ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.59K subscribers
39 photos
1 video
1 file
108 links
Download Telegram
#Waanta Dhaloota #Fayyadu Dhalootaaf Kennuu Dhabuun(Dhiisuun) Dhaloota #Saamuudha!!!

#Gaafa duutu qabeenyi si wajjin awwaalamu tokkollee akka hin jirre mirkaneeffadhu. Wantota gati-jabeeyyii keessa kee jiran mara gadi baastee ittiin hojjechuu kee irraa kan ka'e qullaa ta'ii du'i. Namni ati saamte tokko illee hin jiraatin. #Jireenyi lakka'amu egaa kan akkanaati. Guutuu ta'anii dhalatanii duwwaa ta'anii du'uu! #Dammaqi! Ka'i! Socho'i! Karoorsi! Tarsiimoo sirrii lafa kaa'i! Irratti hojjedhu! Addunyaa suphee siin jettuuf warqee ta'uu kee mirkaneessi!
#Barri kun bara itti warqummaan kee mul'atu; bara itti mul'anni keessa kee jiru ba'ee ifatti argamu ta'uu qaba. Eyyee! Siinan jedha! Warqee suphee uffattee jirtuu nana suphee kee urgufadhu! #Gatii ofiif kenni!

#Walgeenyi Tulluu Milkaa'inaa irratti!!

👇👇👇👇👇#Join🙏🙏🙏

@Bedadina
👉#Abjuu kee #Du'a Irraa Eegi!

#Abjuu kee du'a irraa eeguu qabda. Wantoonni abjuu dhaloota ajjeesan baay'eedha.
Isaan keessaa muraasni:-
#Abdii kutannaa
#Gabaabsanii yaaduu
#Sirna addunyaa fi imala karaa addunyaa adda baafachuu dhabuu.
#Of gowwoomsuu
#Jijjiiramaaaf qaama biroo eeguu.
#Yeroo ofii seeraan fayyadamuu dhabuu
#Of tuffachuu
#Hiyyummaa Kunuunsuu
#Itti Gaafatamummaa sirriitti hubachuu dhabuu
#Mul'ata dhabuu
👉Mul'anni hin bitamu. Mul'anni bifa hin filatu #Kutannoo fi #Obsaan galma gahuu gaafata malee!!!

#Walgeenyi Tulluu Milkaa'inaa Irratti!!
Galatoomaa🙏🙏🙏
https://t.me/Bedadina
#Dorgommii dhaabi!

#Manni dorgommii halkan tokkoo banaa ta'ee bula jedhama. Yoo namoota biroo wajjin wal bira qabdee of ilaalte gonkumaa gammachuu hin argattu. Yoo gammaddellee gammachuun kee yeroo dheeraa hin turu! Garuu nama ofiin dorgomu eenyullee dhaabuu hin danda'u.

#Jijjiirama keetti gammadi. Mukkeen hundi walqixa hin guddatan, garuu hamma guddachuu danda’anitti dheeratu. Hiriyaa koo hamma ija kee namoota biraa irraa kaaftee of ilaaltu saffisaan tarkaanfatta. Hunda caalaas tasgabbii sammuu qabda!

#Walgeenyi Keenya Tulluu milkaa'inaati.
https://t.me/Bedadina
#Daa'ima Mana #Hidhaatti Dhalate

#Daa'imni Tokko mana hidhaa keessatti dhalate mana hidhaatiin alatti jireenyi biraa akka hin jirretti beekee yoo guddate, Fedhii mana hidhaa keessaa bahuu waan hin qabaanneef jireenyi isaa Jireenya #garbummaa ta'a. #Mana hidhaatiin alatti jireenyi akka jiru waan hin beekneef, bilisummaa hin beekne hin hawwu. #Mana hidhaa kana keessaa yoo bahes waan jiraatu itti hin fakkaatu. Namoota achi keessa jiraniin yoo mari'ates lakkii as keessaa yoo baate jireenyuma kanayyuu ni dhabdaa inumaayyuu ni duuta jedhuun, isaanis manuma hidhaa keessa jiru waan ta'eef jechuudha. #Bilisummaan maal akka ta'es tasumayyuu hin beeku. #Garuu mucaan Kun gaafa mana hidhaatiin alatti jireenyi bilisummaa akka jiru bare maaltu uumama isinitti fakkaata? Hundumtuu ni jijjiirama. Akkamitti akka bahu yoo wallaales halkaniif guyyaa waa'ee bilisummaa yaaduutti ka'a. Hiika bilisummaa hubachuu Fi achi keessaa bahuuf tattaaffii eegala.

#Mana hidhaa Yoon jedhu Isa namoonni Yakka dalagan ykn shakkaman ykn immoo Siyaasa Mootummaa biyya tokkoo mormuun hidhaman miti. Kanan jechaa jiru mana hidhaa sammuuti. Kan sammuunsaa #hiyyummaan hidhame soorummaan itti hin Mul'atu hiyyummaadhumaaf garboomee jiraata.
#Kan qacaramee hojjetaa jirus Achii yoo bahe waan jiraatu hin se'u. Kan sammuunsaa Araada garaagaraan qabames akkasuma.
#Dhimma kanarratti Waan baay'ee jechuun ni danda'ama garuu isiniifan dhiisa...
#Walumaa galatti Mana hidhaa keessaa bahaan dhaamsa kooti!!!🙏🙏🙏
#Walgeenyi Tulluu Milkaa'inaa irratti!!!


@Bedadina
@Saayikoloojii
#Nan Danda'a jedhi!

#Kaayyoo guddaaf gara lafa kanaa dhufte, garuu waan barbaadde hunda galmaan gahuu akka hin dandeenye waan amantuuf, akka namoota baay'ee ta'uuf yaalaa jirta.  #Osoo akka #Risaa balali'uu dandeessuu maaliif akka Lukkuu ...?

#Waan gurguddaa milkeessuuf dursitee waan guddaa bilisummaan yaaduu qabda. #Argitee, jalqaba yaada burqisiifta, sana booda tarkaanfii fudhatta.  #Ani hin danda'u jecha jedhu cabsuun, waan barbaadde hunda akka galmaan geesssuuf uumaan akka siif eeyyame of amansiisi! 


#Amma nan danda'a jechuun ofitti himuun #jalqabi!💪

#Walgeenyi Tulluu Milkaa'inaa irratti!!!🙏🙏🙏

#Galatoomaa! Yeroo Gaarii!!

@Bedadina
@Saayikoloojii