Biiroo Barnoota Oromiyaa
1.09K subscribers
640 photos
2 videos
14 files
172 links
Baga gara Biiroo Barnoota Oromiyaa2
Download Telegram
Beeksisa

Barattoota Idileefi Haaraa Bara 2018 Hundaaf

#Galmeen_Barattoota_Idileefi_Haaraa Bara 2018 Hagayya 26/2017 Jalqabama.
------------------
BBO- Hagayya 08/2017 Galmeen Barattoota Idileefi Haaraa Bu'uura Boruu dabalatee barattootni kutaa 1- 12 jiran hundi #Hagayya 26/2017 Hanga #Qaammee 5/2017tti kan gaggeeffamu ta'uu Kalaandariin Barnootaa Bara 2018tti agarsiiseera.

Kalaandarii Barnootaa Bara 2018 #Guyyoota Barnootaa 214 Qaba.
#Semisteerri 1ffaan Guyyoota 112 kan qabu yoo ta'u,
#Semisteerri 2ffaan immoo Guyyoota 102 qaba.

#Odeeffannoo_guutuu_argachuuf Kalaandarii Barnootaa Asii Olli Jiru Ilaalaa.

@B_B_O2
👍2
Barattoota Manneen Barnootaa Bultii Addaafi Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaa Galuuf Galmooftan Hundaaf
---------
BBO- 10/12/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaafi Waldaan Misooma Oromiyaa Barattoota Bara 2017 Qormaata Naannoo Kutaa 8ffaa fudhataniifi Ulaagaa dorgommii Manneen Barnootaa Bultii Addaafi Addaa Sad. 2ffaa galuuf isaan dorgomsiisuu guutan galmeessuun ni beekama.

Haaluma kanaan, barattootni dorgommiif galmooftan hundi qormaata Seensaaf waamamtaniiru.
Qormaatni kan Qophaa'e: #Gosa_Barnootaa:-
- Afaan Oromoo
- Ingiliffa
- Herregaafi
- Saayinsii Waliigalaa keessaa yoo ta'u,
#Haala_kenniinsa_qabxii ilaachisee,
- Qormaatni 80%
- Qabxiin Ministirii 15% fi
- Tiraansikriiptiin 5% ta'uun beekameera.
#Guyyaa_Qormaataa:-
Roobii, Hagayya 14/2017
#Sa'aatii Qormaataa:-
Ganama Sa'aatii 2:00 irraa eegala
#Iddoo_Qormaataa:-
Bakka Itti Galmooftan irraa kan argattan ta'a.

@B_B_O2
👍42
#BEEKSISA
Qaammee 5/2017 Booda Manni Barnootaa Barataa Galmeessu Hinjiru !
------------------
BBO- Hagayya 21/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Barattoota Idileefi Haaraa guyyaan galmee Hagayya 26 hanga Qaammee 5/2017 Qofa akka galmaa'an beeksisuun ni yaadatama.

Bu'uuruma kanaan:
Galameen barataa Hagayya 26/12/2017 hanga Qaami'ee 5/13/2017tti #guyyaa_Sanbataa dabalatee guyyoota #Sagaliif otuu wal irraa hincitin waan gaggeeffamuuf #barataan_idilees_ta'ee #haaraan_akka galmooftan_irra_deebinee isin beeksifna.

Kanaafuu, #Hawaasnifi_Maatiin_Barattootaa haaluma kana hubachuun barattootni yeroo galmeef kaa'ame keessatti akka galmeessiftan jechaa, Qaammee 5/2017 booda manneen barnootaa barataa simatee galmeessu akka hinjirre gamanumaa isin beeksifna.

Barsiisotniifi hoggansi manneen barnootaa kanuma hubachuun,
Fulbaana 2-4/1/2018tti barattoota daree dareetti qooduun maqaasaanii roostarii irratti akka qabattan;
Fulbaana 5/1/2018 barnoota kennuu jalqabuu,
Kunis yeroon barnootaa bara 2018 akka hin qisaasofne gargaara.

#Qaammee_5_2017_Booda_Galmeen_Hinjiru!

#Barnootni_Fulbaanaa_05_2018_Eegala!
#Kanaaf, Galmaa'aa! Galmeessisaa!
#Barri_Haaraan_Kan_Milkii_Isiniif_Haata'u!!

