BBC Afaan Oromoo Official
125K subscribers
1.77K photos
1 video
1 file
17.4K links
Oduu - BBC News Afaan Oromoo

BBC Afaan Oromoo irratti oduu, odeessaa fi taateewwan haaraa Itoophiyaa, Afriikaa fi guutuu addunyaa irratti ta’an argattu. Yeroo mara waan haaraa jiru baruuf gara keenya koo
Download Telegram
Inistitiyuutiin Qorannoofi Qo'annoo Oromoo rakkoolee Afaan Oromoo sirnaafi bifa waalta'aa ta'een barreessuu dhabuu furuu dabalatee guddinaafi dagaagina Afaanichaarratti xiyyeeffannoo addaa kennee akka hojjetu ibse.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3fSjjsx
Hidhatoonni gareen motummaa Islaamaa (IS) mana hidhaa to'annoo humnootii Kurdi jalatti argamu keessaa sirreeffamtoota baasuuf cabsee seenuu isaa hordofuun Kaabaa Baha Sooriyaatti waranni cimaan gaggeeffameen yoo xinnaate namoonni 70 ajjeeffaman.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3ItEb5v
Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad ergaa Qophii Fiigicha Guddicha Marsaa 21ffaa ilaalchisuun dabarsaniin Itoophiyaan nageenyaafi tokkummaa mirkaneessuun badhaadhinni akka dhufuuf fiigicha guddaarra jirti jedhan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3tSEUJG
Itoophiyaatti qajeelfamni haala soorataa(dietary guideline) yeroo ji’a tokkoof lama gidduutti akka uummataaf ifa taasifamu Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaatti, daariktarri Qorannoon Sirna Nyaataa Dr Maasrashaa Tasammaa BBCtti himaniiru.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3IxaFvW
Dhaabbanni Google jalqaba bara 2022 irratti afaanota dhaabbatichi ittiin tajaajilaa kennaa jiruun alatti afaanonni 126 dabalamuuf adeemsarra akka jiran ibsa. Afaanoota irratti hojjatamaa jiran keessaa tokko Afaan Oromoo akka ta'e himama. Ofii kana dhugoomsuuf maaltu hojjatamaa jiraa laata?

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3FT1iVt
Pireezidantii Itti aanaan mana maree ce'umsaa Sudaan kan ta'an Leeftanaant Jeneraal Mohaammad Hamdaan Dagaaloo Sambataa fi Dilbata darbe gara Finfinnee imaluun MM Itoophiyaa Abiy Ahimad dabalate qondaaltoota olaanoo biyyattii waliin wal arganii ture.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3rN3w3w
Motummaan Gamtoome (UN) Amajjii 24 guyyaa barnoota addunyaa gochuun kabaja. BBCn guyyaa kana sababeeffachuun manguddoota Indooneezhiyaa, Kanaadaa, Biraaziliifi Awustiraaaliyaa maaliif dulluma keessa barnootatti dacha’uu akka fedhan haasofsiiseera.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/35bJxnz
Mootummaan Federaalaa dhiyeessii qorichaa fi deeggarsa biroo Tigraay keessatti akkaa olitti hanqateera jedhame geejiba konkolaataan furuun waan hin danda'amneef balalii qilleensaa dabalataa hayyamuu beeksise.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3rMQSl5
Kaabineen mootummaa Somaaliyaa kan aangoorra jiru paartii siyaasaa Itoophiyaa keessa socho'u Adda Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogaaden (ONLF) tarree shororkeessitootaa keessaa baasuu beeksise.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3KBqraT
Burkinaa Faasootti humni waraanaa fonqolcha gaggeessuun aangoo qabachuu ibse. Humni waraanaa biyyattii aangoo qabachuu isaa televizhinii mootummaa irratti kan labse ammoo qondaala waraanaati.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3fS5hab