Qaroo Waamaraa
19.2K subscribers
2.77K photos
47 videos
73 files
1.54K links
Yoom AGS. Akkan taanes; akka taanus taaneerra! akki ta'uu qabnu si'achi. Akka ta'uu qabdu ta'uuf akka taatu ta'i. Kana ta'uufis Qaroo Waamaraa qabaadhu. Galmi keenya boruu guddaa-dha. Masaraa jabaas ijaaraa jirra. As-goraa!
Download Telegram
Maaf Hin Bari'uu?
Silaa Hin Maraanne

Maaf hin bari'uu?
Silaa hin maraanne,
halkan guutuu si yaade
ija koo hin cufanne.

Maaf hin bari'uu?
Silaa yeroon darbe,
Gaddasaa fudhatee
mirga koo sarbe;
Maaaf hin bari'uu?

Halkanichi dheeraa,
yaadni kee immoo caala,
ija koo keessaa imimmaan,
qalbii koo keessaa jaalala.

Silaa hin maraanne,
maqaa kee hin waamne,
suuraa kee ilaalaa
halkan guutuu hin rafne.
Maaf hin bari'uu?

Yoo ati naaf jirtu,
Qalbii kootu gammada
Yoo ati naaf kolfitu,
gaddis na biraa bada.

Jaalalli kee na qabee,
boqonnaa na dhowwate,
“sin yaade” jechuun koo
halkan koo ifa godhate.

Maaf hin bari'uu?
Silaa hin maraanne,
Si jaallachuun koo malee
An silaa hin maraanne.

Ati naaf urjii,
ati naaf ji'aaf bifa
yeroo ati na bira jirtu,
jireenyi koo guutuu ifa.

Halkan kun yoo dheeraa ta'e,
ani si eeggachuu hin dhiisu;
Ganama in bari'a jedhee
Ammas gadi hin ciisu

Dubbifadhu yoo argiteef
Warqittiif🖤 Saatii 7:41tti
🍓2🙊211🥰1
Dhugaan ati shakkite
Burqaa carii hooddee
Gaafa siif galu turee
Hin gaabbita booddee
Silaa barri dabareedha
Maaf namaan bitama
Lafee caben hidhadha
Dhidhiibduus Yetama
Carraattan michooma
Bara Waaqaan beekani
Qalbiitu walii firooma
Utuu gaddaa seeqanii

Halkanicha bar'uu dide
Warqeeko🖤
4👏1
Gatiikee hin hir'isu
Kumaa kitilan obsa
Naaf gamteetti nabsu
Lubbuukoo eessa dhoksa

Halkanoo lama ta'e
Maali maaf hin bari'u
Maaf dafeen bari'uu
Akkuma dafee dhi'uu

Barruu dhufee darba
Maaf guyyaan kun hin darbu
Namnuu du'ee darba
Maaf jiraatti na sarbu

Utuu karaa beektuu
Karaa kee jallifatte
Utuu kolfaa seeqxuu
Garaa kee na dhokfatte

Boruhoo as hin jirru
Maaf hammeenya fuuta
Homaa hoon dubbanne
Kamtuu aarii guuta?

Jaalalaan qabameen
Hidhaa keessan jiraa
Koottuutii na hiikkadhu
Hiyyaafadhuhaadha firaa

Warqeeko
8🔥1🌭1
Balbala siif baname
Banaatti dhiiftee deemuun
Qalbii ofiin si jaalatte
Callisa keen jeequun
Hin Ulfaatuu........?
Anatti hin Ultaata
Dhagaarra jabaata
Karaarras fagaata
Garaa nama nyaata


Warqeef
4🔥1🥰1
“Dhiisuu wayya,
sin amanu,” jetteeree?
Murtii karaa malee
Maricha gatteeree?

Ani siif dhugaa ture,
ati garuu shakkite;
onnee koo siif kenne,
ati immoo cabsitte.

Dhiisuu wayya jettee,
maaloo mee naaf himi
yoo jaalalli dhugaa ta'e
Jecha tokkoon Simi

Ani dogoggoreera taanaan,
naaf himi, nan sirreessa;
yoo qalbiin kee naaf cabde,
suuta jedhi, na bulleessa

Garuu “sin amanu” jettee
dugda naaf garagalchuun,
halkan guutuu naaf ta'e
imimmaan qofa lakkaa'uun.

Ati garuu shakkii keessa,
jaalala keenya kaa'atte;
jechoota nama madeessan
laphee koo keessa facaaste.

Dhiisuu wayya jettee
yoo murteeffatte dhuguma,
ani si hin dirqisiisu,
nan siif dhiisa callisuma.

Ba'aakoo gaafa ilaaltu
Caba lafee fi qalbiin
Yeroo san hin boo'in,
yeroo san hin gaabbiin;

Jaalalli kufee cabuu danda'a,
garuu dhugaan hin gatatu
nama dhugaan jaallatte
yeroo hunda hin dagattu

“Dhiisuu wayya, sin amanu”
jettee yoo na dhiiste atuu
Na amanuuf dirqamaaree
Dhugaan latee haa latuu

Oolmaa gaarii.....
Warqittiif,♻️
12🥰1👏1🤩1
Akkamitti akkas ta'e
Yoo jette Seera isaati

Waan jaalattus qabda
Waan jibbitus qabda

Biyyan beekne yoo dhaqxe
Karaa gaafachuun dirqama

Dirqama Sitti Ta'a.
👍7👏1
Yerittii
5
♻️Hamma yoomiitti akkas ta'aa? Eessa jiruu?,😭
😭64
Maal Jettee?
1
Nama hundatti of ibsuun dirqama miti
Namni siif uumame Jecha tokko malee si hubata.
6
Ibidda Halkanichaa
Isa harkikoo baatu
Maal taata nan jetta
Na dhibe akka isaatu
👏53🙉2😭1