Ferhan Abdulselam
38.8K subscribers
613 photos
72 videos
13 files
2.63K links
Download Telegram
WBO’n Naqamte irraa fageenya km 4 irratti lola geggeessaa jira. Hanga ammaatti Oromiyaa lixaa gandoota irra hedduun harka WBO jira. Akka aanaatti ammoo aanaaleen guutumaan guututti WBO jala jiran
1- Gujii - Gumii Eldalloo
2- Wallaga lixaa - Qondaala
3- W lixaa - Beegii
4- W Lixaa - Baabboo Gambel
5- Qeellam - Gidaamii
t.me/FerhanAbdulselam
Bu’aan Oromoo Nafxanyaa jala kaattuu dhumni isaa kana. Birhaanuu Juulaa jarri Amaaraa summii erga nyaachiftee bubbulee jira. Kanaaf miidiyaa irraa bade. Qarqara du’aatii deebi’e. Ammallee waan fayye hin fakkaatu. Akkuma pirezidaantii Oromiyaa duraanii Alamaayyoo Atomsaa summii kanumaan kutuu mala. t.me/FerhanAbdulselam
Osoo dhugaadha jennee fudhanneyyuu bakki Abiyyi lollee qabanne jedhu ‘Kaasaagittaa’n bakka amma lolli itti adeemsifamaa jiru irraa gara Kaabaatti km 315 fagaatti. OLA fi TDF garuu Finfinnee irraa km 135 irratti argamu. Baay’ee nama kofalchiisa dhugaa rabbii! Jarri maal godhuu achitti lola geggeessu? Humna isaanii gara Finfinneetti cimsachaa jiru malee. Kan Abiyyi jedhu dhugaa fi soba tahuu wanti beekamu hin jiru. Lafti inni irra dhaabbatee dubbatu garuu naannoo inni jedhu san hin fakkaatu jedhu warri keessa beeku. t.me/FerhanAbdulselam
Jaalala Abiyyi Kaameraaf qabu kunoo ilaalaa. Abiyyii fi Kaameraan adda bahanii hin beekan. Waa hunda caala kaameraa ofitti dhiheessee deema. Kaameraa leensii gurguddaa 2 mudhiitti hidhatee jala deemaa jira cameraman isaa. 😂 t.me/FerhanAbdulselam
Kaasaagittaa jedhan kana torbee duras qabanne jedhanii turan. Har’as Abiyyi kaleessa jara harka kan turte qabanne jedhe. Yoo kan torbee dura qabatan tahe kaleessa ammoo jara harka turte jechuun kan torbee dura qabanne jedhan soba jechuudha. Kanaafuu dubbiin PP akkamitti amanama? t.me/FerhanAbdulselam
Tabba isa duubatti argaa jirtuu?

“Akkuma agartan tabbi na duuba jiru kun hamma kaleessaatti diinaan qabamee ture. Waraana cimaa kaleessa gooneen qabannee jirra” jedhe Abiyyi. Garuu tabbi isa duuba jiru hin jiru. Bakka biraatii waraabanii itti hidhanii fakkeessuuf yaalanii jiru. Garuu dirreen kun dirree diriirtuu tabba qabduu miti. t.me/FerhanAbdulselam
OMN EthioSat irratti daaw’achuuf maqaa HCTV/Horn cable tv jedhuun 10985 H 45000 t.me/FerhanAbdulselam
Sabni Itoophiyaa jedhamu hin jiru. Garuu sabboonummaa Itoophiyaa jedhamuun warra maraataa jiru argaa jirra. Takka sabboonummaa Itoophiyummaatiin qabamnaan akka maraatuu nama godha. Waan qabataniif gadi dhiisan nama wallaalchisa. Yeroo takka nama boochisa. Yeroo biraa dhaadannoo namatti baay’isa. Itoophiyaan hin kuftu jechaa dhaadatu. Garuu Oromoo jibbu. Tigraay haa fottoqxu jedhu. Gaambellaan Itoophiyaa miti Suudaan deemaa jedhuun. Irra hedduu saboota biyya Itoophiyaa keessa jiran ni jibbu. Garuu Amaara onnee irraa jaalatu. Dubbii kana yoo gadi qabnee ilaalle Itoophiyaan maqaa masooti malee maqaan dhugaa Amaara jechuudha. Garii gogaa Oromoo uffateeti. Akka faranjiin jettu ‘wolf in sheep's clothing’ sani. Oromoon sabboonummaa Oromummaa qabu sabboonummaa Itoophiyummaaf maraatuun dhugaa natti hin fakkaatu.
Warri kanaan photoshop jedhu viidiyoo kanaan hoo maal jedhu?
