💻 Barannoo Tech 💻
16.6K subscribers
131 photos
3 videos
9 files
76 links
ꨄ︎ beekuun gaariidha, waan beekan nama barsiisuun ammoo gaarummaadha.
Download Telegram
🤔Meeqan keessantu Recovery phrase keessan save ykn barreeffattanii kaawwatanii jirtu.

❇️Telegram walletin nama hundaa wallet address ykn recovery phrase mataa isaa kan qabudha.

⚠️ Maarree yoo akka carraa bilbilli keessan bade, telegramin ban isin godhe ykn application telegram bilbila keessanii uninstall gootan maallaqa Tonspacerraa (wallet) qabdan deebistanii argachuuf recovery phrase kana galchuu qabdu yoo harkaa hin qabaanne tahe garuu qarshii achirraa
qabdan salphaamatti dhabdanii jirtu jechuudha.
Recovery phrase kana kan isin argattan suuraarraa ilaalu dandeessu.👆👆

Jalqaba telegram wallet keessa seenuun setting ykn iddoo dot'n sadii jiru tuquun Tonspace Beta kan jedhu jalaa Tap to view kan jedhu tuquun jechoota isiniif dhufan save ykn waraqaarratti tartiiba akka jiruun barreeffadhaa iddoo dhoksaa kaawwadhaa.

Recovery phrase wallet keessan beekuu kan qabdan isin qofaadha namni kan biraa beekuu hin qabu.
👍91
Namoonni wallet keessan blocked isin jalaa tahee ture Vpn banuun fayyadamuu dandeessu yero vpn bantan ni hojjata.
2
Telegiramii keessan akka hin dhabne

Yeroo ammaa kana telegram namoota baay'ee butamaa jira. Odeeffennoo dhuunfaaf gowwoomsaa adda addaa itti hojjachaa jirru irraa deebi'uun of eeggannoo godha.

Tooftaa #phishing fayyadamuun telegram keessan karaa salphaa hatuu danda'u. Kanas akkaataa kanaan raawwatu. #shortlink sinitti ergu.
Yeroo isin link sana bantan #interface telegram fakkaatu siniif bana. #credentials keessan gaafa itti galchitan, bifuma salphaan hatamtaniittu jechuudha. Waanti yeroo baayyee gorsinu yoo jiraate, calliftaniima #link sinitti ergame hin baniinaa.
2
Waa'ee #Interneetarraa Galii argachuu.

1, Interneetarraa Galii argachuun ni danda'amaa?

Deebii: Eeyyen Sirritti ni danda'ama. Bara darbe Yuutuubii qofarraa namni Doolara Mil54 argateeyyuu jira, Itoophiyaa keessatti dhaabbatni Yuutuubii irraa waggaa 1tti Mil.80 argate ni jira.

2) Dhaabbileen sirrii karaa Interneetaa namaa kafalan kam fa'a?
Dhaabbileen karaa interneetaa namaaf kafalan lakkoofsaan baay'eedha. Isaan keessaa bebeekkamoon Dhaabbilee gurguddoo akka Google, Facebook, Tiktok, Instagram, Telegram, Youtube, Amazon, fikkf yoo tahu, Dhaabbilee kana irratti hojii walitti fufaa akka viidiyoo hojjachuu, barreeffama barreessuu, beeksisa hojjachuu fa'a yoo tahu,
Dhaabbilee akka Upwork, fiver, LinkedIn irratti garuu beeksisa hojii bahan hordofnee dorgomuudhaan hojicha yoo moo'anne manuma keenya teenyee hojjachuudhaan hojicha qulqullinnaan yoo raawwanne kafaltiin nuuf kafalama.

