Qaroo Waamaraa
19.2K subscribers
2.82K photos
47 videos
73 files
1.54K links
Yoom AGS. Akkan taanes; akka taanus taaneerra! akki ta'uu qabnu si'achi. Akka ta'uu qabdu ta'uuf akka taatu ta'i. Kana ta'uufis Qaroo Waamaraa qabaadhu. Galmi keenya boruu guddaa-dha. Masaraa jabaas ijaaraa jirra. As-goraa!
Download Telegram
Milkaa'inni dhugaa jireenya mataa ofii fi maatii ofii jijjiiruu danda'uudha!
👍2👏1
Utuu ilaalamee
Iddoon miidhame
Utuu siif jooruu
Dhuka siif cabe
Gatiisaan baaftu
Lafee isa hidhame
Toora galaan jiru
Kuman sii hudhame
Waan naa galuu dide
Qalbiin na fuudhame
4👏1
YEROO JALQABAAF...
.
.
.
.
Ati Itti Fufi.... mee
6👏2👍1🏆1
Utuu naaf guutee
Hir'uun yaada kee
Wal bira dhuftee
Furtuun qadaada kee
Aaran galfadha ture
🖤ko bulee bulee.
3🥰1
Isa Fagoo miti, Firoota fakkeessitu sitti marfamanii jiran irraa of eegi.

Harka yeroo jireenyi ulfaatu wal gad-hin dhiifne qabadhu.

Namni kamiyyuu yeroo wanti hundi salphaa ta'e, yeroo ati kolfitu, milkaa'aa jirtuu fi waan si dhiheessitu si cinaa dhaabbachuu danda'a.

Garuu namoonni yeroo qabsooftu, yeroo jireenyaan jeeqamtu, fi yeroo waan kennitu hin qabne hafan, Yeroo dhiphinaa fi yeroo rakkoo namootni si biratti hafan isaan dhuguma dhimma qabanidha.

Jaalalli dhugaa yeroo salphaa ta'etti hin mirkanaa'u.

Kanaafuu Yeroo addunyaan Waraana fi rakkina waan gadi dhiiste fakkaatutti nama harka kee xiqqoo jabeessee qabatuuf iddoo guddaa kenni.

💎ttiif......''..
5👎1👏1
Namoonni bakka ati jirtuun si madaalu, Ati garuu bakka bor geessuun of madaali.

Hawaasaatti barataa Waggaa 4ffaa ta'een
👍166👏1
Warri Haramayaa Yuunibarsiitii jirtuu as keessa....!

Harka baasaa!
👍15🖕42🫡2🥰1😁1🙏1🌭1
Warri Jimmaa Yuunibarsiitiitti barachaa turtaniif jirtan harka baasaa!
👍9👏2🙏1
Ulfaatina durii qabattee olka'iinsa haaraa irra gahuu hin dandeessu. Jijjiirii ilaali...


╔════════════╗
#Qaroo_Waamaraa  💌
╚════════════╝
https://t.me/ForAllthingsEye
👍2🔥1👏1
Akkamiin siif ibsuu
Jaalala na keessaa
Halkan nan raffisu
Guyyaa na joonjessa
       
Ganama haaraadha
Galgalas nii dhufa
Yoon waa'eekee yaadu
Dunuunfadheen kufa
        
Warqittii siin jedhee
Jedhee kakadheera
Nyaataaf dhugaatiikoo
Hunda dagadheera
      
Hagabuun tiradha
Silaa maras dhiise
Garaa na hooksisa
Halkan gaafan ciise
     
Maal jetta Warqittii
Anoo siif gaggabee
Ammayyuu nan ciisa
Adeemuu dadhabee

Utuu si arguu qabuu
Si arguus dadhabee
Si barbaachan joora
Erga sirraa na qabee
...

💎koo
╔════════════╗
#Qaroo_Waamaraa  💌
╚════════════╝
https://t.me/ForAllthingsEye
6🔥2🥰1🏆1
Qunceen wal gargaartee
Arba hiiti jechuun, hoolaan dhibbi Leenca hiiti jechuu miti. Yoo sitti toluu baates soba miti.
👏21🏆1
Waan hundumaa yoo dhabde illee, abdii yoo qabatte, ammallee waan guddaa qabda.
🥰21
Yeroo gammaddu nama jaallattu bira deemta, yeroo gadditu garuu nama si jaallatu bira deemta.
1
Warri Hawaasaa Yuunibarsiitii tti barachaa jirtanii fi barachaa turtan Jirra jedhaamee
👍1🥰1