Qaroo Waamaraa
19.2K subscribers
2.83K photos
48 videos
73 files
1.55K links
Yoom AGS. Akkan taanes; akka taanus taaneerra! akki ta'uu qabnu si'achi. Akka ta'uu qabdu ta'uuf akka taatu ta'i. Kana ta'uufis Qaroo Waamaraa qabaadhu. Galmi keenya boruu guddaa-dha. Masaraa jabaas ijaaraa jirra. As-goraa!
Download Telegram
An dhabuu sodaadhe.

Jaalatanii hin jaalatan,
Jaalatanii hin yaadani,
Onnee isaanii kennanii,
Ofii isaanii hin beekani

Ergan si jaaladhee
Akka si yaadun beeku
Halkan koo maqaa kee
Guyyaan koo Suura kee eegu

Si arguuf hawwa onneen
Si dhabuun na guba keessaa
Ati yoo na bira hin jiraanne
Nyaatalle natti hadheessa

Jaalalli koo callisee,
Qoma koo keessa iyya;
Sin jaaladha jechuu dhiisee
SI yaadeera Warqee kiyya

Ijaa
Ati na yaaddu moo,
Anis qofaan si yaadaa?
Yoo jaalallikoo cubbuu ta’e
Araara isaa naaf barbaadaa

Yoo guyyaan nu fageesse
Yoo daandiin adda nu baase
Yoo biyyi jibbee nu odeesse
Yaadni koo si biratti hafe

Onneenkoo maqaakee qabate
Sagal maqaa siif moggaasa
Lapheenkoo jiruukee dimatee
Natti lallaba nagaasaa

Jaalatanii hin jaalatan
Garuu ani si jaaladhe;
Jaalatanii hin yaadani
An dhabuu sodaadhe.


πŸ–€,🌍,πŸ’Žkoo
╔════════════╗
#Qaroo_Waamaraa  πŸ’Œ
β•šβ•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•
https://t.me/ForAllthingsEye
❀6πŸ₯°1
Barana carraankee kumaatama keessaa 1ffaa irratti siif haa fuudhamu.

Waggicha keessaa;
Ji'a isa dhumaa
Torbee isa dhumaa
Qidaamee isa dhumaa
Guyyaa isa dhumaa
ti.

Guyyaan kun Rakkina keef ISA Dhumaa haa ta'u.
❀16πŸ”₯5πŸ‘3πŸ†1
Kuula dubbii gaarii
Mararoo naaf himii
Marartuu hubii laali
Waami Waa na simi
Hoo kennaa guutuu
Dhangaa baqee ililu
Kunoo karaa imaltuu
Kan akkakee hin jiru

Si birattis si yaadaa
Qofaas Siifan joora.
Dubbiin kee tokkittii
Yaada kootiif soora
.


πŸ’ŽKoo
❀11πŸ‘4πŸ₯°1
Bara lolli baay'ate
Reeffa sagal argu
Isa akaayii akaa'u
Sanyiin tasa margu
Sa'aa muchi gu'e
Maalsaa wal'aanuu
Nama dhaabbiin du'e
Eessatti awwaaluu?

Sababa kolfinee taphannuuf safartuu shunkurtiin safaramne.
πŸ”₯2
Barri Dhufaa jiru
Bara keeti
πŸ₯°5πŸ‘1
SIIF

Barri darbaa jiru kunπŸ‘‰2018     

⬅️dhibeekee fudhatee

⬅️yaaddookee fe'atee                             

⬅️qormaatakee fudhatee                

⬅️gaddakee sassaabbatee                          

⬅️galma rakkinakee raasee jigsee 

⬅️kan siif hin malle yaasee                         

⬅️hiyyummaa sirraa kaasee

⬅️Ilkee gaddaa sirraa buqqisee

SIRRAA HAA DARBU!

   Barri dhufaa jiru kunπŸ‘‰2019

β˜‘οΈnagaa addaa baatee                                  

↗️jaalala haammatee                          

β˜‘οΈfurmaata qabatee                                     

➑️beekumsa hamma tulluu fidee       

↗️bara diinnikee mugdu ta'ee                       

β˜‘οΈbara ati koortee bultu ta'ee       

➑️kan dhiphinnikee dhibdu                               

↗️yeroo aduunkee iftu                         

β˜‘οΈgamnachuun kee akka biiftuu kan baatu             

↗️bara hojjettee milkooftu                      

Bara dorgomtee dabartu
Bara barbaadamtu


β˜‘οΈbara ormatti urgooftu                                   

➑️bara akka gammaddetti ooltu

➑️Bara eebbaa
➑️Bara milkaa
➑️Bara jijjiiramaa
➑️Bara guddinaa ta'ee dhufaa jira

➑️Balballi hojii siif haa banamu.

BARA KEE
   SIIF HAA TA'U barri 2019

Nama jaallattuuf erguu ni dandeessa.

πŸ†•Telegram baay'ee jaalatamaa Qaroo Waamaraa #join godhii dubbisi isas si affeereera.

       Qaroo Waamaraa
Anaanis hin irraanfatiin

πŸ–€,🌍,πŸ’Žkoo
╔════════════╗
#Qaroo_Waamaraa  πŸ’Œ
β•šβ•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•
https://t.me/ForAllthingsEye
❀5πŸ₯°2πŸ”₯1πŸ‘1
Nagaan Boqodhu
Jabduuko Silaas jabaataniif du'i hin ooltu😭

ILFINESH😭
😭12❀2
😭😭😭😭😭😭
Qabsooftuu,weellistuu,loltuu fi goota dubartii #Ilfinash_Qannoo, kan Oromummaa fi sabboonummaan irraa ifee har'a geesse boqachuu ishee yoon dhagahu gaddatu natti dhagahame.

Sirboota qabsoo fi warraaksaa Weellistuu hangafaa #Ilfinash_Qannoo dhagahaa guddanne.Ka'umsa sabboonummaa fi Oromummaa keenyaaf warra bu'uura ta'an keessaa hangafa turan.

Jaarraa walakkaa oliif waa'ee Oromoo fi Oromiyaa lallabaa barsiisaa dhageessisaa turan har'a lubbuun darbiun himame. Maatii fi Oromoo isaan jaalataniif jajjabina hawwaa,Ayyaantummaan isaanii dhaloota faana haa ta'u!
😭26❀5😒2😨1
Biqiltuu jaalalaa

Si yaada garaan koo
Boqonnaa hin arganne
An si qofaaf malee
Eenyuuf harkan laanne

πŸ–€ko situ na mo'ate
Dhuunfatee keassa koo
Jaalalaan na qabdee
Rarraastem qalbii koo

Anis sittin dhiise
Yaada koo hundumaa
Kophaakoo yoon deemus
Waa'ee keen guungumaa

Biqiltuu jaalala koo
Margituu ganamaa
Hargansuuf tiruukoo
Durbee sanyii namaa

Takkaa cal hin jenne
Waa'ee keen hasaasa
Gubaa jaalala keetu
Guggube na kaasa

Ani siif mo'ameen
Siif laadhe harkaa koo
Koottu wal'aannadhu
Siif miidhamte onneenkoo

Kunooti caba yaadaa
Hawwii keessa onnee
Koottu na fayyifadhu
An waallee sin sobnee


WarqittiifπŸ’ŽπŸ–€πŸŒ
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
♻️Join & πŸ”—SHARE
         Telegram
https://t.me/ForAllthingsEye
╔════════════╗
#Qaroo_Waamaraa πŸ’Œ
β•šβ•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•
❀7πŸ‘2πŸ₯°1πŸ‘1