Godina Harargee Bahaatti Qonnaan Bultoonni 2128 ta'an kaartaa isaanii Baankii qabsiisuun fayyadamoo ta'anii jiru
~~~
Godina Harargee Bahaatti hojii kaadaastara baadiyyaa hojjetameen Qonnaan bultoonni qabiyyee isaanii wabii baankii godhachuun liqaa qarshii Mill.304,648,825 ta'u argachuun fayyadamoo ta'uu I/G/ Waajjira Lafaa Godina Harargee Bahaa Obboo Nuraddiin Abubakar ibsaniiru.
Godinicha keessatti erga hojiin kaadaastara seeraa jalqabe asi milkaa'inoota hedduun argamanii jiru jedhan obbo Nuraddiin.
Haaluma kanaan kaadaastara lafa baadiyyaa aanaalee 21 keessaa aanaa 16 fi gandoota 391 keessatti lafa balāinni isaa Hek.1,585,121.07 safaramee kan xumuramee yoo ta'uu aanaalee sadii fi gandoota 48 irratti hojjetamaa jirachuu fi Qonnaan bultoota 360,441'f kaartaan ragaa abbummaa qabiyyee lafaa 967,284 kennameef jira jedhan.
Bu'uuruma kanaan Qonnaan bultootni abbaa warraa 2128 ta'an qabiyyee isaanii wabii baankii godhachuun dhaabbata Misooma Itoophiyaa fi Bankii Sinqee irraa liqaa qarshii Mil.304,648,825 ta'u fudhachuun fayyadamoo ta'anii jiru jedhan obbo Nuraddiin.
Dabalaatan hojii kaadaastara magaalaa irratti hojjetameen cittuu lafaa 9142
mirkaneessuun qabiyyee lafaa 6836 galmeessuun kaartaan kennamee jira.
Gama biraan hojii karoora qindaawaa itti fayyadama lafaa bara 2015 irraa eegalee hanga bara 2018 tti hojjetameen anaalee godinichaa 21 keessatti gandoota 526 fi bal'ina lafa heektaara 2,696,387 irratti hojjatamee xumuramee jirachuu obbo Nuraddiin himanii jiru.

š5ā¤3