Ergaa Barreeffamaa
24.2K subscribers
75 photos
4 videos
70 links
I letter,
Teach,
Guide,
Advise,
Motivate, and
Coach!
Milkaa'ina hawwinuu fi qabaachuu barbaannu gonfachuuf➛ ➛ gorsa jireenya! Wal jajjabeessuu!➛ Wal gargaaruu 😇Seenaa Beektota Addunyaa
😃Affeerraa Keessummaa Kabajaa
Download Telegram
#Eenyuun_Marfamtee_Jirta??

Jireenya keessatti yeroo hundumaa akka namaati hiriyootaan, maatii fi namoota waliin hojjennun marfamnee jiraanna.
Garuu eenyu waliin oolaa jirra?

Eenyuun marfamnee jirra??
📌1. Namoota summii fi faallaa ta’an?

Namootni akkasii irra jireessa eenyummaa isaanii dafnee hin hubannu suuta jedhanii gara barbaadaniitti nu oofuu barbaadu. Amaloota isaanii keessaa muraaasni

* Jijjiramakee hin jaallatan
* Gatiikee hin beekan
* Baayyee si sobu
* Waan hamtuu malee hin dubbatan.
* Yeroo hundaa ni komatu.
* Walitti fufiinsan namoota hamachuu fi rakkoo isaanii dubbachuu jaallatu.
* Jireenya isaanii keessatti milkaa’oo miti
* Annisaakee xuuxu/ gad si deebisu
* Inaaffaa dangaa darbe qabu

📌2. Namoota gaarii fi
yaada qajeelaa qaban

Namoota akkanaa hedduu hin argannu yoo argannes hin kunuunfannu kan nu fayyadu garuu isaan kana itti yaadaa. Amalootni isaanii muraasni
* Daangaa jireenyakee siif kabaju
* Gaarummaan isaanii lakkoofsa hin qabu
* Baayyee amanamoodha
* Akka ati guddatuuf karaa siif banu
* Yeroo hundaa eegumsa gahaa godhu ykn sirratti du’uuf qophiidha
* Sirriitti si dhageefatu
* Gaariin yeroo siif tahu ni gammadu yeroo hamtuukee dursanii argamu
* Si kabaju, bakka guddaa siif qabu
* Waan gaarii malee hamtuu irraa hin dhageessu
* Jireenya isaanii keessatti milkaa’oodha milkii si barsiisu
* Baayyee sii qoosanii si kofalchiisu ykn isaan waliin tahuu jaallatta

Kanaafuu eenyu waliin oolaa jirta? Kan si marsee jiru eenyu fa’i?

Ulaagaa armaan oliin ilaalii adda baafadhu. Hiriyoota waan gaariitti si oofanmoo waan hamtuutti si ergan qabda? Kun hiriyoota miidiyaa hawaasaa illee ni ilaallata🙂 Kan dubbisnerraa

@Ergaa_Barreeffamaa
Si Fayyadaa Dubbisi‼️
🛬🛫🛩✈️🛬🛫🛩✈️🛬🛫🛩✈️🛬🛫🛩
📍Namni suuraa irratti mul'atu kun nama xiyyaara qulqulleessu yoo ta'u suuraan kun yeroo hojii idilee isaatiin kutaa balaliistotaa qulqulleessu kan kaafamedha.

📍Qulqulleessaan kun osoo hojii isaa hojjataa jiru kitaaba "How to Fly an Airplane - For Beginners, Volume 1" jedhu kutaa balaliisaa keessaa arge.

📍Kitaabicha yommuu banu, fuula jalqabaa irratti "Motora xiyyaarichaa kaasuuf furtuu diimaa gadi tuqaa" jedha; Innis butooni diimaa gadi dhiibee, motorri xiyyaarichaa battaluma sanatti jalqabe.

📍Qulqulleessaan kun waan ta'etti baay'ee gammadee fuula itti aanu bane.Fuula itti aanu irratti "Xiyyaaricha gara fuulduraatti sochoosuuf furtuu bifa Cuquliisa qabu gadi qabaa" jedha. Namichi akkuma butooni kana gadi dhiibeen xiyyaarichi hoggasuma imala isaa eegale.

📍Namichis gammachuudhaan fuula kitaabichaa isa itti aanu bane, akkaataa xiyyaaricha lafa irraa ol kaasuun balali'uu itti jalqaban irratti ajaja barreeffamaa biroo akka argatuu abdate.

📍Akkuma tilmaame qajeelfama "xiyyaara lafa irraa kaasuun balali'uuf furtuu magariisa gadi qabaa" jedhu argate. Achumaan funyaan xiyyaarichaa lafa irraa gara samiitti ol ka’ee, hoggasuma qaamni xiyyaarichaa guutuun qilleensa keessa saffisaan balali'uu jalqabe.

📍Namni kun waan ta’e hundumaatti baay’ee waan gammadeef gara daqiiqaa digdamaaf qilleensa keessa balali'e. Baayʼee gammadee, itti aansee qajeelfama dabalataa xiyyaaricha lafa busuuf kennamu dubbisuuf kitaabicha bane.

📍Fuula itti aanu irratti akkataa xiyyarri itti lafa qubatu beekuuf "Kitaaba kana Jildii 2ffaa mana kitaabaa bakka bu'aa isinitti dhihoo jiru irraa bitadhaa" jedha.... Achi booda maali akka tahe... isinumti tilmaamaa.

📍Asirraa Maal Baranna?

1) Odeeffannoo guutuu malee hojii tokko jalqabu akka hin qabne;
2) Gocha tokko beekumsa gartokkeen hojjechuun dogoggora qofa osoo hin taane, balaa hamaas akka qaqqabsiisu.
3) Naannoo ogummaa keenyaa isa sirriitti beeknuu fi waliin amaleeffaneeti daangefamuu akka qabnu nu barsiisa.


@Ergaa_Barreeffamaa