ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.66K subscribers
39 photos
1 video
1 file
108 links
Download Telegram
#Galataa fi gammachuu!

#Umuriin keenya gabaabaadha. Wantoota yeroo kanatti si #dhiphisaa jiran natti himi,yoon siin jedhe waan baay'ee akka tarreessitu nan beeka. Wanti nama ajaa'ibu garuu, umriin siif kenname wantoota si gammachiisan dhandhamachuuf illee gahaa miti!

#Maarree umurii kee gammachuuf illee gahaa hin taane kana gaddaafi yaaddoon qisaaseessita? #Waan tokko tokko akka qabduyyuu erga harka kee keessaa bahee hubatta. Hiriyaa koo amma kan si madaalu galataa fi gammachuu qofa!
#Gammadaa ta'i

#Jireenya gammachuun siif hawwa🙏🙏🙏


#Yaadaa fi yoo qabaattan karaa kanaan nuun gahuu dandeessu!


@Yeroosan_bot
#Teessee Yaadda'uudhaan homaa hin fiddu!

#Ka'i! dammaqi!

#Yeroo tokko tokko wanti nuti yaaddofnu baay'ee nama ajaa'ibsiisa, kanaafidha waan jennee waamnullee ni dhabna! #Wantoota gurguddaa jireenya keenya keessatti qabnuu fi wantoota nu barbaachisan dhiifneet wantoota xixiqqoof Yeroo, gammachuu fi nagaa dhabna! #Wanti baay’ee nama gaddisiisu, wanta gatii hin qabneef yaaddofnee erga dhabnee booda ykn wantoota qaalii qabnu osoo hin argin booda qabeenya meeqa akka qabnu yeroo hubannudha. #Kanaafuu yaaddoo irraa fagaannee, waan qabnu guutummaatti itti gammaduu haa barannu!
#Waan baay'ee qabna #fkf Yeroo, Fayyaa, Mul'ata, Galma, Maatii, Hiriyoota, Hojii, Beekumsa, Gammachuu, nagaa fi kkf.
#Ni Dandeessa!

#Hiriyaa koo 'hin danda'u' yoo jette sirrii dha, hin #dandeessu. 'Nan danda'a' yoo jettes sirrii dha Ni #dandeessa! Hundi isaayyuu harka kee keessa jira! #Waan barbaaddu yoo itti amante akka hin arganne eenyutu si dhowwuu danda'a?

#Akka dandeessu namni akka sitti himu hin eegin! #Yeroo ati waan dandeesse hunda gootu Uumaan kee waan hin danda'amne sitti agarsiisa!

#Yeroo gaariin Isiniif hawwa!!!🙏🙏🙏
@Bedadina
@Saayikoloojii
#Nan Danda'a jedhi!

#Kaayyoo guddaaf gara lafa kanaa dhufte, garuu waan barbaadde hunda galmaan gahuu akka hin dandeenye waan amantuuf, akka namoota baay'ee ta'uuf yaalaa jirta.  #Osoo akka #Risaa balali'uu dandeessuu maaliif akka Lukkuu ...?

#Waan gurguddaa milkeessuuf dursitee waan guddaa bilisummaan yaaduu qabda. #Argitee, jalqaba yaada burqisiifta, sana booda tarkaanfii fudhatta.  #Ani hin danda'u jecha jedhu cabsuun, waan barbaadde hunda akka galmaan geesssuuf uumaan akka siif eeyyame of amansiisi! 


#Amma nan danda'a jechuun ofitti himuun #jalqabi!💪

#Walgeenyi Tulluu Milkaa'inaa irratti!!!🙏🙏🙏

#Galatoomaa! Yeroo Gaarii!!

@Bedadina
@Saayikoloojii
#Ganama Kee #sumatu Bareechata!!!

#Kana ofitti himi hin gaddiin biyyeen waan facaaftu biqilcha.
#Guyyaan har'aa namatti tola, guyyaa addaati jedhi!!
1. Ani adda! Ani nama ajaa'ibaati!
2. Nan danda'a!
3. Sammuu waan gaarii yaadun qaba!
4. Jireenyaa fi imalan jalqabe injifannoonan xumura!
5. Milkaa’aa; gammadaa Ani nama hafuuraati!

