#Legio_Maria Ilkaan malee --Imala gara mootummaa waaqaatti(Jannataatti)
Hordoftoonni Amantaa Legio maria garee amantoota kiristaanaa bara 1961 hundeeffame yoo ta’u,hordoftoonni amantii kanaa ilkaan isaanii gara jalaa 6 of keessaa baasuun tikkeettii gara mootummaa waaqaa(jannata)ttii ittiin imalan argachuun ni danda’ama jedhanii amanu.
Amantiin Baha Afrikaa keessatti hordoftoota miliyoona 3.5 hanga 4 ni qaba jedhamee himamu kun,hordoftoonni amantaa kanaa kamiyyuu ilkaan isaanii kan jalaa 6 akka baasan dirqisiisa.
Hordoftoonni amantichaa akka jedhanitti "Yesuus Kiristoos yeroo du'aa ka'u,Melchio Simo'on (hundeessaa amantii Legio Maria) akka dibuu fi hordoftoonni legio maria guyyaa dhumaa salphatti akka adda baafamaniif ilkaan jalaa ja'a akka mallattootti akka buqqisan ajajamuu dubbatu.
Hordoftoonni Legio Maria;Melchio Simion akka raajii isaaniitti kan ilaalan yoo ta'u,Maariyaam (Haati Iyyasuus Kiristoos)hidda dhalootaan gurraacha Afrikaa akka taate amanu.
Ilkaan isaanii ja’a ja’a buqqisuun guyyaa dhumaa yeroo raajiin isaanii dhufu namoota biliyoonaan lakkaa’aman irraa adda baasuun akka salphatu ni amanu.Waa'ee ilkaan jahan jalaa baasuu irratti dubbiin (mariin) amantii hin ta'u jedhu. Odeessaalee waytaawaa birootiif
YouTube: https://bit.ly/2Yyvu8B
Telegram: https://t.me/FFF_Media
Twitter: https://bit.ly/2VfE36G
Instagram: https://bit.ly/3jN1C0o
Website:3fnews.com
Facebook:facebook.com/3fafaanoromo nu hordofaa!

Walitti bu'iinsa milishaa Oromiyaa fi jiraattota sumaalee jiddutti uumameen namni 3 ajjeefame - Miidiyaa 3F
https://3fnews.com/ao/oduu/walitti-buiinsa-milishaa-oromiyaa-fi-jiraattota-sumaalee-jiddutti-uumameen-namni-3-ajjeefame/

Ajajaa dhibbaa #Gamtaa Magarsaa miseensota waraanaa isa jala jiran waliin waraana bilisummaa oromootti makamuu ibse. https://3fnews.com/ao/oduu/ajajaa-dhibbaa-gamtaa-magarsaa-miseensota-waraanaa-isa-jala-jiran-waliin-wbo-tti-makamuu-ibse/
Godina Booranaatti hoongeen akka malee hammaachuun lubbuu namootaa dabarsaa jira jedhame. - Miidiyaa 3F
https://3fnews.com/ao/oduu/godina-booranaatti-hoongeen-akka-malee-hammaachuun-lubbuu-namootaa-dabarsaa-jira-jedhame/

Waldaan Haakiimota Oromiyaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti lammiilee rakkoo nageenyaan buqqa’aniif deeggarsa taasise. - Miidiyaa 3F
https://3fnews.com/ao/oduu/waldaan-haakiimota-oromiyaa-godina-horroo-guduruu-wallaggaatti-lammiilee-rakkoo-nageenyaan-buqqaaniif-deeggarsa-taasise/

Antoonii Bilinkan haala Tigraayifi rakkoo nageenyaa Oromiyaa furuu irratti MM Abiy waliin dubbatan - Miidiyaa 3F
https://3fnews.com/ao/waliigala/antoonii-bilinkan-haala-tigraayifi-rakkoo-nageenyaa-oromiyaa-furuu-irratti-mm-abiy-waliin-dubbatan/

