Biiroo Barnoota Oromiyaa
1.09K subscribers
640 photos
2 videos
14 files
172 links
Baga gara Biiroo Barnoota Oromiyaa2
Download Telegram
Multiple-choice Questions about microbiology, focusing on bacteria, viruses, fungi, and their roles in ecosystems:

1. What is the primary role of decomposer bacteria in an ecosystem?
   A) Photosynthesis 
   B) Nitrogen fixation 
   C) Breakdown of organic matter 
   D) Oxygen production 

2. Which of the following is a characteristic of viruses?
   A) They can reproduce independently. 
   B) They are made up of cells. 
   C) They require a host cell to replicate. 
   D) They can metabolize nutrients. 

3. What type of microorganism is penicillin derived from?
   A) Bacteria 
   B) Virus 
   C) Fungi 
   D) Protozoa 

4. Which of the following bacteria is known for nitrogen fixation in soil?
   A) Escherichia coli 
   B) Rhizobium 
   C) Streptococcus 
   D) Lactobacillus 

5. What is the function of mycorrhizal fungi in ecosystems?
   A) Decomposition of organic matter 
   B) Photosynthesis 
   C) Symbiotic relationship with plant roots 
   D) Pathogen control 

6. Which virus is responsible for the common cold?
   A) Influenza virus 
   B) Rhinovirus 
   C) HIV 
   D) Herpes simplex virus 

7. What is the main component of bacterial cell walls?
   A) Cellulose 
   B) Chitin 
   C) Peptidoglycan 
   D) Protein 

8. Which of the following is NOT a method of bacterial reproduction?
   A) Binary fission 
   B) Budding 
   C) Fragmentation 
   D) Mitosis 

9. Fungi play a crucial role in which of the following processes?
   A) Nitrogen fixation 
   B) Carbon cycling 
   C) Oxygen production 
   D) Photosynthesis 

10. What type of pathogen is Candida albicans?
    A) Bacteria 
    B) Virus 
    C) Fungus 
    D) Protozoa 

11. Which of the following is a beneficial role of bacteria in the human gut?
    A) Causing disease 
    B) Producing vitamins 
    C) Breaking down toxins 
    D) Both B and C 

12. What is the primary way that viruses are classified?
    A) By their size 
    B) By their shape 
    C) By their genetic material (DNA or RNA) 
    D) By their color 

13. Which of the following best describes mycorrhizae?
    A) A type of bacteria that lives in soil 
    B) A symbiotic association between fungi and plant roots 
    C) A pathogenic fungus that affects plants 
    D) A virus that infects plant cells 

14. Which microorganism is primarily responsible for fermentation in food production?
    A) Bacteria 
    B) Viruses 
    C) Fungi 
    D) Protozoa 

15. Which group of microorganisms is known for producing antibiotics?
    A) Viruses 
    B) Fungi and bacteria 
    C) Protozoa 
    D) Algae 

▎Answers

1. C) Breakdown of organic matter

2. C) They require a host cell to replicate.

3. C) Fungi

4. B) Rhizobium

5. C) Symbiotic relationship with plant roots

6. B) Rhinovirus

7. C) Peptidoglycan

8. D) Mitosis

9. B) Carbon cycling

10. C) Fungus

11. D) Both B and C

12. C) By their genetic material (DNA or RNA)

13. B) A symbiotic association between fungi and plant roots

14. C) Fungi

15. B) Fungi and bacteria

@B_B_O2
3👏1
#BEEKSISA

Barattootni Bara Barnootaa 2017 #Qormaata_Naannoo_Kutaa_8ffaa Fudhachuun Gara Kutaa 9ffaa Darban Manneen Barnootaa Bultii Addaa Sad. 2ffaa Ministeerri Barnootaa Ijaaretti Barachuu Barbaaddaniifi Ulaagaa guuttan Hagayya 05 -15/2017 tti liinkii asii gaditti kenname fayyadamuun galmaa'uu ni dandeessu.

