ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.29K subscribers
39 photos
1 video
1 file
106 links
Download Telegram
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
#Baga Ayyaana Irreecha Hora Finfinnee fi Hora Arsadii Nagaan Geessan!
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼
#እንኳን ለኢሬቻ ሆራ ፊንፊኔ እና ሆራ አርሰዲ በዓል በሠላም አደረሳችሁ!
💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷
@Bedadina
@Saayikoloojii
#Nama Bineensa irraa Kan adda godhe Yaaduu qofa osoo hin taane Namayyuu Namarraa Kan #Adda godhe Yaaduu dha!!!😁😁😁😁🙏🙏🙏
@Bedadina
Forwarded from ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር ) (Abera Negesa official)
#Amaani gaaffiin kee #deebii ni argata!

#Uumaan gaaffii kee dafee yeroo deebisu #amantii si barsiisaa jira; yoo xiqqoo harkifate #obsa si barsiisaa jira; yoo baayee ture  garuu waan ati gaafatte #dachaa lama siif qopheessaa jira! .  Kanaaf gaaffii kee uumaa qofaaf kenni, garuu jabaadhuu #hojjedhu sana booda deebisaa uumaadhuma keetti  amanii dhiisi, hundaafuu deebiin jira karaan adda adda ta'uu danda'a. Walumaa galatti #gaaffiin kee  hundi ni deebi'a!

#Uumaan kee Gaaffii kee siif haa deebisu!!!🙏🙏🙏
#Namoonni dhufanii deemu!

#Yeroo tokko tokko, namoonni nuti nuuf jiru jennu warra gatii guddaa nuti kenninuuf, warri yeroon rakkoon na mudatu naaf qaqqabu, na cinaa dhaabbatu jennee yaadu tasa ka'anii jireenya keenya dhiisanii ba'u, amala hin eegamne nutti agarsiisu !

#Faallaa kanaammoo Namoota biroo nuti hin beekne, namoota nuti arginee hin beeknetu, lubbuun keenya akka jiraatuuf sababa ta'u, yeroo gargaarsa barbaannu nu cinaa dhaabbatu, osoo hin gaafatin dhufanii arjooma nuuf godhu!

#Egaa yeroo tokko tokko jireenyumatu akkana ta'a.
Jireenya keenya keessatti gatii namootaa akka hubannu nu taasisa! Ilaalcha wantootaaf qabnu ni sirreessa! Akkasumas yeroo namoonni dhufanii deeman hunda isaaniin jijjiramnee eenyummaa warra kaaniis isaan madaaluu qabna, ofii keenyas jijjiiruu hin qabnu!

#"Namni tokko yoo nurraa fagaatellee,namni tokko nutti dhihaata."


#Yeroo Gaarii isiniif hawwina
#Akka dhihetti hin hafu ni bari'a!!!!!🏃🏃🏃🏃🏃🏃‍♀🏃‍♀🏃‍♀🏃‍♀🏃‍♀🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🍀🍀🍀
@Bedadina
😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭


#Dr. Kabajaa Alii Birraa weellisaa, qindeessaa, walaleessaa fi sabboonaa Oromooti. Aliin Fulbaana 29, 1950 magaalaa Dirre Dhawaa naannoo Lagaharree jedhamutti dhalate.

#Jireenyaa Ijoollummaa Isaa

#Aliin kan dhalate Dirre Dhawaa keessatti. Abbaa fi haati isaa Aliin dhalatee waggaa sadi’itti addaan bahan. Aliin sana booda abbaa isaa biratti guddate. Yeroo ijoollummaa isaa mana barumsaa Arabiffaa galee Afaan Arabaa barateera. Sana boodas mana barumsaa galee amma kutaa 6tti barate.
Yeroo ijoollummaa isaa karaa irratti daldala adda addaa hojjatee of gargaaraa ture. Wayita umuriin isaa 13 ta’u, hawwisoo Afran Qalloo kan aadaa Oromoo guddisuuf dhoksaadhan hojjachaa turetti makame. Sirbi inni jalqaba waltajjiirratti sirbe “Birraa dha bari’e” kan jedhamu ture. Kanarraa ka’ee maqaa Alii Birraa jedhamu argate. Mootummaan Hayila Sillaassee hawwisoo kana bara 1965tti cufee miseensota hawwisoo kanaas gartokkee mana hidhaatti naqe. Aliinis baqatee gara Finfinneetti gale.

