ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.6K subscribers
39 photos
1 video
1 file
108 links
Download Telegram
#Seenaa #dhugaa #jaalala #haadhaati fi #mucaa ishii:

#Obsaan hanga dhumaatti dubbisi

#Haati kiyya ija tokko qabdi(ijji tokko jaamee jira). Ija tokko waan hin qabneef haalaanin ishii jibba. Barsiisootaa fi baratoottaaf nyaata qopheessuudhan na jiraachifti.

#Abbaan kiyya du’ee jira. Yaroon barnoota sadarkaa tokkoffaa barachaa jiru guyyaa tokko mana barnootatti nagaafachuuf dhufte. Yaroon ishii argu akka maleen rifadhe. Maqaa kiyya balleessuf akkamitti as dhufti jedheetan aare. Qaanii guddaatu natti dhagahame. Dubbisuullee hin barbaanne aareetiin “maalif dhufta?” jedheen dhiisee biraa deeme.

Guyyaa itti aanu baratoonni kutaa kiyyaa “Harmeen kee ija tokko hin qabdu! ...” jedhanii natti koflan. Natti qoosan. Eegasii jiruun kiyya na jibbisiise. Isiirraa dhalachuu kiyya akkamalee na aarsuu eegale.

#Guyyaan ishiirraa addaan bahu natti dheerate. Guyyaa tokko yaroon barnoota irraa deebi’u akkanaan jedheen..” gammachuun kiyya yaroo ati duute qofa. Maalif hin duune?” jedheetin itti dheekkame.

Deebii naaf hin deebifne, mataashee gadi qabattee naduraa achi deemte. Harmee kiyya wajjiin addaan bahuuf barnoota kiyya cimsee qo’achuun eegale.

#Akka tasaatti carraan barnoota ol’aanaa naa dhufeeti biyya jijjiiree ishiirraa addaan bahe. Eegasii haadha warraa fuudhee, mana bareedaa bitadhee ijoollee horee  jireenya kiyya itti fufe.

#Waggoota dheeraa booda Harmeen kiyya teessoo kiyya barbaaddee manatti nadhufte. Yaroon ishii argu amanuu hin dandeenye. Ijoolleen kiyya yeroo ishii argan itti koflan. 

Anis “eeyyama kiyyaan malee mana kiyya maalif dhufta ? mana kiyya eenyutu sitti agarsiise? As dhuftee ijollee kiyya maaf na duraa rifachifta? Dafii narraa bahi!” jedhee loleetin itti iyye. Harmeen kiyyas sagaleeshii gadiqabdee rifaachuudhaan “Ow….aaaa! Dhiifama guddaan si gaafadha teessoo dogoggoreetiin mana kana seene” nan jattee daftee naannoo sanirraa deemte.

#Eegasii Haadha kiyya argeetuu hin beeku. Yeroo booda ollaan kiyya du’uu ishii natti himan.
# Humaa natti hin fakkaanne.

#Guyyaa tokko karaa mana barnootaatiin xalayaan tokko na gahe. Xalayaa kana ilaaleetiin haadha warraa kiyya wajjiin qoosuu eegale “carraan hojii naa dhufe sii dhiisee deemuufi” jedheetin itti qoosa. #Xalayaa kana eegannon yaroon banu guyyaa dheeraan dura xalayaa Harmee kiyya irraa naaf barreefame ture. Akkana jedha:-

#Mucaa kiyya bareedaa fi kabajamaa akkam jirta? Yaroo hunda suman yaada. ciisus hirriiba hin qabu. Kanaan dura mana kee dhufee Ijollee kee rifachiisuu kiyyaaf dhiifaman si gaafadha.

#Ani ilmoo si qofa waanin qabuuf baay'een sitti bona hedduun sitti gammadas. Yaroo guddate kana dhugaa jiru kana sitti himee si Jeequu kiyya kanaaf dhiifama.

