ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.47K subscribers
39 photos
1 video
1 file
108 links
Download Telegram
#JIREENYUMA FILATTE #JIRAATTA

👉Namni tokko illee jireenya siif filachuu hin danda" u. Ofuma keetii filatta, of uma keeti itti jiraatta. Har"a murteeffadhu. Zoonii haala qillensa mijata siif qabu tolfadhu. Zoonii hiika jireenyaa si jalaa dhoksite keessaa dafii ba'i. #Gaafa biyya lafaa kana irra jiraattu wanta ittiin yaadatamuu dandeessu hojjedhuu darbi malee du'een yaadatama hin jedhiin. Waa' eedhuma kee waan gaarii yaaduuf dhama'i. #Addunyaan kun yoom illee waa'ee kee akka ati waan gaarii yaadduuf carraa siif hin kennituuti.
#Ofitti deebi'i. Of keessaa baddee of barbaachaaf maaliif gatii kaffalta. Ofitti deebi'ii ofii kee fudhadhu. #Waa'ee kee sirriitti yeroo fudhadhuutii itti yaadi. Hojiin hojjetamu alaa osoo hin taane,suma keessa jira. #Miini dheedhiin gabaa addunyaaf dhiyaatu suma keessa jira.
"#Never Believe In #Never" jedhama #Hin danda'amu jecha jedhutti hin amaniin. #Filannoo sirriin gatii nama kaffalchiisu iyyuu galma ni ga" a. #Maal gochuun danda'aree hin jedhiin: Maal fa'aan gochuu danda'a jedhi malee. #Jireenya filatanii jiraatu malee jiraachuuf hin filatani.

@Saayikoloojii
@Bedadina
@Dujabewa
#Nama furmaataa ta'i!

#Guddachuu yoo barbaadde nama furmaataa ta'i. Maalaqni gara furmaanni jirutti dhangala'a. Humaa waanan hojjedhun dhabe yoo jette bahii bitaaf mirga kee ilaali, waanti hir'ate maal maaltu jira? #Namoota maal isaan barbaachisa? #Hojiin lafa kanarra jiru hundi furmaataaf uumame. Manni Yaalaa, manni barnootaa, manni nyaataa, manni uffata hodhaa, kophee qulqulleessaan rakkoo namootaaf furmaata waan ta'aniif namoonni gara isaanii deemanii maallaqa ofii dhangalaasu. Akka carraa ta'ee biyyi keenya dhimmoota furmaata hin arganne hedduu waan qabduuf furmaata ta'i!
Sana booda Ofirra dabartee namoota biraafillee taata!

#Yeroo gaarii akka isiniif ta'un hawwa!
#Galatoomaa🙏🙏🙏

@Bedadina
@Saayikoloojii
#GUDDAA GALATOOMAA HORDOFTOONNI KEENYA HUNDI KEESSAN KABAJAA FI JAALALA GUDDAA ISINIIF QABNA❤️❤️❤️🙏🙏🙏
#Namoonni dhaabatan akka si hin #dhaabne!

#Namoonni tokko tokko amala jechoota qeeqaa taʼan dubbachuu qabu; Dandeettii nama homaa hin hojjenne taa'ee madaallii keessatti madaaluu osoo hin qabaatin gatii hin qabdu jedhu!

#Deeggartoonni dirree kubbaa irra jiran taphattootaan akkana godhi akkas godhi jedhan baay'een isaanii namoota dirree seenanii daqiiqaa tokkoof illee taphachuuf ga'umsa hin qabnedha! #Tarii osoo carraa argataniillee dandeettii taphatichaa nuusa(ruubii) hin agarsiisan ta'a! "#Kan taa'uuf Samiin #dhihoodha" jedhama mitiiree! #Nama hin hojjenneef yaada kennuun salphaadha. Kanaaf na #qeeqe, hojii koo irratti natti qoose, yaada badaa miira koo miidhu naaf kenne jettee ofduuba hin deebi'in; fuulduratti deemi. #Namni dhaabbate si dhaabuu barbaada ykn akka wajjin dhaabbattu barbaada waan ta'eef hin dhaggeeffatiin!!!

#Yeroo gaariin Isiniif hawwa🙏
#Nutti Makamaa
👇
@Bedadina 👇
@Gaggeessummaa
👇
@Saayikoloojii
#Gara Tulluutti(olka'insaatti)!

  #Namni Gamoo dheeraa ijaaruuf yaadu bu'uura isaa gadi fageessee qotuu qaba. Nutis Jireenya keenya keessatti waan guddaa hojjechuuf yoo yaadnu akkuma gamoo oldhaabuuf lafa gadi fageessinee qotuun dirqama ta'ee fi lafti ammuma gadi fagaataa deemu qotuun isaas #cimaa akka deemu,

  #Jireenya keenya keessattis kufnee qormaanni yeroo nu mudatu,waanta heddu yaallee yeroo dafee nuuf milkaa'uu didu yeroo nutti jabaatu  bu'uura cimaa ol ba'ee dhaabatuufi  dogoggora keenya irraa barannee gammachuu fi galataan Jiraachuuf akka ofqopheessaa jirru haa yaadnu!