3) Dhaabbileen Kafaltii namaaf kafalan dhaabbilee sirrii tahuu akkamitti beekna?
Gaaffiin kun gaaffii ijoo namni hedduu yeroo ammaa dogoggora keessatti akka kufuufi saamicha adda addaatiif hawaasa baldhaa saaxilaa jiraniidha.
Dhaabbileen Kafaltii namaaf kafalan siirrii tahan beekuufi adda baafachuun salphaadha. Tooftaaleen fayyadamuu qabnu:
a) Dhaabbileen Interneetaan mallaqa namaaf kafalan Bebeekkamoo akka gubbatti eerree kanneen tahuu adda baafachuu
b) Dhaabbatni Kafaltii namaaf kafalu dhaabbata sirrii taanaan dhoksaan osoo hin taane waldorgomsiisee ykn hojii keenya irra deddeebiidhaan hojjannu agarsiifnee akka nuuf kafalamu gaafannee kafaltii argachuuf ulaagaa guutuu qabnu yeroo guutnu, Kafaltii tokko osoo nu hin gaafatin hojii keenya hojjanne sanaaf Kallattiidhaan kafaltii madaalawaa nuuf erga. Fkn: Yuutuubii irraa galii argachuuf Hordoftoota Kuma 1 Qabaachuu, hojiin keenya sa'aatii 4000 ilaallamuu qaba.
Karaa Google, Tiktok, Facebook fa'as ulkaagaa garagaraatu jira.
-- Kafaltiin ulaagaa akkasii keessa dabarree argannu kan soba irraa bilisa taheefi sababni nuuf kafalamuufis ifatti beekkamuudha.

Dhaabbilee Hattuu adda baafachuuf ammoo:
-- Kafaltii argachuuf dursa miseensa tahaa, baasii miseensummaa Mallaqa akkasii(hangasii) kafalu qabdu kanneen jedhan
-- Caasaa ijaaraa(Pramid sceme) uumaa adaduma miseensa fiddaaniin fayyadamaa kanneen jedhan
--
Level kanarraa gara Level sanaa darbuuf Mallaqa hammasii kafali warra jedhan fa'a


Walumaagalatti sababa tokko malee ykn sababa isin qabatamatti hin beekneen mallaqni akkasii siif kafalama dursii mallaqa kana kafali, Mallaqa dhaalaan argadhe maqaa keetiin gara biyya kee erga, siin wajjiin investi gochuu fedha biyya kee dhufa, Meeshaalee adda addaa siif ergeera mallaqa xiqqoo kafalii fudhadhu.... fi kkf hundi garee HATTUUDHA, irraa fagaadhaa, Firootaafi maatii keessan irraa ittisaa.

Share 🚀
@Barannoo_Tech
👍305
Alert guys ⚠️⚠️📣📣

Another try to phishing your telegram account

Don't try to login your telegram account to unknown website
👍43
-Samsung One UI 7 update

Galaxy S Series:

• Galaxy S24 Ultra
• Galaxy S24+
• Galaxy S24
• Galaxy S23 Ultra
• Galaxy S23+
• Galaxy S23
• Galaxy S23 FE
• Galaxy S22 Ultra
• Galaxy S22+
• Galaxy S22
• Galaxy S21 Ultra
• Galaxy S21+
• Galaxy S21
• Galaxy S21 FE

Galaxy Z Series (Foldables):

• Galaxy Z Fold 6
• Galaxy Z Fold 5
• Galaxy Z Fold 4
• Galaxy Z Fold 3
• Galaxy Z Flip 6
• Galaxy Z Flip 5
• Galaxy Z Flip 4
• Galaxy Z Flip 3

Galaxy A Series:
-Galaxy A05s
• Galaxy A73
• Galaxy A55
• Galaxy A54
• Galaxy A53
• Galaxy A35
• Galaxy A34
• Galaxy A33
• Galaxy A25
• Galaxy A24
• Galaxy A23
• Galaxy A16
• Galaxy A15
• Galaxy A14

Galaxy M Series:

• Galaxy M55s
• Galaxy M55
• Galaxy M54
• Galaxy M53
• Galaxy M34
• Galaxy M33
• Galaxy M15

Galaxy F Series:

• Galaxy F55
• Galaxy F54
• Galaxy F34
• Galaxy F15

Tablets:

• Galaxy Tab S10 series
• Galaxy Tab S9 series (including FE models)
• Galaxy Tab S8 series
• Galaxy Tab A9 series
• Galaxy Tab Active5
• Galaxy Tab Active4 Pro
👍2710👏3
"Dargaggoonni qajeelchaa Addunyaa dijitaalaa ta'uu qabu!" MMI Dr. #Abiy_Ahmed