#Jireenya Isaa Finfinneetti

Aliin erga Finfinneetti galee booda hojii sirbaa adda addaa hojjachuu jalqabe. Yeroo kana Aliin sabboonaa Oromoo Ahimad Taqii wajjin wal bare. Ahimad Taqiis Alidhaaf akka ittiin sirbuuf jedhee gitaara biteef. Beekkamtummaan Aliis magaalaa Finfinnee keessatti saffisaan dabale. Aliin Afaan Oromoon biratti Afaan AmaaraaAfaan ArabaaAfaan Hararii fi Afaan Sumaaleetiin sirbuu danda’a ture. Kunimmoo namoota adda addaa biratti akka jajamuu fi jaalatamu godhe. Namoota isa jaalatan keessaa tokko Iyyu’eel Yohaannis kan jedhamu dura bu’aa Kibur Zabanyaa kan ture tokko ture. Innis Aliin Kibur Zabanyaatti akka makamu godhe; achittis weellistoota beekkamoo kan akka Mahaammud AhimadXilaahun Gassasaa, fi Buzunash Baqqalaafaatti makame.
Kibur Zabanyaa keessa yeroo turetti, carraa gara naanoo adda addaa deemee itti dandeettii isaa agarsiisu argate. Gara Sudaanis deemee wellistoota bebbeekkamoo akka Mahaammad Waardiifaa wajjin sirbe. Yeroo Finfinnee jiru, waltajjii gurguddaa akka Haagar Fiqirii fi Raas Tiyaatiriifaatti sirba ture. Boodarra abbaa isaa wajjin mariyatee Finfinnee gad lakkisee deeme. Bara 1970n keessa, yeroo Warraaqsi Itoophiyaa jalqabu, Ahimad Taqii baha Itoophiyaa keessatti loltuu mootummaatin odoo loluu du’e. Aliinis baayyee gaddee akkas jedhee sirbe
Yaa Hundee Bareedaa
Yaa Fiixee Miidhagaa
(Hundeen maqaa kan bira Ahimad Taqii ture)
Aliin hojii isaa weellisummaa fi qindeessumma itti fufe. Albamii isaa kan jalqabaas bara 1971 baase, kunis albamii sirba Afaan Oromoo kan jalqaba ture seenaa sirba Oromoo keessatti. Achii booda sirba jaallatamoo akka “Hin Yaadin”, “Asabalee”, “Ammalelee” fi “Gammachu” godhate. Albamiin isaa sirboota Afaan Sudaan kan akka “Al-Habiib Ween” fi sirba Hararii kan akka “Yidenqal” of keessaa qaba.

#Biyya Alaatti

Leellistuun Alii Birraa, Imbaasii Iswiidin kan Finfinnee jiru keessatti Itti-aantuu Sekreeterii (vice-secretary) kan turte, Alii gaa’ilaaf gaafatte. Aliinis gaaffii kana fudhatee bara 1985tti ishii fuudhe, maqaan ishii Birgittaa Astroom jedhama. Birgittaan kan dhalatte Istookoolmi Iswiidin keessatti (Adoolessa 21, 1942 – Fulbaana 13, 2009). Bara 1986tti, haati manaa Alii Sawud Arabiyaatti jijjirramate, Aliinis ishee faana Sawud Arabiyaatti gale. Haa ta’u malee, Sawud Arabiyaan Aliitti itti hin tolle. Kanaaf gara Iswiidinitti ce’ee achi waggaa lama jiraate. Bara 1988, Aartis Akkaadaamii Loos Aanjeles (Los Angeles Arts Academy)tti barachuuf gara USA deeme. Bara 1990tti erga eebbifameen booda bara 1992tti albamii lama Itoophiyaan alatti kan jalqabaa gad lakkise. Kunis addunyarratti akka beekkamu godhe. Aliin konsertii baayyee biyyoota adda addaa keessatti geggeesseera. Kana keessaa bara 20005tti ayyaana waggaa haaraa Itoophiyaa irraatti Sharaaten Addis kaasuun ni danda’ama.
Bara 2009tti, Aliin dhukkuba Kaanserii marrimaanii akka yaallamaa jiru yoo dubbatamu, garuu sirba akka itti fufuun hojjatu yoo dubbatu albamiin isaa kan dhiyoo baase garuu kan dhuma ta’uu hin hafu jedhama.
Badhaasa


