Kennaa Kee Barbaadi!
Dhalli namaa kamiyyuu ogummaa dhokataa fi kennaa garaagaraatiin dhaanga'amee gara dachee kanaatti afeeramee dhufe. Dirqama hireen kenniteen baay'een namootaa carraa irratti utuu himata bananii, himata galmeen isaa hin cufamneen hawwii fi fedhii isaanii qofaan hidhii sochoosaa jiraatu. Kanaaf abjuu hanga har'aatti hin abjoonneen, hanga har'aatti qooda kee adda osoo hin baafatin jirta taanaan of barbaaduutti deebi'i; kennaan kee suma keessa dhokatee jira. Kennaa dhokatee keessa kee awwaalamee jiru abbummaatin kan isa barbaadee baasu si tahee osoo jiruu barbaaddee baasuu keetiin si'iin olitti dhaloota si booda jiraniif hojii kennaa ofii barbaaduu uumtaaf!
Kennaa kee isa argatte mul'ata kee waliin walquunnamsiisuuf haalota danqaa taa'anii gaara sitti fakkaatan qalbii fi ogummaadhaan hurriitti akka inni jijjiiramuuf tooftaa dha'i!
Positive mind find opportunity in everything.
Join & Share 🔗
👉👇👇👇👇👇👇
https://t.me/RetrainYourBrain

🔥 JIREENYI GARAA SIIF LAAFU HIN JIRU! 🔥
Jireenyi yeroo hunda akka ati barbaaddutti siif hin laafu. Garuu ati jireenya keessatti cimuuf, guddachuuf, fi milkaa'uuf qophaa'uu qabda.
Waan gochuu qabnu ni beekna; garuu yeroo baay'ee waan beeknu hojiitti hiikuun nu rakkisa. Waan nu fayyadu ni beekna; garuu aarsaa inni gaafatu kaffaluuf fedhii hin qabnu.
Barataa cimaa ta'uu hawwina; garuu yeroo dheeraa dubbisuuf of kennuu hin barbaannu.
Qonnaan milkaa'uu barbaanna; garuu roobaa fi aduu keessa baanee hojjechuuf fedhii hin qabnu.
Daldalaa cimaa ta'uu barbaanna; garuu ganama hirriba keessaa kaanee carraaquu hin jaallannu.
Dhaabbata guddaa hundeessuuf hawwina; garuu waan xiqqoo irraa jalqabuuf hin fedhinu.
Garuu dhugaan jiru tokko:
🔥 Milkaa'inni nama hawwu qofa bira hin dhaqu; nama murteeffatee hojjetu bira dhaqa.
Qoricha bitachuun qofti nama hin fayyisu; fayyuuf qoricha sana fudhachuu qabda. Akkasuma abjuu qabaachuun qofti nama hin milkeessu; abjuu sanaaf hojjechuu, obsuu fi kutannoo qabaachuun barbaachisaadha.
Baay'een keenya yaada guddinaa qabna. Mul'ata guddaa qabna. Waan hedduu baranneerra, dhageenyeerras. Garuu rakkoon keenya guddaan:
Aarsaa mul'anni keenya gaafatu kaffaluuf fedhii dhabuu dha.
Waan jenne hojiitti hiikuuf kutannoo yoo hin qabaanne, hawwiin keenya qofti milkaa'ina nuuf hin fidu.
🌟 Yaadadhu:
✨ Abjuun hojii malee hawwii qofa.
✨ Mul'anni tarkaanfii malee yaada qofa.
✨ Kaayyoon hojii malee bu'aa hin qabu.
Filannoo lama qabda:
1️⃣ Ciistee abjuu kee yaaduun itti fufuu.
2️⃣ Kaatee abjuu kee dhugoomsuuf hojjechuu.
Nama gatii qabu ta'uuf gatii baasuun dirqama. Dadhabdee illee cichuu qabda. Rakkoo keessa jirtu keessaa bahuuf tarkaanfii fudhachuu qabda.
Haala siif hin tolle keessa jiraachuu irra, haala sana jijjiiruuf carraaquun filannoo gaarii dha.
Haala mijataa keessatti hojjechuun salphaadha. Garuu haalota rakkisaa injifachuun nama jabaa fi milkaa'aa taasisa.
Ati milkaa'ina barbaaddaa?
🔥 Aarsaa kee kaffali.
🔥 Yeroo kee kabaji.
🔥 Of irratti hojjedhu.