Manni Amantaa Ortodoksii #Tawaahidoo #Oromiyaa sabaafi sablammoota of keessatti hammate hundeesse.
Manni Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Oromiyaa #phaaphasoota 26 sabaafi sablammoota biyyattiirraa filachuun hundeesse.
Manni Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Oromiyaa Phaaphasota 26 sabaafi Sablammoota biyyaarraa filachuu beeksisuu hordofee manni Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa mufachuu beeksise.
Phaaphaasonni Oromoo Sadii Wal ta'uun guyyaa har'aa Moloksoota 10 ol Oromoota amantii isaaniif of kennan Phaaphaasii gochuun muudaniiru.
Kana kan godhaniif immoo Sinoodosiin Waliigalaa waan Phaaphaasota Oromoo baayyinaan muuduu dideef ta'uun ibsameera.
Haaluma kanaan Bitsu Abuna #Saawuroos paatiriyaarkii ta'uun muudamaniiru.
Muudama kana ilaalchisee ibsa kan baase dureen Amantii Ortoodoksii Itoophiyaa bistu Abuna #Maatiyaas,muudamni har'a raawwatame seeraan ala jedheera.

Godina Addaa saba oromoo Wallootti haleellaa hidhattoonni Amaaraa raawwataniin lubbuun nama 8 darbuun dhagahame - Miidiyaa 3F
https://3fnews.com/ao/oduu/godina-addaa-saba-oromoo-wallootti-haleellaa-hidhattoonni-amaaraa-raawwataniin-lubbuun-nama-8-darbuun-dhagahame/

Murtee manni Amantaa #Ortodoksii Tawaahidoo #Oromiyaa har'a dabarse ilaalchise #mootummaan maal jedhe?
Manni Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Oromiyaa sabaafi sablammoota of keessatti hammachuun muudama gaggeesseera.
Manni Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Oromiyaa phaaphasoota 26 sabaafi sablammoota biyyattiirraa filachuun muudama gaggeessuu hordofee,paatiriyaarkiin mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Bitsu Abuna Maatiyoos beekkamtii malee kan raawwateedha jechuun "seeraan ala"jedhan.
Hammam seerri Itoophiyaan bultuun mootummaan dhimma Amantii keessa seenuu akka hin qabne ajajus,qondaalonni olaanoon mootummaa federaalaa lama waa'ee dhimmichaa dubbataniiru.
Ministeerri tajaajila koominikeeshii mootummaa federaalaa Dr.#Laggasaa Tulluufi dhiheenya gorsaa Ministeera Muummee damee hawaasummaa ta'uun kan muudaman Diyaaqoon #Daani'eel Kibrat dhimichaan gadduu karaa miidiyaa hawaasaa isaaniitiin ibsatan.
Daandiin Waldaa Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa sanyummaan qoqqooduuf deemame kan balaafamaa fi gaddisiisaa dha kan jedhan Diyaaqoon Daani'eel,"muudama seeraan alaa baadiyaa keessatti dhoksaan phaaphasoota muuduun,cubbuu seenaan dhiifama hin gooneefitu raawwatame"jechuun muudamni Oromiyaatti gaggeeffame kan baadiyatti dhoksaan raawwatame akka ta'e akeekan.
Dabaluunis,"Warri humnaa fi beekumsa waan kana dhaabuu osoo qaban dhaabsisuu dhaban gaafatama jalaa hin bahan ittiin jedhan.
"Yeroo wal qoqqooduu dhiifnee tokkummaa, jibba dhiifnee jaalalaa fi dhiifama gochuu dhaadannoo jedhuun sochoonutti taateen har'a mana Amantaa keenya tokkorraa dhageenye oduu gaddisiisaadha" kan jedhan Ministeerri tajaajila koominikeeshiinii Dr.Laggasaa Tulluu gamasaaniin, "Abbootiin rakkoo kana obsaa fi naamusa amantaatiin akka furan abdii qabna"
Dhimmicha gama siyaasaa fi naannoo adda ta’e kennuunis sirrii miti kan jedhan qondaalli kun,Dhimmicha abbootii amantaatiif dhiisuun sirna amantaa fi mana kiristaanaatiin haala jiru akka furan gochuun baay’ee barbaachisaa ta'uu himan.