@B_B_O2
#Galmeen_Barattoota_Bara_2018 Guutuu Oromiyaa Keessatti Har'a Eegalame.
------------
BBO- Hagayya 26/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Galmeen Barattoota Bara 2018 Hagayya 26 hanga Qaammee 5/2017tti ta'uu Kalaandarii guyyoota barnootaa waliin dabarsuun ni yaadatama.

Haaluma kana bu'uureeffachuun guyyaa har'aa manneen barnootaa Bu'uura Boruu irraa hanga kutaa 12ffaa Naannoo Oromiyaa keessatti argaman barattoota Idileefi Haaraa galmeen eegalameera.

#Hubachiisa
#Guyyaan_Galmee - Hagayya 26 - Qaammee 5/2017 #QOFA
#Qaammee_5_2017_booda_galmeen_hin_jiru.
- Barattootni hanga Qaammee 5/2017tti galmaa'an #Fulbaana_05_2018 daree galanii #barnoota_eegalu.
Kanaafuu, galmeen barataa Qaammee 5/2017 booda wanta hinjirreef #Maatiin_Barataafi_Hawaasni barattootni guyyaa jedhame keessatti akka galmaa'an deeggarsa akka taasiftan dhaamsa keenya ta'a.

@B_B_O2
Hoggansa, Barsiisotaafi Barattoota keenya
Baga Gara Mana Barumsatti nagaan deebitan jechaa barri Barnoota 2018 bara bu'aa guddaa itti galmeessinu akka nuuf ta'un hawwa .

@B_B_O2
#Beeksisa

Barattoota #Qormaata_Seensaa MB Bultii Addaa Sad. 2ffaa Bara 2017 Qoraman Hundaaf
--------------
BBO- Hagayya 30/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaafi Waldaan Misoomaa Oromiyaa waliin ta'uun qormaata seensaa kutaa 9ffaa MB Bultii Addaa Sad. 2ffaa qopheesseen barattoota ulaagaa guutan galmeessuun guyyaa 16/12/2017tti qormaata seensaa buufata 24tti kennuun, barattoota qormaata seensaa qabxii caalmaa dhiiraaf 80%fi oli fi dubaraaf 77% fi ol galmeessisan beeksisuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan walqabatee, barattootni qabxii irratti shakkii qaban tokko tokko qulqulleeffachuu akka barbaadan dhageenyeerra.
Kanaafuu barataan qabxii galmeessise irratti shakkii qabu;
1) Qabxiin qormaataa 5% 15% fi qabxii qormaataa seensaa 80% keessaa qabame, walitti 100% keessaa hangam akka galmeessiftan ragaa guutuu( #Lists ) gara Godinaaleefi Bulchiinsa Magaalotaatti (#Bakka_Itti_Galmooftan) ergamee jira.
#Qabxii kanas ilaallachuu kan dandeessan;
#Qaammee 3- 5/2017 tti qofa qulqulleeffachuu kan dandeessan yoo ta'u,
#Barataan_qabxii_ilaaletti_hin_quufne_yoo_jiraate immoo,
2) Fulbaana 3-4/2018 (Sanbataafi Dilbata) Giddu Gala Qorannoofi Leenjii Barnootaa Oromiyaa - Adaamaatti argaamu ganama sa'aatii 2:30 irraa eegalee tajaajila ni arggattu.
Guyyoota jedhamaniin ala kan dhufu tajaajila hin argatu.

#Hubachiisa:- Qormaatni Seensaa kutaa 9ffaa MBBA kan sororfame akkuma qormaata Naannoo kutaa 6ffaafi 8ffaa Maashinii Ammayyaa qorumsa sororuun kan sororfame waan ta'eef hanga ammaatti hanqina tokko malee kan itti fayyadamaa jirru ta'uu yaada keessa galchuun barbaachisaadha.
Kunis, qulqullinni maashinichaa olaanaa ta'uu agarsiisa.

