Qaroo Waamaraa
19.2K subscribers
2.8K photos
47 videos
73 files
1.54K links
Yoom AGS. Akkan taanes; akka taanus taaneerra! akki ta'uu qabnu si'achi. Akka ta'uu qabdu ta'uuf akka taatu ta'i. Kana ta'uufis Qaroo Waamaraa qabaadhu. Galmi keenya boruu guddaa-dha. Masaraa jabaas ijaaraa jirra. As-goraa!
Download Telegram
Kuula kooti qal'oo
Gurree gurra lootii
Akka suusii bunaa
Natti taate mootii
❀7πŸ‘1
Karaalee bu’aa qormaataa ittiin ilaallatan ifoome

Finfinnee, Hagayya 19, 2018 (FMC)- Karaalee barattoonni bu’aa Qormaataa Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa bara 2018 ittiin ilaallataan ifooman.

Bara barnootaa 2018 barattoonni qormaataa biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatan har’a Hagayya 19, 2018 galgala keessaa sa’aatii 1:00 irraa eegalee liinkiiwwan eeramaniin qabxii isaanii ilaallachuu akka danda’an Tajaajilli Qormaataa fi Madaallii Barnootaa beeksiseera.

Gama Biraatiin liinkii https://result.eaes.et/complaint fayyadamuun Hagayya 19-26, 2018 hanga sa’aatii 10:00’tti komii isaanii dhiyeeffachuun karuma liinkichaa hordofuu akka danda’an tajaajilichi ibseera.
https://t.me/ForAllthingsEye
Liinkiiwwan Ifoomanis
Marsariitiin https://result.eaes.et
Teelegiraama https://result.eaes.et/telegram
https://t.me/ForAllthingsEye
Ergaa gabaabaa https://result.eaes.et/sms
πŸ‘6❀4
Yeroo kee yoo gatte,
Gatii ofiif si baasisa;
Ofii kee yoo tuffatte,
Yeroo si tuffachiisa

Kanaaf har'a ka'i,
Yeroo kee eegi
Ofii kee jaalladhu,
Gatii kee beeki

Yeroon kee jireenya kee
Jireenyi kees Yeroo kee
Isaantu siif Gatii keeti
Ijaarradhu Kabaja kee



Iddoo guddaatu si eegaa jira, Abdii hin kutiin mul'ata keessa keef haala mijeessi. Namni haala siif mijeessuu hin danda'u.
❀22πŸ‘2πŸ₯°1
"Namni bulee namatti jijjiiramaa waaqayyoo garuu, bulee si jijjiira".

Ganama GANAMA haaraadha.
❀21πŸ₯°4πŸ’”2
GAAFA ATI RAKKOO KESSA JIRTU
******
Jireenya keessatti hiriyaa fi fira dhugaa Gaafa rakkattu Maal akka ta'an hubatta , eenyu hiriyaa dhugaatii fi , eenyutu fakkeesse na faana jiraacha ture Kan jadhu hubachuu Gaafa eegaltu Gaafa rakkoon si qabdeedha , yeroo san kessaatti ilmni nama warroottan dantaa isaanii qofaaf sitti dhiyaatan baqachuuu eegalan,

Rakkoon eenyutu firaa fi diinaa keeti addaan siif baasti ,rakkachuun yeroo tokko tokko eenyu akka taane nu boceeti darba malee bilaashii miti,
Hiriyaan dhugaa isa Gaafa Rakkooti malee ,isa Gaafa milkaa'ina keetii baga gammadde jadhee nama hunda duursee sitti dhufuu miti.

Nu wajjin jiraatanii kolfa keenya nu Waliin qooddataniif hiriyaa dhugaa jadhamanuun sirrii miti , hiriyyoonni dhugaa Gaafa manni kee gubachuu jalqabu ,eenyu akkaa gaazii ( banziila) Qabatee sitti dirmatuu fi eenyu akka  bishaan qabate sitti dirmatu Gaafa san hubatta.

