuun gaariidha. Ta'us garuu daangaa qaba.


♻️Join & 🔗SHARE
╔════════════╗
#Qaroo_Waamaraa
╚════════════╝
https://t.me/ForAllthingsEye
7❤‍🔥1👍1👏1
Lama natti taate

Gaafa dukkanaa'u
Xomboora bobeessu
Mukukkula guuranii
Gurraacha addeessu
Waa Lama natti taate
Warqeen soorettiidha
Mataatti na baate
Gurreen ko'eettiidha.
Tokko harkaa qabdi
Tokko morkaa qabdi
Maaf deebii dhabdi?
Silaa MIRGA Qabdi?
Akkam gama yaaddi?


♻️Join & 🔗SHARE
╔════════════╗
#Qaroo_Waamaraa
╚════════════╝
https://t.me/ForAllthingsEye
6👍1🥰1
Ati Darbiteetta... 💯
13