💻 Barannoo Tech 💻
16.6K subscribers
131 photos
3 videos
9 files
76 links
ꨄ︎ beekuun gaariidha, waan beekan nama barsiisuun ammoo gaarummaadha.
Download Telegram
Yeroo Ammaa kana Liinkii Major keessan group irra gochuun start waliif gochuu dandeessu!

Hubachiisa..Nama liinkii biraa maxxanse kallattiidhaan Ban goona
⚠️Of eeggannoo

➡️Liinkiin argitan kuni fi kanneen kana fakkaatan kanneen biroo hiriyoota keessan irraas ta'e namoota isin hinbeekne irraa yoo kan isinitti ergamu ta'e tasuma hin baninaa.

➡️Account keessan #hack gochuuf link namatti ergamanidha. Keessattuu Liinkiiwwan #https osoo hin taanee kanneen #http (without s) qofaan eegalan tuquun hinbaninaa

➡️Namoonni tarii duraan isinitti ergamee bantanii jirtan ammoo hacking kanaaf saaxilamtanii jiraachuu dandeessu waan ta'eef #setting keessa seenuun #device kan jedhu jala account isin hinbeekne kan biraa jiraannan #logout or #terminate godhaani.

Share 🚀
@Barannoo_Tech
👍51
Code : just🌷
#OpenAI'n Search ChatGPT

#Kamis darbe, OpenAI' waan haaraa tokko qabatee as bahe dhaabbata guddaa addunyaa dorgomaa dhabe Google akka gaaritti morkata jedhame eegama.

OpenAI platform search banuu beeksise. Search AI'n kun, bu'aa search caalatti, gabaasa oduu, gatii qabeenya, haala qilleensaa fi bu'aa tapha ispoortii yeroo dhugaa keessatti agarsiisuu danda'a jedhama.

Kunis, walta'iinsa OpenAI fi The Associated Press, Financial Times, Le Monde, News Corp., Time fi qooda fudhattoota gurguddoo miidiyaa addunyaa waliin ta'uuni


OpenAI'n amma dorgommii cimaa Microsoft - kan bakka bu'aa AI'n Bing keessatti makamu - search engine AI'n gaggeeffamu Perplexity fi, dorgomaa gurguddoo Google waliin seenuuf jira. Miseensonni kaffaltii Plus fi Team irratti argaman search amala kana ChatGPT keessatti yaalu danda'u. Amaloota search kunis, "ji'oota dhufaniin" akka tajaajila bilisaa keessatti argamu waadaa galeera OpenAI.

#OpenAI #news
2👍2
🎁 Airdrop jechuun maali?

➮Addunyaa maallaqa kirpitoo keessatti airdrop jechuun mala maallaqa kirpitoo ykn token murtaa’e tokko teessoo boorsaa baay’ee irratti raabsuudha.

➮Akkaataa idileetti, airdrops kan fayyadaman startups fi pirojektoota blockchain irratti hundaa’aniin miseensota hawaasaa badhaasuuf hirmaannaa kakaasuuf ykn token haaraa raabsuuf.

➮Raabsiin kun haal-duree tokko malee ta’uu danda’a ykn hirmaattonni gochoota murtaa’an kanneen akka barruu oduu irratti galmaa’uu maallaqa kirpitoo biraa hamma murtaa’e qabachuu, ykn pirojekticha miidiyaa hawaasaa irratti beeksisuu akka raawwatan gaafachuu danda’a.

➮Pirojektoonni bilookicheenii akka meeshaa gabaatti fayyadamuun xiyyeeffannoo hawwachuu fi namoonni qaama hawaasa isaanii akka ta’an jajjabeessuuf.

Aidrop Akkmitti hojjanna?
📉 Ulaagaalee; Airdrop argachuuf yeroo baayyee fayyadamtoonni ulaagaalee addaa guutuu qabu. Fakkeenyaaf, maallaqa kirpitoo biraa hamma murtaa’e qabachuu, garee miidiyaa hawaasaa tokkotti makamuu ykn waltajjii murtaa’e tokko irratti galmaa’uu.

📉 Mala Raabsaa: Tookiin kallattiin gara boorsaa fayyadamtootaatti raabsama Kunis ofumaan kan ta’uu danda’u yoo ulaagaalee ulaagaa guutan ykn hojiiwwan murtaa’an erga xumuranii booda harkaan ta’uu danda’a.

📉 Teeknooloojii Blockchain: Airdrops kan gaggeeffamu teeknooloojii blockchain fayyadamuun, iftoominaa fi nageenya mirkaneessuudha. Tookiin kun akkaataa idileetti blockchains beekamoo kan akka Ethereum ykn Binance Smart Chain irratti raabsamu.

