Qaroo Waamaraa
19.2K subscribers
2.77K photos
47 videos
73 files
1.54K links
Yoom AGS. Akkan taanes; akka taanus taaneerra! akki ta'uu qabnu si'achi. Akka ta'uu qabdu ta'uuf akka taatu ta'i. Kana ta'uufis Qaroo Waamaraa qabaadhu. Galmi keenya boruu guddaa-dha. Masaraa jabaas ijaaraa jirra. As-goraa!
Download Telegram
♻️Hamma yoomiitti akkas ta'aa? Eessa jiruu?,😭
😭105
Maal Jettee?
4
Nama hundatti of ibsuun dirqama miti
Namni siif uumame Jecha tokko malee si hubata.
14
Ibidda Halkanichaa
Isa harkikoo baatu
Maal taata nan jetta
Na dhibe akka isaatu
13👏6😭4🙉3
Gatii Waadaa galgala qofa barta.
1
Si biraa deemuuf faana koo si biraa sochooseen jira, GGaruu onnee koo, yaada koo si biraa sochoosuu hin dandeenye.
8
Ati achitti hafte
Kanan jiru Amboo
Warqee ko Sin Jaal'a
Urgooftuu muka somboo

Gurreeko
3
Sagaleekee yaadee
Suuraa Kee Yoon laalu
Mee maal fallikoo
Kan yaadni na dhaalu

Sirraa fagaachuufan
Sagaleekoo dhoksaa
Sin yaadu utuun jedhuu
Yaade maattan obsa?

Ati naaf ijibbaata
Utuun jedhee faarsuu
Maal ta'e Onneenkoo
Si Malee na aarsuu?

Warqittiif🖤
5👍2
Siifan qalbii dhaba
At na keessaa Jirta
Anarraa fagaattee
Maaf yaadan na hirta?

Seeqa kootu sidha
SI dhabuun naaf eela
Sagaleekee dhabnaan
Utuun nyaadhuu beela

Argaaf hawween dhabe
Allaattiif simbira
Dhaamsakoo itti himuuf
Koo yaadat si bira

Iddoon teessuma keeti
Bursayyuu Walakkaa
Warqeen koo bu'aa keeti
Sin haammadha takkaa

Maqaa kuma qabda
Galmee onnee koorraa
An biyya koo ga'eera
Yoom deebinee Wal-Agarraa

Warqee koo
Urgooftuu
Gurrittii
Durbittii
Mucittii
Warqittii
👍105
Allaattii gaaraa ta'ee,
Bararee dhufuu laata?
Onneekoo keessatti situ
Biqiltuu ta'ee naa lata.

Yoo ati allaattii taate
Kun mukakee siif taati
Yoo ati barartee dhufte
Onneen koo si simatti

Fageenyi nu gidduu jirus
Yaadni koo si bira
Halkan ciisu maqaan kee
Abjuun nagaa naaf hira

Si arguuf hawwiin koo
Akka rooba bonaa eeggata
Si dhaga'uuf gurri koo
Sagalee keef hooqqata

Allaattii gaaraa ta'iu
Bararii gara koo koottu
Onneekoo siif banamte
Isheen si dhabdee joortu

Kun hunduu kankeeti
Warqeekoo
11🥰2
Silga raadaa hoote
Jabbiin qurfa quufte
Mirga koo na moote
Maaliree yoo dhufte

Cariin booressiin taliila
Warqee maqaa caaltu
Siifillee hin qabu haliila
Gurree onnee na dhaaltu


Warqeekoo=24K
👍4😁42🔥1
Gaafan deemu sirraa
Faana koo fudhadhee
Lapheen koo si biraa
Waa akka qabdun hubadhee
1👍1
Michuu onnee kootii
Kichuu warra Gimbii
Sichuu taata mootii
Situ naa kuuse dilbii


Warkeekoof 🖤24K.
3👍1