#Ulaagaalee_Galmee
#Bara 2017 Qormaata Naannoo Kutaa 8ffaa Darban:
#Qabxii #Parsantii_95fi ol ykn #Avereejii_85fi ol kan galmeessisan,
#Dijitaal_ID (Fayda) kan qaban.
#Guyyaan_galmee:- Hagayya 05-15/2017
#Haalli_Galmee:- Marsariitiin (#Online)
#Hagayya 15-20/2017tti barattoota qormaataf dhihaatan #calaluufi_beeksisuu,
#Hagayya 20-25/2017tti qormaatni #Barreeffamaan #Online'n kennama.

@B_B_O2
1👍1
Barsiisota MB Sad. 1ffaa Keessatti #Afaan_Oromoofi_Herrega_Barsiisaniif Leenjiin Kennamuu Eegale.
---------------------
BBO- Hagayya 3/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Rakkoo Dubbisuu, Bareessuufi Herrega Shallaguu Barattoota Sad. 1ffaa guutumaa guututti furuuf #barsiisota_kutaa_3ffaa_5ffaa_Afaan_Oromoofi_Herrega Barsiisaa jiran, dura bu'ootaafi supparvaayizaroota Barnootaa MB Sad. 1ffaa Kuma 57 ol ta'an marsaa sadiin leenjisuuf qopheesse keessaa marsaa 1ffaa guyyaa har'aa (03/12/2017) buufata 9 keessatti eegalameera.

Kaayyoon leenjichaas manneen barnootaa sad. 1ffaa keessatti #mala_baruu_barsiisuu_Dhaqqabsiisaa (TaRL) barsiisuun barattoota hunda (100%) dubbisuu, barreessuufi herrega shallaguu dandeessisuudha.
Mala baruu barsiisuu '#Teaching_at_The_Right_Level' (TaRL) jedhamuun barsiisota leenjisuu yoo ta'u, barsiisotni, dura bu'ootnifi supparvaayizarnootni barnoota manneen barnootaa keessatti akka hojiirra oolchan taasisuudha.

#Buufataalee_sagal jiran keessatti sirna hordoffiifi deeggarsaa kan gaggeessan hoggantootni biiroo keenya kan ramadaman yoo ta'u, buufata Giddu Gala Qorannoofi Leenjii Barnootaa Oromiyaa - Adaamaatti argamuun haasawa baniinsaa kan taasisan hogganaa I/A BBO Dr. Bultoosaa Hirkoo yoo ta'an, haasaa isaanii keessatti rakkoo dubbisuu, barreessuufi shallaguu barattoota keenyaa hambisuufi hatattamaan keessaa bahuuf gaheen leenjitoota asi jiranii gahee leencaa ta'uu ibsuun, leenjitootni turtii guyyoota shanii keessatti jijjiirama qabatamaa manneen barnootaafi daree barnootaa keessatti fiduu akka danda'an of kennanii akka leenji'an dhaamaniiru.
Qulqullinni barnootaa kan mirkanaa'uu danda'u barsiisotni gahumsaafi kutannoon yoo hojjatan qofa waan ta'eef dhaloota addunyaarratti dorgomaa ta'e horachuuf ciminaan hojjachuu akka qaban ergaa dabarsuun leenjichi ifaan ifatti banamuu ibsaniiru.

Leenjii Marsaa 1ffaa Hagayya 03 - 07/2017 turu kanarratti leenjitootni kuma 27 olii buufata sagal keessatti leenji'uu kan jalqaban ta'uun beekameera.

#Hubachiisa :- Leenjiin Marsaa 1ffaa :- 03 - 07/12/2017;
Leenjiin Marsaa 2ffaa :- 10 - 14/12/2017 fi
Leenjiin Marsaa 3ffaa:- 17 - 21/12/2017 ta'uu sagantaa leenjichaa irraa hubatameera.

