BBC AFAAN OROMOO
128K subscribers
1.77K photos
1 video
1 file
22.6K links
This channel shares news from publicly available sources for informational purposes only. We are not affiliated with the BBC News Afaan Oromoo. All copyrights belong to their respective owners.
Download Telegram
Namoota attamiin quunnamtii saalaatiin gammachuu akka itti argatan barsiisuun akka quunnamtii saalaa nagaa qabeessi jajabaatu taasisa jedhu qorattoonni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO).

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/L2EZS6a
Waraana Tigraay dhaabsisuuf tattaaffiin taasifamaa jiru kan abdii namatti horu ta'us, mootummaan federaalaa yeroo kanatti fayyadamuun humna waraanaa cimsataa jira jedhan Dura taa'aan TPLF Dr Debratshiyoon Gabramikaa'el.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/QPu1T50
Jalqaba ji'a kanaatti haleellaa kaampii baqattootaa naannoo Affaar keessa jiru irratti qaqqabeen yoo xiqqaate baqattootni Eertiraa shan ajjeefamuu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ejensiin Baqattootaa hime.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/OtRj5UE
Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan gitni isaanii kan Raashiyaa Vilaadimiir Puutin weerara Yuukireen irratti banuuf murteessuu isaanii amaneera, haleellaan sun ''guyyoota muraasa keessatti eegala’’ jedhan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/QFaD8N5
Waliigalteen waraanaa TPLF fi dhaabbilee hidhannoon qabsootti jiran kaan waliin taasifne erga TPLF duubatti deebi'ees akkuma itti fufetti jira jedhan hogganaan Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan ABO -Shanee jedhee waamu Marroo Dirribaa.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/X3AH6re
👍1
Please share this video. We need stand together. We need help our brothers and sisters.
1👍1
Odeessi 'khun' waa'ee Afaan Oromooti - kheessattuu waa'ee qubee dachaa haarayaati jedhamtu 'kh'. Maal jechuu keessan? Qubeen Afaan Oromoo amma dura nu beeknu jaha yookaan torba qofa, isa kana garuu takkaa hinagarre jechuu maltan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/fje2dvZ
Somaaliyaatti haleellaa boombii badee balleessaan reestoraantii Magaalaa Beeledweyne keessatti namoonni siyaasaa keessaa nyaatan irratti raawwatameen yoo xinnaate namoonni 10 ajjeefaman.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/ts9KYlP
Biyyi Baha Afrikaa Itoophiyaan laga dheeraa addunyaa kan ta'e Abbayyarratti hidha ijaarte xumuruun guyyaa har'aa elektirikii maddisiisuu eegala jedhamee eegama. Hidhi kuni eessaa ka'e eessa gahe?

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/KJobDNT
Taphataan kubbaa miilaa beekamaan duraanii Naayijeeriyaa, Kingsley Obiekwu waggaa 25 dura tapha Olompiikiitiin biyyasaaf warqee argamsiisee ture. Haata'u malee amma maatii isaa jiraachiisuuf jecha konkolaachisaa atobisii daldalaa akka ta'e BBCtti hime.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/SclFN5V
Ameerikaatti haatiifi abbaan warraa iccitii nikulaaraa dabarsanii kennuuf akka ture shakkamuun to'annoo jala oolfaman balleessaa isaanii amanan.Cimdiiwwan Diiyaanaa fi Joonaataan jedhaman kunneenis Ameerikaa Meerilaand keessa jiraatu ture.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/Jz1QFt3
Ministirri Muummee Abiy Ahamd Dilbata [20,02,2022] bakka argama pirojektichaa Gubaatti argamuun hidha haaromsaarraa anniisaa maddisiisuu eegalsiisan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/6ChrAfe
Barataan umriinsaa 14, baaddiyaa bakka neetworkii, ibsa fi daandii dabalate tajaajilii barbaachiisan hedduun hin jire jiraatuu, baayoogaazii kosiirraa oomishuun humna elektirisiitii maddisiisee taaajila ibsa manneen hedduu kennaa jira . Aadan Huseen Diidaa jedhama. Dhalataa Godina Boorana aanaa Waacilee Ganda Weebii. Mana barumsa Tulaa Weebiiti barataa kutaa 8ffaati.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3kRjsZD
Zooy bara 2010 yeroo namni ishee guddifate fudhattee suuqii deemtu baduun qorannoo maayikiroochiippiin adda baafamte.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/wny01d4