Biiroo Barnoota Oromiyaa
1.1K subscribers
651 photos
2 videos
14 files
173 links
Baga gara Biiroo Barnoota Oromiyaa2
Download Telegram
Happy New Year 2019 πŸŽ‰πŸ‡ͺπŸ‡Ή
Beeksisa
Barattoota Qormaata Seensaa MBBA fi MBA Fudhatan Hundaaf
BBO - Fulbaana 02/2019 Barattootni Qormaata Seensaa Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa, WMO fi MB Addaa Sad.2ffaa kutaa 9ffaa galuuf dorgomtan hunduu Qabxii Qormaataa 80% keessaa fudhattaniif hangam/meeqa akka argattan liinkii asii gaditti kenname banuun lakkoofsa galmee(#Registration_Number) bakka maqaa akaakayyuu(#Grandfather's Name) maqaa akaakayyuu keessan galchuun ilaallachuu kan dandeessan ta'uu isin beeksifna. Liinkichis;- exam.oeb.gov.et
#Hubachiisa:- Qabxiin Barattoota Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaa Galchu Boru 03/01/2019 Kan Isin Beeksifnu Waan Ta'eef Nu Hordofaa!

βœ… @B_B_O2
πŸ‘1
Beeksisa Qabxiin Qormaata Seensa Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaa Beekame.
BBO - Fulbaana 03/2019 Biiroon Barnootaa Oromiyaa barattoota manneen barnootaa bultii addaafi manneen barnoota addaa sad. 2ffaa galuuf fedhii qaban qormaata seensaa qopheessuun barattoota manneen barnootaa bultii addaa kutaa 9ffaa galan dhiiraaf qabxii 78%fi ol dubaraaf immoo, 75%fi olu filachuun ni beekama.
Haaluma kana bu'uureeffachuun, barattoota manneen barnootaa addaa sad. 2ffaa kutaa 9ffaa galuu dandanis qabxi qormaata seensaa dhiiraaf 70%fi ol, dubaraaf 67%of kanneen galmeessisan kan filataman ta'uun beekameera.
Kanaafuu, barattootni qabxii asiin olitti tuqameen filatamtan qormaata seensaa marsaa 2ffaa mana barnootaa filatanitti dhihaachun kan fudhatan yoo ta'u, qormaatni fudhatamus Biiroo Barnootaa Oromiyaati qophaa'ee gara manneen barnootaa kan ergamu ta'uunis beekameera. Guyyaa qormaatas tibbana kan ifoomu waan ta'eef qormaata seensaa 2ffaaf akka qophooftan haata'u.

@B_B_O2
❀1πŸ‘1
BEEKSISA Qabxiin Sagantaa 'Remadial' Beekame.
BBO - Fulbaana 04/2019 Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa Qabxii Sagantaa Remadiyaalii'(#Remadial' ) bara 2019 murteesseerra.
A - Haaluma kanaan: 1 - Barattoota Dhiiraa Saayinsii Uumamaafi Hawaasaaf - Qabxii 240/600 fi ol (40%fi ol) 2- Barattoota Dubaraa Saayinsii Uumamaafi Hawaasaaf - Qabxii 228/600 fi ol (38%fi ol) galmeessisan Yunivarsiitii galanii saganticha barachuu kan danda'an ta'uun ibsameera.
B - Barattoota Deeggarsi Addaa Taasifameef
1 - Barattoota dhiiraafi dubaraa Naannoo Affaar, Sumaalee, Beenshaangul Gumuziifi Gaambeelaatiif Saayinsii Uumamaafi Hawaasaatiin Qabxii 222/600fi ol (37%fi ol) 2- Barattoota Naannoo Horsiisee Bulaafi Walakkaan Horsiisee Bulaa ta'aniif Saayinsii Uumamaafi Hawaasaatiif -Qabxii 222/600fi ol (37%fi ol) 3- Barattoota qaro dhabeeyyii dhiiraafi dubaraaf -Qabxii 185/500fi ol (37%fi ol) 4- Barattoota gurraan hin dhageenye dhiiraafi dubaraa, saayinsii uumamaa fi hawaasaaf - Qabxii 222/600fi ol (37%fi ol) galmeessisan.
πŸ‘2
Beeksisa
Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaaf
BBO - Fulbaana 04/2019 Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaa Godinaaleen, Bul/Magaalotaafi Yunivarsiitotan Bulan Hundu
Barattoota Qormaataa Seensaa MBBAfi MBA Qoramuun Qabxiin Isaanii Kan Dhiiraa 70%fi Ol Kan Dubaraa 67%fi Ol Galmeessisan Hanga Fulbaana 06/2019tti Waamicha Taasisun Simattanii Akka Galmeessitan Isin Beeksifna.