Gaaffiin Qaba.
Hiriyaa dhugaa yoo Qabattee, mee jacha tokkoon ibsi yoon siin jadhe maal jattaan?
πŸ‘13❀8πŸ‘5
When?
❀4🐳1
Jimmaafoo jimma jimma
Walakkaa gibeef malee
Jirraafoo jirra jirra
Wal-argaa dhibeef malee!
πŸ‘8❀1πŸ†1
Jaalalli dhugaa naman gaabbisiisu.
❀3πŸ†1
Amalan durin beekne
Gaafan siin shaakalu
Waanan sirraan eegneen
Gaafan qalbiikoo takaalu
Taphaafoo taphas miti
Nagaa-foo nagaas miti
Jaalalli qofaa nama miiti
Hidda malees nama hiiti
πŸ‘5❀2πŸ†1
πŸ’Ž
❀3
Lubbuun kamiyyuu du'aaf qoramti.
❀6πŸ†1
Yeroo barbaaddetti;
Waan barbaaddeef
Akka barbaaddettis
Akka garaa keettuu;
Hin argattu isa feetu
Wal bira daddabarsa
Gar-galchee hireetu
Naan jette Gurreetu
Ishee qalbiin na feetu


WarqeekooπŸ’Ž
❀11πŸ‘4πŸ†1
Namni dhugaa tokko si Ga'a.
❀6πŸ†1
Fuullee mana keenyaa
Kuunnoo xaafii afarsu
Sin arga moo sin dhaba
Kan akkasitti na xaarsu


WarqeekoofπŸ’ŽπŸ‘‰πŸ–€πŸ‘ˆ
πŸ‘7❀4😁1πŸ†1
Yeroo tokko tokko qormaanni ati darbuus kufuus hin dandeenye si mudata.
πŸ‘9❀6πŸ‘1
Karaa Kam?

Jaallachuun dhukkuba qalbiiti
Jaallatamuun garuu badaadhaasa rabbiiti
❀10πŸ”₯2
Warqeeko! Yeroo ati na bira jirtu wanti ani dhabee ture hunduu akka naaf deebi'e natti dhaga'ama. Garuu maal godhu akkuma ati na biraa deemteen deemu isaanis! Nagaankoo, Yaannikoo, Qalbiinkoo....nfaaa

Warqee/24K/πŸ’Ž*πŸ–€Koo
❀5πŸ†1
Maqaafi simboo kee
Kumaaf kitala waamaa
Nagaafi hibboo keen
Halkan guutuu dhaamaa

Ajandaa laphee koorraa
Maquma kee waamuu
Yooman siin argadhaa
Waa laphee na saamuu

Warqeen maqaa jaalalaati
Onneetu maqaa si leellise
Wal-argeen isa halaalaati
Qalbiitu siin na waamsise

Bokkaan yaadakee yaa'ee
Galaana kee na nyaachise
Gootuun daakus daakee
Dhagaa"saa na baachise

Siifan dhiise karaasaa
Jaalala gumbii guutuu
Natti dhiistee deemte
Dubbii sammuu guutuu


Warqeekoo
❀14πŸ‘7πŸ”₯4πŸ†1
Hireen jaalala dhugaa
Halkanii guyyaa jedhu
Yeroo hunduma fedha
Jaalalaaf jibban fedhu

Naaf birmachuunkee
Anaafuu deebii kooti
Daftee hubachuunkee
Anaafillee ga'aa kooti
πŸ‘6❀2πŸ₯°1πŸ†1
Araarsituu miira dinqii
Aara galfii qalbii cinqii

Yeroo ati kolfitu
Ilkaan kee biq gootee
Utuun hin beekiin
Jireenya koo mootee

WarqeekoofπŸ’Ž
❀19πŸ‘2😁2πŸ₯°1
Cilee ta'uuf gubannee
Cilee taanees gubanne
Haqa fedha dubbanne
Haqa dhabas gubanne

Loomiitu naaf asheete
Odaa guddaa jalatti
Maaliif na maraachee
Intala Warqee sanatti?

Kun na hubuuf moo
Na gubuufiree laata?
Naa dhufuufi moo
Maaf qalbiin na bir'ata?


WarqittiifπŸ’”πŸ’―πŸ–€πŸ’Ž
╔════════════╗
#Qaroo_Waamaraa  πŸ’Œ
β•šβ•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•
https://t.me/ForAllthingsEye
❀10πŸ”₯3πŸ‘2πŸ‘1πŸ₯°1πŸ•Š1