📉 Kontiraata Ismaartii: Waliigalteewwan ofumaan raawwatan kun adeemsa raabsaa ofumaan kan hojjetan yoo ta’u, bu’a qabeessaa fi nageenya akka qabaatu taasisa.

➤Barnoota kennaa kutaa lammaffan itti fufna namonnii kamu Aidrop hojjachuun dura hubannoo dhan cryptocurrency jalqaba irra kaase haga jiddu-galeessatti beeku qabu.
➤Obsaan haga dhuma dubbisaa kutaa lammaffan akka isiinf dhiyesinu yoo barbadaan ta’ee react ❤️👍 fi share qofa godha galatoomaa.
👍91
WALLETIN MAALIN?
Wallet jechuun iddoo qarshii dijitaalaa fudhanne itti kaawwannu jechuudha.

Dabalataan qarshii dijitaala kamu bituufis ta'e gurguruuf Walletota kana fayyadamna.

Walleti kana banachuuf hedduun isaanii paaspoortii kan barbaadan ta'us galma'uu qofaan itti fayyadamuu kan dandeenyu jiru.

Walleti amanamoo jedhaman kessaa muraasni.

Passportii warra qabdaniif

➤Binance
➤OKX

Kannen passport malee emaildhan bananne itti fayyadamu dandennu.

➤Trust wallet
➤MetaMask
➤Faucetpay

Hubachiisa hojiin Ciryptodhan walqabate kamuu hojechuun dursa walleti banachuun dirqama.

➤Hubachiisa walletdhan amma an maqaa kaase kun ijoo dha male hagana miti akkuma isiniif galu yaadeti male wallet hedduutu jira mee siin wallet kam fa'a maqaa beeytaan kam irra mallaqaa qabdaan?
Cryptocurrency fi Bitcoin maaliin?

CRYPTOCURRENCY JECHUUN MAALI?🤔
༆Cryptocurrency jechuun mallaqa dijitaala harkaa kennatti banne deemnu osoo hin taane mallaqa kara internetii yookiin online irratti itti gargaaramnu kan mootumaa fi daabbileen dhunfaan kan hin to'atamne jechuudha.
 
BITCOIN HOO MAALIN?🤔
༆Bitcoin kan uumamee 2009 Bitcoin cryptocurrency keessaa isa tokko yoo ta'u kan uumee nama satoshi nakamoto jedhamuun umaame.

༆Amaaloota cryptocurrency fi Bitcoin mootummota fi baankootan kan maxxansamu ta'uu dhabu isaati akkasumas to'atamus hin danda'amu.

༆Bitcoin gosaa cryptocurrency kessa tokko kan ta'e yoo taa'u,kan uumaamuu adeemsa manning jedhamuunidha.

➤Fakkeenyaaf gatiin Bitcoin mallaqaa itoophiyaati BTC 1= qarshii Itiyoophiyaa miliyoona 3.8 hubachiisa gatiin isaanii yeroo yeroon jijjiirama.
1
BLOCKCHAIN MAALIN? 😘

༆Blockchain akka galmee dijitaalaa guddaa galmeewwan hundi bilookii ykn sansalataan walitti hidhamanuug keessatti kuufamaniidha.

➡️ Tokkoon tokkoon bilookicheenii akka fuula kitaaba tokkootti fuula tokkoon tokkoon isaa isa duraa wajjin walqabatee jiru jechuudha.

➡️ Blockchain haada ykn hiitu tokkoon tokkk isaa hundaaf ooludha.

FAYYADAMA BLOCKCHAIN📄

1️⃣ Maallaqa crypto: BITCOIN, ETHEREUM, fi kanneen biroo daldalli hundi blockchain irratti galmaa'a.

🚩 Smart Contracts: Sagantaa yeroo haal-duree guutamu ofumaan haala waliigaltee raawwatu.

🚩 Supply Chain Tracking: Sochii meeshaalee oomisha irraa gara gurgurtaatti hordofuuf gargaara Akka GPS qabbanaawaa oomishaaf.
🤔Meeqan keessantu Recovery phrase keessan save ykn barreeffattanii kaawwatanii jirtu.

❇️Telegram walletin nama hundaa wallet address ykn recovery phrase mataa isaa kan qabudha.