@B_B_O2
2
Leenjiin Marsaa 1ffaa #Barsiisota_Afaan_Oromoofi_Herrega Barsiisaniif Kennamaa Jiru Itti fufeera.
------------
BBO- Hagayya 06/2017 Leenjiin Marsaa Tokkoffaa Barsiisota Afaan Oromoofi Herrega kutaa 3ffaa - 5ffaa barsiisanii, daayirektaroota manneen barnootaafi supparvaayizaroota barnootaaf kennamaa jiru har'a guyyaa 4ffaasaa itti fufee ooleera.

Biiroon Barnootaa Oromiyaa Manneen Barnootaa Sad.1ffaa keessatti rakkoo dubbisuu, barreessuufi herrega shallaguu barattootaa hambisuuf Ganna bara 2017 barsiisotaafi hoggansa MB kuma 57 ol leenjisuuf karoorfate keessaa barsiisota kuma 27 ol ta'an marsaa 1ffaan wiirtuulee leenjii 9tti Hagayya 03/2017 irraa eegalee leenjisaa jira.

Leenjichi marsaa 3n kan gaggeeffamu yoo ta'u. kan marsaa 2ffaa Hagayya 10/2017 kan jalqabamu ta'uun beekameera.

@B_B_O2
1
Barattoota kuma 500 oliif barnoonni tiitooriyaalii kennamaa jira- BBO

Naannoo Oromiyaatti hojii tajaajila lammummaan barattoota kuma 563,000 oliif barnoonni tiitooriyaalii  kennamaa jiraachu Biiroon Barnootaa ibseera.

Barattoota kutaa 6ffaa, 8ffaa, 10ffaa, 11ffaafi 12ffaatiif Walumaagalatti barattoota kuma 563,000 oliif barnoonni tiitooriyaalii kennamaa jiraachu himameera.

Gaheessota 34,100 oliif barnoonni gaheessotaa hojii tajaajila lammummaan kennamaa jiraachuus himaniiru.

Kana malees bara kana manneen barnootaa bu’uura boruu kuma 2,853 ijaaruuf karoorfamuu ibsuun, kanneen keessaa 2,140 hanga xumura baatii Fulbaanaatti kan ijaaraman ta’uufi ijaarsi manneen barnootaa bu’uura boruu 875 eegalamuu himaniiru.

Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa 170 bara kana hojii tajaajila lammummaan kan ijaaraman ta’uufi kanneen keessaa 128 hanga baatii Fulbaana 30’tti akka ijaaraman eeraniiru.

@B_B_O2
👍21
Beeksisa

Barattoota Idileefi Haaraa Bara 2018 Hundaaf

#Galmeen_Barattoota_Idileefi_Haaraa Bara 2018 Hagayya 26/2017 Jalqabama.
------------------
BBO- Hagayya 08/2017 Galmeen Barattoota Idileefi Haaraa Bu'uura Boruu dabalatee barattootni kutaa 1- 12 jiran hundi #Hagayya 26/2017 Hanga #Qaammee 5/2017tti kan gaggeeffamu ta'uu Kalaandariin Barnootaa Bara 2018tti agarsiiseera.

Kalaandarii Barnootaa Bara 2018 #Guyyoota Barnootaa 214 Qaba.
#Semisteerri 1ffaan Guyyoota 112 kan qabu yoo ta'u,
#Semisteerri 2ffaan immoo Guyyoota 102 qaba.

#Odeeffannoo_guutuu_argachuuf Kalaandarii Barnootaa Asii Olli Jiru Ilaalaa.

@B_B_O2
👍2
Barattoota Manneen Barnootaa Bultii Addaafi Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaa Galuuf Galmooftan Hundaaf
---------
BBO- 10/12/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaafi Waldaan Misooma Oromiyaa Barattoota Bara 2017 Qormaata Naannoo Kutaa 8ffaa fudhataniifi Ulaagaa dorgommii Manneen Barnootaa Bultii Addaafi Addaa Sad. 2ffaa galuuf isaan dorgomsiisuu guutan galmeessuun ni beekama.

