Qaroo Waamaraa
19.2K subscribers
2.77K photos
47 videos
73 files
1.54K links
Yoom AGS. Akkan taanes; akka taanus taaneerra! akki ta'uu qabnu si'achi. Akka ta'uu qabdu ta'uuf akka taatu ta'i. Kana ta'uufis Qaroo Waamaraa qabaadhu. Galmi keenya boruu guddaa-dha. Masaraa jabaas ijaaraa jirra. As-goraa!
Download Telegram
Lubbuun namaa naaf ba'aa?

Utuu inni uummataaf Qabsaa'u jiruu?

Utuu Mootummaan biyya bulchu jiruu?

Eessa Jiruu? Eessa jirtuu?😭
😭133
Dhukkuba yaada keef
Qorichi fayyisu suma
Hawwii si argachuuf
Qalbiin-koo wal tuma

Isa qalbiikoo qollofe
Eessa keesse furtuu
Si obsuu dandeenye
Maaf daftee dhuftuu

Warqittii
8👍3
Namni sirriin yeroo badaa keessatti si dhiisee hin deemu. Garuu

Namoonni miidhamaa jiraatan gosa afurtu jiru!

  ❶ Namoota namaaf yaadan

  ❷ Namoota garaa namaaf laafan

  ❸ Namoota nama Amanan

  ❹ Namoota nama jaallatan
26👍6
Utuun cabiin okkolaa
Na hiixadha si qabuuf
Utuun dukkubiin aadaa
Nan abdadha fayyuuf
Utuun beekiin fiigaa
Nan joora siin arguuf
Utuun citiin dhiigaa
Nan hawwa si baruuf
5👍4
Yoo dubbatan dubbii qaba
Yoo callisan murtii dhaba

Silaa.
Gaafa Ture gaafa bule
Akka baraa akka garaa
Keessa ofii Gola ofii
Maaltu namaa baraa?

Warqittiif
15👍3🙈1
Akka baraa hin bulani
An sagaleekee dhaga'e
Tasaa akkan sin dhabne
Garaa kootu anaan na'e

Gurree mannishee fullee
Garbuu balbala facaasu
Amma utuu ati dhuftee
An nan amanaa; naasu

Harka koof harka kee
Eenyu walitti hin qabne
Kan walitti qabetu ana
Akka qalbiinkoo cabne
13👍2
Walaloo Sirba Caalaa Bultume – MAASTAR PILAANII 🎶🎤

Walgahaa Oromootaa
Wirtuu Maccaaf Tuulamaa
Finfinnee biyya Tufaa
Akkamiin gurguramaa?

Didi maaliif godaantaa?
Godaanis yoo jedhanii
Ajjeesii irratti du'i
Lafa kee hin lakkisinii!

Finfinnee haadha seenaa
Ati nuuf qaroo teenyaa
Lafa aadaa fi seenaa
Galma keenya ganamaa

Gaaddisa tumaa seeraa
Heera Caffee Tuulamaa
Dhiigumaan si tiksina
Nutis kaane tokkummaan

Kan biyya saaf wareegamu
Booree baafata ilmii
Guddifachaan as galee
Maaf nutti ta'a silmii?

Gudeedaan hin dhalanne
Kanaaf saba ugguraa
Osoo Oromoo ta'ee
Maaliif biyya gurguraa?

🎸🎤🎬🥁🎹🎼
Dadammaqi lakkii Oromoo
Bahaaf dhihaan walitti dhaamii
Amantiif kutaan wal hin qoqqoodin
Biyya si dhuunfatte alagaanii (×2)

Oromiyaa biyya koo
Meeqatu siif kitimamee?
Dhiigaan si tiksuuf jecha
Meeqatu bahee dhabamee?

Seenaa guddaa hin daganne
Sirraa qabna Finfinnee
Kanaafi garaan keenya
Yoomuu kan si hin daganne

Dachee seena-qabeettii
Haadha gootota kumaa
Qe'een Tufaa Munaa (Habeebee)
Kan Guddataa Araddoo
Maaf diinaan dhuunfatamaa?

Qe'ee Guutoo Wasarbii
Qe'ee Qajeelaa Dooyyoo
Badhoo Dachaas fa'a ture
Kan gadi hin jenne roorroo

Finfinnee dubbadhu mee
Kan nyaatte Sooraa Loomee
Goonni Guraaraa Lataa
Sirratti fannifamee

Bara Waaree Gololee
Keenya turte Gullalleen
Bara Daalacha Waamii
Biyyi yoom gurguramee?