Walumaagala:-
1) Qabxii ilaallachuu kan barbaadan;
- Waajjira Barnootaa Godinootaafi Bul. Magaalotaatti, Guyyaa 3-5/13/2017 tti qofa yoo ta'u
2) Barataan Qabxii Ilaallatetti hin quufne yoo jiraate;
#Adaamaa, Giddu Gala Qorannoofi Leenjii Barnootaa Oromiyaa keessatti Guyyaa 3-4/01/2018 (Sanbataafi Dilbata) Ganama Sa'aatii 2:30 irraa jalqabee tajaajila ni argattu.
1🔥1
Baratooni kutaa 12 ffaa qabxii Maatrikii torbee kana ykn isa dhufu keessa gadhiifama waan ta'eef sababa adda addaan kan qabxii keessan ilaalachuu hin dandeenye group kana join godhatii qabxii keessaan isiniif ergina 👇👇👇👇
@B_B_O_Group
@B_B_O2
👏4
Barattoonni yeroo bu’aan gadhiifamuttu bu’aa isaanii karaa liinkii armaan gadii lakkoofsa galmeefi maqaa isaanii guutuun ilaaluu ni danda’u

https://result.neaea.gov.et/
@B_B_O2
@B_B_O_Gruop
5👍1
🔔 BEEKSISA

Barattoonni Mana Barumsaa Bultii Addaa Federaalaatti barachuuf galmaa’an hundi

Barattoonni qormaataaf filataman har'a irraa eegalee link ittiin galmooftan keessa seenuudhaan ilaaluu akka dandeessan isin beeksifna. Barattoonni komii qabdan Ministeera Barnootaa osoo qaaman hin dhufin hanga Jimaata, Adoolessa 02, 2018tti qofaa komii keessan toora interneetii irratti dhiyeessu akka dandeessan isin beeksifna.

⚠️ Hubachiisa: Barattoonni qormaata kana darban waajjira barnoota bulchiinsa naannoo/magaalaa keessanitti gabaasa gochuun qormaata onlaayinii dhufuuf qophaa’uu akka qabdan isin yaadachiisuu barbaanna.

@B_B_O2
5👍1
Bu'aan qormaata kutaa 12ffaa galgala har'a sa'atii 6 irratti nii ifooma! 💥
3
#Jijjiirama_Waggaa_Ayyaantutu_Arga!
------
Biiroon Barnootaa Oromiyaa Ummata Itoophiyaa Hundaan Baga Bara Haaraa 2018 Nagaan Geessan/Geenye Jedhuun,
Barri Haaraan Kan Nagaa, Gammachuu, Fayyaa, Badhaadhinaafi Milkaa'inaa Akka Ta'u Hawwa!
#Bara_Gaarii !

የኦሮሚያ ት/ቢሮ ለኢትዮጵያ ሕዝብ በሙሉ እንኳን ለአዲሱ ዓመት 2018 በሰላም አደረሳችሁ/ አደረሰን እያለ፤ አዲሱ ዓመት የሰላም፣ የደስታ፣ የጤና፣ የብልፅግናና የስኬት ዓመት እንድሆንልን ተመኝቷል!
#መልካም_አዲስ_ዓመት!

@B_B_O2
Bu'aan Qormaata kutaa 12ffaa galgala kana hin bahu; akkuma kaleessaa har'as fuula Ministeera Barnootaa fi miidiyaalee idilee hordofnee waan jirruuf homtuu waan hin jirreef boru ayyaana waan ta'eef gara Adoolessa 02/2017tti ni darba. Haala kamiinuu yoo ta’e, bu’aa isaa akka argatte jettee yaaddutti argachuuf qophaa’i. Barattoonni tokko tokko bu'aan isaan hin hojjenne yeroo dhufu dinqiin ni ta'a jedhanii kan yaadan yoo ta'u, gariin ammoo qormaata irratti akka gaariitti hojjetaniiru garuu baay'ee gadi bu'aa ba'aniiru jechuun sababa malee yaadda'u. Waan hojjatte fudhachuuf qophaa'aa!!!

