BBC AFAAN OROMOO
127K subscribers
1.77K photos
1 video
1 file
23K links
This channel shares news from publicly available sources for informational purposes only. We are not affiliated with the BBC News Afaan Oromoo. All copyrights belong to their respective owners.
Download Telegram
Mootummaan Itoophiyaa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo lola kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti gaggeessan karaa nagaa xumuruuf mariin gaggeessan milkii malee xumuramuu Kibxata Sadaasa 21, 2023 ibsaniiru.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/G9yosDz
Chaayinaatti gogaan harree haalaan barbaadamuf dhiyeessuf qeeraan harree magaalaa Asallaa deebi'e baname hojjachaa jiraachuu dhaabbatichi BBC'f mirkaneesse.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/VRjSChT
1
Itoophiyaan buufata doonii Barbaraatti gargaaramuuf Somaalilaandi waliin mariin gaggeesissa jirtu sadarkaa fooyyeerra jiraachuu miidiyaan mootummaatti hidhata qabu Ejensiin Tajaajila Oduu Itoophiyaa gabaase.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/3vZ6qgE
Jaarmiyaa fiilmii oomishuun addunyaarratti beekamu Holiiwuud keessa kan hojjettu Meliisaa Baareeraa, Filisxeem deeggaruun yaadota miidiyaa hawaasummaarratti barreessiteen hojii fiilmiirraa ittifamte.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/kfJZc9a
Israa’eliifi Hamaas hidhamtootaafi kanneen butaman wal jijjiruufi guyyaa afuriif dhukaasa dhaabuufis waliigalteerra gahaniiru. Ofii hidhamtoonni Filisxeem tarree Israa’el akka gadhiiftu eegaman keessaa eenyu fa’i, ofii meeqatu hidhamee jira?

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/teZRHlo
Yoo mootummaa Itoophiyaa ta'e malee qe'ee kanatti lammiin, oomishi, soorati akkasumas jiruufi jireenyi Itoophiyaa keessaa dhibe hin jiru. Ollaa kanatti birriinis, jabanaanis daangaa ce'anii jiraatu.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Euy9idk
Mariin nagaa marsaa lammaffaa mootummaa Itoophiyaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti Tanzaaniyaatti gaggeeffamaa ture milkii malee xumurame deebi'ee akka itti fufuuf Manni Maree Amantiilee Oromoo Idil Addunyaa waamicha dhiyeesse.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/QcfrLWV
Riyaal Maadirid yeroo jijjiirraa gannaa dhufu kanatti maallaqa guddaa baasuun taphattoota urjii lameen Kiiliyaan Imbaappee fi Erlingi Haalaandi mallattesisuu barbaada.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/rb4vcfL
Riyaal Maadirid yeroo jijjiirraa gannaa dhufu kanatti maallaqa guddaa baasuun taphattoota urjii lameen Kiiliyaan Imbaappee fi Erlingi Haalaandi mallattesisuu barbaada.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/rb4vcfL
Nannoo Amaaratti magaala guddoo godiina Wallo Kaabaa kan taate Waldiyaatti hidhattoonni mana hidhaarratti haleellaa banuun hidhamtoota baasuu jiraattonni BBCtti himan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/kszKSaW
Israa’el akka biyyaatti erga hundooftee waggaa 75 hin caalu. Waraanni Addunyaa Lammaffaan bara 1945tti dhuma argateefi bulchiinsi Hitlar Yihudoota miliyeena 6 ta’an irratti duguuggaa sanyii raawwachuun ammoo Yihudoonni biyya mataasaanii akka hundeessaniif carraa guddaa baneef.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/bc6GC8y
Erga mariin nagaa mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti gaggeeffamaa ture waliigaltee malee xumuramee as qaamoleen lameen walkomachuu cimsanii jiru.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/WjHQBvu
Namoota butaman gadi lakkisiisufi deeggarsi namoomaa Gaazaa akka seenuf walii guyyaa afuriif walii galteen waraana dhaabuu taasifame gaafa dhumu Israa'el duula Gaazaa guutummaatti to'achuu akka itti fuftu qondaalonni waraanaa Israa'el ibsaa turan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/mXie7P0
👍1