Koodeessitoota Miiliyoona 5 kan jenne dhaloonni tekinooloojii fi Arteefishaal intelejensii osoo hin sodaatiin akka itti seenuuf, fayyaa, qonna, induustirii, magaala qixa sanaan kan ilaalalu bara dhufuuf kan qophaa'e; bara itti aanu ofiisaaf qofaa godhee kan hojjete akka ta'uufidha!
👍12
Forwarded from .
━━━━━━━━━━━━
❗️  JOIN NOW  ❗️ 
━━━━━━━━━━━━

Thanks for our support 🙏 🙌 ❤️
https://t.me/addlist/sZz1Dk49-p9kNDU0

⚠️  AUTODELETED IN 48HRS ⚠️


✌️ Itti dhihaadhaa 😎 Itti Gammadaa!☝️
7👍2
#Teknoolojiin AI saffisa kanaan dura hin mul'anneen guddachaa jira, Akkasuma Afaan Oromoo tiinis akka gaaritti wal baraa jiru, teeknooloojiiwwan kanaan dafanii of wal baruun barbaachisaa dha.
Guddina haaraa keessaa Grok 3 kan Xai, DeepSeek kan Chaayinaa, ChatGPT kan OpenAI, Copilot kan Microsoft, Gemini kan Google fi kanneen biroo hedduu argina.
👍121
💻 Barannoo Tech 💻
#Teknoolojiin AI saffisa kanaan dura hin mul'anneen guddachaa jira, Akkasuma Afaan Oromoo tiinis akka gaaritti wal baraa jiru, teeknooloojiiwwan kanaan dafanii of wal baruun barbaachisaa dha. Guddina haaraa keessaa Grok 3 kan Xai, DeepSeek kan Chaayinaa,…
Meeshaalee kana haala bu'a qabeessa ta'een fayyadamuun murteessaadha.

#Prompting

#Teekniikoota yeroo ammaa barbaachisa ta'an keessaa tokko Prompting dha. Koorsiilee addatti mataduree kanaaf qophaa'es jira. Tooftaalee ykn malawwan gaaffilee AI gaafannu irraa bu’a qabeessa ta’uuf nama fayyadan keessaa:

1. Be Specific - Daangaa itti godhi: Waan beekuu barbaaddu sana adda baasii daangaa itti godhi. Gaaffii ifa hin taane gaafachuu mannaa, balʼinaan ibsiifi kallattis kaayiif. Fakkeenyaaf, "Waa'ee seenaa natti himi" jechuu irra, "Waa'ee seenaa Afrikaanotaa jaarraa 20ffaa duraa, kan baha Afrikaa..." jechuun gaaffii keetiin daangaa fi ifa gochuu dandeessa.

2. Provide Context - Yaada ilaalcha kenniif: Gaaffiin kee mata duree ykn haala murtaa’e tokko waliin yoo walqabate, odeeffannoo duubee barbaachisaa ta’e itti dabali. Kunis ChatGPT deebii fedhii keessaniif ta'u isiniif laata. Fakkeenyaaf, "Waa'ee Addeessaa naaf himi" jechuu irra, "Waa'e Addeessaa ilaalchisee Saayinsiin maal jedha?" jechuun haala gaaffii keetiin ifa gochuu dandeessa.

3. Open-Ended Questions - Gaaffii banaa gaafachuu: Gaaffii deebii eeyyee ykn lakki jedhu caalaa ibsa barbaachaaf gaafachuun gaariidha. Fakkeenyaaf, "Ifni Aduu faaydaa qabaa?" jechuu irra "Faaydaalee ifni Aduu Qaama namaatiif kennu naa tarreessi." jechuun gaaffii keetiin bal'ina fi ibsa dabalataa argachuu dandeessa.

#itti fufa.