ውጤት ዛሬ ሌሊትም አይለቀቅም ፤ልክ እንደ ትላንቱ ዛሬም ከትምህርት ሚኒስትር ገፅ እና ከ mainstream media ገፆች ተከታትለን ምንም ነገር ስለሌለ ነገ በዓል ስለሆነ ወደ መስከረም 02/2017 ይተላለፋል ። ያም ሆነ ይህ እናንተ እራሳችሁን ሰርተናል ብላችሁ በምታስቡት ልክ ውጤቱን ለመቀበል ተዘጋጁ ። አንዳንድ ተማሪዎች ያልሰሩትን ውጤት ሲመጣ ተዓምር የሚፈጠር ይመስላቸዋል አንዳንዶቹ ደግሞ ፈተና ላይ ጥሩ ሰርተው ወጥተው ግን በጣም አንሶ የሚመጣ መስሏቸው ያለአግባብ ይጨነቃሉ ። የሰራችሁትን ለመቀበል ተዘጋጁ !!!


@B_B_O2
@B_B_O_Group
3
Bu'aan barnoota kutaa 12ffaa bara 2017 yoom gadhiifama???

Hanga ammaatti Ministeera Barnootaa ykn miidiyaalee idilee irraa dubbiin bahuu baatus, boru irraa eegalee gad lakkifamuuf carraan isaanii guddaadha.
🎯Beeksisni kun boru yoo bahe Jimaata halkan hanga Dilbata galgalaatti ni gadhiifama.
🎯Beeksichi guyyaa Dilbataa yoo ba'e Dilbata halkan hanga Wiixata galgalaatti ni gadhiifama.
🎯Beeksisni kun Wiixata yoo ta'e Wiixata halkan hanga Isniina halkan ni gadhiifama. Kanaafuu, bu'aan isaa osoo hin beeksifamin dura beeksisni waan ba'uuf baay'ee yaadda'uu hin qabdu.

@B_B_O2
@B_B_O_Group
2
❗️Bu'aa Qormattaa kutaa 12ffaa ilaalchisee hardhaa odeeffannoon haaraan ni eegama.

Sababni bu'aan qormatta kutaa 12ffaa hanga ammaatti hin ibsamneef bu'aa barattoota hundaa yeroo tokkotti ifoomu waan qabuuf. sirreeffamni bu'aa barattoota tibbana qormaata fudhatan xumuramee jira.

Ministeerri Barnootaa waan hunda yeroo xumuruu fi bu'aa qormatta barattootaa ifoomsuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.

Kanaaf hardhaa bu'aa qormatta kutaa 12ffaa ilaalchisee wanti haaraan jiraachuu mala. Barattoonni obsaan eeggadhaa. Odeeffannoo kana nama hundaaf qooduun Gahee kessan Akka Battanii BBO'n ni Gaffatta.
💥Carraa Gaarii.

Erga bu'aan kutaa 12ffaa bahee barattoonni hedduun bu'aa isaa arguuf rakkacha waan dandanifii Dursaa Channel Kenyaa Irrattii Wan Gadhifamuf Join Jechun Egaa.
@B_B_O2
4
#Wiixata_Dhufu Manneen Barnootaa Hunduu #Adeemsa_Baruu_Barsiisuu Ni Jalqabu,
Barattootni #Miliyoona_11_ol ta'anis galmaa'aniiruu.
----------------
BBO- Fulbaana 02/2018 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Manneen Barnootaa Naannoo keenyaa hunduu Fulbaana 05/2018 irraa jalqabee adeemsa baruu barsiisuu akka gaggeessan kalaandara barnootaa bara 2018 hanga manneen barnootaatti gadi buuseera.

Haaluma kanarratti hundaa'uun galmeen barattootaa hanga Qaammee 5/2017 gaggeeffameen barattootni MB Bu'uura Boruu hanga kutaa 12ffaa jiran miliyoona 11 ol ta'an kan galmaa'uu #mosaajii_galmee_barattootaa #online' irraa arganne agarsiiseera.

Kanaafuu, Wiixata dhufu (Fulbaana 05/2018) Manneen Barnootaa Naannoo keenyaa hundi barattoota galmeessan simachuun barumsi akka jalqabamu #maatiin_barattootaa_ijoollee_isaanii_gara_mana_barnootaa akka ergan jechaa #barattootnis_barnoota_bara_2018 wayitiin tokkollee otuu hinqisaasofne barachuu akka dandeessan har'arraa eegaltanii qophaa'un wiixata ganama(Fulbaana 05/2018) MB keessaniitti akka argamtan isin beeksifna.