⚠️ Maarree yoo akka carraa bilbilli keessan bade, telegramin ban isin godhe ykn application telegram bilbila keessanii uninstall gootan maallaqa Tonspacerraa (wallet) qabdan deebistanii argachuuf recovery phrase kana galchuu qabdu yoo harkaa hin qabaanne tahe garuu qarshii achirraa
qabdan salphaamatti dhabdanii jirtu jechuudha.
Recovery phrase kana kan isin argattan suuraarraa ilaalu dandeessu.👆👆

Jalqaba telegram wallet keessa seenuun setting ykn iddoo dot'n sadii jiru tuquun Tonspace Beta kan jedhu jalaa Tap to view kan jedhu tuquun jechoota isiniif dhufan save ykn waraqaarratti tartiiba akka jiruun barreeffadhaa iddoo dhoksaa kaawwadhaa.

Recovery phrase wallet keessan beekuu kan qabdan isin qofaadha namni kan biraa beekuu hin qabu.
👍91
Namoonni wallet keessan blocked isin jalaa tahee ture Vpn banuun fayyadamuu dandeessu yero vpn bantan ni hojjata.
2
Telegiramii keessan akka hin dhabne

Yeroo ammaa kana telegram namoota baay'ee butamaa jira. Odeeffennoo dhuunfaaf gowwoomsaa adda addaa itti hojjachaa jirru irraa deebi'uun of eeggannoo godha.

Tooftaa #phishing fayyadamuun telegram keessan karaa salphaa hatuu danda'u. Kanas akkaataa kanaan raawwatu. #shortlink sinitti ergu.
Yeroo isin link sana bantan #interface telegram fakkaatu siniif bana. #credentials keessan gaafa itti galchitan, bifuma salphaan hatamtaniittu jechuudha. Waanti yeroo baayyee gorsinu yoo jiraate, calliftaniima #link sinitti ergame hin baniinaa.
2
Waa'ee #Interneetarraa Galii argachuu.

1, Interneetarraa Galii argachuun ni danda'amaa?

Deebii: Eeyyen Sirritti ni danda'ama. Bara darbe Yuutuubii qofarraa namni Doolara Mil54 argateeyyuu jira, Itoophiyaa keessatti dhaabbatni Yuutuubii irraa waggaa 1tti Mil.80 argate ni jira.

2) Dhaabbileen sirrii karaa Interneetaa namaa kafalan kam fa'a?
Dhaabbileen karaa interneetaa namaaf kafalan lakkoofsaan baay'eedha. Isaan keessaa bebeekkamoon Dhaabbilee gurguddoo akka Google, Facebook, Tiktok, Instagram, Telegram, Youtube, Amazon, fikkf yoo tahu, Dhaabbilee kana irratti hojii walitti fufaa akka viidiyoo hojjachuu, barreeffama barreessuu, beeksisa hojjachuu fa'a yoo tahu,
Dhaabbilee akka Upwork, fiver, LinkedIn irratti garuu beeksisa hojii bahan hordofnee dorgomuudhaan hojicha yoo moo'anne manuma keenya teenyee hojjachuudhaan hojicha qulqullinnaan yoo raawwanne kafaltiin nuuf kafalama.

3) Dhaabbileen Kafaltii namaaf kafalan dhaabbilee sirrii tahuu akkamitti beekna?
Gaaffiin kun gaaffii ijoo namni hedduu yeroo ammaa dogoggora keessatti akka kufuufi saamicha adda addaatiif hawaasa baldhaa saaxilaa jiraniidha.
Dhaabbileen Kafaltii namaaf kafalan siirrii tahan beekuufi adda baafachuun salphaadha. Tooftaaleen fayyadamuu qabnu:
a) Dhaabbileen Interneetaan mallaqa namaaf kafalan Bebeekkamoo akka gubbatti eerree kanneen tahuu adda baafachuu
b) Dhaabbatni Kafaltii namaaf kafalu dhaabbata sirrii taanaan dhoksaan osoo hin taane waldorgomsiisee ykn hojii keenya irra deddeebiidhaan hojjannu agarsiifnee akka nuuf kafalamu gaafannee kafaltii argachuuf ulaagaa guutuu qabnu yeroo guutnu, Kafaltii tokko osoo nu hin gaafatin hojii keenya hojjanne sanaaf Kallattiidhaan kafaltii madaalawaa nuuf erga. Fkn: Yuutuubii irraa galii argachuuf Hordoftoota Kuma 1 Qabaachuu, hojiin keenya sa'aatii 4000 ilaallamuu qaba.
Karaa Google, Tiktok, Facebook fa'as ulkaagaa garagaraatu jira.
-- Kafaltiin ulaagaa akkasii keessa dabarree argannu kan soba irraa bilisa taheefi sababni nuuf kafalamuufis ifatti beekkamuudha.