Share 🚀
@Barannoo_Tech
👍101
💻 Barannoo Tech 💻
Photo
(•Shortcut Keys System•)
CTRL+A. . . . . . . . . . . . . . . . . Select All CTRL+C. . . . . . . . . . . . . . . . . Copy
CTRL+X. . . . . . . . . . . . . . . . . Cut
CTRL+V. . . . . . . . . . . . . . . . . Paste
CTRL+Z. . . . . . . . . . . . . . . . . Undo
CTRL+B. . . . . . . . . . . . . . . . . Bold
CTRL+U. . . . . . . . . . . . . . . . . Underline
CTRL+I . . . . . . . . . . . . . . . . . Italic
F1 . . . . . . . . . . . . . . . . . . . . . . Help
F2 . . . . . . . . . . . . . . . . . . . . . Rename selected object
F3 . . . . . . . . . . . . . . . . . . . . . Find all files
F4 . . . . . . . . . . . . . . . . . . . . . Opens file list drop-down in dialogs
F5 . . . . . . . . . . . . . . . . . . . . . Refresh current window
F6 . . . . . . . . . . . . . . . . . . . . . Shifts focus in Windows Explorer
F10 . . . . . . . . . . . . . . . . . . . . Activates menu bar options
ALT+TAB . . . . . . . . . . . . . . . . Cycles between open applications
ALT+F4 . . . . . . . . . . . . . . . . . Quit program, close current window
ALT+F6 . . . . . . . . . . . . . . . . . Switch between current program windows
ALT+ENTER. . . . . . . . . . . . . . Opens properties dialog
ALT+SPACE . . . . . . . . . . . . . . System menu for current window
ALT+¢ . . . . . . . . . . . . . . . . . . opens drop-down lists in dialog boxes
BACKSPACE . . . . . . . . . . . . . Switch to parent folder
CTRL+ESC . . . . . . . . . . . . . . Opens Start menu
CTRL+ALT+DEL . . . . . . . . . . Opens task manager, reboots the computer
CTRL+TAB . . . . . . . . . . . . . . Move through property tabs
CTRL+SHIFT+DRAG . . . . . . . Create shortcut (also right-click, drag)
CTRL+DRAG . . . . . . . . . . . . . Copy File
ESC . . . . . . . . . . . . . . . . . . . Cancel last function
SHIFT . . . . . . . . . . . . . . . . . . Press/hold SHIFT, insert CD-ROM to bypass auto-play
SHIFT+DRAG . . . . . . . . . . . . Move file
SHIFT+F10. . . . . . . . . . . . . . . Opens context menu (same as right-click)
SHIFT+DELETE . . . . . . . . . . . Full wipe delete (bypasses Recycle Bin)
ALT+underlined letter . . . . Opens the corresponding menu
PC Keyboard Shortcuts
Document Cursor Controls
HOME . . . . . . . . . . . . . . to beginning of line or far left of field or screen
END . . . . . . . . . . . . . . . . to end of line, or far right of field or screen
CTRL+HOME . . . . . . . . to the top
CTRL+END . . . . . . . . . . to the bottom
PAGE UP . . . . . . . . . . . . moves document or dialog box up one page
PAGE DOWN . . . . . . . . moves document or dialog down one page
ARROW KEYS . . . . . . . move focus in documents, dialogs, etc.
CTRL+ > . . . . . . . . . . . . next word
CTRL+SHIFT+ > . . . . . . selects word
Windows Explorer Tree Control
Numeric Keypad * . . . Expand all under current selection
Numeric Keypad + . . . Expands current selection
Numeric Keypad – . . . Collapses current selection
¦ . . . . . . . . . . . . . . . . . . Expand current selection or go to first child
‰ . . . . . . . . . . . . . . . . . . Collapse current selection or go to parent
Special Characters
‘ Opening single quote . . . alt 0145
’ Closing single quote . . . . alt 0146
“ Opening double quote . . . alt 0147
“ Closing double quote. . . . alt 0148
– En dash. . . . . . . . . . . . . . . alt 0150
— Em dash . . . . . . . . . . . . . . alt 0151
… Ellipsis. . . . . . . . . . . . . . . . alt 0133
• Bullet . . . . . . . . . . . . . . . . alt 0149
®️ Registration Mark . . . . . . . alt 0174
©️ Copyright . . . . . . . . . . . . . alt 0169
™️ Trademark . . . . . . . . . . . . alt 0153
• ° Degree symbol. . . . . . . . . alt 0176

