Daandii Haqaa {RDH}
1.36K subscribers
2.38K photos
36 videos
9 files
1.1K links
Download Telegram
#Boorana #Guchii #Gabra #Garrii

Galgala kana Godina Boorana aanaa Guchitti ganda walmura ykn sadden goofa ykn olla malim Eda jedhamuun beekamuu ergamtooni wayyane kan gosa garri tahan Akkumma kanaan dura baratani dubartoota 4 fi daima diqa haati dugda irraa qabdu wajjiin nama 5 gosa Oromoo Gabra kan nagaan qoraani cabsachuut jiran humnan fudhatani gara gofa aka qajaleeni dhagahama jira.

Gochii akkassi kun yeroo lamafaaf raawatamma jira .

Mootummaan kalattii suniin nageenyi waara Gosoota kana giddut akka argamuuf caraaqqin ini taasisa jiru hedduu laafadha , Yeroo nageenyi labsama jiru kanatti kalattii Daangatin ammas Sodaan jiru jabaate kan itti deema jiru wanta taheef Mootummaan Fedeeralaf Naannoo dhimma kana irratti ammas Xiyeefannoo kenuun akka irratti hojjattu dhaamna .
Ustaaz Abubakar Ahmadiif Gaazexeessaa Hamza Borana
Saud Arabia- Makkatal Mukarama
Haram January 18 2017
Ustaaz Ahmaddiin Yaadannoo Ajaaiba na yaadachise , gaafa Biyya Bahuuf jedhu san dheekkamme Turkii Deeme Leenji Humna Waraana fudhadha jedheeni ture kkkk ini garuu hin tahu kan nu baasu Qabsoo nagayaatti naan jedhe , anis Saud Deeme Humna Waraana Miidiyatti seene Hafee .

Yeroo san iccittiin akka hin woraabamne waajira issa keessatti ifi Eggannoof Sa'aatti harkaa huunda baafne mobile keessa Sim Card baafne Haasawwa ture . Yeroo dheera booda Jiddat wol arginee . Yaadannoo baayye qabna yeroo bira isiniif kan Qoodnu taha .

Ustaaz Ahmaddiin kinoo Waan yaadatani bareesaniiru

====//=====

AHMADDIN JABAL fi Gaazexesaafi qabsaaha HAMZAA BORANAA
(Ahmaddin Jabal)

