Majlisa Godina Buunnoo Beddellee.
1.36K subscribers
1.2K photos
19 videos
14 files
96 links
Telegram Majlisa Godina Bunnoo Beddelle waan ta'eef Ce'umsa Hundeeffama ibsa Majlisa Federaalaa,Naannoolee fi Godinaalee fi Godinaa jalqabee hanga Aanaatti Ummata Muslima Godinicha keessatti argamu midiyaa kana join godha share Hawaasa Muslimaan ga'aa.
Download Telegram
Forwarded from Gali Ababor Official
የዙልሒጃ ወር ነገ ጁምዓ አንድ ብሎ ይጀምራል!

የኢድ አል አድሃ አረፋ በዓል ሰኔ 9 ዕለተ እሁድ እንደሚከበር ታውቋል!
አስሩን ቀናት በመልካም ስራ እናሳልፋቸው!
Forwarded from Gali Ababor Official
Jumu'aa borii Zulhijjaan tokko ta'uun mirkanaa'ee jira. Jum'aa waan ta'eef salawaata buusaa Ibaadaa adda addaa haa baay'ifnu.
اللهم صل وسلم على نبينا محمد.
Hoggantootni Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa fi Miseensi Gumii Ulamoota Majlisa Godina Buunnoo Beddellee Marii gagessan.

▫️▫️Zul Hijjaah 3/1445
Hoggantootni Majlisa Godina Buunnoo Beddellee fi Koreen Gumii Ulamoota Majlisa Godina Buunnoo Gamaggama hojii fi Haala Waliigalaa Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanolee fi Ajandaalee addaa addaa irratti Marii bal'aa gaggeessaa ooleera.

1.Hojiilee Waliigalaa Aanolee hundaa Gamaggamuun Kallattiin fuula duraa kaa'ameera.
2.Rakkoon yeroo ammaa Aanaa Boorrachaa Irratti Majlisa Islaamaa Qabsoo Ulamaa'otaa fi Hawaasa Muslimoota Itoophiyaatiif wareegamni Guddaan itti kaffalamee dhufe Dirree Eidaa fi Bakka adda addaa irratti Arrabsuu fi Qaamonni dhuunfaan Amantii Dawoo godhatanii fedhii dhuunfaa isaanii guutachuuf jecha dhugaa jiru Dhoksuu fi Waan biraan haguuguun Mul'ataa jiru irrattiis qoratamaa Akka jiruu fi qorannoo akkasumas furmaannii Seeraas qaama ilaallatun Akka itti kennamu Cimee akka itti fufuu Kallattiin itti Aanu kaa'ameera.
3.Gumiin Ulamoota Godina Buunnoo Beddellee kan Duraanii caalaa of cimsuun Aanaa hunda qindeessee Bu'uura Qajeelfama 1Gumiin Ulamootaa Ethiopia fi Oromiyaa Harargee irratti dabarseen Godinni keenyan daran Akka cimuu fi hojiin Ilaalcha Aqiidaa fi Tokkummaa Ummata Muslimaa Akka mirkanaa'uuf bakka Dura Bu'aa fi Barreessaan Gumii Ulamoota Godinachaa jiranutti irratti waliigalameera.
4.Ayyaana Iidan Arafaa fuula keenya dura jiruuf Hojiin Nageenyaa fi Tokkummaa Ummata Muslimaa bifa Naamuusa fi duudhaa Amantichaa eeggateen Akka milkaa'uuf Majlisni Aanolee ga'ee isaan irraa eegamu akka ba'anuu fi Korewwan Qindeessituu Ayyaanichaa hundeessuun hojiin haalduree mijeessuu Akka hojjetamu Kallattiin kennamee Sagantaa Guyyaa har'aa goolabameera.
🛑 የአረፋ ቀን ፆም!

