BBC AFAAN OROMOO
128K subscribers
1.77K photos
1 video
1 file
22.6K links
This channel shares news from publicly available sources for informational purposes only. We are not affiliated with the BBC News Afaan Oromoo. All copyrights belong to their respective owners.
Download Telegram
Harcummee dhaan reebuu, barbareen uluu, dhiituu, gaadiidhaan reebuu, kabaluu, qimmiiduufi kaanillee gosoota adabbii Itoophiyaa keessatti qaama ijoollee irratti raawwataman keessaati. Adabbiin qaamaa ijoollee balleessaarraa sirreessaa?

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/zqOI7aD
Raashiyaan naannolee Baha Yuukireen lama harka finciltootaa jiraniif akka biyya walaba ta'an beekamtii kennuu fi loltoonni ishee garas akka seenan ajajuun balaaleffannaa itti fide.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/vAqX7sT
Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNSC)tti ambaasaaddarri Keeniyaa Maartiin Kimaanii murtee Raashiyaan loltoota ishee naannolee lamaan Yuukireen irraa adda of baasanitti erguu murteessuu ishee balaaleffatan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/08kJCZE
Yeroo baayyee waa'ee ofii dubbachuu namatti hin tolu. Hogganaa ofii duratti hafee hirriyaa biratti illeen yoo ta'ee ''of tuulummaa'' fakkaachu danda'a. Keessattuu bakka namoonni waliitti qabamaniitti of jajjuun kan baramee miti. Haalli kunis lammiilee Itoophiyaa biratti qofa osoo hintaane faranjoonnilleen xiqqoo of qabu.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/6cmiu7R
Ahimad Mohaammad Adam Dirree Dhawaatti dhalatee guddate. Umurii ijoollummaa isarraa kaasee waa uumuun ykn tolchuun gammachuu akka isaaf kenna dubbata Ahimad. Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa wayita jirurraa kaasee raadiyoo suphuufi konkolaataa xixxiqqoo ijoolleen ittiin taphatan dinaamoodhaan hojjetu hojjechaa akka eegale yaadata. "Qe'een baadiyyaa harki caalu ibsaa hin qabu. Qonnaan bultoonniifi horsiise-bultoonni keenya ammallee dukkana keessa jiru. Isaaniif ibsaa qaqabsiisuun barbaada," jedha.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/Legqb1O
Waraanni Kaaba Itoophiyaa kan baatiiwwan kudha jahaa oliif adeemaa jiru, miidhaa qabeenyaa fi namoomaa olaanaa qaqqabsiisee dhaabsiisuuf qaamooleen garaagaraa yaalii wayita taasisan dhagahamu. Ofii deebiin marii nagaatiif motummaan Itoophiyaa fi TPLF kennanii fi adeemsi hanga amaa maal fakkaataa?

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/Grw6keO
Godina Baale Bahaa Aanaa Gololchaa ganda Bullaallaa Kajawaa jedhamutti balaa sigiga lafaa namoota albuuda baasan irra gaheen hanga ammaatti lubbuun namoota torbaa yoo darbu 11 ammoo miidhaman.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/dq7gtlE
Miseensa Mana Maree Walabaa Sudaan yeroo ammaa biyya bulchaa jiruu kan ta'an Jeneraal Hamdaan "Hemetii" Daggaloo Roobii har'aa aanga'oota ol-aanoo Raashiyaa waliin mariyachuuf gara Mooskootti imalan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/P6QhTEl
Gareen hidhataa Somaaliyaa keessa socho'u al-Shabaab bara 2021 keessa doolaara miiliyoona 24 ta'uun meeshaa waraanaa bitachuu, qorannoon dhaabbata Moqaadishoo keessa jiruun hojjetame beeksise.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/4DZApsK