Kaleessa qofa waraana PP konkolaataa 17 irraa booji’an. PP’n holola oofuu malee injifannoon isaan galmeessan tokko hin jiru. Kuni odeeffannoo qabatamaa dirree waraanaa irraa na gahe. t.me/FerhanAbdulselam
Har’i guyyaa ‘GivingTuesday’ dha. Guyyaa kana dhaabbatni facebook hamma isin OMN’f gumaachitan dachaa godhee OMN’f galcha. Yoo $100 OMN’f gumaachitan $200 OMN’f galcha jechuudha. Kanaaf guyyaa kana OMN maallaqaan deeggaruun bu’aa guddaa qaba. Itti hirmaadhaa. OMN bu’aa bahii hedduu keessa dabree sagalee ummata Oromoo tahee itti fufee jira. Yeroo irraa yerootti jijjiirama fidaa jirutti gammachuu qabdan jedheen abdadha. Miidiyaa keessan tumsaa! https://www.facebook.com/donate/449799483156175/?fundraiser_source=external_url
Jechootni Abiyyi haasaa tokko keessatti hunduu waldhawa. “Diinni moo’atame” jedhe. As deebi’ee “bittinneessuu fi barbadeessuu qofatu nu hafe” jedhe. Mee diinni hin bittinnaa’inii fi hin barbadaa’in akkamitti moo’ame? “Harka kennadhaa” jedhe. Magaalaa tokko osoo gadi hin dhiisisin harka kennadhaan maal jechuudha? Hubadhaa: kaasaagistaa inni guyyaa duraa qabanne jedhu TDF torbee dura ofumaaf gadi dhiisanii deeman. Jarri bakkoota tarsiimawaa tahe qofa irratti xiyyeeffatu. Waraanni PP lola moo’atamu malee hanga kaleessaatti lola moo’ate hin qabu. Kaabinee fi Kaadree abdii kutte sobaan abdii itti horuuf soba hafarsaa jira Abiyyi. t.me/FerhanAbdulselam
Tuqaan magariisni agartan kuni bakkoota TDF fi OLA’n too’atani. Bakki diimaan bakka waraanni PP jiru. Injifannoon isaan jedhan miidiyaalee irra malee lafarratti kana fakkaata. Kuni kaartaa odeeffannoo ammaati. t.me/FerhanAbdulselam
Odeeffannoo qabuun TDF qophii dhumaa xumuranii lola dhumaatiif qophaa’anii ajaja eeggataa jiru. Ammaaf lolli guddaan geggeeffamaa jiru hin jiru. Jarri tooftaan deemu. Bakkoota wareegama itti kaffaluun hin barbaachifne ofumaafuu dhiisanii kan keessaa deemanis jira. Amma karoorri guddaan jiru lola dhumaa gara Finfinneetiif qophii guddaa akka godhaa turan odeeffannoo qaba. Gama kaaniin WBO’n guyyaa guyyaan iddoo hedduu qabataa jira. Walii galatti yoo ilaalle injifannoon kan WBO fi TDF garuu PP’n miidiyaalee hedduu waan qabaniif mooraalii kaabinee fi kaadree isaanii caccabe deebisuuf dhugaa 1 irratti kijiba 99 dabalanii gabaasaa jiru. t.me/FerhanAbdulselam
Akka gaazexaan Evening Standard kaleessa gabaasa isaa keessatti tilmaametti namootni 100,000 lola Tigraay fi PP keessatti dhuman. Garuu odeeffannoo qabatamaa daataa PP keessaa argadheen namni hanga ammaatti dhume kan Evening Standard tilmaame dachaa hedduun caala. Fakkeenya nama Oromiyaa keessaa qofa gara RIB dabalamee erga lola seenee dhabame kan galmee PP keessaa dhabame (barbadaa’e/du’e/booji’ame) 105,000 tahuu odeeffannoo qabatamaan qaba. Oromiyaa keessaa kan lolatto oofame marsaa 1-4 dhumee amma marsaa 5ffaa keessa jiru. Marsaa 1-4 dhumee jira. 5ffaa keessaahis dhumaa jira. Marsaa 1ffaa meeqatu dhume? Marsaa 2ffaa, 3ffaa, 4ffaa yeroo biraa lakkoofsa isiniif qabadhee dhufa. t.me/FerhanAbdulselam
Har’a galgala sa’atii 3 irraa eegalee Twitter irratti duula #StopBombingOromia jedhu kana irratti hirmaachuun lammiilee nagayaa Oromiyaa fi guutuu biyyaa keessatti haleellaa xiyyaaraatiin ajjeefamaa jiran baraaruuf sagalee haa taanu.

Link ⬇️
As tuqaa