🎸🎤🎬🥁%;">🎼

"Maastar Pilaanii" jedhanii
Sanyii si duguuguuf malanii
Oromummaa keenya
Qofaan tokko taanee
Diinaan falmina ol kaanee! (×2)

Dhukaasaa boombii
Haleeli bergeedinini
Duubatti hin deebi'u
Yoomuu jajjabeenii

Karaa goonni baase
Gootummatu beekaa
Abdii sabaati
Hunduu suma eegaa

Maalitti beekti gadheen
Lafa dhiirri ooluu
Akka goonni ajjeesee
Foon allaattii sooruu... (×2)

Haalli ishiin daangessu
Dhiiraa dubartummaan
Eenyutu nu dhoowwa?
Beenu dhaqnee falminaan!

🎸🎤🎬🥁🎹🎼

#Ol_kaasi_malee
Seene ol darbe, diinni mana kee seene
Ajjeesii dibadhu, diina biyya kee seene!
Hin fudhannu, hin simannu Maastar Pilaanii
Biyya lama hin taatu Oromiyaani!
#Dhaaddadhu_malee
Seene unkuraa goonni, Oromoon teenyee
Ajjeesii dibadhu, diina biyya kee seene!

Injifannoo, injifannoo jedhe gaggarmaamee
Goonni Oromiyaarratti wal waamee

Laal akkatti bareeddu hidhannoon
Dhiira mudhii gootaa
Koottuu loli, manatti hin hafin
Maal manaa gootaa?

Jajjabduu akka sibiilaa
WBO yaa gooftaa diinaa
Hin rafin naa dhaqqabi jedhiinii
Sabni kee siif hiriiraa

Mamandiidee laftis bari'uu geecchee
Lammiin lammiif dhaamee
Gadaan bilisummaadhaa
WBO'n bosonaa galma

Hayyuuf beekaa qabna kan sabaaf yaadu
Doorsifni alagaan hin taatuu
Ajjees irra ejjedhu
Diina kees akka gumaan baatuu

Jaallan kufanis hin gannu gumaa isaanii
Hin lolla muraasani, kutaani, cibraadhani, sagliidhanii
Jabeeffadhu kilaashii kee, sitti bu'e bakkasaanii!

Sirbi Chala Bultume "Maastar Pilaanii" jedhu kun, qabsoo fi diina irratti lola akkaataa bifa faaruu gootummaatiin dhiyeessa. barichatti onnees nutti uumeera. jiraadhu gameessa gaafa roorroo!


╔════════════╗
#Qaroo_Waamaraa  💌
╚════════════╝
https://t.me/ForAllthingsEye
27👍13🔥5🤨2😈1
Abdii hin kutiin! OROMO
Lolli cimaan loltoota ciccimoo Ta'aniif kennama
🔥1815
#Amalootaa_mucoolii_kana_beektuu_laata?

1.jaalalaa dhugaa qabu
2.garaa dhiifama qabu
3.tokkummaa dhan waliin adeemuu
4.waan ati itti himtuu ni qabatuu
5.sammuu qulqulluu qabu
6.yoo ati reebdee haaloo sitti hin qabatan
7.waan ati olteef Olmaa kee nama hundumatti himaacha adeemu
8.yoo uffaata ykn kophee namni tokkoo isaan kessa bitaatee anaafis kana na biti jedhuu
9.yoo amma wal dhaban utuu daaqiqaa 2 hin turiin araaraamu
10.iddoo akkasi hin dhaqiin garii miti jettee yoo itti himtee gonkumaa hin
dhaqaan
11.kenni jennaan itti kennuu malee kessaa deebii hin qaban ..............kan hafee itti guutaamee.........

kanaaf Gooftaan Yesuus kristoos warraa Akka kana ilaalee akkas jedhee “Yesus garuu mucoolii sana ofitti waamee, "Lakkisaa, mucooliin gara koo haa dhufan, hin dhowwinaa, mootummaan Waaqayyoo warra akkasiitiif ta'awo.”
— Luq. 18:16
waan dubbistaniif galatooma.!
19
8
Diinni kee
dirree lolaa malee
dirree mo'ichaa
hin qabu.! Harka duwwaa galeera.!
46🔥51
"Bara Nama badhaasu;
Badaa naman dhamaasu"

Hireenkee Qaata Murtaa'e.
👍1911👏4🔥1😈1
Kuunnoon kunoo taatee
Yooman Suma argadhaa
Ergaan onneerraa fide
Yooman sitti dhaammadha
15👏2🔥1
Na dura; Ija koo dura deemti...
👍94🔥1
Guyyaa tokko tokko
Nama kaayyoof jiraatu
Waliin hojjechaa oolta.

