BBC AFAAN OROMOO
128K subscribers
1.77K photos
1 video
1 file
22.6K links
This channel shares news from publicly available sources for informational purposes only. We are not affiliated with the BBC News Afaan Oromoo. All copyrights belong to their respective owners.
Download Telegram
Miseensa Mana Maree Walabaa Sudaan yeroo ammaa biyya bulchaa jiruu kan ta'an Jeneraal Hamdaan "Hemetii" Daggaloo Roobii har'aa aanga'oota ol-aanoo Raashiyaa waliin mariyachuuf gara Mooskootti imalan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/P6QhTEl
Gareen hidhataa Somaaliyaa keessa socho'u al-Shabaab bara 2021 keessa doolaara miiliyoona 24 ta'uun meeshaa waraanaa bitachuu, qorannoon dhaabbata Moqaadishoo keessa jiruun hojjetame beeksise.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/4DZApsK
Ji’oota muraasa darban Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutin Yuukireen weeraruuf karoorsuu isaanii waakkachaa turan. Amma garuu waliigaltee nageenyaa diiguun loltoota isaanii Baha Yuukirenitti naannolee lama kanneen to’annoo hidhattootaa jala jiranitti akka babba'aniif ajajaniiru.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/uDYLhbc
Xalayaa Gurraandhala 15 bara 2014 Barraa'ee fi Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee akkasumas Kantiibaa Magaala Finfinneetiif ergameera jedhu tibbana Miidiyaa Hawaasummaa irratti ijoo dubbii ta'eera.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/PlgI4dz
Itoophiyaa dabalatee biyyoota waraanni keessa jiru keessatti sarbamiinsi mirgoota namoomaa maanguddootarra gahu dabaluu jaarmiyaan mirgoota namoomaaf falmu Huuman Raayitis Waach (HRW) mul'ise.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/IS8qMhB
Sirna Gadaa keessatti dubartonni qooda guddaa haa qabataniyyu malee, Afoolli Oromoo garuu irra hedduu ilaalcha olaantummaa dhiirotaa fi gad-aantummaa dubartoota calaqqisiisan of keessaa qaba.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/vg6sCMT
Dubartoonni Musliimaa Indiyaa waan filmaata dhunfaa isaanii kan ta'e hijaaba uffachuun dhimma siyaasaa taasifameef baay'ee aariifi qaaniin itti dhagahamaa jira.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/uh1WKVe
Wiixineen seeraa miseensa Kongirasii Niiw Jeersii kan ta'an Toom Maaliinowskiin mana maree bakka bu'oota ummata Ameerikaatti beeksiifame kunis hojiirra kan oolfamu yoo ta'e, ''ciqilee Ameerikaa cima Itoophiyaarra bu'u'' ta'a jedhamee tilmaamameera.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/l0UTxNw
Godina Shawaa lixaa aanaa Iluu Galaanitti Namichi Maqaan isaa Dajanee Ittafaa jedhamu Barattoota kutaa 1 fi 12 baratan ‘Waaqa isinii kadhadheen akka qorumsa darbitan isin godha’ jechuun erga goyyomsee booda hanna raawwate hidhaan adabame.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/gI8QAcN
Tariikaanfii weerara Raashiyaan Yikureen irratti raawwattee hordoofee, dheekkamsa biyyoota lixaafi deeggarsa Chaayinaan weeara Raashiyaaf taasifteefi attamiin dhimmi Yukireen akka addunyaa akka itti raasee kan itti dhagahameedha.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/aqreMsy
Guddina daa'immanii sirrii mirkanneessuuf wantoota barbaachisan keessaa nyaanni eddoo guddaa akka qabu oggeessi fakkaa ni dubbatu. Keessattuu Dokitarri daa'immanii BBC dubbisee fi oggeessoonni sirna nyaataa dhimma kanaarratti qabxiilee maatii fayyadu danda'an murteessoo kaasaniiru.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/6dTC4Ir
Barattuu Siifan Fiixaa M/B Bultii Addaa Oromiyaa irraa qabxii seensa yuunvarsiitii bara kanaa irratti barnoota herregaan qabxii 100 galmeessuun seenaa addaa dubartootni Itoophiyaa keessatti galmeessanii hin beekan jedhamun amanamu hojjechuu manni barumsicha hime.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/zHjU7Yo
Waraanichi diinagdee biyyaalee Afriikaa yaaddoo keessa galchuun cinaatti biyyaaleen gama Raashiyaa ykn warra Lixaatti goruuf dhiibbaa dippilomasii keessa galaa jiru.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/YjLbXEy
Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan waraana michuu isaanii Yukireen irratti Raashiyaan banteef, loltuu erguun hin waraannu jedhaniiru.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/zi7aPdZ
Violaadmiir Putiin Raashiyaa gara bara durii USSR sanatti deebisuu danda'a jedha gulaalaan dhimma addunyaa keenyaa Joon Simpson.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/HK8cBtx