Hamazaadhan kan dura qaaman wal barree bara 2004 ture. Yeroo sana inni barataa kolleji Awalliyya ture. Bara 2004 barattonni kolleji awaliyya ebbifamudha osoo qophahaa jiranu majlisaafi motoomadhan ari’aman. Alasana akka korree fala barbaaduutti awaliyya fi biyyatti kessatti bakka heddutti mormiitu godhamaa ture. Hamzaan fulletti wal beknuus walitti dhihannee waliin hasaa hinqabju ture. Guyyaa tokko hamzaan naa bilbilee beellama na qabsiifatete. Yerroo sana akka amma hojjadhan(qaamaan) hin guddanee ture. Biroo kootti walgarre haasaa jalqabnee. Hamzaan wa’e qabsoo adeemaa jirufi wa’e dhukkbsachuu haadha mana isaa naa kaasee naan mar’atee. Akka qabsootti wanni deemaa jiru sirri ta’us kallatti nus qabsootti dabalamnee biyya kessattis ta’u biyyaan alatti qabsoofnu karaa numijaeesaa naan jedhe. Ballinaan waliin haasofnee. Aluma sana Hamzaa Sadarka an isa eegeefi feedhii inni ummataasaatiif qabsaahu qabu ja’jjaba ta’un irraa hubadhee. Yeroo Ummani Kenya Asaasaatti Rasaasa Wayyaneetiin ajjefaman odeefannoo dhugaa fi qabatamaa argachu waan hin dandeenyeef hamzaati bilbilee baratoota waliin baratanu kessa dhalata asaasa barataa erginee odeefannoo nusassabu dand’u nubarbaadee jedheen itti himee. Boramtanu sana barata tokko naafidee jennan waan ittiin dhaqau mallaqa kennefee Asaasaatti ergeeni. Hiriyaasaa waliin dhaqanee oduu qabatamaa suraa fi vediyoo waliin naafidaan. Sanas argannee umaataaf kallattti addaa addaatiin ifa gone. Hamzaan eega Biyaa bahee Radiyoo “Daandii Haqaa” bananii booda wa’e Isaa fi Hojii Isaa Mana hidhaa Kessati hordafaan ture. Boodas Eega Oboloyyeen Hamzaa Radiyoo Dandii Haqa Irra Bahani Radiyoo Nural huda bananii booda Hamzaan Qobaadhumasa Raadiyoo Daandii haqaa qabatee sa’a 24 akka wajatu odeefannoon mana hidhaati naqaqabaa ture. Hamzaa fi Radiyo Daandi Haqa Jara kan adda godhooni gayeen jara gayee gaazexxessa yookan Midiyaa qofaa miti. Qabsaaha, Aktivisti fi quqamaa ummata Jaaraa waan ta’aniif waei Ummata isaanifi amaantaa Isaani wallitti qabatani ummata sochosa turan. Ammas Itti fufaniiru. Eegaan Hidhaadha Bahee Yeroon Umra dhaqeetti Hamzaan wall agarre mana fi ustudio dhoksaa isaa ziyaaren ture. Haramattiis waliin turee. Gaafan gara biyya galus buufata xayyara Jiddaatti wal arguuf walbellamnus dhukubsatee hospitaala seenu isaatiif namni qaaman fi maqaan isa beekanu waan muraasa taniif hiriyoota kotti bilbilee hamzaa bira dhaqaa qobaa issa Hospitaaala seenee jira jedheen itti himee. Sababa kanaaf waanan maatii wallin xayyara seenun dirqama taef guyya sana osoo wal hin argiin gara biyyaatti gale. Boodas bilbilee gafadhee jennan fayyee mana galu natti himee. Anis eega koreen nama 9 haaraan hundefamee hojiin hedduun anumarrati waan jirtuuf midiyaa hordafaa waan hinjirreef hamzaan osoo quba wal hinqunamiin turree. Bodas sababa dhukubsachu hamzaatiin eega Raadiyoon daandii haqaan sagaleen dabarfachu addaan cite torbee 2 booda dhagehee. Bilbileefi gaafadheenee ammas hospitaala keessa akka jiruufi jijjirama akka qabu naaf hime. Wa’e Radiyoo daandi haqas waliin hasofnee. Hamzaan guyyatti sa’a muraasa qofa Rafa Yookan Hin rafu jechu danda’ama. Qobaa Isaa qabsoo guddaati turee. Qabsoo facebook fi radiyoodhan ademsifamu. Yeroo heddus of dhoqsee waan wajjatuuf hogganoonni mootuma duraani itti dhukkubsataani isuma hordafuudhaf I qabsoo isa addan muruf yaali akka godhan quban qaba. Hamazaan gaafa Waraqaan Jireenya isa jala ballefamuufi ummanni gara biyya
tii ari’amu dhokotee mana lafa jalaattifa ta’e odeefanno umataa isaatiif dabarsa ture. Harra qabsoo hamaasana injifannon bira kutamee hamzaaniis hara of dhoksuu irra bilisa bahee. Umannis suura Hamzaa argee bifa isaa bare. Alhamdulilah. Raadiyoon Daandi Haqaa hamma ammatti hamzaa qofaan yookan namoota isagargaaran waleen qabsaahani asiin gahaniiru. Hata’u malee Raadiyoo Daandi Haqa dabalatee midiyoonii Kenya warrii Intarneeta qofaratti tamsaasafaman amma Jijirama jiru fi Ceehumsa kana walliin Jarris gara sadarka itti a’aanutti tarkamfachiisuun murteessadha. Kunimoo gahee hunda kenyaati. Mee maal jettu?
Hayyuuf Actiivistiin Keenya Jabaan Dr Awol Kassim Alo Nagayaan Gara biyya isaatti Deebi'e arguun hedduu nama Gammachiissa .