Share 🚀
@Barannoo_Tech
👍92
💻 Barannoo Tech 💻
Photo
• PC Keyboard Shortcuts
• Creating unique images in a uniform world! Creating unique images in a uniform world!
• é . . . . . . . . . . . . . . . alt 0233
• É . . . . . . . . . . . . . . . alt 0201
• ñ . . . . . . . . . . . . . . . alt 0241
• ÷ . . . . . . . . . . . . . . . alt 0247
• File menu options in current program
• Alt + E Edit options in current program
• F1 Universal help (for all programs)
• Ctrl + A Select all text
• Ctrl + X Cut selected item
• Shift + Del Cut selected item
• Ctrl + C Copy selected item
• Ctrl + Ins Copy selected item
• Ctrl + V Paste
• Shift + Ins Paste
• Home Go to beginning of current line
• Ctrl + Home Go to beginning of document
• End Go to end of current line
• Ctrl + End Go to end of document
• Shift + Home Highlight from current position to beginning of line
• Shift + End Highlight from current position to end of line
• Ctrl + f Move one word to the left at a time
• Ctrl + g Move one word to the right at a time
• MICROSOFT®️ WINDOWS® SHORTCUT KEYS
• Alt + Tab Switch between open applications
• Alt +
• Shift + Tab
• Switch backwards between open
• applications
• Alt + Print
• Screen
• Create screen shot for current program
• Ctrl + Alt + Del Reboot/Windows®️ task manager
• Ctrl + Esc Bring up start menu
• Alt + Esc Switch between applications on taskbar
• F2 Rename selected icon
• F3 Start find from desktop
• F4 Open the drive selection when browsing
• F5 Refresh contents
• Alt + F4 Close current open program
• Ctrl + F4 Close window in program
• Ctrl + Plus
• Key
• Automatically adjust widths of all columns
• in Windows Explorer
• Alt + Enter Open properties window of selected icon
• or program
• Shift + F10 Simulate right-click on selected item
• Shift + Del Delete programs/files permanently
• Holding Shift
• During Bootup
• Boot safe mode or bypass system files
• Holding Shift
• During Bootup
• When putting in an audio CD, will prevent
• CD Player from playing
• WINKEY SHORTCUTS
• WINKEY + D Bring desktop to the top of other windows
• WINKEY + M Minimize all windows
• WINKEY +
• SHIFT + M
• Undo the minimize done by WINKEY + M
• and WINKEY + D
• WINKEY + E Open Microsoft Explorer
• WINKEY + Tab Cycle through open programs on taskbar
• WINKEY + F Display the Windows®️ Search/Find feature
• WINKEY +
• CTRL + F
• Display the search for computers window
• WINKEY + F1 Display the Microsoft®️ Windows®️ help
• WINKEY + R Open the run window
• WINKEY +
• Pause /Break
• Open the system properties window
• WINKEY + U Open utility manager
• WINKEY + L Lock the computer (Windows XP®️ & later)
• OUTLOOK®️ SHORTCUT KEYS
• Alt + S Send the email
• Ctrl + C Copy selected text
• Ctrl + X Cut selected text
• Ctrl + P Open print dialog box
• Ctrl + K Complete name/email typed in address bar
• Ctrl + B Bold highlighted selection
• Ctrl + I Italicize highlighted selection
• Ctrl + U Underline highlighted selection
• Ctrl + R Reply to an email
• Ctrl + F Forward an email
• Ctrl + N Create a new email
• Ctrl + Shift + A Create a new appointment to your calendar
• Ctrl + Shift + O Open the outbox
• Ctrl + Shift + I Open the inbox
• Ctrl + Shift + K Add a new task
• Ctrl + Shift + C Create a new contact
• Ctrl + Shift+ J Create a new journal entry
• WORD®️ SHORTCUT KEYS
• Ctrl + A Select all contents of the page
• Ctrl + B Bold highlighted selection
• Ctrl + C Copy selected text
• Ctrl + X Cut selected text
• Ctrl + N Open new/blank document
• Ctrl + O Open options
• Ctrl + P Open the print window
• Ctrl + F Open find box
• Ctrl + I Italicize highlighted selection
• Ctrl + K Insert link
• Ctrl + U Underline highlighted selection
• Ctrl + V Paste
• Ctrl + Y Redo the last action performed
• Ctrl + Z Undo last action
• Ctrl + G Find and replace options
• Ctrl + H Find and replace options
• Ctrl + J Justify paragraph alignment
• Ctrl + L Align selected text or line to the left
• Ctrl + Q Align selected paragraph to the left
• Ctrl + E Align selected

