Qaroo Waamaraa
19.2K subscribers
2.8K photos
47 videos
73 files
1.54K links
Yoom AGS. Akkan taanes; akka taanus taaneerra! akki ta'uu qabnu si'achi. Akka ta'uu qabdu ta'uuf akka taatu ta'i. Kana ta'uufis Qaroo Waamaraa qabaadhu. Galmi keenya boruu guddaa-dha. Masaraa jabaas ijaaraa jirra. As-goraa!
Download Telegram
Fuullee mana keenyaa
Kuunnoo xaafii afarsu
Sin arga moo sin dhaba
Kan akkasitti na xaarsu


Warqeekoof💎👉🖤👈
👍74😁1🏆1
Yeroo tokko tokko qormaanni ati darbuus kufuus hin dandeenye si mudata.
👍96👏1
Karaa Kam?

Jaallachuun dhukkuba qalbiiti
Jaallatamuun garuu badaadhaasa rabbiiti
10🔥2
Warqeeko! Yeroo ati na bira jirtu wanti ani dhabee ture hunduu akka naaf deebi'e natti dhaga'ama. Garuu maal godhu akkuma ati na biraa deemteen deemu isaanis! Nagaankoo, Yaannikoo, Qalbiinkoo....nfaaa

Warqee/24K/💎*🖤Koo
5🏆1
Maqaafi simboo kee
Kumaaf kitala waamaa
Nagaafi hibboo keen
Halkan guutuu dhaamaa

Ajandaa laphee koorraa
Maquma kee waamuu
Yooman siin argadhaa
Waa laphee na saamuu

Warqeen maqaa jaalalaati
Onneetu maqaa si leellise
Wal-argeen isa halaalaati
Qalbiitu siin na waamsise

Bokkaan yaadakee yaa'ee
Galaana kee na nyaachise
Gootuun daakus daakee
Dhagaa"saa na baachise

Siifan dhiise karaasaa
Jaalala gumbii guutuu
Natti dhiistee deemte
Dubbii sammuu guutuu


Warqeekoo
14👏7🔥4🏆1
Hireen jaalala dhugaa
Halkanii guyyaa jedhu
Yeroo hunduma fedha
Jaalalaaf jibban fedhu

Naaf birmachuunkee
Anaafuu deebii kooti
Daftee hubachuunkee
Anaafillee ga'aa kooti
👍62🥰1🏆1
Araarsituu miira dinqii
Aara galfii qalbii cinqii

Yeroo ati kolfitu
Ilkaan kee biq gootee
Utuun hin beekiin
Jireenya koo mootee

Warqeekoof💎
19👏2😁2🥰1
Cilee ta'uuf gubannee
Cilee taanees gubanne
Haqa fedha dubbanne
Haqa dhabas gubanne

Loomiitu naaf asheete
Odaa guddaa jalatti
Maaliif na maraachee
Intala Warqee sanatti?

Kun na hubuuf moo
Na gubuufiree laata?
Naa dhufuufi moo
Maaf qalbiin na bir'ata?


Warqittiif💔💯🖤💎
╔════════════╗
#Qaroo_Waamaraa  💌
╚════════════╝
https://t.me/ForAllthingsEye
10🔥3👏2👍1🥰1🕊1
Gammadi, bara 2019 dhufaa jirutti akka durii hin ta'u, hojjettee milkoofta. Iddoo kabajaatti Waamamta.
27🥰3
Gantuu mana biraa
Uffanni akka dhokse
Taliila malkaa birraa
Burqaa akka gogse

Waan garaa kootu
Kuma na dhamaasa
Waa maraa kootu...
Natti ta'eera maasaa

Haasaa gara waarii
Qiinqanii qalbii koo
Natti hin fidiin aarii
Si naa ta'e wabii koo

Koottuu ilaalladhu
Hudhaa yaada keeti
Isan cabee kulkulu
Hadhaa madaa keeti


Warqee koof💯💎🖤
👍52🥰1👏1
"Guddadhuu waaqa ga'i
Jiraadhuu waa dhaga'i
Adda Baabboo argadhu
Hojjedhuu Gudunfadhu
Horii, horiis horadhu..."
.....Naan jedhu.....