Barattootni Qabxii Asii Olitti Tuqame Qormaata Seensaa MBBAfi MBA Galmeessiftan Mana Barnootaa Addaa Isinitti Dhihaatutti Dhaqxanii Akka Galmooftan Isin Beeksifna.

Maatiin Barattootaas Akkuma Kanaan Duraa Deeggarsa Taasisaa Jirtan Akka Itti Fuftan Dhaamsa Keenya Ta'a!

βœ… @B_B_O2
πŸ‘2
Barnoonni bara barnootaa 2019 Naannoo Oromiyaa har’a eegale. ’’ BBO
‎’OBN Cyber Media’ Fulbaana 05, 2019
Barnoonni bara 2019 Naannoo Oromiyaatti barsiifamuu jalqabuu Biiroon Barnootaa Oromiyaa ibse.
Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Tolaa Bariisoo(PhD), Magaalaa Adaamaatti Mana Barnootaa Gadaa Kilooleetti argamuun sirna baruufi barsiisuu bara 2019 jalqabsiisan.
‎Barsiisonni beekumsa qabaniin barnoota qulqullina qabu akka kennan, maatiinis ijoolleesaanii itti dhiyeenyaan akka hordofan, barattoonnis qabxii gaarii fiduuf barnootasaanii sirnaan akka qayyabatan dhaaman Dr.Tolaan.
‎Bara barnootaa 2019 barattoota miliyoona 13fi kuma 500 barsiisuuf karoorfame keessaa hanga har’aatti barattoonni miliyoonni 7 qofti galmaa'uu himuun, Dilbata dhufuun booda galmeen kamiyyuu akka hin jirre ibsanii, maatiin barattoota hafan dafee galmeessuun barnoota eegalchiisuu qabaas dhaaman

βœ… @B_B_O2
πŸ‘2
Naannoo Oromiyaatti barana barattoota miliyoona 13fi kuma 500 barsiisuuf karoorfamuu, Biiroon Barnootaa Oromiyaa ibse.
Barnootni_Itti_Fufeera; Galmeen Dilbata Xumurama.
BBO - Fulbaana 07/2019 Barnootni Bara 2019 Fulbaana 05/2019 Guutuu Oromiyaatti Jalqabamee ture haala ho'aan itti fufeera. Barattootni hanga har'aatti hin galmaa'in/ barnoota hin jalqabin yoo jiraattan hanga Dilbata Fulbaana 10/2019 waaree booda sa'aatii 11:00tti qofa akka galmooftan cimsinee isin beeksifna. Barataan hanga Dilbataatti hin galmoofne Wiixatarraa/11/01/2019 irraa eegalee simannaan hin taasifamu.
Kanaafuu, Maatiin Barattootaafi Hawaasni keenya barattootni guyyoota kennaman keessatti akka galmaa'an jajjabeessuun carraa kennametti akka fayyadaman deeggarsi keessan barbaachisaa ta'uun dhaamsa keenya ta'a.


'' Barataan hin galmoofne hin baratu!``


βœ… @B_B_O2
πŸ‘2❀1
BEEKSISABarattoota MBBA Federaalaa #WALISOO Hundaaf!

BBO - Fulbaana 14/2019 Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa barattoota Haaraafi Buleeyyii MBBA Federaalaa guyyaan gara manneen barnootaa itti ramadamaniitti Fulbaana 18 -19/2019tti galuu qaban jechuun waamicha taasisuun ni yaadatama. Haata'u malee beeksisa har'a baasaniin barattootni haaraan kutaa 9ffaafi 10ffaa, akkasumas barattootni buleeyyin Mana Barnootaa Bultii Addaa Sad. 2ffaa Walisoo hanga waamichi biraa isiniif taasifamutri akka eegdan jedheera. Kanaafuu, gara mana barnootichaa akka dhuftan waamichi hanga isiniif taasifamutti akka eeggattan isin beeksifna. #Barattoota_MBBA_Federaalaa_Hundaaf!Manneen barnootaa itti ramadamtan irraa odeeffannoo argachuu yoo barbaaddan #bilbiloota asii gaditti isiniif taa'etti fayyadamuun akka hordoftan haa ta'u.

βœ… @B_B_O2
πŸ‘2❀1