Haaluma kanaan, barattootni dorgommiif galmooftan hundi qormaata Seensaaf waamamtaniiru.
Qormaatni kan Qophaa'e: #Gosa_Barnootaa:-
- Afaan Oromoo
- Ingiliffa
- Herregaafi
- Saayinsii Waliigalaa keessaa yoo ta'u,
#Haala_kenniinsa_qabxii ilaachisee,
- Qormaatni 80%
- Qabxiin Ministirii 15% fi
- Tiraansikriiptiin 5% ta'uun beekameera.
#Guyyaa_Qormaataa:-
Roobii, Hagayya 14/2017
#Sa'aatii Qormaataa:-
Ganama Sa'aatii 2:00 irraa eegala
#Iddoo_Qormaataa:-
Bakka Itti Galmooftan irraa kan argattan ta'a.

@B_B_O2
👍42
#BEEKSISA
Qaammee 5/2017 Booda Manni Barnootaa Barataa Galmeessu Hinjiru !
------------------
BBO- Hagayya 21/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Barattoota Idileefi Haaraa guyyaan galmee Hagayya 26 hanga Qaammee 5/2017 Qofa akka galmaa'an beeksisuun ni yaadatama.

Bu'uuruma kanaan:
Galameen barataa Hagayya 26/12/2017 hanga Qaami'ee 5/13/2017tti #guyyaa_Sanbataa dabalatee guyyoota #Sagaliif otuu wal irraa hincitin waan gaggeeffamuuf #barataan_idilees_ta'ee #haaraan_akka galmooftan_irra_deebinee isin beeksifna.

Kanaafuu, #Hawaasnifi_Maatiin_Barattootaa haaluma kana hubachuun barattootni yeroo galmeef kaa'ame keessatti akka galmeessiftan jechaa, Qaammee 5/2017 booda manneen barnootaa barataa simatee galmeessu akka hinjirre gamanumaa isin beeksifna.

Barsiisotniifi hoggansi manneen barnootaa kanuma hubachuun,
Fulbaana 2-4/1/2018tti barattoota daree dareetti qooduun maqaasaanii roostarii irratti akka qabattan;
Fulbaana 5/1/2018 barnoota kennuu jalqabuu,
Kunis yeroon barnootaa bara 2018 akka hin qisaasofne gargaara.

#Qaammee_5_2017_Booda_Galmeen_Hinjiru!

#Barnootni_Fulbaanaa_05_2018_Eegala!
#Kanaaf, Galmaa'aa! Galmeessisaa!
#Barri_Haaraan_Kan_Milkii_Isiniif_Haata'u!!

@B_B_O2
#Galmeen_Barattoota_Bara_2018 Guutuu Oromiyaa Keessatti Har'a Eegalame.
------------
BBO- Hagayya 26/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Galmeen Barattoota Bara 2018 Hagayya 26 hanga Qaammee 5/2017tti ta'uu Kalaandarii guyyoota barnootaa waliin dabarsuun ni yaadatama.

Haaluma kana bu'uureeffachuun guyyaa har'aa manneen barnootaa Bu'uura Boruu irraa hanga kutaa 12ffaa Naannoo Oromiyaa keessatti argaman barattoota Idileefi Haaraa galmeen eegalameera.

#Hubachiisa
#Guyyaan_Galmee - Hagayya 26 - Qaammee 5/2017 #QOFA
#Qaammee_5_2017_booda_galmeen_hin_jiru.
- Barattootni hanga Qaammee 5/2017tti galmaa'an #Fulbaana_05_2018 daree galanii #barnoota_eegalu.
Kanaafuu, galmeen barataa Qaammee 5/2017 booda wanta hinjirreef #Maatiin_Barataafi_Hawaasni barattootni guyyaa jedhame keessatti akka galmaa'an deeggarsa akka taasiftan dhaamsa keenya ta'a.

@B_B_O2
Hoggansa, Barsiisotaafi Barattoota keenya
Baga Gara Mana Barumsatti nagaan deebitan jechaa barri Barnoota 2018 bara bu'aa guddaa itti galmeessinu akka nuuf ta'un hawwa .

