Qaroo Waamaraa
19.2K subscribers
2.84K photos
48 videos
73 files
1.55K links
Yoom AGS. Akkan taanes; akka taanus taaneerra! akki ta'uu qabnu si'achi. Akka ta'uu qabdu ta'uuf akka taatu ta'i. Kana ta'uufis Qaroo Waamaraa qabaadhu. Galmi keenya boruu guddaa-dha. Masaraa jabaas ijaaraa jirra. As-goraa!
Download Telegram
😭😭😭😭😭😭
Qabsooftuu,weellistuu,loltuu fi goota dubartii #Ilfinash_Qannoo, kan Oromummaa fi sabboonummaan irraa ifee har'a geesse boqachuu ishee yoon dhagahu gaddatu natti dhagahame.

Sirboota qabsoo fi warraaksaa Weellistuu hangafaa #Ilfinash_Qannoo dhagahaa guddanne.Ka'umsa sabboonummaa fi Oromummaa keenyaaf warra bu'uura ta'an keessaa hangafa turan.

Jaarraa walakkaa oliif waa'ee Oromoo fi Oromiyaa lallabaa barsiisaa dhageessisaa turan har'a lubbuun darbiun himame. Maatii fi Oromoo isaan jaalataniif jajjabina hawwaa,Ayyaantummaan isaanii dhaloota faana haa ta'u!
😭286😢2😨1
Biqiltuu jaalalaa

Si yaada garaan koo
Boqonnaa hin arganne
An si qofaaf malee
Eenyuuf harkan laanne

🖤ko situ na mo'ate
Dhuunfatee keassa koo
Jaalalaan na qabdee
Rarraastem qalbii koo

Anis sittin dhiise
Yaada koo hundumaa
Kophaakoo yoon deemus
Waa'ee keen guungumaa

Biqiltuu jaalala koo
Margituu ganamaa
Hargansuuf tiruukoo
Durbee sanyii namaa

Takkaa cal hin jenne
Waa'ee keen hasaasa
Gubaa jaalala keetu
Guggube na kaasa

Ani siif mo'ameen
Siif laadhe harkaa koo
Koottu wal'aannadhu
Siif miidhamte onneenkoo

Kunooti caba yaadaa
Hawwii keessa onnee
Koottu na fayyifadhu
An waallee sin sobnee


Warqittiif💎🖤🌍
👇👇👇👇👇👇
♻️Join & 🔗SHARE
         Telegram
https://t.me/ForAllthingsEye
╔════════════╗
#Qaroo_Waamaraa 💌
╚════════════╝
10👍3🥰2👏1
Gola dilbii seenaa


Onneekoo qabattee
Keessakoo dhuunfatta
Akka tasaatti seentee
Qaama koo to'atta

Anis siif bitameen
Jaalala keen qabame
Lubbuu ko jedheen
Jaalalaan si waame

Nama jabduu kooti ati
Gorsituu waan hundaa
Simbookoo bareedduu
Takkaan qabdu mudaa

Gaafa gadda kootii
Na waliin gadditee
Nama tokko miti
Nama hunda naaf taatee

Jaalatamtuu kiyya
Ibsituu karaa koo
Si waliin jiraadhaa
Siif kennee barakoo

Ani jedheef miti
Garuu Situ Beeka

♻️Join & 🔗SHARE
╔════════════╗
#Qaroo_Waamaraa
╚════════════╝
https://t.me/ForAllthingsEye
11
Abdiin qajeelotaa biiftuu garasi
Kanaaf obsina dhiphinaaf gidiraa asii
13
Hubattuu Yaada koo
Soortuu qalbii kichuu
Wal'aantuu madaa koo
Sin baafadhe michuu
19👍4🔥1👏1
Guula harkisa dubbii
Guca fagootii mul'atu
Gudunfaa kee hiikuuf
Harkonni koo hollatu

Na hudhee imimmaan
Ija kee ilaalee
Ati deemuuf kaanaan
Waan maluun walaalee

Yoo adeemuuf kaatu
Sagal wal mil'annee
Wal quufuu dadhabnee
Dirqiin gargar baanee

Hidda humna qabu
Biqiltuukootu naa late
Ija koo utuun taane
Onneekootu si jaalate

Qilleensi gara birraa
Gara gaariitti bubbisa
Guyyichi naaf ga'ee
Yoom dhufee si dubbisa

Yaada biraa hin qabu
Yaadakeet na huuqqisa
Halkan hirriban qabu
Siin argachuufan wixxisa


Ani jedheef miti
Garuu Situ Beeka

♻️Join & 🔗SHARE
╔════════════╗
#Qaroo_Waamaraa
╚════════════╝
https://t.me/ForAllthingsEye
8👏3🔥1🥰1
Ani imaltuu karaa irratti badee miti; garuu ija kee keessa ergaan seenee booda gara kamitti akkan deemu dagadheera jechuudha.
11👍1
Dhiira ta'uun nama miiti
Gaadii malee nama hiiti

Gara laafummaan
Garraammummaan
👍14
Haqa faana dha'ee
Sadii yoon of gorse
Nama garaas ta'ee
Sadii bor of dhokse
Ittiin lama buluufis
Sadadii yoon obse
Maal waa'ee baasa
Biyyaa nana baasa
6👍4
Waanin jirre, yaaddee
Of hin dhiphisiin mee
Kan qabdutti gammadi
Maaltu sirraa hidhamee
12🔥2
Halkan yoo aduun badde hin boo'in, imimmaan urjii akka argitu waan siif hin eeyyamneef. Hin Boo'iin!

Yeroo Uumaa kee kadhattu Hojii salphaa hin kadhatiin, Humnaa fi dandeettii hojii ulfaataa si dandeessisu fi moosisu kadhadhu
12👍8🥰2
Yaaddee beektaa? Silaa utuu umurii mallaqaan BITATAN ta'ee, duuti kan hiyyeessootaa Qofa taati ture. Kan deemanii hin fixne karaadha, Kan beekanii hin fixnes garaadha.
👍1
Guyyaa gaarii Waan Ofii
Soorettii haadha sooraa
Na qaqqabadhu kaa dafii
Sumaafan dukkana jooraa


Xinnoof
Gurreef
Warqeef
Sooreef
Dammeef
Jiituuko💎🖤
Hundi keessanuu dubbisaa. Garuu idduma 1 jirtu.
3🥰1