#Kana ofitti dubbachuu ykn sagalee ol kaastee dubbisuun qofti miira kee ni jijjiira. Dadhabina kee, yaaddoo kee, rakkoo kee yaaddee #guyyaa kee hin jalqabin! Sababni isaas yoo yaaddoo fi rakkina facaafte yaaddoo fi rakkinuma haammatta. #Waan qabbanaa'aa fi tasgabba'aa sammuu kee keessa galchi yaa firaa koo!

#Yeroo gaariin isiniif hawwa!
@Bedadina
@Saayikoloojii
#Dhaabachuun hin Jiru!

#Wantoonni oliif gadi deemaa jiraachuu danda'u, haala itti fufuu caalaa dhaabuun gaarii fakkaatu keessa jiraachuu dandeessa, garuu harka kennachuun salphaadha.  #Humna walitti qabanii itti fufuun ulfaataadha!

#Yaa  Fira koo kan ati ofiifis taatee sana booda warra jaallattu biras ga'uu dandeessu osoo abdii hin kutatin yoo itti fufte qofa.  #Kanaaf egaa jabaa ta'uu kan qabdu.  #Waan dhiifte amma fudhadhu itti fufi dhaabachuun fala hin ta'u waan ta'eef ka'i!!!🙏🙏🙏

@Bedadina
@Saayikoloojii
#Waan dandeessu hunda #gochaa jirtaa?

#Fira koo, qabeenyi namni siif hin kenninee fi namni sirraa hin fudhanne yoo jiraate #Yeroodha. Yeroo keetti ammuma fayyadami.  Yoo itti hin fayyadamne si #kuffisa!  Yoo itti fayyadamte si #guddisa!

#Yeroo gaariin isiniif hawwa!!
               #Galatoomaa

       @Saayikoloojii

       @Bedadina
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
#Yoo hin dhaabbanne #hojiin kee ni agarsiisa!
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼
#Waan tokko galmaan ga’uuf rakkachaa(Dhama'aa) jirta ta’a;  #Garuu hanga ammaatti bu'aa mul'atu tokkollee hin arganne, onnee kee irraa hojjechaa jirta ta'a, garuu namoonni akka ati isaan fayyadaa jirtu, akkasumas dhiibbaa akka uumtu hin beekan, nama aarsu mitii ?  #Haala kana keessatti  haamilee duriin itti fufuun haa hafuutii Sirumayyuu hojii kee dhiisuu akka barbaaddu si taasisa mitiiree?  #Garuu dhaabuun gonkumaa furmaata miti.Yoo dhaabde Ati  nama faayidaa hin qabnedha.Ati nama hojiin cimaan isaa gatii dhabedha! #Garuu yeroo itti fuftu, gaafa cimtee kan duraa caalaa gumaachitu, sana booda ni #injifatta. #Waan tokko yommuu gootu hanga isa malee namni biraa hojjechuu hindanda'u siin jedhanitti ta'uu qaba!  #Hanga namoota baay'ee hojii irraa fagaachuun yaaddoo ta'utti gahee kee bahaa, sana booda hojiin kee osoo namni hin sakatta'in siif mallatteessa!
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
#Yerooo Gaariin Isiniif Hawwa!!!
        #Share gochuun namoota heddu biraan nuuf gahaa🙏🙏🙏
#Galatoomaa
👇👇👇👇👇👇👇
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼

@Bedadina
🌻🌻🌻🌻🌻🌻
@Saayikoloojii
#Waanta Lama

#Wanti lama guyyaa keenya balleessa
1. Waa'ee kaleessaa yaaduu
2. Dorgommii namoota biroo wajjin

#Waanti ​​lama guyyaa keenya sirreessa
1. Waan qabnu dinqisiifachuu(galateeffachuu)
2. Har'a jiraachuu

#Waan lamatu borii keenya bareechiisa
1. Karoora baasuu fi
2. Sababa amansiisaa kaa'uu

@Saayikoloojii
@Bedadina
👉#Gammachuu dhugaa!

#Waan hundumaatti qajeelaa ta'i. #Ana qofa hin jedhiin. #Namoota biroofis gaarummaa yaadi. #Addunyaan  ana, ana qofa warra jedhaniif nuffisiiftuudha. #Nuti jireenya jiraannu keessatti namoota biroof yoo geenye umuriin keenya ni dheerata, karaan keenya ni qajeela, abdiin keenya ni guddata, keenya abjuun keenyas ni dhugooma.

#Yoo xiqqaate #namoota 10 biraan gahi!!!

👉@Saayikoloojii                👉@Bedadina