@B_B_O2
#Beeksisa

Barattoota #Qormaata_Seensaa MB Bultii Addaa Sad. 2ffaa Bara 2017 Qoraman Hundaaf
--------------
BBO- Hagayya 30/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaafi Waldaan Misoomaa Oromiyaa waliin ta'uun qormaata seensaa kutaa 9ffaa MB Bultii Addaa Sad. 2ffaa qopheesseen barattoota ulaagaa guutan galmeessuun guyyaa 16/12/2017tti qormaata seensaa buufata 24tti kennuun, barattoota qormaata seensaa qabxii caalmaa dhiiraaf 80%fi oli fi dubaraaf 77% fi ol galmeessisan beeksisuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan walqabatee, barattootni qabxii irratti shakkii qaban tokko tokko qulqulleeffachuu akka barbaadan dhageenyeerra.
Kanaafuu barataan qabxii galmeessise irratti shakkii qabu;
1) Qabxiin qormaataa 5% 15% fi qabxii qormaataa seensaa 80% keessaa qabame, walitti 100% keessaa hangam akka galmeessiftan ragaa guutuu( #Lists ) gara Godinaaleefi Bulchiinsa Magaalotaatti (#Bakka_Itti_Galmooftan) ergamee jira.
#Qabxii kanas ilaallachuu kan dandeessan;
#Qaammee 3- 5/2017 tti qofa qulqulleeffachuu kan dandeessan yoo ta'u,
#Barataan_qabxii_ilaaletti_hin_quufne_yoo_jiraate immoo,
2) Fulbaana 3-4/2018 (Sanbataafi Dilbata) Giddu Gala Qorannoofi Leenjii Barnootaa Oromiyaa - Adaamaatti argaamu ganama sa'aatii 2:30 irraa eegalee tajaajila ni arggattu.
Guyyoota jedhamaniin ala kan dhufu tajaajila hin argatu.

#Hubachiisa:- Qormaatni Seensaa kutaa 9ffaa MBBA kan sororfame akkuma qormaata Naannoo kutaa 6ffaafi 8ffaa Maashinii Ammayyaa qorumsa sororuun kan sororfame waan ta'eef hanga ammaatti hanqina tokko malee kan itti fayyadamaa jirru ta'uu yaada keessa galchuun barbaachisaadha.
Kunis, qulqullinni maashinichaa olaanaa ta'uu agarsiisa.

Walumaagala:-
1) Qabxii ilaallachuu kan barbaadan;
- Waajjira Barnootaa Godinootaafi Bul. Magaalotaatti, Guyyaa 3-5/13/2017 tti qofa yoo ta'u
2) Barataan Qabxii Ilaallatetti hin quufne yoo jiraate;
#Adaamaa, Giddu Gala Qorannoofi Leenjii Barnootaa Oromiyaa keessatti Guyyaa 3-4/01/2018 (Sanbataafi Dilbata) Ganama Sa'aatii 2:30 irraa jalqabee tajaajila ni argattu.
1🔥1
Baratooni kutaa 12 ffaa qabxii Maatrikii torbee kana ykn isa dhufu keessa gadhiifama waan ta'eef sababa adda addaan kan qabxii keessan ilaalachuu hin dandeenye group kana join godhatii qabxii keessaan isiniif ergina 👇👇👇👇
@B_B_O_Group
@B_B_O2
👏4
Barattoonni yeroo bu’aan gadhiifamuttu bu’aa isaanii karaa liinkii armaan gadii lakkoofsa galmeefi maqaa isaanii guutuun ilaaluu ni danda’u

https://result.neaea.gov.et/
@B_B_O2
@B_B_O_Gruop
5👍1
🔔 BEEKSISA

Barattoonni Mana Barumsaa Bultii Addaa Federaalaatti barachuuf galmaa’an hundi

Barattoonni qormaataaf filataman har'a irraa eegalee link ittiin galmooftan keessa seenuudhaan ilaaluu akka dandeessan isin beeksifna. Barattoonni komii qabdan Ministeera Barnootaa osoo qaaman hin dhufin hanga Jimaata, Adoolessa 02, 2018tti qofaa komii keessan toora interneetii irratti dhiyeessu akka dandeessan isin beeksifna.

