🧠 SAMMUUN KEE DACHEE QABEENYAATI! 🌱
Sammuun kee dachee addunyaa kanaa caalaa humna guddaa qabdi. Wanti ati sammuu kee keessatti facaastu, yeroo isaa eeggatee biqilee jireenya kee keessatti bu'aa isaa siif kenna.
Yaadni ati har'a sammuu kee keessatti biqilchitu bor jireenya kee keessatti bu'aa ta'a. Kanaaf, yaada ati sammuu kee keessatti simattu, waan dhageessu, waan dubbistuu fi waan ofitti amansiiftu irratti of-eeggannoo guddaa godhi.
🌱 Yaada gaarii facaasi!
🧠 Sammuu kee sirriitti soori!
🎯 Kaayyoo kee irratti xiyyeeffadhu!
💡 Yaada kee eegi; sammuu kee ijaari; jireenya kee jijjiiri! 🚀

Forwarded from Rafiqul Islam Promotion
🔥 WARRA FIXED MINDSET QABANIIF TAPHA FAKKAACHUU DANDA'A!
Namoonni tokko tokko barattoonni kun yeroo isaanii waan qoosaa ykn taphachaa dabarsan itti fakkaachuu danda'a. Garuu dhugaan jiru kana miti!
Isaan kun yeroo isaanii itti fayyadamuun:
🧠 Mindset isaanii ijaaraa jiru.
📚 Beekumsa fi hubannoo isaanii guddisaa jiru.
👑 Dandeettii Leadership horachaa jiru.
🚀 Of leenjisaa fi of qopheessaa jiru.
💎 Business isaanii ijaaruu fi guddisuuf hojjechaa jiru.
Namni Fixed Mindset qabu waan har'a argu qofa irratti murteessa; namni Growth Mindset qabu garuu waan boru ta'uu danda'u irratti hojjechaa jira!
Hin ariifatin nama tuffachuu; waan inni ijaaraa jiru har'a hin argitu ta'a, garuu bu'aan isaa boru ni mul'ata!
🧠 Learn More | Grow More | Become More!
#GrowthMindset #PersonalDevelopment #Leadership #BusinessGrowth #FutureLeaders

🔥 WE ARE NOT JUST SPENDING TIME, WE ARE INVESTING IN OUR FUTURE!
🧠 Learn More | Grow More | Become More!
#GrowthMindset #PersonalDevelopment #Leadership #BusinessGrowth #FutureLeaders
Forwarded from 𝗖𝗔𝗟𝗔𝗤𝗤𝗘𝗘 𝗠𝗜𝗟𝗞𝗜𝗡𝗔𝗔 Ⓜ️ (Milkina (BRIGADE BUSINESS))
📚 DUBBISUUN IJAARSA SAMMUUTI; SAMMUUN IMMO0 IJAARSA BIYYAATI! 🧠
“Namni dubbisu hundi hayyuu ta’uu baatus, hayyuun hundi garuu nama dubbisudha.”
Ijaarsa qaamaaf nyaanni akkuma barbaachisu, sammuun ilma namaas ijaaramuu, guddachuufi dagaaguuf barnoota sirrii barbaada. Barnoonni immoo barachuu, dubbisuufi qorachuu irraa argama. Kanaaf, dubbisuun nyaata sammuu, beekumsi immoo ibsaa jireenyaati.
Biyyi tokko guddattee siyaasaan, dinagdeefi birmadummaa ishee eeggattee jiraachuuf lammiileen ishee sammuudhaan guddachuu qabu. Sammuun namaa kan guddatu immoo karaalee hedduu keessaa tokko isa guddaan dubbisuudha. Dubbisuun beekumsa dabala, yaada bal'isa, ilaalcha jijjiira, akkasumas dandeettii rakkoo hiikuu nama keessatti dagaagsa.
Addunyaa kana irratti namoonni dubbisanii, baratanii, qoratanii fi qo'achuun beekumsa sirrii horatan seenaa jijjiiru. Milkaa'inni namoota gurguddoo kanaas seenaa keessatti barreeffamee dhaloota itti aanuuf dhaala ta'a. Dhaloonni dhufu seenaa isaanii dubbisuun irraa barataa, yaada isaa jijjiirata, beekumsa isaa gabbifata, ofitti amanamummaa horata, ogummaafi dandeettii sammuu isaa guddisata.
Sammuun yoo gabbate, jireenya namaa jijjiira; jireenyi namaa yoo jijjiirame immoo hawaasa jijjiira; hawaasni yoo jijjiirame immoo biyyi ni guddatti.
Biyya kan gabbisu qabeenya uumamaa qofa miti; qabeenya uumamaa sirnaan itti fayyadamuuf beekumsa, ogummaafi sammuu bilchaataa qabaachuun murteessaadha. Biyyi qabeenya uumamaan badhaate garuu sammuun lammiilee ishee yoo hin gabbatin, qabeenya ishee irraa bu'aa argamsiisuu dadhabdi. Biyya qabeenya uumamaan xiqqoo qabdu garuu beekumsaafi kalaqa namoota isheetiin badhaate irraa barachuun dirqama ta'uu danda'a.
Kanaaf, qabeenyi guddaan biyya tokkoo sammuu lammiilee isheeti. Biyya ijaaruuf dura sammuu dhalootaa ijaaruun barbaachisaadha. Sammuu dhalootaa ijaaruuf immoo dubbisuufi barachuun murteessaadha.
📌 Kitaaba dubbisi; beekumsa horadhu.
📌 Beekumsa horadhu; yaada kee jijjiiri.
📌 Yaada kee jijjiiri; jireenya kee ijaari.
📌 Jireenya kee ijaari; hawaasaafi biyya kee gabbisi!
Dubbisuun yeroo qisaasessuu miti; yeroo gara beekumsaa fi milkaa'inaatti jijjiiruudha.
“Namni dubbisu hundi hayyuu ta’uu baatus, hayyuun garuu nama dubbisudha.”
✍️ Milkina Teshome ™️