Daandii Haqaa {RDH}
1.37K subscribers
2.38K photos
36 videos
9 files
1.1K links
Download Telegram
" Godina Baha Hararghee Haromaya irraa

Ganama arrantanaa iraa egalee waraanni raayyaa ittisa biyya magala haromaya kessatti nagadoota keenya doorsisa adda addaatiin dararaa jiru . akka mana hin bannef suuqiile mara ugguramera jechun waraqa irratti laxafaa jiran . kan bane maf banta jechuun tuma jiran . amma anuu na reebaniitiin gara manaa galeera . qotee bultoota araddaa badiyya irra Magala dhufan nama heddudha maltu magala sifide jechuun dorsisaa jiru.

NAGAA WAJJIIN AKKA QILLENSARRA NUUF OLCHITAN ISINIIN JENNA .

QERROO HAROMAAYA IRRAA "
#Najjoo

" Magaalaan Najjoo Haala nama boonsuu fi Gammachiisuun hojii idilee ishee eegalteeti ,diinaaf arii gudda ta'era , injiffannon kan ummata cunqurfamati... gadan gada billisummati ,Qabsoon itti fufa. "
" Aw wr wb Akkam jirtu Worreen Raadiyoo Daandi Haqaa Harra Godina Buunno beddelleetti Erga Guyyaa 3 Lagannaa Gaba geggeessanii Booda Kaleessa Galgal Sa,atii 12:00 Jalqabee Namoonni Gara hojii idilee isaaniitti deebi'aniiru . Kanaaf ummata Godina buunno beddellee Nuuf galateeffadhaa Ammas tokkummaan Keenya Akkuma kanaan itti fufaa Tokko Taane Oromiyaa Haa bilisoomsinuun .

Dhaamsa Qeerroo Buunno beddelleeti "
Poolisii Oromiyaa irratti duulli hamaan banamee jira. Haaluma kanaan ajajoonni polisii armaan gadii hidhamanii jiru.

1) Ajajaa Poolisii Godina Wallaggaa Bahaa
2) Komaandar Iyyaasuu, I/A Jaa Poolisii naannoo Hararii
3) Ajajaa poolisii magaalaa Mattuu

Kun warra ajajootaa gurguddaa yoo ta'u miseensota poolisii hedduun hidhamanii jiru.
Reeffi Goota Keenyaa Dargaggoo Saadiq Suruur Finfinnee irraa gara Danbidoolloo Geeffamaa Jira!

Gootichi keenya dargaggoon Saadiq Suruur torban darbe michuuwwan isaa waliin Magaalaa Danbidoolloo keesaatti qabsoo irra osoo jiranii humna nama nyaataa agaaziin rukkutamuun gara Magaalaa Finfinneetti ergamus, osoo wal'aanamaa jiruubLubbuun isaa saba isaaf wareegamteetti.

Yeroo hammaa kanas hawaasni Musliimaa handhuura Oromiyaa Maalgaalaa Finfinnee Masgiida Ansaar/Ayyar Xeenaa keessatti janaazaa isaa irratti salaatuun gara magaalaa dhaloota isaa Danbidoollootti ergamaa jira.

Hawaasni Oromoo Magaalaa Finfinnees tokkummaan bahuun goota keenya kana kan geggeesse yoo tahu, haaluma kanaan magaalootni Finfinnee fi danbidoolloo gidduu jirtan hundi goota saba isaaf wareegame kana simachuun akka dabarsisatan yaamicha dabarsina.

Rabbi Jannataan haa qananeessu.

Qabsaa'aan ni kufa!
Qabsoon itti fufa!

#RDH Gurraandhala 29/2010
Ministeerri Haajaa Alaa Ameerikaa Reekis Tilarsan
Guyyaa Kaleessaa Ityoophiyaa Seenan!