#Agartee…..gaafa ati daa’imaa  konkolaataan nuun garagalee ijji kee tokko si Jaamte. Aniis ijji kee jaamee si arguu waan garaan koo hin dandeenyeef , Ija tokkon akka guddatus hin barbaanne, Kanaafuu ija kiyya baaseetin siif kenne, Ija lamaanin adunyaa kana yaroo agartu gammachuun kiyya daangaa hin qabu ture, Ija kiyya siif kenneetin ija #tokkon hafe.

#Mucaa kiyya ija kiyya saniin Jaalalaan naaf guddate onnee irraan si jaaladha nagaan naaf jiraadhu.

#Eegan xalayaa kana dubbisee booda jiruu kiyya guutuu dhukkubaan siree irra ciiseetin dabarse. 

*THE END**
Seenaa kana irraa maal barattan?

#Jaalala haadhaa

#Namni haadha kee jaalattu #share godhi

#Join godhi
👇👇👇👇

https://t.me/Bedadina
Forwarded from vhxfzhhjbbhFhhgddhhsaa
#Ani Kanan Jedhu!

#Ati hanga Yoomitti Warra Milkaa'aniif harka Reebaa fi hidhii xuuxaa jiraatta?
#Ati maaf hin milkooftu?

#Siif yoomi kan Harki Reebamu moo milkiitu siif hin malle moo jireenyatu carraadha jettee amantee fudhattee Rafaa jirta?
Anaan Natti hin fakkaatu Carraan Hojii keessa jira jedheen amana.
#Lotoriiyyuu yoo ati guyyaasaa eegdee kutte malee waan carraa ta'e qofaaf manatti siif hin dhufu. Kan kutte sanas hanga guyyaansaa gahutti obsaan eeguu qabda. Kana jechuun Carraan kun hojii ofkeessaa qaba jechuudha. Maallaqa baastee kutta malee tola miti akkasumas waan kutte kana qulqullinaan hanga guyyaansaa gahutti olkeessee ilaallachuu qabda.
#Ani Barnoota Sadarkaa olaanaa ykn Yuunivarsiitii irraa akkan baheen hangan waanan ittiin baradheen hojii argadhutti hojii guyyaa(#የቀን ሥራ) 'n hojjechaa ture. Ati kaayyoof jecha Digirii baattee hojii guyyaa hojjetteettaa ykn ni hojjettaa? Har'a garuu achi hin jiru borummoo as hin jiru. Dhiifama yeroo kanatti seenaa koo odeessuuf miti gaaftokko garuu bifa barruutiinuu qopheessuun koo hin oolu waanti irraa baratamu baay'een waan jiruuf ammaaf waa'ee kutannoofan kaase.
#Ciminni kee maali naan jettee yoo na gaafatte '' #Ani kutannoo olaanaan qaba, Waan namni biraan natti fe'uuf deemu hunda hin baadhu, Lakki jechuus hin sodaadhu keessaa calaleen fudhadha. Hiriyoota koonis Akkasuman jedha Waanuma isinitti fe'ame hin fudhatinaan jedhaan, Ajaja gaggeessitoota ykn hooggantoota kooyyuu hunda hin fudhadhu, nan morma maaliif akkan mormu garuu nan beeka''.
#Walumaagalatti Namoonni Milkaa'oon Addunyaa kana irra jiran hundi #Milkaa'ina gadameessa haadha isaanii keessaa fudhatanii miti kan dhalatan. Yaalanii, kufanii ka'anii osoo abdii hin kutatin kutannoon halkaniif guyyaa hojjetanii milkaa'an. Haala kanaan hojjennaan #Atis Milkaa'uu dandeessa!
#Milkaa'i
#Ani Abarraa Naggasaati Waan dubbiftaniif Galatoomaa🙏🙏🙏
#Ooyiruu keessa hojjechuun ni cima, beela'uun immoo caalaatti cima!!
— (Niolotic)

#Riiskii fudhachuun ni cima, Hiyyummaa keessa jiraachuun immoo caalaatti cima jechuufani!
#Ani Riiskii Isa olaanaa(Maximum) Fudhadheera. Dirqama ana ta'i siin jechaa hin jiru. Ofta'i garuu Immoo Hiyyummaa keessaa bahi, hiyyeessota baay'eetu walitti dabalamee biyya hiyyeettii jechisiise waan ta'eef.
#Kanaaf Kam siif wayyaree? Isa cimumoo? Isa Caalaatti cimu?

https://t.me/Bedadina
#Nan Danda'a jedhi!