Bara 1995tti, Aliin badhaasa Toroontoo Afrikaan meeritis Awwaard(Toronto African Merits Award) argateera. Bara 2010tti ammo, Yuunivarsiitii Jimmaa irraa Dokitreetii Kabajaa aragateera. Mudde 2012tti Dorgommii Daddaraaroorratti isa jalqabaa irratti marsa xumuraarratti keessummaa kabjaa ta’uun affeeramee argameera.

#Har'a kunoo Onkoloolessa 27 bara 2015 A LH Addunyaa kanarraa Du'aan boqoteera. Boolla isaa Daadhiin haa guutu Lubbuu isaa Waaqayyo Jeennata keessatti haa qananiisu😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭
@Bedadina
Forwarded from ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር ) (Abera Negesa official)
#Milkaa'innii fi #Gammachuun harka keenya jira!

#Namoonni Milkaa’oo fi Gammadoo ta’an jaalalaan kan guutamani;  #Yeroo hundumaa kennuu irraa of hin qusatan, hojjachuu irraa duubatti hin deebi’an, nama dhufu hundaaf nagaa, jaalalaa fi tasgabbii ni kennu. #Namni hundi bakka isaan jiranitti argamuu ni jaallata;  #Kanaaf milkaa'inaa fi gammachuu kee fagoo hin barbaadiin, keessa keetii uumi, laphee kee irraa ta'i, laphee kee irraa jaalladhu, laphee kee irraa kenni, sana booda #onnee kee irraa gammachuu argatta.

#Yeroo gaariin isiniif hawwa!!!🙏🙏🙏
🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂


#Ilmaan Namaa Gidduutti garaagarummaa Kan uumu kufuu isaanii miti;Kufanii achumaan #hafuu Fi deebi'anii #Ka'uu isaaniiti.

#Yaa Qomoo koo! yoo kufte Addunyaa kana irraa ati nama yeroo jalqabaaf kufte miti. Miliyoononni kufaniiru. #Warri Kufanii ka'an seenaa hojjetu; isaan achiin hafan immoo sammuu seenaa keessaa irraanfatamaniiru. #Kanaaf atis akkuma namoota Kufanii ka'anii seenaa hojjetanii kuftee kaatee siidaa seenaan ittiin si yaadachaa hafu ijaartee darbuuf carraa qabda.
#Join👇👇👇

@Bedadina

@Saayikoloojii
🏃‍♀🏃‍♀🏃‍♀🏃‍♀🏃‍♀🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂🏃‍♂

#Namoota Gatii Kee hin Beekne Irraa Fagaadhu!!!
👉Gatii Kee Beeki!
👉"Biyya kana keessaa Kan garaa na raasu Isa meeshaan miyaa'ee #Namni immoo rakasu".

(#Eebbisaa Baayisaatiin)
@Bedadina
@Bedadina

#Ciminni Kee maal akka ta'e Beeki!.

#Cimina ofii beekuun kennaa guddaadha. Cimina Kee kanas kunuunsi. #Namni tokkoon tokkoon isaa utuu kennaa isaa Isa jabaa beekee sadarkaa ol'aanaa irra gaha ture. Kanaaf kennaa Kee Beeki. #Kennaa Kee kanas Hojii irra oolchi. #Namoonni Tokko Tokko obsa jabaa qabu. Kaan immoo waan bor dhufu dursanii raajuu danda'u . #Namoonni hedduun garuu callisanii sammuu isaanii waan cinqaniif waanuma faayidaa qabu tokkollee utuu hin hojjeetiin barri darba. #Miira isaaniitiin oofamanii of gowwoomsaa umurii isaanii Kan fixan ta'uu isaanii namoota kanniinitti dhuma irratti Kan itti himu #yeroodha.