Eebba Dur Akkoon Kiyya Na eebbiftu.
13🥰4👏1
Imala haqan qabne
Isa joormaan guutuu
Nama dhugaa dhabne
Nama namaa duutu
Adeemsi karaa malee
Joormaa duwwaadha
Jaalalli akka malees
Gaabbii duwwaadha
Takkaa abdiin kutatu
Jaalataan gowwaadha
Namni jaalalan qabne
Garaansaa bowwaadha

👆 Warqee Hin ilaallatu
👍5🥰3🔥1
Warqee maqaa masoo
Maaltu dheede; marga
Har'a geenye har'asoo
Nutu eegee waluu arga
Utuun si yaaduu dhiitee
Utuun si yaaduu bariiti
Yaanni kees na miitee
Qor-qalbii koos na hiiti
6🥰5👍3🔥1
Akka baraas dhabnee
Akka namas dhabnee
Utuu nama barbaannuu
Gaaf ofii keenya dhabnu
Isa boruu utuu jennuus;
Isa har'aa yoo hanqannu
Akkuma baraa dhabne
Kanaaf waliif in yaannu
👍143👎1
Ati nama jaaladhu
Nama jechuun sidha
Yoo nama jaalatte
Mee maal si miidha
Hamaa ta'us gaarii
Nama ta'uun gaariidha

Inni nama ajjeesus
Inni nama madeessus
Inni nama balleessus
Inni nama hadheessus
Inni nama cabsus
Inni nama xinneessus
Inni nama jaalatus
Inni nama hamatus

Inni nama barsiisus
Inni nama aangessus
Inni nama muudus
Inni nama yaalus
Inni nama gargaarus
Inni nama jibbus
Inni namaa obsus
Inni nama gorsus
Inni nama dhoksus
Maqaansaa tokkuma
Hundinuus namuma!
👍101🥰1
Yaa tiruu, yaa tiruu
Maaf wal hadarraa
Bullu walis agarra
Turru wal mararra

Tiruun bulte bultee
Akka lafee taatu
Jiruun hafte haftee
Akka danqaa taatu

Koottu wal agarra
Yoo qoraan cabsitu
Yoo suuqii deemtu
Yoo malkaa buutu

Koottu wal gorsina
Gaaddisa Odaa jalatti
Akkamiin wal obsina
Jaalalli qooda namaati

Isa qabdoo teessuu
Jiraa wal ajjeesaa
Silaas atin dandeessu
Jira Faachi ajjeesaa

Kunoo goraa gaaraa
Yaa lootii gurraattii
Ishee simboo kumaa
Yaa mootii dubartii

Maaf malkaan gu'aree
Utuu burqaan jiraatee
Maafan siifis du'aree
Utuu kan kiyya taatee


Waan + arge =. Warqee
5👍3🔥1
Kaleessa Qadaameen
Biyyaa fi gabaan biyyaa
Anis qofaa jeeqameen
Eessan oola qofaa kiyyaa
10🔥1🥰1
Eebbisaa Addunyaa

"Aayyookoo boontuukoo
Naa daakii galaakoo"

"Magaalleeko eenyuu maqaan kee"

"Dhiiga koo ishee ijoollummaa bosonatti obbaafadhee"

"Namni seenaa isaa hin beekne, bishaan gabatee irraati, Gara argetti jallata"


Yoomiyyuu sabni kee si yaadata.
6🔥6👍3
"Haati dhiiraan boossii
Lafa gangalattee
Mucaan koo du'amoo
Galaa laata jettee?

Hin boo'iin aayyookoo
An diinan waraanaa....
Dudduubatti hin hafnuu
Walii wajjin kaanaa.... "

Jedhee ture Goonni
👍115🔥2👏1
Mil'uu onnee kootii
Fedhii laphee jalaa
Warqee durba lootii
Mootittii Jaalalaa...
Koottu gara Ambootti
Maal fuuta halaalaa?

Gurriittiif
7🔥2