@B_B_O2
@B_B_O_Group
3
Mariin Guutuu Oromiyaatti Gaggeeffamu Amma Eegalame!
-------

BBO - Fulbaana 04/2018 Mariin "#Imala_Jijjiirama_Barnoota_Oromiayaa:
#Haala Dura Ture, #Milkaa'ina Hanga #Ammaafi_Kallattii_Fuula _Duraa" irratti gaggeeffamaa jiru hojjattoota Biiroo Barnootaa Oromiyaa dabalatee hojjattootni waajjira barnootaa godinootaa, magaalotaafi aanotaa irratti hirmaatan ganama kana jalqabameera.

Mariin kun guyyaa boruu 04/01/2018 barsiisotaan kan gaggeeffamu ta'uun beekameera.

@B_B_O2
👍31
Oduu Haraaya 🙈

Bu'aan qabxii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa boru ifooma

@B_B_O2
Bu'aan qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa Wiixata galgala irraa eegalee ni gadhiifama.

Bu'aan qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa guyyaa boruu kan gadhiifamu ta'uu Ministeerri Barnootaa beeksiseera.

Tajaajilli Madaallii fi Qormaata Barnootaa dhiheenya kana bu'aan qorannoo kanaa yeroo gabaabaa keessatti akka gadhiifamuu fi guyyaan sirrii ta'e yeroo xumuramu karaa miidiyaa akka ifoomu beeksisee ture.   

Miidiyaaleen hawaasaa adda addaa odeeffannoo sirrii hin taane facaasuun barattoota burjaajessaa akka jiran gabaasnee, barattoonni guyyaa bu'aan qorannoo kanaa hanga dhaabbaticharraa dhaga'anitti obsaan akka eeggatan waamicha gooneerra.

Qormaanni xumuraa bara barnootaa 2017 kutaa 12ffaa guutuu biyyaatti June 23 hanga July 8, 2017tti kan gaggeeffame yoo ta’u, walumaa galatti barattoonni saayinsii uumamaa fi saayinsii hawaasummaatiin galmaa’an kuma 608 fi 742 fi barattoonni 581,905 qormaata kana fudhataniiru.

Barattoonni 134,828 qormaata kana toora interneetii irratti kan fudhatan yoo ta’u,
@B_B_O2
2👍1
Bu'aan qormaata kutaa 12ffaa har'a ifooma
**

Bu'aan qormaata kutaa 12ffaa har'a, Fulbaana 4, 2018 kan ifoomu akka ta'e himame.

Ministeerri Barnootaa akka beeksisetti, bu'aa qormaatichaa ilaalchisee Dilbata har'aa sa'aatii 10:00tti Miidiyaaleedhaaf ibsi ni kennama.

@B_B_O2
1
Barattoonni yeroo bu’aan gadhiifamuttu bu’aa isaanii karaa liinkii armaan gadii lakkoofsa galmeefi maqaa isaanii guutuun ilaaluu ni danda’u

https://result.neaea.gov.et/
@B_B_O2
@B_B_O_Gruop
1👍1
Ministeerri Barnoota qormaata kutaa 12ffaan walqabachuun ibsa kenne.

Bara kana barattoonni dhibbeentaan 8.4 darbuu kan beeksise ministeerichi barri kun isa bara darbeerra fooyya’aa ta’uu ibseera.

Naannoowwan lakkoofsaan barattoota hedduu dabarsa walduraa duubaan Finfinnee, Naannoo Harari fi Naannoo Amaaraadha jedhameera.

Bara kana barnoota saayinsii uumaafi naannoon Oromiyaan qabxii olaanaa galmeessiteetti.

Bifuma kanaanis:

Mana barnootaa Ifa Boruu Dodolaa Dhiiraan qabxii 591 saayinsii Uumamaan tokkoffaa.

Mana Barbootaa Boordiingii Amboo Dhiiraan 562 Saayinsii hawaasaan galmaa’eera.

Walumaa galatti Oromiyaatti barattoonni 11,651 qormaata kutaa 12ffaa bara kanaa milkaa’aniiru.

@B_B_O2
@B_B_O_Group
6👍1🔥1