ነቢዩ (ﷺ) ስለ አረፋ ቀን ፆም ተጠይቀው እንዲህ ብለዋል፦

“ያለፈውንና የመጪውን አመት ወንጀል ያስምራል።”

📚 ሙስሊም ዘግበውታል: 1162

🛑 የአረፋ ቀን ፆም የሚፆመው ነገ ቅዳሜ ሰኔ 8 ነው።

⚫️ ቀዳ ያለበትም ሰው ቢሆን የዐረፋን ቀን ጾም መጾም ይችላል።

⚫️ ማንኛውም ከነጋ በኋላ ምግብና መጠጥ ያልቀመሰ ሰው ከነጋ በኋላም ቢሆን ነይቶ ጾም መጀመር ይችላል። ነገር ግን ምንዳው የሚጀምረው ከነየተበት ሰዓት ጀምሮ ነው።

⚫️ከ9ኛው ቀን በፊት ምንም ላልጾመ ሰውም ቢሆን 9ኛው ቀን ብቻ መፆም ይቻላል/ችግር የለውም።

⚫️በዐረፋ (9ኛው ቀን) ላይ ይበልጥ የሚወደዱ 3 ዒባዳዎች፣

1/ ቀኑን መጾም

2/ ዚክር ማብዛት በተለይም ተክቢር

3/ ዱዓእ ማብዛት

⚫️ለዐረፋ ቀን ራሱን የቻለ ዱዓእ የለውም ሁሉም የቻለውንና የሚፈልገውን ዱዓእ ማድረግ ይችላል።

🛑 የአረፋ ቀን ፆም የሚፆመው ነገ ቅዳሜ ሰኔ 8 2016 ነው።
Arafaah Liman Arafah!
🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴

Guyyaan borii guyyaa mana Qulqulleessu, jijjirraa maggaarajaati fi Guyyaa bashannanaati miti.

Guyyaan borii Rabbiin namoottan arafaatin/arafaa dhaabataniin malaa'ikotarratti ittiin boonu, ilmi namaa baay'inaan ibiddarraa kan bilisa jedhamu, waan mararrayyu guyyaa du'aa'iwwan guutumaan guututti qeebalama argatanii dha.

Laylatul qadr beekamu baatus guyyaan arafaa immoo ni beekama. Halkan laylatul qadr malaa'ikoonni ni buuti guyyaa arafaa immoo Allaahun (bu'iinsa isaan malu) bu'a.

Nama fayyaadhaan guyyaa borii qunnaamuf ibaadaa godhuu qabuu fi danda'uu isinif haa qoodu

Ganama

* fajriin duratti laylirraa salaatu, suhuura nyaachu fi istigfaara heddummeessu!

* salaata fajriin booda takbiiraa jalqabuu, haga aduun baatutti Qur'aana qar'uu, taahlila taahmiida jechu walumaa galatti zikriin dabarsuu(azkaarassabaah osoo hindagatamiin)

* yeroo aduun baatu achumatti sigaajaa keenyarraa osoo hinka'in salaata mindaa/ajrii rasuula wajjin(saw) hajjuu argachuuf salaatu.

* Ibaadaa guyyaa keessa goonuf nugargaara yoo jenne xiqqoo haa rafnu. Yeroo kaanu xiqqomaan rak'aa 4 haa salaannu.

Sa'aa booda

* salaata zuhrin booda Qur'aana haa qaraanu. Khuxbaa Arafaa(ergaa masjiida namiraah irraa dabarfamu) sirnaan hordofuu

* kitaaboota ykn vidiyoowwan onnee keenya jiisuu danda'aniin yeroo keenya haa dabarsinu

* akkasumatti asriin boodas Qur'aanaa fi zikriin haga magribni dhihaatutti isaan dabarsu

Yeroon guddaa isa ammaa kana.

* kan dhukkubsate ka itti yaalamu kan abdii kute abdiin isaa ka lubbuu itti hoortu sa'aa dinqii.

Du'aa'ii!!! Du'aayii qofa!

guyyaa kanatti ibiddarraa bilisa jedhamuu baatun kasaaraa dha. Fedhii qabaanne fedhii keenya osoo hin guutin hafuun wallaalummaa dha!

"Namni gaara arafaarratti dhaabatu hin dandeenne daangaa Rabbiin isa beeksiseerratti haa dhaabbatu.

Namni muzdalifaa buluu hin dandeenne ajaja Rabbii isaa irrratti haa bulu.

Namni minaarratti qalma qalu hin dandeenne fedhi lubbuu isaa haa qalu.

Namni gara mana Rabbii isaa sababa fageenyaatin deemuu hin dandeenne Allaahu hidda dhigaa isaa irra itti dhihaatu haa kajeelu!" Ibnu Rajab

Araaramatu nuu wayya!

