BBC AFAAN OROMOO
128K subscribers
1.77K photos
1 video
1 file
22.6K links
This channel shares news from publicly available sources for informational purposes only. We are not affiliated with the BBC News Afaan Oromoo. All copyrights belong to their respective owners.
Download Telegram
Israa'el erga waliigalteen dhukaasa dhaabuu labsamee yeroo jalqabaaf kibba Libaanositti ajajaa garee Hizboollaa irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwatte.Haleellaa kanaan ajajaan garee Hizboollaa 'Radwan Force' jedhamuu ajjeefamuu miidiyaan Israa'el gabaasus gama mootummaan garuu wanti mirkanaa'e hin jiru.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/TH8c7Ag
10😁2💯1
Kiiliyaan Imbaappeen waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'achuuf osoo kadhatamuu Riyaal Maadrid deeme. Garuu waggaa lama waancaa malee hafe.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/0YTW9Kb
23😢3
Erga US fi Israa'eel Iraan irratti lola bananii ji'oota lama darbe keessa biyyootni galoo galaanaa namoota miidiyaa hawaasummaa irratti maxxansa qabiyyee nageenya biyyaalessaaf balaa qabu maxxansan jedhaman kaan hidhaniiru kaan biyyaa ar'ianiiruu.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/vtM0cZI
15
Mootummaa bulchiinsa yeroo kuffisee, miseensota mana maree naannoo Tigraay filannoo mootummaan federaalaa seeraan ala jedhee kuffisee tibbana gara aangotti kan deebise TPLF ibsa isaa kaleessa kana keessatti marii taasifamu kamiifu haal duree tokko malee qophii ta'uu ibseera.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/JauXxFU
29🔥3
Waraanni Israa'el loltuu Israa'el Libaanos keessatti osoo tamboo xuuxuufi tamboo afaan siidaa Durboo Maaramii keessa kaa'uu suuraan isaa mul'ate qorataa akka jiru beeksise.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/fkCVjiN
😁4519😡13🔥11👍5😢1
Ajajni Giddugaleessaa Waraana US, “humni Ameerikaa haleellaa Iraan sababa tokko malee irratti bante qolachuun ibsi. Haleellaan Iraan wayita Humni Galaanaa US meeshaa misaa’ela barbadeessu karaa Ulaa Hormuuz gara Galoo Galaanaa Omaanitti Caamsaa 7 dabarsaa jiru kan irratti banamedha.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/fkDrOUp
17🔥2👏2
Geerarsishee kilaashii hidhattee, eeboo qabachuun, gaachana mirmirsaa takkatuu farda yaabbattee, takkatuu immoo daggala keessaa geerartuu fi boodarra maqaa ishee ol kaase sun, wayita gabaarra oolu isheen reefu barattuu barnoota sadarkaa 1ffaa xumurti ture. Art. Dirribee Gadaa geerarsa qabsoofi imala jireenyasheerratti BBC waliin turtii taasifteetti.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/7sp6WaB
39🔥6
Waraana Tigraayitti taasifame hordofee diigamee kan ture Manni Maree Tigraay guyyaa har'aa wal gahee Dura Taa'aa TPLF kan ta'an Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el 'pirezidantii Tigraay' godhee filatuu isaa Televijiniin Tigraay gabaase.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/QM93JoS
10
Arsenaal taphoota isa hafan sadan yoo mo'ate shaampiyoonaa Piriimer Liigii ta'uu isaa mirkaneeffata. Arsenaal kana mirkaneeffachuuf sadarkaa kufaatii keessa kan jiru West Haamiin mo'achuun imala isaa jalqaba.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Oo7huq3
11
Arsenaal taphoota isa hafan sadan yoo mo'ate shaampiyoonaa Piriimer Liigii ta'uu isaa mirkaneeffata. Arsenaal kana mirkaneeffachuuf sadarkaa kufaatii keessa kan jiru West Haamiin mo'achuun imala isaa jalqaba.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Oo7huq3
7
Kibxata walgahii mana maree duraanii naannoo Tigraay taa'een kan filaman kaabineen Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'eliin durfamu walgahii taa'uu jalqabuu isaatiin Leet. Jeneraal Taaddasaa Warradaa aangoon bulchiinsa yeroo "humnaan qabamaa" jiraachuu ibsan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/3ouYpsJ
24🤔2
Uummanni addunyaa mana manaa isaa keessaa sababa waraana Ameerikaa- Israa'elii fi Iraan jireenyi itti qaala'ee rakkinarra bu'eera.Kaampaanonni tokko tokko ammoo sababa waraana kanaa biliyoonota buufatan lakkaa'u.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/lXF3m9R
12
Carraaqqiin US fi Iraan jidduutti waraana dhaabuu sababa gareen lamaan Jimaata Galoogalaanaa keessatti walitti dhukaasaniif dhaabbateera.CIA'n immoo xiinxala isaatin Teehraan uggurri humna galaanaa ji'ootaaf yoo turellee damdamachuu dandeessi jedhe.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/ZtidO5x
11
Sinoodoosiin bataskaana ortodoksii Tigraay yaa'ii taa'een moggaasi magaalaa buleettii Aksum "Magaalaa Eebbifamtuu Tsiyoon Aksum" akka ta'u murtee dabarsuu beeksise.Murtoo kana hordofee magaalaa tanatti hojiiwwan akka "dhugaatii fi Jimaa" gurguruu akka dhaabbatan uggurri akka bahu akka feetu akkasumas "seeronni Magaalaa Eebbifamtuu mul'isan" tumaafii akka jirtu bataskaanni tun himte.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/q7BH6bx
33😁25🖕9👏2🔥1