BBC AFAAN OROMOO
128K subscribers
1.77K photos
1 video
1 file
22.6K links
This channel shares news from publicly available sources for informational purposes only. We are not affiliated with the BBC News Afaan Oromoo. All copyrights belong to their respective owners.
Download Telegram
Barattuu Siifan Fiixaa M/B Bultii Addaa Oromiyaa irraa qabxii seensa yuunvarsiitii bara kanaa irratti barnoota herregaan qabxii 100 galmeessuun seenaa addaa dubartootni Itoophiyaa keessatti galmeessanii hin beekan jedhamun amanamu hojjechuu manni barumsicha hime.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/zHjU7Yo
Waraanichi diinagdee biyyaalee Afriikaa yaaddoo keessa galchuun cinaatti biyyaaleen gama Raashiyaa ykn warra Lixaatti goruuf dhiibbaa dippilomasii keessa galaa jiru.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/YjLbXEy
Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan waraana michuu isaanii Yukireen irratti Raashiyaan banteef, loltuu erguun hin waraannu jedhaniiru.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/zi7aPdZ
Violaadmiir Putiin Raashiyaa gara bara durii USSR sanatti deebisuu danda'a jedha gulaalaan dhimma addunyaa keenyaa Joon Simpson.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/HK8cBtx
Raashiyaan Yuukireen irratti waraana banuu hordofee Ameerikaa dabalate biyyoonni Lixaa Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putin fi Ministira Dhimma Alaa isaanii Sergee Laavroov irra qoqqobbii addaa kaa'an.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/gRFMzsV
Leenjisaan Cheelsii Toomaas Tuheel Raashiyaan sababa Yukireen weerararteef ''dhimma kilaba keenyaan walqabatee wantootni hin tasgabboofne hedduun jiru'' jedhan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/NJMFcyt
Weerara Raashiyaan Yukireen irratti bante pireezidantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing lameen keessaa eenyyuun filatanii akka deeggaran irratti qormaata itti ta'eera.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/LVhUEjJ
Yeroo Qaataar Waancaa Addunyaa keessummeessuuf carraa hojii addunyaaf argamsiisa jirtu, lammiileen Meksikoo shamarran salphaatti miidhamuu dandaʼu ibse. Kun erga lammiin biyyasaa Qaataaritti adabamte. Pawuulaa Chiyetekat, mootummaa Qaataar walliin qopheessaa waancaa addunyaa bara 2022 hojachuuf magaalaa gudditii biyyattii Doohaa Guraandhala 2020 dhufte.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/teAyLZU
Pireziaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin humnoota nuukilaraa isaanii akka of eeggannoo addaan qophaa'anii taa'aniif waraana isaaniif ajaja dabarsaniiru.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3VwPSDW
Ahimad Mohaammad Adam Dirree Dhawaatti dhalatee kan guddate yoo ta'u, ijoolluummaa irraa kaasee hojii kalaqaatiin hawwatamu hima. Kanaanis kanaan dura konkolaataa kan hojjatee ture yoo ta'u, amma ammoo jeenereetara baayoo gaaziin hojjatuu kalaqeera. Kaayyoonsaa guddaanis ibsaa baadiyaan gahuudha.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/BjTbf6p
Amma falmiin jalqabameera. Kanaaf, hireen gara fuula duraa maal ta'uu danda'a? Biyyoonni Lixaa Putiin dhaabuudhaaf maal gochuu danda'u?

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/MSqKeyP
Erga guyyaa jalqabaa sababa weerara Yuukireeniin qoqqobbii jabaan Raashiyaa irratti darbee maallaqni Raashiyaa Raabil doolaaraan yeroo sharafamu %30 tahuun gadi bu'e. Kun rikardii haaraa galmaa'e yoo tahu, Yuuroonis akkasuma %1'n gadi bu'eera.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/FWsAqUG
Adeemsi kun ammoo gaaffii boqonnaa namaaf hin kennine kan nama kaasisudha. Innis "Putiin 'milaacii' Nukilaraa ni harkisu jedhamee hin yadaamu. Garuu Nigodhaa laata? kan jedhudha.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/kighLw9