@Bedadina
@Saayikoloojii
@Bedadina

#Eenyummaan Kee bilchina ati qabduun madaalama.

#Maalummaa waan tokkoo Kan madaalu ala (bakkee) isaa utuu hin taane keessa isaati. #Gamoon Tokko Tokko fagoodhaa yeroo ilaalan alli (bakkeen) isaa baay'ee bareeda. Keessi isaa garuu hanga godoo xiqqoo illee hin miidhagu. #Haalli namoota Tokko tokkoos akkasuma. Namoonni akkasii nagaa erga gaafatanii booda waan dubbatan wallaalu. #Yaada uumuu waan hin dandeenyeef waanti dubbatan harkaa bada. Namoonni kunniin nama fagoodhaa isaan ilaalu gowwoomsan, illee nama dhiyaatee keessa isaanii ilaale garuu gowwoomsuu hin danda'an.

@Bedadina

@Saayikoloojii
#Maallaqni rakkoo Maallaqaa hin furu?
#Maaltu Furaree?
#Yeroo dhiyootti nu eegaa!!!
#Join Gochuun nu hordofaa

👇👇👇👇👇👇

👉@Bedadina
Forwarded from Kitaabota Saayikoloojii Irraa
#Rakkoo Furuuf Rakkoo irratti hin Xiyyeeffatin Rakkoo biraa ofitti dabaltaa! Rakkoo keessatti carraa biraa barbaadi malee!

@saayikoloojii
@Bedadina

#Milkaa'uudhaaf Beekumsa Qofa osoo hin taane #Ogummaa Fi #hubannaa Siif haa kennu Waaqayyo(Rabbi) uumaan Kee !!!

@Bedadina
#Hiriyaa gaariin Tulluu ta'ee si mul'isa Hiriyaa yartuun gufuu ta'ee si kuffisa!!!

#Hiriyaa Kee adda baafadhu. Hiriyaa Kee natti himi #Ati eenyu akka taate sittan himaa jedhama mitiiree!!!

@Bedadina
@Saayikoloojii
#Eessa Akka jirtu hin beektu taanaan Eessa Akka deemtu Anuu sin gaafadhu jedhe namichi🙏🙏🙏
#Amma  Yaali!

  #Umriin kee erga darbee booda waan hojjette of duuba deebitee yommuu yaaddu, wanta hin hojjennetu caala. #Osoon hojjedhee turee jetta,
Ni gaabbita, 'osoo yaalee bareeda ture jetta;  Garuu hin jedhiin, waan amma tuffattes ta'ee waan sodaatte hunda yaaliitii eenyummaa kee ofitti agarsiisi!  #Kana ta'uu baannaan bu'aan kee gaabbii qofa ta'a. Kanuma.

#Yeroo gaariin siif hawwa🙏🙏🙏
@Bedadina
ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
Photo
#NAMA KEESSAA #NAMA TA'I !!!

👉#Nama keessaa nama ta'uun akka namaa ta'uu osoo hin taane, akka namni ta'uu qabu ta'uudha.
👉#Nama keessaa nama ta'uun dhibaa'uu osoo hin taane, dhiibbaa uumuudha.
👉#Nama keessaa nama ta'uun murteessuu nama gaafata.
#Kitaaba Ajaa'ibaa "Nama keessaa nama ta'i" jedhu Barreessaa Kennaa Tikkuu Ida'eetiin barreeffame gurguramaa jira bitadhaa dubbisaa Barreessa Dargaggeessa Qaxalee kana cina dhaabbadhaa🙏🙏🙏

@Bedadina
@Saayikoloojii

#share gochuun dubbistoota heddu biraan gahaa!!!

Galatoomaa🙏🙏🙏🙏