⚠️ Hubachiisa: Barattoonni qormaata kana darban waajjira barnoota bulchiinsa naannoo/magaalaa keessanitti gabaasa gochuun qormaata onlaayinii dhufuuf qophaa’uu akka qabdan isin yaadachiisuu barbaanna.

@B_B_O2
5👍1
Bu'aan qormaata kutaa 12ffaa galgala har'a sa'atii 6 irratti nii ifooma! 💥
3
#Jijjiirama_Waggaa_Ayyaantutu_Arga!
------
Biiroon Barnootaa Oromiyaa Ummata Itoophiyaa Hundaan Baga Bara Haaraa 2018 Nagaan Geessan/Geenye Jedhuun,
Barri Haaraan Kan Nagaa, Gammachuu, Fayyaa, Badhaadhinaafi Milkaa'inaa Akka Ta'u Hawwa!
#Bara_Gaarii !

የኦሮሚያ ት/ቢሮ ለኢትዮጵያ ሕዝብ በሙሉ እንኳን ለአዲሱ ዓመት 2018 በሰላም አደረሳችሁ/ አደረሰን እያለ፤ አዲሱ ዓመት የሰላም፣ የደስታ፣ የጤና፣ የብልፅግናና የስኬት ዓመት እንድሆንልን ተመኝቷል!
#መልካም_አዲስ_ዓመት!

@B_B_O2
Bu'aan Qormaata kutaa 12ffaa galgala kana hin bahu; akkuma kaleessaa har'as fuula Ministeera Barnootaa fi miidiyaalee idilee hordofnee waan jirruuf homtuu waan hin jirreef boru ayyaana waan ta'eef gara Adoolessa 02/2017tti ni darba. Haala kamiinuu yoo ta’e, bu’aa isaa akka argatte jettee yaaddutti argachuuf qophaa’i. Barattoonni tokko tokko bu'aan isaan hin hojjenne yeroo dhufu dinqiin ni ta'a jedhanii kan yaadan yoo ta'u, gariin ammoo qormaata irratti akka gaariitti hojjetaniiru garuu baay'ee gadi bu'aa ba'aniiru jechuun sababa malee yaadda'u. Waan hojjatte fudhachuuf qophaa'aa!!!

ውጤት ዛሬ ሌሊትም አይለቀቅም ፤ልክ እንደ ትላንቱ ዛሬም ከትምህርት ሚኒስትር ገፅ እና ከ mainstream media ገፆች ተከታትለን ምንም ነገር ስለሌለ ነገ በዓል ስለሆነ ወደ መስከረም 02/2017 ይተላለፋል ። ያም ሆነ ይህ እናንተ እራሳችሁን ሰርተናል ብላችሁ በምታስቡት ልክ ውጤቱን ለመቀበል ተዘጋጁ ። አንዳንድ ተማሪዎች ያልሰሩትን ውጤት ሲመጣ ተዓምር የሚፈጠር ይመስላቸዋል አንዳንዶቹ ደግሞ ፈተና ላይ ጥሩ ሰርተው ወጥተው ግን በጣም አንሶ የሚመጣ መስሏቸው ያለአግባብ ይጨነቃሉ ። የሰራችሁትን ለመቀበል ተዘጋጁ !!!


@B_B_O2
@B_B_O_Group
3
Bu'aan barnoota kutaa 12ffaa bara 2017 yoom gadhiifama???