Huzeyfa sultan
#Baga_Ayyaana_Eid_Arafaa_bara_1445__Geessan.
بسم الله الرحمان الرحيم
السلام عليكم ورحمة الله والبركاته
Dura bu'aan Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee #Ustaaz_Naziif_Adam Baga Ayyaana Eid Arafaa bara 1445H/2016 Hawaasni Muslimaa Adunyaa irraa Dachii Kabajamaa Makka irratti Wal ga'uun Sirna Hajjii raawwataa kan jiranuuf Ajaja Rabbii isaanii kan raawwataa jiranu dha.

Hawaasni biyya Keenyaa Rabbiin Isa dhufu Eyyama isaatiin Warra qooda hiriyoota Keenyaa argatu nu haa godhuu jedhaa Ayyaanni Eid Arafaa Bara 1445 Nagaan Geessan Hawaasni Muslimaa Godina Buunnoo Beddellee fi Biyya Keenyaa Keessatti argamu Sooma Zulhijjaa rabbi nurraa haa qeebalu jedhaa Ayyaana Arafaa kana Keessa Hawaasni Muslimaa Godinicha Keessa jiru hundii Guyyaa Ayyaanaa Obboleessa Muslima isaa Ziyaaruu Baga Geessee Waliin jedhaa Rabbii isaatiif Sirna ibaadaa hedduummessaa, Tokkummaa, Jaalalaa fi Miskiinaa fi harka qalleeyyii gargaaraa akkasumas Hojii gaggaarii Keenya kan hojjetaa turre "Rabbin nurraa haa qeebaluu" jechuun yeroo keessan Waliin dabarsaa.

Hawaasni Muslima Rakkataa ollaa fi naannoo isaa barbaaduun hanga rabbiin isaaf qoodeera irraa gargaaruun Akka itti fufuu fi Hawaasni Eid Arafaa Nageenyaa fi Naannoo isaa Waliin eeggataa Naamusa Amantichaas eggataa Amiiroota Islaamaa hordofuun Akka Nagaan gaggeessinu rabbiin kadhanna.

Ammas Guyyaa Ayyaana Eid Arafaa kanas bakka dirree Sagadaatti Yeroo deemuu Takbiiraan Waliin Tokkummaan jedhaa Wal ga'uun Tokkummaa Rabbii ibsaa bakka Dirree Iidaa deemuun Sagaduun Gammachuu Keenya ibaadaan ibsataa,Rabbii Keenyas Galateeffataa, Obboleessa isaatiin Wal Ziyaaraa rakkataa Naannoo Keenya jiranu nyaachisaa Waliin taanee isaan Waliin Akka dabarsinuu ergaan isiniif dabarsa.

Baga Ayyaana Eid Arafaa 1445/2016 Nagaan Geessan.
Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Dhidheessaa Mana Qur'aanaa Gara Madrasaatti ol guddate Ganda Siinassootti Da'awaatee Jira.
...............Waxabajjii 14/2016
Koreen Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Dhidheessaa fi Koreen Madrasaa,Koree Majlisa Gandaa, Masjiidaa jaarsolii biyyaa Waliin Guyyaa Har'aa Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Dhidheessaa Ustaaz Madrasaa haala barnoota Madrasaa ammaattiin ijoolleen Ganda Siinassoo Akka barataniif Guyyaa har'aa waliigaltee Koreewwanii fi Ulamoota Majlisa Aanaa gidduuttii waliigaltee gaggeessee Barumsi Madrasaa Guyyaa 15/0/2016 irraa kaasee Galmee Akka jalqabuu ta'ee jira. Koreewwan addaa addaa fi Sheekolii Ganda Siinassoo akkasumas Kanneen biroos Tokkummaan barumsii Madrasaa ijaarame teessoo Waliin akkasitti Akka qophaa'uif tumsa Islaamummaa gootaniif Maqaa Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Dhidheessaatiin Galatoomaa jenneerra.
Gandoolee biroos jabaadhaa.

Kan Gabaase:-Gurmessa Milki.
#Oduu_Gaddaa
#Dr_Sheikh_Saalih_Al_Sheybiin_Gara_Aakiraa_Godaanuun_dhagahamee_jira
إنا لله وإنا إليه راجعون
🗝️🗝️🗝️🗝️🗝️🗝️🗝️🗝️🗝️🗝️
🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋
Maanguddoo Furtuun Balbala Ka’abaa Harka Turee fi Itti Gaafatamaa Ka’abaa Gama Aakiraa Godaanuun Dhaga'amee Jira.
إنا لله وإنا إليه راجعون
INNAA LILLAAHI WA INNAA ILEYHI RAAJI’UUN

#Dr_Sheikh_Saalih_Al_Sheybiin hortee Gosa Banii Sheybaa jedhamu kan Ergamaan RABBII (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) amaanaa furtuu Ka’abaa itti kennan irraa kan dhalatee dha.