Dhaabbilee Hattuu adda baafachuuf ammoo:
-- Kafaltii argachuuf dursa miseensa tahaa, baasii miseensummaa Mallaqa akkasii(hangasii) kafalu qabdu kanneen jedhan
-- Caasaa ijaaraa(Pramid sceme) uumaa adaduma miseensa fiddaaniin fayyadamaa kanneen jedhan
--
Level kanarraa gara Level sanaa darbuuf Mallaqa hammasii kafali warra jedhan fa'a


Walumaagalatti sababa tokko malee ykn sababa isin qabatamatti hin beekneen mallaqni akkasii siif kafalama dursii mallaqa kana kafali, Mallaqa dhaalaan argadhe maqaa keetiin gara biyya kee erga, siin wajjiin investi gochuu fedha biyya kee dhufa, Meeshaalee adda addaa siif ergeera mallaqa xiqqoo kafalii fudhadhu.... fi kkf hundi garee HATTUUDHA, irraa fagaadhaa, Firootaafi maatii keessan irraa ittisaa.

Share 🚀
@Barannoo_Tech
👍305
Alert guys ⚠️⚠️📣📣

Another try to phishing your telegram account

Don't try to login your telegram account to unknown website
👍43
-Samsung One UI 7 update

Galaxy S Series:

• Galaxy S24 Ultra
• Galaxy S24+
• Galaxy S24
• Galaxy S23 Ultra
• Galaxy S23+
• Galaxy S23
• Galaxy S23 FE
• Galaxy S22 Ultra
• Galaxy S22+
• Galaxy S22
• Galaxy S21 Ultra
• Galaxy S21+
• Galaxy S21
• Galaxy S21 FE

Galaxy Z Series (Foldables):

• Galaxy Z Fold 6
• Galaxy Z Fold 5
• Galaxy Z Fold 4
• Galaxy Z Fold 3
• Galaxy Z Flip 6
• Galaxy Z Flip 5
• Galaxy Z Flip 4
• Galaxy Z Flip 3

Galaxy A Series:
-Galaxy A05s
• Galaxy A73
• Galaxy A55
• Galaxy A54
• Galaxy A53
• Galaxy A35
• Galaxy A34
• Galaxy A33
• Galaxy A25
• Galaxy A24
• Galaxy A23
• Galaxy A16
• Galaxy A15
• Galaxy A14

Galaxy M Series:

• Galaxy M55s
• Galaxy M55
• Galaxy M54
• Galaxy M53
• Galaxy M34
• Galaxy M33
• Galaxy M15

Galaxy F Series:

• Galaxy F55
• Galaxy F54
• Galaxy F34
• Galaxy F15

Tablets:

• Galaxy Tab S10 series
• Galaxy Tab S9 series (including FE models)
• Galaxy Tab S8 series
• Galaxy Tab A9 series
• Galaxy Tab Active5
• Galaxy Tab Active4 Pro
👍2710👏3
"Dargaggoonni qajeelchaa Addunyaa dijitaalaa ta'uu qabu!" MMI Dr. #Abiy_Ahmed

Koodeessitoota Miiliyoona 5 kan jenne dhaloonni tekinooloojii fi Arteefishaal intelejensii osoo hin sodaatiin akka itti seenuuf, fayyaa, qonna, induustirii, magaala qixa sanaan kan ilaalalu bara dhufuuf kan qophaa'e; bara itti aanu ofiisaaf qofaa godhee kan hojjete akka ta'uufidha!
👍12
Forwarded from .
━━━━━━━━━━━━
❗️  JOIN NOW  ❗️ 
━━━━━━━━━━━━

Thanks for our support 🙏 🙌 ❤️
https://t.me/addlist/sZz1Dk49-p9kNDU0

⚠️  AUTODELETED IN 48HRS ⚠️


✌️ Itti dhihaadhaa 😎 Itti Gammadaa!☝️
7👍2
#Teknoolojiin AI saffisa kanaan dura hin mul'anneen guddachaa jira, Akkasuma Afaan Oromoo tiinis akka gaaritti wal baraa jiru, teeknooloojiiwwan kanaan dafanii of wal baruun barbaachisaa dha.
Guddina haaraa keessaa Grok 3 kan Xai, DeepSeek kan Chaayinaa, ChatGPT kan OpenAI, Copilot kan Microsoft, Gemini kan Google fi kanneen biroo hedduu argina.
👍121