Guyyaa tokko tokko
Garu nama garaaf jiraatu
Waliin rakkacha oolta.
🔥8🥰3👏31😱1
Qalbiinkoo si dhabdee
Na harkatti maraatte
Yoo dhufteef si eegdi
Balbala ishee banattee

Takka fiigaa oliif gadi
Isa yaalles yaalleerra
Takka dhiigaa akka badii
Isa yaannes yaanneerra

Amma garuu isa dhiisee
Si argachuun hawwaa
Siree kootti ba'ee ciisee
Sin eeggadha daawwaa
6🎄1
Mammaaksa!

"Akkan ani jedhe fardatu dide akka fardi jedhe anatu dide kanatti karaa irraa maqne."

“Akkan ani jedhe fardatu dide; akka fardi jedhe anatu dide; kanatti karaa irraa maqne” jedhu, yeroo namni lama yaada tokko irratti walii galuu dadhabanii, tokko kan biraa didaa, inni kaanis deebisee isa didaa, dhuma irratti kaayyoo isaanii irraa maqanii hafan ibsa.

“Ani waan jedhe siif hin galle; ati waan jette anis hin fudhanne; wal diduun keenya dhuma irratti karaa sirrii irraa nu maqse Ykn Karaa irraa nu kaachise.”

“Wal diddaa fi walii galuu dhabuu irraa kan ka’e, wanta jalqabne irraa fagaanne."

Ergaan Mammaaksa kanaa Walii galteen bu’uura milkaa’inaa ta'uu akeeka.Namni tokko yaada isaa qofa irratti cichuun rakkoo guddaa fiduu akka danda'u lafa kaa'a.

Wal dhaggeeffachuu dhabuu irraa hojii gaarii illee fashalaa’uu danda’a.Yeroo namoonni lama wal didaa turan, dhuma irratti kaayyoo isaanii dagachuu danda’u. Murtii gaarii irra ga’uuf, yaada walii dhaggeeffachuu fi mari’achuu barbaachisaa akka ta'e kan akeekudha. “Ani qofa sirrii dha” jedhanii cichuun nama karaa irraa nama maqsa.

“Akkan ani jedhe fardatu dide, akka fardi jedhe anatu dide; kanatti karaa irraa maqne.”jedhu, wal diddaa, of-jajuufi walii galuu dhabuu irraa ka’anii kaayyoo irraa maquu agarsiisa.

“Wal diddaan karaa irraa nama maqsa; walii galteen immoo gara kaayyoo geessa.”

Wal dhaga'uu dadhabne
Kanaaf galma yaanne hanqanne

"Ani hin hambifanne
Ati hin qalbifanne" jedhe Jaarsi Durii amma jaarsa maaltu jira.
13👏3👍1🎄1
Safuu ya callisakee
Gubaa guungummii
Ya barrisa yaadakee
Suga horata gumbii
🔥11🥰2
GORSA JABAA QABADHU
==============
➦ “Namni obsaan eeggate, yeroo isaa keessatti milkaa’a.”
➦ “Waan har’a gootu, boru bu’aa isaa argatta.”
➦ “Beekkumsi qabeenya; hojii irra oolchuun immoo humna.”
➦ “Nama kabajju, kabaja argatta.”
➦ “Dogoggorri xumura miti; karaa barumsaati.”
➦ “Arrabni madaa hin mul’anne uuma; kanaaf dubbii kee eeggadhu.”
➦ “Yeroo hedduu dubbachuu caala; Yeroo tokko dhaggeeffachu caala.”
➦ “Namni of beeku, daangaa isaa beeka.”
➦ “Obsaan wanti ulfaataan salphata.”
➦ “Onneen qulqulluun jireenya bareechisa.”
➦ “Obsaan jiraadhu, qalbiin kee haa tasgabbaa’u; hojii kee amanamummaan hojjadhu, bu’aan isaa yeroo isaatti ni dhufa.”
➦ “Dubbii kee eegi, qalbii namaa hin madeessin; waan gaarii hojjadhu, galata namaa hin eegin.”
➦ “Yeroo kufte ka’i; yeroo dogoggorte baradhu;
yeroo milkoofte immoo nama biraa hin tuffatin.”
➦ “Jireenyi gabaabaadha; kanaaf yeroo kee waan gaarii irratti dabarsi, nama jaallattu kabaji, nama si barbaadu gargaaruuf hin turin."
14👏4👍3🥰2
Yeroo baay'ee namni maaliif nama baay'ee jaalatu harkatti miidhamaa?
15🔥4👏1🙉1