Share 🚀
@Barannoo_Tech
👍234
#Dhaamsa Of Eeggannoo‼️

Telegram irraan linkiin hannaaf kiyyeeffame, Free Telegram Premium fakkeessuun ergamu jira. Yoo linkicha irratti click gootan, accountiin keessan kallattumaan hannaaf saaxilamaa ta’a. Kanaaf, liinkiiwwan akka sanaa irratti click gochuu irraa akka of eegdan isin gaafanna.

#Hubadhu: Accountii hirriyyaa dhihoo irraanis linkicha ergamuu danda’a. Garuu, kan ergaa jiru isa osoo hin taane, accountiin isaa hattoota harka galuun isa fakkeessuun ergamuu mala.

#Setting Telegram kana sirreessuun hordoffii taasisa:

1. Settings -> Devices -> 'Terminate All Other Sessions' jedhu tuquun.
2. 'OK' irratti click gochuun.
3. Sa’aatii 24 keessatti accountii keessan baraaruu dandeessu. Kanarra darbinaan, accountii keessan guutumaan guututti hattootaaf saaxilamuu mala.

Share 🚀
@Barannoo_Tech
43👍18🥰5🎉3
--- Dinqaalee Internet

Lakkoofsa Namoota Intarneetii Fayyadamani


🌐 Namoota intarneetii fayyadaman addunyaa guutuu: 5.56 biliyoonatti tilmaamama.

📊 Namoota intarneetii fayyadaman bara 2024: 5.35 biliyoona jedhama.

🔮 Tilmaamaan bara 2029: 7.9 biliyoona gahuu mala.

🕒 Sa’aatii giddugaleessa fayyadamtoonni intarneetii guyyaa tokkotti fayyadaman: 6.5 sa’aatii.

👥 Dargaggoota umuriin 15-24 ta’an keessaa kan intarneetii fayyadaman: 75%.

👨‍👩‍👧‍👦 Namoota umuriin 25 fi isaa ol ta’an keessaa kan intarneetii fayyadaman: 65%.

📰 | @Barannoo_Tech |
8👍5🎉3👏2
Japan saffisa interneetaa addunyaarratti ol’aanaa ta’e — 1.02 petabyte/sec — galmeessuun seenaa saffisa dijitaalaa jijjiiree ifoomsite.

Kunis akka daataa 1.02 miliyoonaa gigabyte —sekondi tokkotti darban jechuudha! Haala kanaan, Faayiloota Netflix irratti argaman guutuu yeroo sekondi tokkotti buufachuu ni danda’ama.

Saffisni Japan galmeessite saffisa 5G caalaa 1000x ol kan caalu dha. Yeroo ammaa, 5G tajaajila saffisaa nama dhuunfaaf kenna; inni kun ammoo bu’uura teeknooloojii hojii, qorannoo fi daataa guddaa tamsaasuuf ta’e. Kunis daldala, qorannoo saayinsii, fi tajaajila dijitaalaa addunyaa gara fuulduraatti ceesisuuf bu’uura ta’a jedhameera.

📰 | @Barannoo_Tech |
👍119
💻 Laaptooppii haaraa bituun dura wantoota nuyi hubachuu qabnu yookiin beekuu qabnu...

📝 Jalqabarratti gosa Laaptooppii lamatu jiru!

📌 Kan Windows OS'tiin dalagu
📌 Kan Mac OS (Apple qofa)
(Kanneen akka Kali Linux, Ubuntu, Parrot...sirna dalagaa ofii keenyaan fe'annu Custom OS waan ta'aniif bal'inaan gabaarra hin jiran!)

📌 Baayyinaan Laaptoopponni Windows OS'tiin dalagan warreen kanaa gadiiti👇
🔵nHp
🔵 Dell
🔵 Accer
🔵 Toshiba
🔵 Asus
🔵 LG
🔵 SONY fi kkf dha.

