BBC AFAAN OROMOO
128K subscribers
1.77K photos
1 video
1 file
22.6K links
This channel shares news from publicly available sources for informational purposes only. We are not affiliated with the BBC News Afaan Oromoo. All copyrights belong to their respective owners.
Download Telegram
Daqiiqattiin afran sun seenaa Arsenaal, akkasumas kan west Haam jijjiiruuf humna qabdi turte. Arsenaal waggaa 22 booda waancaa argachuuf tarkaanfiin tokko gara isa hafutti ce'uuf, West Haam ammoo sadarkaa Liigicha keessaa kufuu keessaa xiqqoo morma ol baafachuuf mo'achuuf ijibbaata keessa turan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/IM8G4Vo
❀11πŸ‘1
Hogganaan olaanaa Iraan Mojtaba Kameni egeree Galoo Galaana Pershiyaa fi ulaa Hormuz ilaalchisee "qabxiilee tarsiimawaa baay'ee barbaachisoo" ta'an 10 adda baasuu Dhaabbanni Oduu Farsi Iraan gabaase.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Q5bWzkT
❀33πŸ‘19
Meeshaaleen waraanaa gara biyyoota Afrikaatti galfamu tilmaamaan dhibbeentaa 41% gadi bu'eera akka gabaasi Dhaabbata Qorannoo Nagaa Idil-addunyaa Istookhoolm (SIPRI) jedhutti.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/mZUQqnk
❀10
Maanguddoon ganna 43 kuni abbaa ijoollee jahaati. Osoo galgala ciisanii qaama saalaa isaanii haati warraa isaanii muruu BBC'tti himan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/nbe4Jpy
😁16❀7
Tiraamp "dhukaasa dhaabuun haala baayyee yaaddessaa keessa jira jedheen yaada. Akka yeroo hakiimni tokko seenee dhukkubsataan carraa lubbuun jiraachuu dhibbeentaa tokko qofa qaba jedhuuti," jedhu.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/f7VlUxD
❀13
Itoophiyaafi Yunaayitid Isteet waliigaltee waloo Gaanfa Afrikaatti nagaafi tasgabbii fooyyessuuf gargaaru ifa godhan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/JIz4B01
❀12πŸ‘10😁9
Dubbii himaan waajjira pirezidaantii yeroofii naannoo Tigiraay Obbo Gabruu Kaasahun to'annoo jala oolfamuu dhagahame.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/obvNlAs
❀33πŸ”₯3πŸ‘1
Mariin dippiloomaasii Iraan fi US gidduutti akka gaggeeffamuuf jaarsummaan gidduu kan jirtu Paakistaan, xiyyaaronni waraanaa Iraan akka buufata humna qilleensaa isheerra qubatan eeyyamteef.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/aAE3wlu
❀12
Hedduun abbaa qonnaan bulaa jedhuun. Qabsoo lafa harka fiwudaalistootaatii baasuun qonnaan bulaa ciisanyummaarraa bilisa baase keessatti nama maqaan isaa barayyuu yaadatamudha.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Q4HaLnF
❀19πŸ‘2😁2
Ameerikaan Waraanni Sudaan 'dirree waraana bakka bu'oota' biyyoota hedduu hirmaachise ta'aa dhufuun isaa yaaddessaa ta'uu dubbatte.Ameerikaan kana kan dubbatte erga wal himannaan Sudaan fi Itoophiyaa gidduutti tibbana hammaataa dhufeeti.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/LCwI1be
❀3😁1
Leenjisaan lammii Poorchugaal Joozee Moriinihoon waggaa 13 booda Santiyaagoo Bernaaboo gadhiisee Riyaal Maadriid leenjisuutti deebi'uuf marii marsaa xumuraa irra jira.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/f75LN3w
❀10πŸ‘2
Sa'uudii Arabiyaan wayita waraanni Iraan Baha Giddugaleessaa hundatti babal'atee ture dhoksaadhaan Iraan haleelaa akka turte Rooyitarsi aanga'oota biyyoota lixaa fi Iraan irraa odeeffachuu gabaase.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/aADs14x
🀯10❀5🀣1
Biyyi heera mootummaa, mana marii hin qabnee fi filannoon itti hin adeemsifamne, sirni haqaa walaba ta'e keessa hin jiraanne, Ertiraan biyyoota hoggansa abbaa irreetiin bulan keessaa adda duree akka taatetti itti fufteetti.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/gVeXyG7
❀18πŸ₯΄3πŸ”₯2😁2
Sirni ittisa misaa'elaa Pirezidantii US Doonaald Tiraamp ''Golden Dome'' jedhamu ijaaramuuf, bobbaafamuuf (tajaajilaaf ooluuf) fi waggoota kurna lama keessatti guutummaatti xumuramuuf doolaara tiriliyoona 1.2 akka gaafatu ibsame.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/ZjUCa1T
❀21😁4πŸ‘1
Ameerikaan qoqqobbii meeshaa waraanaa Itoophiyaarra keessee turte kaasuu beeksifte. Qoqqobbiin kun ka'uu kan beeksise Ministeera Dhimma Alaatti Daayirektoreetii to'annoo fi daldala meeshaa waraanaa Ameerikaati.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/qdSWbYo
❀31πŸ‘7
Sarara rukkuttaa peenaaliitii keessatti wal dhidhiibuu baay'een yoo jiraate akkamiin akka furuun danda'amu barri dorgommii kun akka xumurameen falli kan barbaadamu taha jedhe Hogganaan Murteessitootaa Howaard Weeb.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Gx0WdL2
❀41😁1