#RDH Gurraandhala 29/2010

Ministeerri Haajaa Alaa Ameerikaa Reekis Tilarsan biyyoota Afrikaa shan (Itiyoophiyaa, Keeniyaa, Jibiutoo, Chaadii fi Naayijeeriyaa) daawwachuuf kan karoorfatan yoo tahu, guyyaa kaleessaa gara Itiyoophiyaa akka seenan beekameera.

Ministeerri haajaa alaa Reekis Tilarsan turtii Itoyoophiyaa keessatti taassisuuf deeman keessatti dhimma ministira muummichaa haaraa filamu irratti bulchiinsi itti aanu maal fakkaachuu akka qabu irratti marii geggeessuuf kan deeman yoo tahu, Jaarmayaaleen akka ijaaramanii fi jarmayaaleen jiranis jajjabeeffamuu qabaachuu isaanii irrattii fi dhimma walitti bu'insa naannoo Soomaalee fi Oromiyaa dabalatee xiyyeeffannoon itti kennamee mariin irratti geggeeffamuuf akka edu itti aannaa ministirri dhimmoota alaa Yunaytid Isteets, ambaasaddor Doon Yamamoton gaazeexessitootaf guyyaa dheengaddaa ibsa kennaniiru.

Ministeerri haajaa Alaa Ameerikaa kun turtii Itiyoophiya keessatti taassisuuf deeman keessatti Ministera haajaa alaa Itiyoophiyaa fi Aangaa'oota Mootummaa Itiyoophiyaa dubbisuuf kan deeman ta'uun isaanii kan ibsame yoo tahu, Bulchitoota Nannnoo garuu dubbisuuf yeroon waan jiru hin fakkaatu jechuun itti aannaa ministirri dhimmoota alaa Yunaytid Isteets, ambaasaddor Doon Yamamoton dabalataan gaazeexessitootaf ibsa kennaniiru.

Dabalataan Ministeerri Haajaa Alaa Ameerikaa Reekis Tilarsan dhimma Mootummaa Ce'umsaa irrat akka Haasawan Gaafin rogoota hundaan kaha jira .

Wanta Tahuuf deemu hordofaa issin beeksifna , Jaarran kun akka Obaaman dhufee biyyattin biyya Dimookraasit jedhee kijibba issaa itti hanqaaqe deeme sana mit .
Barsiissa Yunversitiiy Amboof Kan Toora Miidiya kana Gubbat Qeeqa jabaa Mootummaa irrat bareeysun beekamu ( Blooger ) Seyoum Teshome kan kanaan dura #OBN Fi Tv Amaara gubbat haasawa jaba Haasawu ganamma Guyyaa hardhaa Komaandi Postin Magaala Waalisoo Irraa Fuute gamma Finfinee qabanii kutanii jiru .

Komaandi Poostin bifa kanaan Hidhamtoota dheengada Mootummaan dirqiin hiiktef jarreen dhimma hawaasaf socho'a jiran hunda hidhuun ishee wanta hin oleef ammas Qabsoon bifa qindaawwaf Gulanta cimaat cehuun Jarreen badii kana dhaabsissun Dirqama .
Ajajaan poolisii Godina Wallaggaa Bahaa Komaandar Caalaa Tasammaafi kantiibaan Naqamtee Kabaa Hundee Agaaziidhaan hidhamanii jiru.
Komaandi Postin Saamicha itti fufeera

'' Magaalaa Haramaayaa halkan edaa guyyaa 7/3/2018 nama maqaan isaa Nuuree jedhamu agaaziin isaa namoota irraa quubii /iqqubii walitti funaanee sa'aa 2:00 gara mana isaa deemaa jiru dullaadhaan tumtee caccabsuun maallaqas saamtee dirree gubbatti darbitee jirti.har'as namoota dukkana banuuf deeman hin bantan jechuun reebicha hamaa irraan jirti.haalli haramaayaa keessa jiru akkaan yaaddessaadha.labsiin saamichaa cimee itti fufee jira. ''
Abdurahmaan Yuuyyaa jedhama. Dhaloonni isaa Calanqo. Hojjataa Oromia Insurance Main brach yoo ta'u guyyaa har'aa Command Postin fuutee deemteen. Warra isa qabsiise maqaa adda baafanneerra. Sirritti mirkaneeffannee saaxilla.
Bulchiinsi Magaalaa Bishooftuu fi Duukam Dargaggoota Naannoo Soomaaleerraa Qe'ee fi Qabeenya Isaaniirraa Buqqa'an 831 Simatan.

