BBC AFAAN OROMOO
127K subscribers
1.77K photos
1 video
1 file
23K links
This channel shares news from publicly available sources for informational purposes only. We are not affiliated with the BBC News Afaan Oromoo. All copyrights belong to their respective owners.
Download Telegram
Dhihoo qarqara Yamanitti godaantonni 49 achi buuteen dhabamuu gabaafameera. Gammoojjiin Kaaba Jibuutii lammileen Itoophiyaa Yaman dhaquuf qaxxaamuraniifi lubbuun hedduu keessa darbu gaazexeessitoonni BBC dhihoo daawwataniiru.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/x7wHjrs
Miidiyaan hawaasaa kun akkuma miidiyaalee hawaasummaa kaanii odeeffannoo dogongoraa facaasuu, waliin jireenya hawaasaa miidhuu, yakka nama dhuunfaa fi gareelee adda addaarratti raawwatamu jajjabeessuufi fi mirgoota adda addaa sarbuuf fayidaarra ni oola. Himannaan adda addaas irratti dhiyaata.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/rvPKjH7
Israa'el ambsaaddarashee Afrikaa Kibaatti argamu gara biyyaatti waamte. Kunis kan dhagahame Afrikaan Kibbaa dhimma waraana Gaazatti gaggeeffamaa jirurratti Israa'el irratti himannaa guddaa dhiyeessuu hordofeeti.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/An1iMZP
Mariin lola Waraana Bilisummaa Oromoofi Mootummaa Federaalaa goolabuuf gaggeefamaa ture milkii malee xumuramuu Mootummaan Itoophiyaa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo ibsa qofa qofaan baasaniin beeksisan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/ENWmnLU
Yahyaa Sinwaar ammaaf achi buuteen isaa dhabameera. Dhabamusaa waanti ajaa'iba taasisu loltoonni Israa'el kumaatamaan lakkaa'aman diroonii, meeshaalee elektirooniksii ittiin dhaggeeffatan fi basaastotan deeggaramuun iddoo Yahyaa Sinwaar jiru adamsaa jiraachuudha.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/tUKq1JB
Waajirri Fayyaa Oromiyaa Waxabajjii, 2023 keessa qacarrii hakiimota 1100 raawwachuuf beeksisa baasus gita hojii kanaaf ogeessota iyyatan akka hin arganne waajirichatti Ittigaafatamaa Ittaanaa kan tahan Dr Gushaa Balakoo BBCtti himaniiru.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/rwhECfI
Ragaan Baankii Addunyaa akka agarsiisutti, lammiileen Itoophiyaa miliyeena 57 ta'an dhiyeessii elektirikii qaban. Garuu hidhi Koyishaa maaliif aannisaa osoo hin maddisiisiin ture?

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/j7Uf0rF
Kooriyaan Kaabaa barana yaalii yeroo lamaaf goote erga fashalaa’ee booda saatalaayitii basaasaa waraanaa milka’iinaan gara hawaatti erguu beeksifte.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/7gYb6KB
IGAD mootummaan Itoophiyaa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo dheebuu nageenyaa uummataa guutuuf jecha marii nagaa jalqaban marsaa biraan akka itti fufaniif gaafate.Marii nagaa Mootummaa Itoophiyaa fi WBO gidduutti guyyootaaf Tanzaaniyaa magaalaa Daare Es Salaamitti gaggeeffamaa ture waliigaltee malee xumuramu qaamooleen lamaanuun beeksiisaniiru.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/hSIVmcU
Mootummaan Itoophiyaa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo lola kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti gaggeessan karaa nagaa xumuruuf mariin gaggeessan milkii malee xumuramuu Kibxata Sadaasa 21, 2023 ibsaniiru.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/G9yosDz
Chaayinaatti gogaan harree haalaan barbaadamuf dhiyeessuf qeeraan harree magaalaa Asallaa deebi'e baname hojjachaa jiraachuu dhaabbatichi BBC'f mirkaneesse.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/VRjSChT
1
Itoophiyaan buufata doonii Barbaraatti gargaaramuuf Somaalilaandi waliin mariin gaggeesissa jirtu sadarkaa fooyyeerra jiraachuu miidiyaan mootummaatti hidhata qabu Ejensiin Tajaajila Oduu Itoophiyaa gabaase.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/3vZ6qgE
Jaarmiyaa fiilmii oomishuun addunyaarratti beekamu Holiiwuud keessa kan hojjettu Meliisaa Baareeraa, Filisxeem deeggaruun yaadota miidiyaa hawaasummaarratti barreessiteen hojii fiilmiirraa ittifamte.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/kfJZc9a