Hanga ammaatti Ministeera Barnootaa ykn miidiyaalee idilee irraa dubbiin bahuu baatus, boru irraa eegalee gad lakkifamuuf carraan isaanii guddaadha.
🎯Beeksisni kun boru yoo bahe Jimaata halkan hanga Dilbata galgalaatti ni gadhiifama.
🎯Beeksichi guyyaa Dilbataa yoo ba'e Dilbata halkan hanga Wiixata galgalaatti ni gadhiifama.
🎯Beeksisni kun Wiixata yoo ta'e Wiixata halkan hanga Isniina halkan ni gadhiifama. Kanaafuu, bu'aan isaa osoo hin beeksifamin dura beeksisni waan ba'uuf baay'ee yaadda'uu hin qabdu.

@B_B_O2
@B_B_O_Group
2
❗️Bu'aa Qormattaa kutaa 12ffaa ilaalchisee hardhaa odeeffannoon haaraan ni eegama.

Sababni bu'aan qormatta kutaa 12ffaa hanga ammaatti hin ibsamneef bu'aa barattoota hundaa yeroo tokkotti ifoomu waan qabuuf. sirreeffamni bu'aa barattoota tibbana qormaata fudhatan xumuramee jira.

Ministeerri Barnootaa waan hunda yeroo xumuruu fi bu'aa qormatta barattootaa ifoomsuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.

Kanaaf hardhaa bu'aa qormatta kutaa 12ffaa ilaalchisee wanti haaraan jiraachuu mala. Barattoonni obsaan eeggadhaa. Odeeffannoo kana nama hundaaf qooduun Gahee kessan Akka Battanii BBO'n ni Gaffatta.
💥Carraa Gaarii.

Erga bu'aan kutaa 12ffaa bahee barattoonni hedduun bu'aa isaa arguuf rakkacha waan dandanifii Dursaa Channel Kenyaa Irrattii Wan Gadhifamuf Join Jechun Egaa.
@B_B_O2
4
#Wiixata_Dhufu Manneen Barnootaa Hunduu #Adeemsa_Baruu_Barsiisuu Ni Jalqabu,
Barattootni #Miliyoona_11_ol ta'anis galmaa'aniiruu.
----------------
BBO- Fulbaana 02/2018 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Manneen Barnootaa Naannoo keenyaa hunduu Fulbaana 05/2018 irraa jalqabee adeemsa baruu barsiisuu akka gaggeessan kalaandara barnootaa bara 2018 hanga manneen barnootaatti gadi buuseera.

Haaluma kanarratti hundaa'uun galmeen barattootaa hanga Qaammee 5/2017 gaggeeffameen barattootni MB Bu'uura Boruu hanga kutaa 12ffaa jiran miliyoona 11 ol ta'an kan galmaa'uu #mosaajii_galmee_barattootaa #online' irraa arganne agarsiiseera.

Kanaafuu, Wiixata dhufu (Fulbaana 05/2018) Manneen Barnootaa Naannoo keenyaa hundi barattoota galmeessan simachuun barumsi akka jalqabamu #maatiin_barattootaa_ijoollee_isaanii_gara_mana_barnootaa akka ergan jechaa #barattootnis_barnoota_bara_2018 wayitiin tokkollee otuu hinqisaasofne barachuu akka dandeessan har'arraa eegaltanii qophaa'un wiixata ganama(Fulbaana 05/2018) MB keessaniitti akka argamtan isin beeksifna.

@B_B_O2
@B_B_O_Group
3
Mariin Guutuu Oromiyaatti Gaggeeffamu Amma Eegalame!
-------

BBO - Fulbaana 04/2018 Mariin "#Imala_Jijjiirama_Barnoota_Oromiayaa:
#Haala Dura Ture, #Milkaa'ina Hanga #Ammaafi_Kallattii_Fuula _Duraa" irratti gaggeeffamaa jiru hojjattoota Biiroo Barnootaa Oromiyaa dabalatee hojjattootni waajjira barnootaa godinootaa, magaalotaafi aanotaa irratti hirmaatan ganama kana jalqabameera.

Mariin kun guyyaa boruu 04/01/2018 barsiisotaan kan gaggeeffamu ta'uun beekameera.

@B_B_O2
👍31