🔥 Barachuu itti fufi.
🔥 Abdii hin kutatin.
Galma kee bira ga'uuf siitu tarkaanfata. Galmi kee gara kee hin dhufu; ati gara galma keetti deemta.
Teessee jijjiiramni hin dhufu. Dhibaa'ummaa of keessaa balleessi; ka'i, tarkaanfadhu, hojii kee itti fufi.
Tarii yaaltee kufuu dandeessa. Tarii yeroo tokko milkaa'uu dhiisuu dandeessa. Garuu kufuun dhuma miti.
🔥 Kufaatiin mallattoo ati yaalaa jirtuuti; bakka kufte sanatti hafuun garuu filannoo kee dha.
Jireenyi kee bakka ati itti dhaabatte irraa itti fufa. Kanaaf bakka kufte irraa ka'i.
🔥 Jireenyi garaan siif laafu hin jiru; kanaaf ati jireenyaaf garaa hin laafin!
Aarsaa rakkoon si gaafatu irra, aarsaa milkaa'inni kee si gaafatu baachuun salphaadha.
Yoo injifatte jireenyatti ni kolfita; yoo laafte immoo jireenyi sitti kolfuu danda'a.
Kanaaf:
🔥 Dammaqi!
🔥 Ka'i!
🔥 Hojjedhu!
🔥 Baradhu!
🔥 Cimi!
🔥 Milkaa'i!
Haala keessa jirtu hin abaariin. Bakka ati irraa dhufte hin ilaaliin. Ka'umsi kaleessaa kee har'a kee qofa ibsa; boruun kee garuu har'a kee keessatti ijaarama.
Kaleessi darbeera; boruun carraa haaraa dha.
Namoota naannoo kee ilaaltee abdii hin kutatin. Yeroo ati socho'uu jalqabdu, humna si gargaaru ni argatta.
Yoo nama ykn qabeenya dhabde illee, Uumaan kee karaa siif bana.
Nama irraa abdii kutachuu dandeessa; garuu Waaqayyo irratti abdii hin kutatin.
🙏 Jabaadhu. Kaayyoo kee hin dhiisin. Waaqni si haa gargaaru.
🔥 MILKAA'INNI NAMNI MURTEEFFATEE HOJJETU QOFA ARGATTI. 🔥
👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/Committedtoyourdreams
https://t.me/Committedtoyourdreams
https://t.me/RetrainYourBrain
https://t.me/RetrainYourBrain
https://t.me/DigitalKnowledgeLibrary

Asiin Nu Hordofaa!!
👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/Committedtoyourdreams
https://t.me/Committedtoyourdreams
https://t.me/RetrainYourBrain
https://t.me/RetrainYourBrain
https://t.me/DigitalKnowledgeLibrary
https://t.me/DigitalKnowledgeLibrary
👏2
🧠 SAMMUUN KEE DACHEE QABEENYAATI! 🌱
Sammuun kee dachee addunyaa kanaa caalaa humna guddaa qabdi. Wanti ati sammuu kee keessatti facaastu, yeroo isaa eeggatee biqilee jireenya kee keessatti bu'aa isaa siif kenna.
Yaadni ati har'a sammuu kee keessatti biqilchitu bor jireenya kee keessatti bu'aa ta'a. Kanaaf, yaada ati sammuu kee keessatti simattu, waan dhageessu, waan dubbistuu fi waan ofitti amansiiftu irratti of-eeggannoo guddaa godhi.
🌱 Yaada gaarii facaasi!
🧠 Sammuu kee sirriitti soori!
🎯 Kaayyoo kee irratti xiyyeeffadhu!
💡 Yaada kee eegi; sammuu kee ijaari; jireenya kee jijjiiri! 🚀

Forwarded from Rafiqul Islam Promotion
🔥 WARRA FIXED MINDSET QABANIIF TAPHA FAKKAACHUU DANDA'A!
Namoonni tokko tokko barattoonni kun yeroo isaanii waan qoosaa ykn taphachaa dabarsan itti fakkaachuu danda'a. Garuu dhugaan jiru kana miti!
Isaan kun yeroo isaanii itti fayyadamuun:
🧠 Mindset isaanii ijaaraa jiru.
📚 Beekumsa fi hubannoo isaanii guddisaa jiru.
👑 Dandeettii Leadership horachaa jiru.
🚀 Of leenjisaa fi of qopheessaa jiru.
