Qaroo Waamaraa
19.2K subscribers
2.8K photos
47 videos
73 files
1.54K links
Yoom AGS. Akkan taanes; akka taanus taaneerra! akki ta'uu qabnu si'achi. Akka ta'uu qabdu ta'uuf akka taatu ta'i. Kana ta'uufis Qaroo Waamaraa qabaadhu. Galmi keenya boruu guddaa-dha. Masaraa jabaas ijaaraa jirra. As-goraa!
Download Telegram
Ati nama jaaladhu
Nama jechuun sidha
Yoo nama jaalatte
Mee maal si miidha
Hamaa ta'us gaarii
Nama ta'uun gaariidha

Inni nama ajjeesus
Inni nama madeessus
Inni nama balleessus
Inni nama hadheessus
Inni nama cabsus
Inni nama xinneessus
Inni nama jaalatus
Inni nama hamatus

Inni nama barsiisus
Inni nama aangessus
Inni nama muudus
Inni nama yaalus
Inni nama gargaarus
Inni nama jibbus
Inni namaa obsus
Inni nama gorsus
Inni nama dhoksus
Maqaansaa tokkuma
Hundinuus namuma!
πŸ‘10❀1πŸ₯°1
Yaa tiruu, yaa tiruu
Maaf wal hadarraa
Bullu walis agarra
Turru wal mararra

Tiruun bulte bultee
Akka lafee taatu
Jiruun hafte haftee
Akka danqaa taatu

Koottu wal agarra
Yoo qoraan cabsitu
Yoo suuqii deemtu
Yoo malkaa buutu

Koottu wal gorsina
Gaaddisa Odaa jalatti
Akkamiin wal obsina
Jaalalli qooda namaati

Isa qabdoo teessuu
Jiraa wal ajjeesaa
Silaas atin dandeessu
Jira Faachi ajjeesaa

Kunoo goraa gaaraa
Yaa lootii gurraattii
Ishee simboo kumaa
Yaa mootii dubartii

Maaf malkaan gu'aree
Utuu burqaan jiraatee
Maafan siifis du'aree
Utuu kan kiyya taatee


Waan + arge =. Warqee
❀6πŸ‘3πŸ”₯1
Kaleessa Qadaameen
Biyyaa fi gabaan biyyaa
Anis qofaa jeeqameen
Eessan oola qofaa kiyyaa
❀10πŸ”₯1πŸ₯°1
Eebbisaa Addunyaa

"Aayyookoo boontuukoo
Naa daakii galaakoo"

"Magaalleeko eenyuu maqaan kee"

"Dhiiga koo ishee ijoollummaa bosonatti obbaafadhee"

"Namni seenaa isaa hin beekne, bishaan gabatee irraati, Gara argetti jallata"


Yoomiyyuu sabni kee si yaadata.
❀6πŸ”₯6πŸ‘3
"Haati dhiiraan boossii
Lafa gangalattee
Mucaan koo du'amoo
Galaa laata jettee?

Hin boo'iin aayyookoo
An diinan waraanaa....
Dudduubatti hin hafnuu
Walii wajjin kaanaa.... "

Jedhee ture Goonni
πŸ‘12❀5πŸ”₯2πŸ‘1
Mil'uu onnee kootii
Fedhii laphee jalaa
Warqee durba lootii
Mootittii Jaalalaa...
Koottu gara Ambootti
Maal fuuta halaalaa?

Gurriittiif
❀7πŸ”₯2
Madaan qubaa abbaa guba
Rakkoon keessaa abbaa huba
πŸ‘4πŸ‘1
Amboo Lafa seenaa
Karaa Waddeessaafi
Tulluu Dandiifi Wancii
❀9πŸ₯°1πŸ‘1
Sidha!

Dhamdhama jireenyaa
sidha kan mi'eessuu
Bu'aa ba'ii il-qalbiikoo
sidha kan mijeessuu
Cinqiii dhiphuu karaa
sidha kan xiqqeessuu
Dheedhina yaadakoo
sidha kan bilcheessuu
Mootii onnee kiyyaa
Homaan sin qixxeessu
Natti taate Suusii koo
Suusii buna mi'eessu



Warqeeko Si fakkaata
❀13πŸ‘2πŸ₯°1
Anis jirakaa jooraan kee
Joooraan laga qarqaraa
Mee akkami oolmaankee
Akkam jirtaa hadaraa...?
πŸ‘11πŸ‘2πŸ†1
Jaalalli dhugaan
Yeroo aartullee
Yeroo dhukkubsattullee
Wal yaaduudha
Waliif yaaduudha
Waliin aaduudha
❀12πŸ‘2
Misooma baadiyaa
Qamadii Biyya keenyaa
❀5πŸ‘2πŸ₯°1
Harki Waaqayyoo duubaa fuudhee dura si kaa'a.
πŸ₯°11❀7πŸ‘3
Inni Lubbuu dhaloota baay'ee nyaate si bira ga'ee haa dadhabu.
❀14πŸ‘4
Yeroo tokko tokko, yaadni keenya mataan keenya, jireenya keenya nu dhabsiisuu danda’a.

Namni si beeku, Sii beeka.
πŸ‘9❀2πŸ‘1
Jireenyi waan biraa miti; yeroo hunda of haaromsaa fi of jijjiiraa deemuudha Warqeeko. Kana keessatti ammoo jaalaalli Furtuudha.
❀16πŸ‘5πŸ†1
Kutaa jireenya kee isa dhuunfaa keessatti eenyu iyyuu hin keessummeessiin. Abbaa Sitti Ta'a.
πŸ‘6πŸ‘1
Dhufee siin arguuf
Guyyaa aduu taati
Kennaa kee ilaaluuf
Halkan dukkana taati

Kuusaa jechoota kee
DILBII qalbii jaalalaa
Sababa jiraachuu kee
Naaf koottu halaalaa

Galmee koo dubbifta
Barreeffama keessaa
Ergaako naa deebifta
Gaaffii onnee keessaa


WarqittiifπŸ’”πŸ’―πŸ–€πŸ’Ž
╔════════════╗
#Qaroo_Waamaraa  πŸ’Œ
β•šβ•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•
https://t.me/ForAllthingsEye
❀5πŸ‘1
Nama iddoo guddaa
Qarshiif galii guddaa
Fira iddoo Guddaa
Hin Qabdu garuu
Waan Guddaatti
Milkoofta!
❀12πŸ‘3πŸ”₯1