Qaroo Waamaraa
19.2K subscribers
2.82K photos
47 videos
73 files
1.55K links
Yoom AGS. Akkan taanes; akka taanus taaneerra! akki ta'uu qabnu si'achi. Akka ta'uu qabdu ta'uuf akka taatu ta'i. Kana ta'uufis Qaroo Waamaraa qabaadhu. Galmi keenya boruu guddaa-dha. Masaraa jabaas ijaaraa jirra. As-goraa!
Download Telegram
Warri Hawaasaa Yuunibarsiitii tti barachaa jirtanii fi barachaa turtan Jirra jedhaamee
πŸ‘3πŸ₯°3
Dur akkas Hin turre!


Yoo dagatamuu Jalqabde, Bakka kee kan bu'u
Argameera Jechuudha!
❀3πŸ”₯2πŸ‘2
Kiyyoo yaadaa...
πŸ‘3
Ciniinnatee obsa malee
Dhiphina isaa hin dubbatu
Keessa isaatti boo'a malee
Imimmaan dhiiraa hin mul'atu


πŸ’Žkoo
╔════════════╗
#Qaroo_Waamaraa  πŸ’Œ
β•šβ•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•
https://t.me/ForAllthingsEye
❀7πŸ₯°2πŸ‘2
Leenca biyyakee hin ajjeesiin yeeyyii biyya ormaatu si nyaata.
❀6πŸ‘3πŸ”₯2
Gaaf tokko, of duuba deebi’ee ilaalee boqonnaa jireenya koo kana keessa akkan darbe nan hubadha.

Garuu yeroo ammaa kana, sagalee mataa koo keessa jiru dandamachuuf qofa yaalaa jira. Isa na cannaqu obsuuf yaalaa jira.

Garmalee yaaduun;
Gaaffiiwwan deebii hin arganne. Miira ani ibsuu hin dandeenye. Lola namni biraa arguu hin dandeenye keessa nama buusa.

Yeroo tokko tokko, injifannoon sun ofitti osoo abdii hin kutatin guyyaa sana keessa darbuu qofa.

Ammatti deebii hunda argachuu dhiisuu danda’a, garuu boqonnaan kun bara baraan akka hin turre nan amana.

Gaaf tokko, wanti amma baay’ee natti dhaga’amu dhumarratti waanan of duuba deebi’ee ilaalee akkas jechuu danda’u ta’a: β€œAni keessa darbeera.”
❀2
Samiitti Ol yaabee
Gadi ilaaluu dachii
Rakkinni rakkattuun;
Jirtiilee laata Achii?
❀4πŸ‘3πŸ”₯1
Faana Ramaci waade
πŸ‘6
Eessa jiraa Furmaanni isaa?
πŸ‘5
Urgaan kee na waama
Akka daraaraa birraa

Garuu si arguun na dhiba
Akka Simbirroo birraa

Diddee na jalaa dhokatte
Akka ji'a duumessaan dhokatee

Guyyaa hundaa si yaada
Halkan hawwii morkatee

Eenyutu addaan nu baasa?
Bubbeen maqaa kee naa himti

Hawwiitu garaa na raasa
Akkas jiraachuun kun in cimti

Onneen koo siif dha'ata
"Yoom wal argina laata?"

AkkasπŸ™

"Amma utuu..."
Utuun suma bira jiraadhee
Ija kee keessatti gammachuu koo arga ture.

Utuun sitti dhihaadhee
Dhiphina koo hundumaa dagadha ture.

Utuu wal arginee takkaa
Jaalalli keenya seenaa ta'a ture.

AmmasπŸ™

Garuu ammas Miti
Urgaa kee qofa yaada
Keessa kootti miixadha
Foolii kee qofa hawwee
Onnee kootti si baadha

Halkan hundan of gaafadha
Utuu si arguu danda'ee
Gaaffiikoo Si gaafadha
Utuu akka garaa naa ta'ee...

Kun Turuu danda'a

https://www.facebook.com/BIYYAA.YOO
https://t.me/ForAllthingsEye
❀4πŸ”₯4