Akka galmee seenaatti Furtuun Ka’abaa jarraa 16 dura Abaabayyuu Nabi Muhammad (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) isa shanaffaa(5) kan ta'e, #Qusayyi_Bin_Kilaab kan jedhamu harka ture.

Ilmaan Qusayyi kanarraa ilmi Sheybaa jedhamu gaafa dhalaterraa furtuun ka’abaa isatti kennamte. Gaafa sanirraa waggaa 1600 irraa hortee Banuu Sheybaa kanatti osoo dabarfamuu jaarraa 16 lakkoofsisee har’a qaqqabee jira.

Ergamaan RABBII (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) gaafa Makkaan bananis amaanaa furtuu isaanirraa hin fuune, akkas jechuun itti jabeessan;” Furtuu kana qabaa yaa Banii Sheybaa. Abadan harkuma keessan haa teessu. Nama jallataa malee namni isin harkaa fuudhu hin jiru “ jedhaniin.

Gaafa Sanarraa jalqabee Baniin Sheybaa furtuu Ka’abaa qabuu qofa osoo hin taane,Ka’abaa dhiquu,uffata isaa yoo moofa'e irraa jijjiiruu,Warra isa Ziyaaruu dhufu simachuu, Maqaama Nabi Ibraahiim (Aleyhissalaam) tiksuudhaan itti gaafatamummaa guddaa kana har’aan ga'aniiru.

#Dr_Sheikh_Saalih_Sheybii warroota furtuun Ka’abaa harka turte keessaa Abaabayyuu Ergamaa RABBII (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) irraa namaa 109 (dhibbaa fi saglaffaa) dha. akka Ergamaan RABBII (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) Makkaan banan irraa ammoo nama 77 dha.
Namni kuni yeroo 100 ol Ka’abaa akka dhiqe himama.

Akkasumas namni suuraa isaa argitan kun nama 109 booda Nabi Muhammadiin abbaa tokkorratti walitti deebi’an jechuudha. Har’a ganama gama fuula RABBII deemuun Dhaga'amee. RABBIIN furtuu JANNATAA isaaf haa kennu. Jara Nabi Muhammadiin jannata keessatti wal argan isaan haa taasisu.

صلوات ربي وسلامه على
أشرف الأنبياء والمرسلين
#Hawaasni_Muslimaa_Magaalaa_Beddellee_dhugaa_beekuun_fi_baruun_barbaachisaadha.

Majlisni Magaalaa Beddellee akkasumas Kanneen Sadarkaa Sadarkaan jiru Hundaa ol #Dargaggootaaf_Bakka_Guddaa_kennee_hojjetaa_Jira.
Fuuldurattis ni hojjeta,Garuu Wanti namni Islaamaa hundi hubachuu qabu Keessumaa Namoonni tokko tokko Tokkummaan Ulamootaa fi Ummata Muslimaa yaaddoo Guddaa fi dhukkuba Sammuu isaanitti ta'ee jira, kunis Sababni isaa Fedhiin dhuunfaa isaanii waan jelaa tuqamuuf jecha Maqaa isaanii Facebook irratti jijjiirratanii Faallaa jechoota addaa addaa Karaa Facebook Majlisa Godina Buunnoo Beddellee #Comentii jelatti Ulamaa'ii nuu fidaa kanaa fi kana warreen jedhutu jiru.

Kanaafuu Warrii faayidaa dhuunfaa keessaniif fiigaa jirtanu of qusataa osoo deemtanii Gaarii dha.

Walumaa galattii Majlisni Sadarkaa Sadarkaan jiru Akka isin itti yaadaa jirtanitti yaadaa hin jiru.
Adeemsi Majlisaa Ammaa
👉Kaayyoo
👉Ergama
👉Galma
👉Duudhaalee Islaamaa fi
👉 Dambii ittin Bulmaataatiin deema.
👌Warreen Faayidaa dhuunfaa keessaniif gulufaa jirtanu hin Sardaminaa isiniif dhufaa jirra Akka duraanii asiin ba'aa achiin ba'uun hafeera.👌👌

Hundumaa dnadeenyee as geenyeerra kana booda Warra waa hidhuu fi xaxuu yeroon itti gubateera.