Qaroo Waamaraa
19.2K subscribers
2.76K photos
47 videos
73 files
1.54K links
Yoom AGS. Akkan taanes; akka taanus taaneerra! akki ta'uu qabnu si'achi. Akka ta'uu qabdu ta'uuf akka taatu ta'i. Kana ta'uufis Qaroo Waamaraa qabaadhu. Galmi keenya boruu guddaa-dha. Masaraa jabaas ijaaraa jirra. As-goraa!
Download Telegram
Walaloo Sirba Caalaa Bultume – MAASTAR PILAANII 🎶🎤

Walgahaa Oromootaa
Wirtuu Maccaaf Tuulamaa
Finfinnee biyya Tufaa
Akkamiin gurguramaa?

Didi maaliif godaantaa?
Godaanis yoo jedhanii
Ajjeesii irratti du'i
Lafa kee hin lakkisinii!

Finfinnee haadha seenaa
Ati nuuf qaroo teenyaa
Lafa aadaa fi seenaa
Galma keenya ganamaa

Gaaddisa tumaa seeraa
Heera Caffee Tuulamaa
Dhiigumaan si tiksina
Nutis kaane tokkummaan

Kan biyya saaf wareegamu
Booree baafata ilmii
Guddifachaan as galee
Maaf nutti ta'a silmii?

Gudeedaan hin dhalanne
Kanaaf saba ugguraa
Osoo Oromoo ta'ee
Maaliif biyya gurguraa?

🎸🎤🎬🥁🎹🎼
Dadammaqi lakkii Oromoo
Bahaaf dhihaan walitti dhaamii
Amantiif kutaan wal hin qoqqoodin
Biyya si dhuunfatte alagaanii (×2)

Oromiyaa biyya koo
Meeqatu siif kitimamee?
Dhiigaan si tiksuuf jecha
Meeqatu bahee dhabamee?

Seenaa guddaa hin daganne
Sirraa qabna Finfinnee
Kanaafi garaan keenya
Yoomuu kan si hin daganne

Dachee seena-qabeettii
Haadha gootota kumaa
Qe'een Tufaa Munaa (Habeebee)
Kan Guddataa Araddoo
Maaf diinaan dhuunfatamaa?

Qe'ee Guutoo Wasarbii
Qe'ee Qajeelaa Dooyyoo
Badhoo Dachaas fa'a ture
Kan gadi hin jenne roorroo

Finfinnee dubbadhu mee
Kan nyaatte Sooraa Loomee
Goonni Guraaraa Lataa
Sirratti fannifamee

Bara Waaree Gololee
Keenya turte Gullalleen
Bara Daalacha Waamii
Biyyi yoom gurguramee?

🎸🎤🎬🥁%;">🎼

"Maastar Pilaanii" jedhanii
Sanyii si duguuguuf malanii
Oromummaa keenya
Qofaan tokko taanee
Diinaan falmina ol kaanee! (×2)

Dhukaasaa boombii
Haleeli bergeedinini
Duubatti hin deebi'u
Yoomuu jajjabeenii

Karaa goonni baase
Gootummatu beekaa
Abdii sabaati
Hunduu suma eegaa

Maalitti beekti gadheen
Lafa dhiirri ooluu
Akka goonni ajjeesee
Foon allaattii sooruu... (×2)

Haalli ishiin daangessu
Dhiiraa dubartummaan
Eenyutu nu dhoowwa?
Beenu dhaqnee falminaan!

🎸🎤🎬🥁🎹🎼

#Ol_kaasi_malee
Seene ol darbe, diinni mana kee seene
Ajjeesii dibadhu, diina biyya kee seene!
Hin fudhannu, hin simannu Maastar Pilaanii
Biyya lama hin taatu Oromiyaani!
#Dhaaddadhu_malee
Seene unkuraa goonni, Oromoon teenyee
Ajjeesii dibadhu, diina biyya kee seene!