#Galatoomaa!!! #Yeroo gaariin isiniif hawwa

@Saayikoloojii
@Bedadina
@Dujabewa
#Jireenya kee Jijjiiruu ni Barbaaddaa?

#Namoonni hedduun yeroo baay’ee waa’ee jijjiirama jireenyaa ni haasa'u, garuu jijjiirama haasa'an kanaaf tarkaanfii tokkollee yeroo taasisan hin mul'atan.

#Jijjiiramamni jireenyaa #gochaan(Action) dhufa. Gochaan(#Action) ala jijjiiramni argamu hin jiru.

#Armaan gaditti hiikaa gochaa Fi gufuulee gochaa ilaalla turtiin keessan nu wajjin haa ta'u!

@Saayikoloojii
@Bedadina
#Gochaa(Action) jechuun tarkaanfii Waanta Tokko dalaguuf fudhatamu. Dandeettii waan Tokko dalaguuti. Waan barannes waan dhageenyes ta'uu danda'a.
#Jiruu Fi Jireenya addunyaa kanaa keessatti #Gochi furtuu milkaa'inaati. Milkaa'inni gocha malee hin argamu. Gochi Kee duwwaa(zeeroo) taanaan milkaa'inni kees duwwaa ta'a. Milkaa'ina argachuuf, bakka barbaadde bira gahuudhaaf, akka barbaaddetti guddachuudhaaf #Gochi Kee shoora(qooda) olaanaa qaba.

#Gufuuleen gochaa immoo itti fufuun isiniif dhiyaatu.🙏🙏🙏

@Saayikoloojii
@Bedadina
#Gufuulee Gochaa
1. Hin danda'u jechuudha.
2. Shakkii
3. Kufaatii sodaachuu
4. Yeroo hin qabu jechuu
5. Yeroo ofii hoogganuu dadhabuu
6. Karoora baafachuu dadhabuu

@Saayikoloojii
@Bedadina
#Kees Yeroon jira!

#Aduu fi Addeesi  wal qixa hin ifan;  Yeroo tokko (walqixa) Ifna osoo jedhaniis Uumamni hin eeyyamuuf, garuu lamaan isaaniiyyuu yeroo isaaniitti ni ifu.

#Atis nama si cinaa milkaa'aa jiru yommuu argitu guyyaan koo yoomi?  Uumaan waa'ee koo suuta jedhe(na dagate) yoo jettu guyyaan akka #Aduu guyyaa, akka #Addeessaa immoo  dukkanatti itti ibsituu fi iftu  jira waan ta'eef abdiidhaan deemi!

#Yeroo gaarii isiniif hawwina!!!

@Saayikoloojii
@Dujabewa
@Bedadina
#Mo'ataa ta'uuf!

#Wantoota 3 kana hojjedhu!

1. Dogoggora keetiif sababa hin dhiheessiin!
2. Of hin komatin!
3. Waan siif  raawwatameefis  waan siif hin raawwatamneefis galateeffadhu!!!

@Saayikoloojii
@Bedadina
#Of kabaji!

#Kabajni namoonni siif kennan kabaja ati ofiif kennitu hin caalu.  #Kanaaf namoonni akka si kabajan yoo barbaadde dursa of kabaji;  Of
dagataa/ttuu  hin ta'in !

#Namoonni ati dinqisiifattu fi kabajju maal hojjechaa akka jiran ilaali, ykn amala isaanii isa gaarii illee hati.   "Aartistoonni gaariin ni fakkeessu, garuu kan hundarra gaariin hatu" #Paabloo Piikaasootu akkas  jedha.
👇👇👇👇
@Bedadina
@Saayikoloojii

                #Respect yourself!
#Fuulduratti deemi... #deemi!

#Gaafa kufnu kophaa keenya miti; Warri nu amananii gatii kaffalanii asiin nu ga'an, maatii keenya heddu qoraman waliin kufna!

#Eenyuutu gatii siif kaffalee as geesse? Yeroo dhaabachuuf yaaddu namoota sana yaadadhu, isaaf/isheef jedhiitii jabaadhu!!!
👇. 👇
@Bedadina
@Saayikoloojii
#Dura ofitti #Araarami

#Namni ofii isaa wajjin nagaa hin qabne addunyaa waliin nagaa qabaachuu hin danda’u;  Kanaaf dursa ofii keetiif nagaa buufadhu, ofitti #araarami!!  Sana booda addunyaa guutuuf #araara buusta ;dureessas taata!
👇
@Bedadina 👇
@Saayikoloojii
#Qeeqxoota keessoo

#Qeeqxonni keessoo keetii, dadhabinaa fi hanqina kee qofa komachuu gaafa jalqaban, murtii isaanii guutuumaan guututti fudhachuun miira ofitti amanamummaa kee ajjeesa.

