Burqa Tech and Crypto
14.1K subscribers
1.85K photos
94 videos
52 files
814 links
Download Telegram
- Itiyoo Telekoom Liqaa warri ofirraa qabdan hatattamatti akka kaffalan akeekkachiise.

- "Liqaa isaanii yoo hin kafallee gara himannaa deemna" dhaabbaticha

Dhaabbanni Itiyoo-Telekoom maamiltoonni teelebirriin liqeeffatanii hin deebisin hatattamatti liqaa isaan irra jiru yoo hin kaffallee gara himannaa akka deemuu akeekkachiiseeera.

"Maallaqa hawaasa fi mootummaa liqeeffattan kaffalaa" jechuun dhaabbatichi xalayaa maamiltootaaf barreesseen hubachiiseera.

"Kun osoo hin ta'in yoo hafe garuu, haala waliigaltee seenaaniin mana murtiitti himannaa banuun maallaqa liqeeffatame, kaffaltii tajaajila, kaffaltii adabbii, akkasumas dhala seera qabeessa, Kan murtii, kan miseensa abukaatoo fi baasii Teembirii dabalatee dirqama seeraatiin kan kaffalchiifnuu ta'uu ni akeekkachifna" jechuun beeksiseera.
26👎8👍3🔥1
#DV #USA

Galmeen DV Ameerikaa Doolaara 1 gaafachuuf jira.

Waajjirri dhimma alaa Amerikaa galmee DV yeroo jalqabaatif kaffaltiin tajaajila doolaara 1 akka gaafatu beeksiseera.

Kaffaltiin hin deebine kun DV-2027 irraa kaasuun hojiirra kan oolu yoo ta'u, wajjirichi jijjiirama kana kan fideef baasii lootaricha karaa seera qabeessa ta'een raabsuuf akka yaadame hubachiiseera.

Kanaan dura kaffaltii Viizaa Immigreeshinii doolaara 330 kan kafalan kanneen filataman qofa yoo ta'u, iyyattoonni hin milkaa'in miliyoonaan laakkawaman kaffaltii homaa hin kaffalan ture.

Hojimaata amma jiruun garuu iyyattoonni waggaa tilmaamaan miliyoona 25 ta'an tokkoon tokkoo isaaniitiin doolaara 1 kafaluun, baasiin moo'attoota 55,000 qofa irra ture bifa walqixaan akka raabsamuu gargaara jedhameera.

Kaffaltiin kan walitti qabamuuf:-
- Fooyya'iinsa sistamaa gumaachuf
- Nageenyaa Saaybarii guddisuuf
- Iyyannoowwan sobaa fi baay'innaa burjajessuu hir'isuuf kan kaayyeffateedha.

Yeroon galmee akkuma baratame baatii Onkoloolessa keessa kan jalqabu yoo ta'u, kaffaltiin kan adeemsifamu karaa marsarii DVtiin kaardiiwwan elektirooniksii qofa fayyadamuun akka ta'e waajjirri dhimma alaa beeksiseera.
31👏7
CRICFy_v5.5.apk
19 MB
Appi Cricfy kubbaa ittin daawwatan kan update ta'e
35👍8👎5
Booti kana hundi keessaan qabaachuu qabdu.

Booti bareedaa vidiyoo barbaaddan Youtube, Instagram, Tiktoki fi iddoo barbaaddani buufachuuf isin fayyada. Kan isinirraa eeggamu linki vidiyoo copy gochun fiduun asgubbatti ergitu, inni Video kessan isinif fida sanaan boda save godhachuu qofa.
👇👇👇
@SaveMedia_bot
17👍4
Baankii kessan salphaan Fayidaa waliin walitti hidhuuf linkiwwan kana fayyadamuu dandeessu.

💸 Baankii Abisiniyaa https://cs.bankofabyssinia.com/fayda_connect

💸 Baankii Awaash https://fayda.awashbank.com

💸 Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa https://my.coopbankoromiasc.com/harmonization

💸 Baankii Daldala Itiyoophiyaa https://cbefayda.cbe.com.et/

💸 Baankii Oromiyaa https://obfayda.oromiabank.com/

💸 Baankii Wagaagan https://fayda.wegagenbanksc.com.et/harmonization

💸 Baankii Niib https://fayda.nibbank.com.et/

💸 Baankii Tsahaay፡https://fayda.tsehaybank.com.et/FAYDA/home

💸 Baankii Siinqee https://fayda.siinqeebank.com:7443

💸 Baankii Zamzam https://fayda.zamzambank.com.et

💸 Baankii Amaaraa https://fayda.amharabank.com.et

@Burqatechcrypto
@Burqatechcrypto
17👎6👍3🔥3😱3
netfly_mobile.apk
58.7 MB
Appi kubbaa fi Filmi ittin ilaaluu dandessan

@Burqatechcrypto
@Burqatechcrypto
👍1412🔥3