Injifannoo, injifannoo jedhe gaggarmaamee
Goonni Oromiyaarratti wal waamee

Laal akkatti bareeddu hidhannoon
Dhiira mudhii gootaa
Koottuu loli, manatti hin hafin
Maal manaa gootaa?

Jajjabduu akka sibiilaa
WBO yaa gooftaa diinaa
Hin rafin naa dhaqqabi jedhiinii
Sabni kee siif hiriiraa

Mamandiidee laftis bari'uu geecchee
Lammiin lammiif dhaamee
Gadaan bilisummaadhaa
WBO'n bosonaa galma

Hayyuuf beekaa qabna kan sabaaf yaadu
Doorsifni alagaan hin taatuu
Ajjees irra ejjedhu
Diina kees akka gumaan baatuu

Jaallan kufanis hin gannu gumaa isaanii
Hin lolla muraasani, kutaani, cibraadhani, sagliidhanii
Jabeeffadhu kilaashii kee, sitti bu'e bakkasaanii!

Sirbi Chala Bultume "Maastar Pilaanii" jedhu kun, qabsoo fi diina irratti lola akkaataa bifa faaruu gootummaatiin dhiyeessa. barichatti onnees nutti uumeera. jiraadhu gameessa gaafa roorroo!


╔════════════╗
#Qaroo_Waamaraa  💌
╚════════════╝
https://t.me/ForAllthingsEye
27👍13🔥5🤨2😈1
Abdii hin kutiin! OROMO
Lolli cimaan loltoota ciccimoo Ta'aniif kennama
🔥1815
#Amalootaa_mucoolii_kana_beektuu_laata?

1.jaalalaa dhugaa qabu
2.garaa dhiifama qabu
3.tokkummaa dhan waliin adeemuu
4.waan ati itti himtuu ni qabatuu
5.sammuu qulqulluu qabu
6.yoo ati reebdee haaloo sitti hin qabatan
7.waan ati olteef Olmaa kee nama hundumatti himaacha adeemu
8.yoo uffaata ykn kophee namni tokkoo isaan kessa bitaatee anaafis kana na biti jedhuu
9.yoo amma wal dhaban utuu daaqiqaa 2 hin turiin araaraamu
10.iddoo akkasi hin dhaqiin garii miti jettee yoo itti himtee gonkumaa hin
dhaqaan
11.kenni jennaan itti kennuu malee kessaa deebii hin qaban ..............kan hafee itti guutaamee.........

kanaaf Gooftaan Yesuus kristoos warraa Akka kana ilaalee akkas jedhee “Yesus garuu mucoolii sana ofitti waamee, "Lakkisaa, mucooliin gara koo haa dhufan, hin dhowwinaa, mootummaan Waaqayyoo warra akkasiitiif ta'awo.”
— Luq. 18:16
waan dubbistaniif galatooma.!
17
8
Diinni kee
dirree lolaa malee
dirree mo'ichaa
hin qabu.! Harka duwwaa galeera.!
45🔥51
"Bara Nama badhaasu;
Badaa naman dhamaasu"

Hireenkee Qaata Murtaa'e.
👍1710👏3🔥1😈1
Kuunnoon kunoo taatee
Yooman Suma argadhaa
Ergaan onneerraa fide
Yooman sitti dhaammadha
14🔥1👏1
Na dura; Ija koo dura deemti...
👍94🔥1
Guyyaa tokko tokko
Nama kaayyoof jiraatu
Waliin hojjechaa oolta.

Guyyaa tokko tokko
Garu nama garaaf jiraatu
Waliin rakkacha oolta.
🔥8👏3🥰21😱1
Qalbiinkoo si dhabdee
Na harkatti maraatte
Yoo dhufteef si eegdi
Balbala ishee banattee

Takka fiigaa oliif gadi
Isa yaalles yaalleerra
Takka dhiigaa akka badii
Isa yaannes yaanneerra

Amma garuu isa dhiisee
Si argachuun hawwaa
Siree kootti ba'ee ciisee
Sin eeggadha daawwaa
6🎄1
Mammaaksa!