  #Qeeqxonni keessoo kee namni si kabaju, si jaalatu akka hin jirre yeroo sitti himuu jalqaban, ati ammoo of jaallachuun kee qofti hunda caalaa barbaachisaa akka ta’e of yaadachiisi.

#Ofitti Amanamummaa kee gabbisuuf dursa ati of hubachuun furtuu siif ta’a.

#Afaan dadhabinaa qofaan ofitti dubbachuun kee, jireenya hawaasummaa keessatti humni hamma isaa si miidhuu hin jiru.

    #Kanaaf qeeqni keessa keetii karaa dadhabinaa qofarratti tahuu hin Eeyyaminiif. #Karaa ciminaa fi bilchina kee irrattiis akka ta’u taasisi.

#Ofitti amanamummaan kee murtee qeeqa keessa keetiin gabbata ykn du’a. #Kanaaf qeeqa keessoo kee sirreessi.

#Join

👇
@Bedadina            👇
                           @Saayikoloojii
#Waanta Lama

#Wanti lama guyyaa keenya balleessa
1. Waa'ee kaleessaa yaaduu
2. Dorgommii namoota biroo wajjin

#Waanti ​​lama guyyaa keenya sirreessa
1. Waan qabnu dinqisiifachuu(galateeffachuu)
2. Har'a jiraachuu

#Waan lamatu borii keenya bareechiisa
1. Karoora baasuu fi
2. Sababa amansiisaa kaa'uu

@Saayikoloojii
@Bedadina
#Kan Ati qabduyyuu gahaa dha!

#Kennuun waan adda ta'e qabachuu hin barbaadu!. #Nuti nama tanee uumamnee dhiisiitii ​​dhagaan illee dhala namaatiif bu'aa hedduu kenna!

#Maallaqa hin qabu hin jedhiin, maal qabaadhen maal fayyada, maalin kennuus danda'a hin jedhiin! namootni harka keen qaqqabattee jabaadhu jechuun gahaa ta'eef baay'eedha! #Qabeenya kee caalaa kan jaalala kee argachuuf hawwii guddaa qabu baay'eedha.#Jaalala kee isa dhuma hin qabne hundaaf kenni!
#Milkaa'inni Jaalala keessa keessa jira. Onnee Jaalalaa qabaadhu!!!

@Dujabewa
@Bedadina
@Saayikoloojii
#Qoricha guddaa!

#Galateeffachuun humna tokkollee osoo hin baasin mindaa guddaa argachuuf karaadha! #Aarii, dhiphina sammuu fi miira gadheef qoricha liqimsuu osoo hin barbaachisin fayyisaa keenya isa guddaadha!

#Kanaaf jireenya Kee keessatti waan dhabde argachuuf dura Isa qabduuf Komachuurra galateeffachuu amaleeffadhu!!!
"#Kokkomattuun Fira hin qabdu" Jedha Oromoon!!!

@Bedadina
@Saayikoloojii
#Ammuma jalqabi!

#Rakkoon (yaaddoon) keenya irra caalaan isaa kan maddu wanti nuti hojjechuuf kaane ulfaataa ykn garmalee waan ta'eef osoo hin taane, waan salphaa jalqabne waan hin xumurreefidha.

#Maaltu harka kee  keessa jira?  Kanaaf ka'ii ammuma sirreessi!  Waan jalqabde dafii xumuri, sana booda isa itti aanuuf karaa bana!!!
👇👇👇👇                         👇👇👇👇
👉@Saayikoloojii                 👉@Bedadina
👉#Gammachuu dhugaa!

#Waan hundumaatti qajeelaa ta'i. #Ana qofa hin jedhiin. #Namoota biroofis gaarummaa yaadi. #Addunyaan  ana, ana qofa warra jedhaniif nuffisiiftuudha. #Nuti jireenya jiraannu keessatti namoota biroof yoo geenye umuriin keenya ni dheerata, karaan keenya ni qajeela, abdiin keenya ni guddata, keenya abjuun keenyas ni dhugooma.

#Yoo xiqqaate #namoota 10 biraan gahi!!!

👉@Saayikoloojii                👉@Bedadina
👉#Waanti hin jijjiiramne hin jiru!

#Waanti guddaan dogoggora hojjechuu kee osoo hin taane, sirreessuu keeti. #Rakkoon kufuu kee osoo hin taane, deebitee ka'uu dhabuu keeti. Uffanni keeyyuu ni xuraa'a, ati garuu miichitee deebiftee uffatta.

#Atis gaafa dogoggorte of hin cheepha'in. Namni balleesse yeroo tokko adabama. Guyyaa guyyaan "Ani dhimma hin baasu" jettee of hin komatin(cheepha'in)! #Uffanni xuraa'e erga miichamee dedbi'ee uffatamee, ati sababiin hin jijjiiramneef hin jiru!


#Yoo xiqqaate #namoota 10 biraan gahi!!!

👉@Saayikoloojii   
    👉@Bedadina