💎 Business isaanii ijaaruu fi guddisuuf hojjechaa jiru.
Namni Fixed Mindset qabu waan har'a argu qofa irratti murteessa; namni Growth Mindset qabu garuu waan boru ta'uu danda'u irratti hojjechaa jira!
Hin ariifatin nama tuffachuu; waan inni ijaaraa jiru har'a hin argitu ta'a, garuu bu'aan isaa boru ni mul'ata!
🧠 Learn More | Grow More | Become More!
#GrowthMindset #PersonalDevelopment #Leadership #BusinessGrowth #FutureLeaders

🔥 WE ARE NOT JUST SPENDING TIME, WE ARE INVESTING IN OUR FUTURE!
🧠 Learn More | Grow More | Become More!
#GrowthMindset #PersonalDevelopment #Leadership #BusinessGrowth #FutureLeaders
Forwarded from 𝗖𝗔𝗟𝗔𝗤𝗤𝗘𝗘 𝗠𝗜𝗟𝗞𝗜𝗡𝗔𝗔 Ⓜ️ (Milkina (BRIGADE BUSINESS))
📚 DUBBISUUN IJAARSA SAMMUUTI; SAMMUUN IMMO0 IJAARSA BIYYAATI! 🧠
“Namni dubbisu hundi hayyuu ta’uu baatus, hayyuun hundi garuu nama dubbisudha.”
Ijaarsa qaamaaf nyaanni akkuma barbaachisu, sammuun ilma namaas ijaaramuu, guddachuufi dagaaguuf barnoota sirrii barbaada. Barnoonni immoo barachuu, dubbisuufi qorachuu irraa argama. Kanaaf, dubbisuun nyaata sammuu, beekumsi immoo ibsaa jireenyaati.
Biyyi tokko guddattee siyaasaan, dinagdeefi birmadummaa ishee eeggattee jiraachuuf lammiileen ishee sammuudhaan guddachuu qabu. Sammuun namaa kan guddatu immoo karaalee hedduu keessaa tokko isa guddaan dubbisuudha. Dubbisuun beekumsa dabala, yaada bal'isa, ilaalcha jijjiira, akkasumas dandeettii rakkoo hiikuu nama keessatti dagaagsa.
Addunyaa kana irratti namoonni dubbisanii, baratanii, qoratanii fi qo'achuun beekumsa sirrii horatan seenaa jijjiiru. Milkaa'inni namoota gurguddoo kanaas seenaa keessatti barreeffamee dhaloota itti aanuuf dhaala ta'a. Dhaloonni dhufu seenaa isaanii dubbisuun irraa barataa, yaada isaa jijjiirata, beekumsa isaa gabbifata, ofitti amanamummaa horata, ogummaafi dandeettii sammuu isaa guddisata.
Sammuun yoo gabbate, jireenya namaa jijjiira; jireenyi namaa yoo jijjiirame immoo hawaasa jijjiira; hawaasni yoo jijjiirame immoo biyyi ni guddatti.
Biyya kan gabbisu qabeenya uumamaa qofa miti; qabeenya uumamaa sirnaan itti fayyadamuuf beekumsa, ogummaafi sammuu bilchaataa qabaachuun murteessaadha. Biyyi qabeenya uumamaan badhaate garuu sammuun lammiilee ishee yoo hin gabbatin, qabeenya ishee irraa bu'aa argamsiisuu dadhabdi. Biyya qabeenya uumamaan xiqqoo qabdu garuu beekumsaafi kalaqa namoota isheetiin badhaate irraa barachuun dirqama ta'uu danda'a.
Kanaaf, qabeenyi guddaan biyya tokkoo sammuu lammiilee isheeti. Biyya ijaaruuf dura sammuu dhalootaa ijaaruun barbaachisaadha. Sammuu dhalootaa ijaaruuf immoo dubbisuufi barachuun murteessaadha.
📌 Kitaaba dubbisi; beekumsa horadhu.
📌 Beekumsa horadhu; yaada kee jijjiiri.
📌 Yaada kee jijjiiri; jireenya kee ijaari.
📌 Jireenya kee ijaari; hawaasaafi biyya kee gabbisi!
Dubbisuun yeroo qisaasessuu miti; yeroo gara beekumsaa fi milkaa'inaatti jijjiiruudha.
“Namni dubbisu hundi hayyuu ta’uu baatus, hayyuun garuu nama dubbisudha.”
✍️ Milkina Teshome ™️