Dr Awol Yeroo Qabsoo Hawaasa Muslimaa jalqaba irraa kaase hamma imala Injifannoo amma galmeefama jiru kana keessatti Shoori issa daran olaanadha .

Xiinxali ini kennu hedduu bilchaataf gad fagoodha Hayyuu beekumsaan guutamedha .

Keessummatu Haala Qabsoo Hawaasa Muslima Itoophiyaa fi Qabsoo Oromoo Adunyaaf beeksissu keessatti Shoori ini Taphachaa ture hedduu kan Nama dinqisiisudha .

Hawaassa isaaf Biyya isaaf Gumaacha guddaa gumaachera . Documentary Yeroo Jalqabaaf Afaan Ingilifaan Qabsoo Hawaasa Muslima Itoophiyaa ilaalchisee mata duree
"The Movement " https://youtu.be/bzp27BfhQeo jedhuun hojjanne irratti Gumaachi issa daran olaanadha .

Dr Awol Dargageessa , bilchaata , Hegeree biyya keenyaf Barbaachisuuf Abdiin irra kaahamuudha .

Dr Baga Nagayaan Galte !
Wol argaan keenya Finfineet Haa tahu .
#Hamzaa_booranaa
UMMATA MUSLIMAA BIYYA KEENNAA RIYAADII FI NAANNAWA ISII JIRTAN HUNDAAF
Jaaliyaan Da'awaa Sanaa'iyaa Haarwaa, Tokkummaa Muslimoota Itiyoophiyaa wajji ta'uun:
*A*. Sagantaa Da'awaa Addaa Mata-duree *_*تأليف القلوب وتحقيق وحدة الأمة_** jedhuun qophaayee fi
*B*. Eebba CD 31ffaa Raayyaa A/Maccaa irratti hundi keessan maatii, hiriyootaa fi firoottan wajji akka irratti hirmaattan kabajaan isin afeerra.
*_Keessummooni kabajaa_*
1. Raayyaa A/Maccaa
2. Dr. Ahmad Sh/ Abdallaah
3. Sh. Ahmad Al-haadii fa'a.
Manguddootaa fi Du'aatonni biroollee irratti ni hirmaatu. *GUYYAAN* :Jimaataمحرّم 4,1440هجري/ Fulbaana 14, 2018.
*EDDOON* : Makraja 26n bitaa seenanii Marfata 2ffaa/Hazmi, Istiraahaa TAAJ AL-ARUUS
*YEROON* : Salaata Ishaa'ii irraa eegala.
*HUB* : Sagantaaleen bashannanaa fi walbarnootaas ni jiru.
Dubartootaafis eddoo addaa ni qabna.
Odeeffannoo dabalataatiif:
1. 053 680 8873
2. 055 565 2954
3. 055 993 4473
4. 050 903 8176
KOREE QOPHII SAGANTAA (RIYAAD)
Ibsaa fii Yaamicha Koree RDH Magaalaa Makkaa.
#Sireefamma
Odeeffannoo nu dhaqqabe irratti hundaa'uun gaafa Adoleessa 15/2010 abbaan suuraan isaanii mul'atu kun daa'ima hatanii deemaa jiru jedhamuun goodina Arsii Magaalaa Assallaatti tumsa qeerrootiin to'annaa jala akka oolan gabaasuun keenya ni yaadatama.

Haa tahu malee abbaan kun akkuma jedhame dhugumaan nama daa'ima hatanii deeman osoo hin taane, nama daa'ima ilma isaanii kan Sa'uud Arabiyaatii itti ergame fuudhanii gara mana isaaniitti galaa turan akka tahe murkaneeffanneerra.

