BBC AFAAN OROMOO
128K subscribers
1.77K photos
1 video
1 file
22.6K links
This channel shares news from publicly available sources for informational purposes only. We are not affiliated with the BBC News Afaan Oromoo. All copyrights belong to their respective owners.
Download Telegram
Ministeerri Dhimma Alaa Masrii hidha haaromsaarraa anniisaa elektirikii maddisiisuu eegaluun qajeeltoowwan waliigaltee biyyootaa kan cabsuudha jechuun Masriin akka tarkaanfii Itoophiyaa mormitu ibse.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/PhwezNj
Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan dhimma muddama Yuukreen irratti pirezidaantii Raashiyaa Viilaadmiir Puutiin waliin marii taasisuuf sadarkaa qajeelfama bu'uuraatti waliigaluu beeksisan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/RDyIYxq
Lammileen Keeniyaa paayiloota lama Daandii Qilleensaa Keeniyaa keessa hojjatan kanneen xiyyaarota bubbee hamaa ‘Eunice‘ jedhamuufi Awuroopaatti ka’e keessa nagaan qubsiisuu danda’an gama toora intarneetiin leellisaa jiru.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/txBQv31
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa komishinaroota Komishinii Marii Biyyaalessaatiif kaadhimamtoota dhiyaatan 11 yeroo raggaasisutti Piroofeesar Masfin Araayaatiin walitti qabaa Komishinichaa gochuun muudeera.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/pueUwEK
Toorri miidiyaa hawaasaa Doonaald Tiraamp’ Truth Social’ jedhamu kuuusaa aappii ykn App Store Ameerikaa qofatti hanga tokko daangeffamee tajaajila kennuu eegale.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/f6jeya7
Lafa kana irratti wantota nama naasisaniifi nama sodaachisan keessaa tokko du'adha. Du'a ofii isaanii caalaa namoonni nama jaallatan dhabuun isaan jeequ hedduudha.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/O4VFNfr
Harcummee dhaan reebuu, barbareen uluu, dhiituu, gaadiidhaan reebuu, kabaluu, qimmiiduufi kaanillee gosoota adabbii Itoophiyaa keessatti qaama ijoollee irratti raawwataman keessaati. Adabbiin qaamaa ijoollee balleessaarraa sirreessaa?

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/zqOI7aD
Raashiyaan naannolee Baha Yuukireen lama harka finciltootaa jiraniif akka biyya walaba ta'an beekamtii kennuu fi loltoonni ishee garas akka seenan ajajuun balaaleffannaa itti fide.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/vAqX7sT
Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNSC)tti ambaasaaddarri Keeniyaa Maartiin Kimaanii murtee Raashiyaan loltoota ishee naannolee lamaan Yuukireen irraa adda of baasanitti erguu murteessuu ishee balaaleffatan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/08kJCZE
Yeroo baayyee waa'ee ofii dubbachuu namatti hin tolu. Hogganaa ofii duratti hafee hirriyaa biratti illeen yoo ta'ee ''of tuulummaa'' fakkaachu danda'a. Keessattuu bakka namoonni waliitti qabamaniitti of jajjuun kan baramee miti. Haalli kunis lammiilee Itoophiyaa biratti qofa osoo hintaane faranjoonnilleen xiqqoo of qabu.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/6cmiu7R
Ahimad Mohaammad Adam Dirree Dhawaatti dhalatee guddate. Umurii ijoollummaa isarraa kaasee waa uumuun ykn tolchuun gammachuu akka isaaf kenna dubbata Ahimad. Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa wayita jirurraa kaasee raadiyoo suphuufi konkolaataa xixxiqqoo ijoolleen ittiin taphatan dinaamoodhaan hojjetu hojjechaa akka eegale yaadata. "Qe'een baadiyyaa harki caalu ibsaa hin qabu. Qonnaan bultoonniifi horsiise-bultoonni keenya ammallee dukkana keessa jiru. Isaaniif ibsaa qaqabsiisuun barbaada," jedha.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/Legqb1O