Majlisa Godina Buunnoo Beddellee.
1.36K subscribers
1.2K photos
19 videos
14 files
96 links
Telegram Majlisa Godina Bunnoo Beddelle waan ta'eef Ce'umsa Hundeeffama ibsa Majlisa Federaalaa,Naannoolee fi Godinaalee fi Godinaa jalqabee hanga Aanaatti Ummata Muslima Godinicha keessatti argamu midiyaa kana join godha share Hawaasa Muslimaan ga'aa.
Download Telegram
Guyyaa har'aa Halqaa Islaamaa Beekamaa Sheik Zubeer Kadir Aanaa Gachii Ganda Caaraatti daaw'atameera.

••••••••••Caamsaa 11/9/2016
Hoogganaan Majlisaa Godinaa Buunnoo #Ustaaz_Nazif_Adam fi Qindeessaa Koree Barnoota Majlisa Godinaa fi Imaama Beekama Aanaa Gachii Magaalaa Gachii kan ta'an #She_Hawwii_Abdallaan Durfamu Rakkoo balaa Qilleensa Tibbana rooba makateen halqaan Darasaa diigame Guyyaa har'aa Koreewwan addaa addaa daawwachuun Akka jajjabeeffamuuf Sosochii addaa addaa godhamaa ooleen Maqaa Majlisa Godinaatiin Deeggarsa Qorqorroof Qarshii 10,000 fi Majlisni Aanaa Gachii Masjiida Anwaar Gachii Qarshii 30,000 fi Qorqorroo 15, gumaachuun Halqaa Kun deebi'ee Suphamee yeroo muraasa keessatti Hojiitti Akka deebi'uuf deeggarsa gltaasisuun Koreewwan Kun Ziyaaraa Halqaa Ilmii Guddichaa #Sheik_Zubeer_Kadir yeroo ammaa Darasoota baay'ee simatee barsiisaa jiru da'wateera.

Namoonni Bakka addaa ddaa jirtanus Halqaa Ilmii kana deeggaruu fi jajjabeessuu kan dandeessan karaa Koree Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Gachii Waliin ta'uun Halqaa Ilmii kana Akka jajjabeessitanu fi eeggattanuu dhaamsa Keenya gamanumaan isin beeksifna.
#Dargaggoonni_jamahaa_Magaalaa_Beddellee_Guyyaa_Marii_taasisan.

Majlisa Godina Buunnoo Beddelleetti Magaalaa Beddelleetti Guyyaa har'aa Dargaggoonni jama'aa addaa addaa Magaalaa keessa jiranu fi Dura ta'aan liigii Dargaggoo Majlisa Godina Buunnoo Beddellee fi Magaalaa Beddellee Guyyaa har'aa Marii Tokkummaa fi Waloo irratti taasisan.

Dura ta'aa liigii Dargaggoo Darg. Alaamuddiin Biraanu Nuti Dargaggoo tokko taanee taanee Liigii Dargaggoo Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa jelatti ijaaramee Tokkummaa fi Nageenya Keenya akkasumas kan Amantii Keenyaa eeggataa,Ulamoota Keenya dhaga'aa Waliin taanee Ijaarumsa Keenya #Amiirota Keenya dhaga'uun Kidmaa Islaamummaatiif Qophii ta'uu qabna Jechuun ergaa dabarseera.

Nutis Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee Dargaggoo Magaalaa Beddellee fi Godina Buunnoo Beddellee keessa jiranu Tokkummaa fi Nageenya Amantii isaanitiif Ulamoota Keenya haala dhaga'aniin Kidmaa Islaamummaa fi Barnoota Amantii Isaanii Cimsanii akk baratanuu fi hojii Islaamummaa keessatti Tokkummaa isaanii jabeessanii Liigii Dargaggoo Mana Marii jelatti qindaa'anii Akka hojjetan erga Keenya isin haa ga'u jedhaa

Dargaggoonni osoo hin beekiin Qaamota Al kallatti Beekamtii tokko malee duula jeequmsaa fi firqaa addaa addaa biyya keessa deemuu osoo hin butamiin tumsa Islaamummaa irratti Ulamootaa wajjin Akka deeman erga Keenya dabarsiineerra.
Waldaan Tola Oltummaa Raabsaa Tajaajila Qur'aanaa Furqaan Aanaa Cawwaaqaa Seenuun Haala ho'aan Simatameera.

▫️▫️▫️▫️▫️ 18/09/2016
Waldaan Furqaan tajaajila qur'aanaa Fiinfinnee irraa ka'uudhaan fageenya 400Km irratti kan argamtu Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaa dhufuudhaan Qur'aana 3000 fi kitaabota Addaa addaa 1000 maallaqatti yoo tilmaamame qarshii Miliyoona 1.3 ta'u Giddugalaa halqaa qur'aanaa Aanaa Cawwaaqaa Gandoota 28tiif qabatanii dhufuun deeggarsa taasisanii jiru.

Dura bu'aan Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee fi Ulamaa'ii Beekamaan Sheik Jamaal Kaliifaa Simannaa fi du'aa'iin Simatanii Mana Giddugala Mana Kitaaba Islaamaa (Islamic Library)tti simatanii ergaa dabarsaniiruu.

Hawaasni Muslimaa aanaa cawwaaqaas haala ho'aan konkoolaattotta bajaajotaa fi motoraan hanga 23km imaluudhaan simannaa ho'aa ajaa'ibaa taasisuun simataniiru.