📌 Warreen Mac OS(Apple qofa)'n dalagan immoo👇
🔶 Macbook Pro
🔶 Macbook Air
🔶 Macbook Retina

📝 Graphics Card Size
=> 2GB, 4GB, 8GB...

📝 Graphics Card Type
=> Nividea
=> AMD Radeon

📝 Screen (Inchiidhaan)
=> 11", 13.3'', 14", 15.6'', 17.3''

📝 Intel Processor
=> Core i3, Core i5, Core i7, Core i9

📝 HDD (qabiyyee keessoo)
=> 250GB, 500GB, 1TB, 2TB, 4TB...

📝 RAM (Random Access Memory)
=> 4GB, 8GB, 16GB...

📝 Generation
=> 5th, 6th, 7th, 8th

📝 Battery (Baatirii)
=> 10,000 mAh
=> 20,000 mAh
=> 30,000 mAh


📝 OS (Sirna dalagaa) Operating System
=> Windows
=> Mac/Osx
=> Kali linux
=> Ubuntu

🔄Share and Support🔄
11
♻️
👍2312👏3🥰2
Har’a yeroo teknooloojiin addunyaa guutuu keessatti saffisa olaanaan guddachaa jirutti, dandeettii fi carraa teknooloojiin kennu fayyadamuun rakkoo hojii dhabuu fi hiyyummaa keessaa bahuun ni danda’ama. Namni kamuu, yoo yeroo isaa akkasumas fayyaa isaatti xiyyeeffannoo kennate, teknooloojii irraa bu’aa argachuun jireenya isaa fooyyessuu danda’a.

1. Teknooloojii Fayyadamuun Carraa Uumuu

Barnoota Online (Marsariitii) barachuu: Yeroo ammaa kana, barnoota bilisaa ykn gatii muraasa qabu interneetii irraa barachuun ni danda’ama. Barnoota ogummaa haaraa akka computer, programming, design, transcription, fi kan kana fakkaatan barachuun hojii argamsiisuu danda’a.

📝 Online hojjechuu: Namni tokko hojii mana taa’ee hojjetamu (remote/freelance) akka hojjetu gochuudhaan maallaqa argachuu danda’a. Fakkeenyaaf, hojii YouTube irratti viidiyoo uumu, tajaajila gargaarsa Afaanii, yookiin hojii waraqaa barreessuu hojjechuu ni danda’ama.

2. Yeroo Qabuutti Fayyadamuun Milkaa’uu

Yeroo dheeraa hojii dhabuu fi boqonnaa ta’ee hin buqqifne yoo qabdu, yeroo sana of-danda’ee hojjachuu fi barnoota ittiin cimuuf oolchuun baay’ee barbaachisaa dha.
Yeroo guyyaa keessaa daqiiqaa muraasaaf illee hojii ofii irratti xiyyeeffachuun bu’aa guddaa fiduu danda’a.

3. Fayyaa Qabdu Fayyadamuun Hojii Ummachuu

Fayyaa qabaachuun carraa cimaa dha. Namni fayyaa qabu hojii ulfaataa fi yeroo dheeraa fudhatu hojjechuu ni danda’a. Kun ammoo carraa daldalaa banuu yookiin hojii ofii eegaluuf gahee olaanaa qaba.

Yoo fayyaan sirraa jiraate, hojii akka mindaa xiqqoo qabu jalqabuun muuxannoo horachuudhaan gara carraa guddinaatti ce’uuf ni gargaara.

4. Sochii Daldalaa Xiqqaa (Small Business) Eegaluu

Teknooloojii fayyadamuun hojii xiqqaa jalqabuu ni dandeessa. Fakkeenyaaf:

📝 Tajaajila tamsaasa miidiyaa hawaasaa kennuu (social media marketing).

Xumura irratti, yeroo, fayyaa fi teknooloojii fayyadamuun, dandeettii fi fedhii qofaan hiyyummaa keessaa bahuun ni danda’ama. Namni tokko yeroo isaa daangeffachuun, ogummaa barachuun, fi teknooloojii irraa bu’aa argachuun galii ofii babal’isuuf tattaaffii godhuun bu’aa isaa ni argata.

📰 | @Barannoo_Tech | 🌐
25👍4🎉1