"Akkan ani jedhe fardatu dide akka fardi jedhe anatu dide kanatti karaa irraa maqne."

“Akkan ani jedhe fardatu dide; akka fardi jedhe anatu dide; kanatti karaa irraa maqne” jedhu, yeroo namni lama yaada tokko irratti walii galuu dadhabanii, tokko kan biraa didaa, inni kaanis deebisee isa didaa, dhuma irratti kaayyoo isaanii irraa maqanii hafan ibsa.

“Ani waan jedhe siif hin galle; ati waan jette anis hin fudhanne; wal diduun keenya dhuma irratti karaa sirrii irraa nu maqse Ykn Karaa irraa nu kaachise.”

“Wal diddaa fi walii galuu dhabuu irraa kan ka’e, wanta jalqabne irraa fagaanne."

Ergaan Mammaaksa kanaa Walii galteen bu’uura milkaa’inaa ta'uu akeeka.Namni tokko yaada isaa qofa irratti cichuun rakkoo guddaa fiduu akka danda'u lafa kaa'a.

Wal dhaggeeffachuu dhabuu irraa hojii gaarii illee fashalaa’uu danda’a.Yeroo namoonni lama wal didaa turan, dhuma irratti kaayyoo isaanii dagachuu danda’u. Murtii gaarii irra ga’uuf, yaada walii dhaggeeffachuu fi mari’achuu barbaachisaa akka ta'e kan akeekudha. “Ani qofa sirrii dha” jedhanii cichuun nama karaa irraa nama maqsa.

“Akkan ani jedhe fardatu dide, akka fardi jedhe anatu dide; kanatti karaa irraa maqne.”jedhu, wal diddaa, of-jajuufi walii galuu dhabuu irraa ka’anii kaayyoo irraa maquu agarsiisa.

“Wal diddaan karaa irraa nama maqsa; walii galteen immoo gara kaayyoo geessa.”

Wal dhaga'uu dadhabne
Kanaaf galma yaanne hanqanne

"Ani hin hambifanne
Ati hin qalbifanne" jedhe Jaarsi Durii amma jaarsa maaltu jira.
12👏3👍1🎄1
Safuu ya callisakee
Gubaa guungummii
Ya barrisa yaadakee
Suga horata gumbii
🔥11🥰2
GORSA JABAA QABADHU
==============
➦ “Namni obsaan eeggate, yeroo isaa keessatti milkaa’a.”
➦ “Waan har’a gootu, boru bu’aa isaa argatta.”
➦ “Beekkumsi qabeenya; hojii irra oolchuun immoo humna.”
➦ “Nama kabajju, kabaja argatta.”
➦ “Dogoggorri xumura miti; karaa barumsaati.”
➦ “Arrabni madaa hin mul’anne uuma; kanaaf dubbii kee eeggadhu.”
➦ “Yeroo hedduu dubbachuu caala; Yeroo tokko dhaggeeffachu caala.”
➦ “Namni of beeku, daangaa isaa beeka.”
➦ “Obsaan wanti ulfaataan salphata.”
➦ “Onneen qulqulluun jireenya bareechisa.”
➦ “Obsaan jiraadhu, qalbiin kee haa tasgabbaa’u; hojii kee amanamummaan hojjadhu, bu’aan isaa yeroo isaatti ni dhufa.”
➦ “Dubbii kee eegi, qalbii namaa hin madeessin; waan gaarii hojjadhu, galata namaa hin eegin.”
➦ “Yeroo kufte ka’i; yeroo dogoggorte baradhu;
yeroo milkoofte immoo nama biraa hin tuffatin.”
➦ “Jireenyi gabaabaadha; kanaaf yeroo kee waan gaarii irratti dabarsi, nama jaallattu kabaji, nama si barbaadu gargaaruuf hin turin."
14👏4👍3🥰2
Yeroo baay'ee namni maaliif nama baay'ee jaalatu harkatti miidhamaa?
14🔥4👏1🙉1
Muka dhaabuuf gadi jedhu Firii isaa kutachuuf ammoo Ol jedhu.