#RDH Gurraandhala 29/2010

Bulchiinsi Magaalaa Bishooftuu fi Duukam Dargaggoota 831 kanneen shira diinaatiin qe'ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa'an simatan.

Sirna simannaa Magaalaa Bishooftuutti geggeeffame irratti Abba Gadaa Tuulamaa fi walitti qabaa gumii Abbootti gadaa Obbo Bayyanaa Sanbatoo dargaggoota 537 hogguu simatan: "gara biyya Abbootii gadaa, Biyya irreechatti baga nagaan dhuftan, isin ijoollee keenya gara mana keessanii dhuftani waan ta’eef akka Abbaa fi haadhatti isin bira dhabbachuun isin gargaarra" jedhanii ummata keenya gammachiisan tahuun beekameerra .

Bifumma wol fakaatun Kantiibaan Magaala Bishooftuunis Aadde Gannat Abdallaa simannaa kana irratti argamuun Magaalaa keenya keessan bishooftuu keessatti hojjedhaa jijiiramaa jechuun haasawa taassisaniiru.

Ajajaan Poolisii magaala Bishooftuu Komaandar Shifarraa Guutuu gama isaaniitiin:“ Aadaa boonsaa, wal jaalachuu, wal kabajuu jaalala hojii uummani Harargee qabu magaala Bishooftuutti calaqqisiisu qabdu” jechuun dargaggoota kanaf ergaa dabarsaniiru.

Gama biraatiin bulchiinsi Magaalaa Duukam Dargaggoota Oromoo sababa oromummaa isaanii qofaaf naannoo Itiyoo-Somaalee irraa buqqaan 294 taan gara hojiitti galchuuf akka simate gabaafameera.

Dargaggoonni kunneenis simannaa taassifameefitti kan gammadan ta'uun, Magaalicha keessatti hojjetanii jijjiiramuuf qophee akka ta'an ibsaniiru.
H/Lixaa Aanaa odaa bultum magaalaa Baddeessaa keeysatti makalaakiyaan ummatarra deemeet guyyaa sadii mana maalif cuftanii, har'a eenyutu banadhaa isiniin je'e jechuudhan ummata uleen tuma mana cufsiisaa jiran .
Wayaaneen ilmaan Oromoo hidhuu itti fufteetti.

Humni Agaazii Ganama Kana Hojjeetaa Inishuraansi Oromiyaa Nama ta'e kan maqaan isaa Abdurhmaan jedhamu wajjiraa Isaa Kessaa buttee deemteetti yeroo ammaa mana hidhaa Maakkalaawwiitti argama.

Qaamon Komaandi post Ilmaan Oromoo Finfinnee keessaa hojjetanii fii jiraatan yeroo ammaa kana adamsanii qabamaa jiru.
Gareen Komaandi post Haramaaya Hojjata Mootummaaf Hawaasa Hidhaa jiru

" As wr wb akkam naga jirtuu Hamzaa? Nus naga rabbii ni qabna . Magaalaa Haramaayaa keessatti dukkaanni hundi uggurameera jechuun komandi poostiin saamsitee jirti . namoota bananiin dura eenyutu isin cufsiise jechuun reebaa,kaan hidhatti guuraa jiru . nama maqaan isaa kadiir jedhamu fi hojjataa waajjira daldalaa kan ta'e tokkos uggurame jedhii cufi jedhaniinii inni didnaan caccabsanii mana hidhaatti darbatanii jiru . walumaa galatti labsiin saamichaa fi dirqisiisanii gudeeduu agaaziin magaalaa kana keessatti cimee itti fufeera ."