#Kaayyoo guddaaf gara lafa kanaa dhufte, garuu waan barbaadde hunda galmaan gahuu akka hin dandeenye waan amantuuf, akka namoota baay'ee ta'uuf yaalaa jirta.  #Osoo akka #Risaa balali'uu dandeessuu maaliif akka Lukkuu ...?

#Waan gurguddaa milkeessuuf dursitee waan guddaa bilisummaan yaaduu qabda. #Argitee, jalqaba yaada burqisiifta, sana booda tarkaanfii fudhatta.  #Ani hin danda'u jecha jedhu cabsuun, waan barbaadde hunda akka galmaan geesssuuf uumaan akka siif eeyyame of amansiisi! 


#Amma nan danda'a jechuun ofitti himuun #jalqabi!💪

#Walgeenyi Tulluu Milkaa'inaa irratti!!!🙏🙏🙏

#Galatoomaa! Yeroo Gaarii!!

@Bedadina
@Saayikoloojii
Forwarded from Kitaabota Saayikoloojii Irraa (Harka hin Kennu Never Give Up)
#Ani Kanan Jedhu!

#Ati hanga Yoomitti Warra Milkaa'aniif harka Reebaa fi hidhii xuuxaa jiraatta?
#Ati maaf hin milkooftu?

#Siif yoomi kan Harki Reebamu moo milkiitu siif hin malle moo jireenyatu carraadha jettee amantee fudhattee Rafaa jirta?
Anaan Natti hin fakkaatu Carraan Hojii keessa jira jedheen amana.

#Lotoriiyyuu yoo ati guyyaasaa eegdee kutte malee waan carraa ta'e qofaaf manatti siif hin dhufu.  Kan kutte sanas hanga guyyaansaa gahutti obsaan eeguu qabda. Kana jechuun Carraan kun hojii ofkeessaa qaba jechuudha. Maallaqa baastee kutta malee tola miti akkasumas waan kutte kana qulqullinaan hanga guyyaansaa gahutti olkeessee ilaallachuu qabda.

#Ani Barnoota Sadarkaa olaanaa ykn Yuunivarsiitii irraa akkan baheen hangan waanan ittiin baradheen hojii argadhutti hojii guyyaa(#የቀን ሥራ) 'n hojjechaa ture. Ati kaayyoof jecha Digirii baattee hojii guyyaa hojjetteettaa ykn ni hojjettaa? Har'a garuu achi hin jiru borummoo as hin jiru. #Dhiifama yeroo kanatti  seenaa koo odeessuuf miti gaaftokko garuu bifa barruutiinuu qopheessuun koo hin oolu waanti irraa baratamu baay'een waan jiruuf ammaaf waa'ee kutannoofan kaase.
#Ciminni kee maali naan jettee yoo na gaafatte '' #Ani kutannoo olaanaan qaba, Waan namni biraan natti fe'uuf deemu hunda hin baadhu, Lakki jechuus hin sodaadhu keessaa calaleen fudhadha. Hiriyoota koonis Akkasuman jedha Waanuma isinitti fe'ame hin fudhatinaan jedhaan, Ajaja gaggeessitoota ykn hooggantoota kooyyuu hunda hin fudhadhu, nan morma maaliif akkan mormu garuu nan beeka''.

#Walumaagalatti Namoonni Milkaa'oon  Addunyaa kana irra jiran hundi #Milkaa'ina gadameessa haadha isaanii keessaa fudhatanii miti kan dhalatan. Yaalanii, kufanii ka'anii osoo abdii hin kutatin kutannoon halkaniif guyyaa hojjetanii milkaa'an. Haala kanaan hojjennaan #Atis Milkaa'uu dandeessa!
#Milkaa'i
#Ani Abarraa dha Waan dubbiftaniif Galatoomaa🙏🙏🙏
👇👇👇👇👇👇
👉https://t.me/+VN_ccHy2Fj50kaT_