Utuu namaan galiin namaan galu. Filannoo 2ffaa namaaf taatee hin jiraatiin! Nama filannoo hin qabne ta'ii jiraadhu.
👍7💊3👏2🙏1💋1
Hin bari'a hin seene
Seera uumaati bari'e

Guula qalbii kichuu
Marartee qooda tiruu
Hulaa dilbii michuu
Qalbiikoof taate jiruu

Sirna raabsa dhiigaa
Marmaartuu lubbuuti
Qalbiin utuu si feetuu
Maali maaliif duuti...?
13👨‍💻2🤷‍♀1😡1
Warqeekoo🖤
1
Maaf Hin Bari'uu
Halkanichi Dheeraa

Maaf hin bari'uu,
halkanichi dheeraa,
ija koo cufadhullee
suuraa kee nan ilaalaa

Dukkana keessa taa'ee,
maqaa kee nan waamaa,
qalbiin koo si barbaaddee
Kee nagaa naa dhaamaa

Qilleensi yoo bubbisu,
urgaa kee nan yaadachiisa
urgaan barii yoo dhufu,
si arguu na hawwisiisa

Ati fagoo jirtus,
onnee koo keessa jirta,
ija koo duraa fagaattus
yaada koo keessaa jirta

Halkan dheeraa kana,
maqaa keetiin dabarsa,
abjuu koo keessatti illee
Onneenkoo suma faarsa

Halkanichi dheeraa,
jaalalli koo caalaa dheeraa;
yeroon nu addaan baase,
qalbiin koo sitti aareeraa

Kanaaf maaf hin bari'uu?
Maaloo bari'i, barii koo;
Ati yoo na bira hin jirre,
Ganamni illee daarii koo

Yoo Argiteef Dubbifadhu
Warqeekoof 6:30tti
11🥰1😁1👌1
Maaf Hin Bari'uu?
Silaa Hin Maraanne

Maaf hin bari'uu?
Silaa hin maraanne,
halkan guutuu si yaade
ija koo hin cufanne.

Maaf hin bari'uu?
Silaa yeroon darbe,
Gaddasaa fudhatee
mirga koo sarbe;
Maaaf hin bari'uu?

Halkanichi dheeraa,
yaadni kee immoo caala,
ija koo keessaa imimmaan,
qalbii koo keessaa jaalala.

Silaa hin maraanne,
maqaa kee hin waamne,
suuraa kee ilaalaa
halkan guutuu hin rafne.
Maaf hin bari'uu?

Yoo ati naaf jirtu,
Qalbii kootu gammada
Yoo ati naaf kolfitu,
gaddis na biraa bada.

Jaalalli kee na qabee,
boqonnaa na dhowwate,
“sin yaade” jechuun koo
halkan koo ifa godhate.

Maaf hin bari'uu?
Silaa hin maraanne,
Si jaallachuun koo malee
An silaa hin maraanne.

Ati naaf urjii,
ati naaf ji'aaf bifa
yeroo ati na bira jirtu,
jireenyi koo guutuu ifa.

Halkan kun yoo dheeraa ta'e,
ani si eeggachuu hin dhiisu;
Ganama in bari'a jedhee
Ammas gadi hin ciisu

Dubbifadhu yoo argiteef
Warqittiif🖤 Saatii 7:41tti
🍓2🙊211🥰1
Dhugaan ati shakkite
Burqaa carii hooddee
Gaafa siif galu turee
Hin gaabbita booddee
Silaa barri dabareedha
Maaf namaan bitama
Lafee caben hidhadha
Dhidhiibduus Yetama
Carraattan michooma
Bara Waaqaan beekani
Qalbiitu walii firooma
Utuu gaddaa seeqanii

Halkanicha bar'uu dide
Warqeeko🖤
2👏1