BBC AFAAN OROMOO
127K subscribers
1.77K photos
1 video
1 file
23K links
This channel shares news from publicly available sources for informational purposes only. We are not affiliated with the BBC News Afaan Oromoo. All copyrights belong to their respective owners.
Download Telegram
Poolisiin Paakistaan ''ajjeechaa kabajaa'' shamarree ganna 18 qorachaa jira. Shamarree suuraan ishee miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa ture irratti mul'atte jedhamuun ajjeefamte.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/aPVDFur
Taphoota Chaampiyoonsi Liigii ramaddiirraa darbuuf godhamuufi xumuratti dhiyaachaa jiruun ramaddii ''du'aa'' isa jedhamerraa PSG fi Niiwkaasil morkii miidhaga agarsiisan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/lmzuLZA
Jaarmiyaa fiilmii oomishuun addunyaarratti beekamu Holiiwuud keessa kan hojjettu Meliisaa Baareeraa, Filisxeem deeggaruun yaadota miidiyaa hawaasummaarratti barreessiteen hojii fiilmiirraa ittifamte.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/PvkljO0
Itoophiyaan buufata doonii Barbaraatti gargaaramuuf Somaalilaandi waliin mariin gaggeesissa jirtu sadarkaa fooyyeerra jiraachuu miidiyaan mootummaatti hidhata qabu Ejensiin Tajaajila Oduu Itoophiyaa gabaase.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/DvLjlgN
Lakkoofsi tuuristootaa ammatti paarkicha daawwachaa jiran humna paarkichi qabu waliin yeroo madaalamu baay’ee gadi aanaa ta’uu kan himan Obbo Nuguseen, lakkoofsi tuuristootaa xiqqaa ta’uusaatiin uummanni fayyadamaa akka hintaane himan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/keGRo9f
Addunyaarratti shamarran shan keessaa tokko umrii waggaa 18tti heerumu. Biyyoonni seera faallaa gaa'ila umurii malee qabanillee seericha hojiitti hiikuurratti baayyee boodatti harkifatu.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/skTLoU3
Gareen Filisxeem shan erga bara 2020 asitti leenjiiwwan loltummaa fudhachaa turan haleellaa Onkololeessa 7 Israa’eel irratti raawwatametti akka hirmaatan xiinxalli BBC mul’iseera. Ofii Hamaas attamiin ija Israa'el jalatti humna akkasii horachu danda'e?

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Vs3In6W
Oromiyaa bakka garaa garaatti sirbi aadaa hawaasni ittiin jaalaa waliif qabu, jaala loonsaaf qabuu akkasuumas gootoota kabajuufi leellisuu fakkaatan ittiin ibsatan jira.Keessattuu sirbi aadaa qeerroofi qarreen qophiiwwan garaa garaa irratti waliin sirban, darbees ammoo sirna akkasiirratti walii kaadhiimmatan ykn jaalalee itti argatan jira.Har'aafis sirbi aadaa Ineessee Oromoo Ormaa biratti qeerroofi qarreen sirban kana BBC Afaan Oromoo akka ittaanuutti isiniif qindeesseera dowwadhaa.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/YHE8kLz
Dippilomaatii cimaa jedhamuun kan jajaman ministiirri dhimma alaa US duraanii Henrii Kinsinjar waggaa 100tti du'uun himame. Henrii Kisinjar keessumaa yeroo Waraana Hololaa (Cold War) hariiroo alaa US addunyaa waliin qabdu jabeessee qabuudhanis jajamu.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/be8xKAO
Addunyaarra waggaatti namoonni miiliyoona 5.4 tahan bofaan hiddamuun, kanneen 138,000’tti siqan lubbuu dhabu. Dhaabbanni Keeniyaa tokko rakkoo kana hir'isuuf bofa walitti qabuun 'horsiisa'.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/E9ORMpP
Kooriyaan Kaabaa saatalaayitii basaasaa ishee fayyadamuun waan Waayit Haawus keessatti ta'u hunda daawwachaa jiraachuu himti, warri lixaa ammoo dhuguma biyyattiin kana raawwachaa jiraachuushee ija shakkiin ilaalu.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/DekyEdO