BBC AFAAN OROMOO
127K subscribers
1.77K photos
1 video
1 file
23K links
This channel shares news from publicly available sources for informational purposes only. We are not affiliated with the BBC News Afaan Oromoo. All copyrights belong to their respective owners.
Download Telegram
ertiraan Itoophiyaarraa adda baatee biyya walabaa ta'uushee hordofee waggoota 30 darbaniif Itoophiyaan biyya ulaa galaanaa hin qabne taatee jirti. Bara 1993tti Ertiraan biyya taatee gaafa Itoophiyaarraa adda baatu, ulaa galaanaa Diimaa dur Itoophiyaan itti fayyadamaa turte fudhattee deemte.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Jp0bkTH
Haleellaa Godina Arsii Aanaa Shirkaatti jalqaba torban kana dabalatee tibbana itti fufinsaan raawwataa tureen namoonni 40 ol ajjeefamuu jiraattonni BBC'tti himan. Ajjeechaan kuni bifa amantii qaba jedhanii akka amananillee ibsan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/DS97mxs
Gaazexeessaan BBC Rushdi Abualouf waggoota kurna hedduuf Gaazaa irraa gabaasaa ture, gaafa Sadaasa 20 garuu nageenyasaaf jecha biyyasaarraa ba’ee amma Tarkii, Istaanbul jira.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/JSOIYU2
Waraanni waggaa lamaaf naannichatti gaggeeffamaa wayita turetti atileetonni naannichaa lakkoofsan 70 ol ta'an du'uu Federeshiniin Atileetiksii Naannoo Tigraay BBCtti hime.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/sO4bfC0
Waraanni waggaa lamaaf naannichatti gaggeeffamaa wayita turetti atileetonni naannichaa lakkoofsan 70 ol ta'an du'uu Federeshiniin Atileetiksii Naannoo Tigraay BBCtti hime.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/sO4bfC0
🥰1
UK'tti namoota viidiyoo saal-quunnamtii (porn) ilaalan umrii isaanii mirkaneessuuf qajeelfamni wixinee qophaa'eera jedhe Abbaan Taayitaa To'annoo Koominikeeshinii UK Ofcom.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/gTaJw5E
1👍1
Namni Tik Tookirratti beekamu Aydaar Al-Saad jedhamu karaa Weelsi karaa magaalaaa Kaardiif gubbaatti namoota arge gaafata.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Jo148a6
2
Naannoo Amaaraa, godina Walloo Kibbaa, magaalaa Wagal Xeenaatti haleellaa diroonii ambulaansiirratti gaggeeffameen shufeerichaafi ogeessa fayyaa tokko dabalatee namoonni nagaa bakka sanatti dhiyoo turan ajjeefamuu namoonni ijaan argan himan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/9uYOBTD
Hamaasifi Israa'el erga waraana eegalanii ji'a lama guutee jira. Israa'el hidhattoota Hamaas balleessu malee jechuun haleellaa qilleensarraafi lafoon gaggeessitu ammallee hin dhaabne.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/1XPNctT
Naannolee Oromiyaa, Amaaraafi Benshaangul Gumuuz bakkeewwan addaa addaatti ji'a Onkoloolessaafi Sadaasaa keessa haleellaa namoota nagaarratti gaggeeffameen namoonni nagaan du'uu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa beeksise.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/ODrHJat
Magaalaa Finfinnee keessatti hoteelonni argamaniifi dhaabbileen tajaajila kana fakkaatu kennan keessummeessitoota hojjechiisan uffata qaama "qullaa" mul'isu uffachiisu taanaan wixineen qarshii kuma 50 hanga cufuuttii adabsiisu qophaa'e.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/HOfLTwz
Mootummaan Faannodhaan garee ''fiinxaaleyyii fi saamtotaati'' haa jedhuyyuu malee, gareen kuni garuu hacuuccaa uummatarra gahu mormuun qawwee kaasuu himuun, ''qabsaa'aa mirgaa fi bilisummaatti'' ofiin ilaala.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/vVnTBYy