Maqaan isaanii Abdallaa Maammaa hogguu jedhamu, daa'imni kun ammoo Mu'aaz Aliyyii Abdallaa jedhama isaan daa'ima kanaaf akaakoo akka tahan hubanneerra.

Nutis haqa jiru erga adda baafannee booda gabaasa maxxansinee turre kan kaasne yoo tahu, maamiltoonnio fi hordoftoonni keenya abbaan kun nama nagaa tahuu isaanii akka hubataniif sirreeffama kana maxxansineerra.

Dogongora uumameef dhiifama gaafanna.
Wixineen Tokkummaa Hawaasa Muslimaa Raggaassisuuf qophaa'e Mariif Dhihaate.

#RDH Fulbaana 02/2011

Wixineen Tokkummaa hawaasa Musliimaa raggaassisuuf koree waliigalaa dhaabbilee hawaasa Musliimaa keessatti jijiiramni akka dhufuuf muummicha Ministeeraa Dr Abiiy Ahmediin hundaa'een qophaa'e; guyyaa kaleessaa waajjira korichaa keessatti Ulamaa'oota Mazhaaba hundaa bakka bu'aniif dhihaatee mariin akka irratti geggeffame ibsameera.

Ulamoonni waltajjicha irratti argamanis guyyaa kudhan keessatti wixinee kana ilaaluun yaada wixinicha gabbisu akka irratti kennaniif ergaan kan darbe yoo tahu, wixineen yaada Ulamootaan guyyaa kudhan keessatti fooyya’us, osoo hin raggaasifaminiin uummataa fi ulamaa’ota naannoolee hunda keessa jiraniif erga hiramee yaada dabalataan erga gabbatee booda, ni raggaassifama jedhamee eegama.

Wixineen kun sadarkaa dhumaa irra wayita gahu, walta'nsa koreewwan walii galaa fi koreewwan lamaan koree waliigalaa jalatti hundaa'aniin uummataaf ifa ega tahee booda, qaamonni gara garaa karaa garaa garaatiin yaada isaanii irratti kennuun erga gabbatee booda ragga'uun gara raawwiitti ni seenama jedhamee eegama.

Wixineen tokkummaa kun waliigaltee hawaasa muslimaa hundaan eega ragga’ee booda, mana maree Ulamaa’otaa fi Majliisa waliigalaa fuulduratti hundeeffamuuf deemaniif seera ittiin bulmaataa tahuun akka tajaajilu himameera.
#Dhaamsa

Finfinnee Kutaa Gulallee Dhukaasatu dhagahama jira jedhaaru Obboleewwan , Ijoollee Magaalaa Keessa Deemanii Alaabaa Fannisaniif Jecha Rasaasa Dhukaasaa jiran Himnoonni Nageenyaa Kanaaf Qeerroon keenya Qaamon kuniin Akka Waan Jeequmsa Uumuu Barbaadaniiti kanaaf Qeerroon keenya akka Hin Jarjarre , suuta jedhaa wol quba qabaadha Tasgabiin socho'aa .
ODUU GAMMACHIISA

Kitaabni Hiika Quraana Kabajamma kan Ulmaaota hedduu hirmaachiseef Tohana Aalimma keenya Gudda Dr Jeeylan Khadiriin hoganama ture xumuramee Dilbata Fuulbana 06 2011 Bifa bareedan eebifamuuf akka tahe beekkameera .

Iddoon Eebbaa Handhuura Oromiyaa Magaalaa Finfinnee Giddu gala Aadaa oromoo Dilbata Fuulbana 06/2011 sa'a 2:30 irraa jalqabee akka gegeefamu beekkameera.

Sagantaa Seena qabeessa kana irratti Ulmaaonif Hayyooni hedduun kan argamani wanta taheef hundii keenya qophii kana irratti argamuun akka Tafsiira Quraana Afaan Oromoo Mujalada Tokkoon Qophaahe Harkat haa galfanuun waamicha keenyadha .