BBC AFAAN OROMOO
128K subscribers
1.77K photos
1 video
1 file
22.6K links
This channel shares news from publicly available sources for informational purposes only. We are not affiliated with the BBC News Afaan Oromoo. All copyrights belong to their respective owners.
Download Telegram
Ifti bakakkaa km768 dheeratu samii kutaalee biyyaa Ameerikaa sadii keessatti mul’ateera. Kunis rekardii haaraa addunyaa akka tahe saayintistoonni mirkaneessaniiru

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/cmYwnsZyx
Wayita waa'ee Yuukireen ilaalchisuun addunyaan dhiphachaa jirtutti Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin US fi Nato'n hookkara kakaasuun gara waraanaatti nu oofaa jiru jechuun qeeqan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/FDsCx4LeU
Taphataan dargaggeessi sarara duraa garee biyyaalessaa Itoophiyaa fi kilaba Buna Itoophiyaa Abuubakar Naasir kilaba cimaa Afrikaa Kibbaa 'Maameloodii Sandaawons' waliin waliigale.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/b3nhraPEu
Dimokiraatik Rippabilik Koongoo bakka gabaa tokkotti shiboo (gamada) elektirikaa citee kufuun yoo xiqqaate namoonni 26 elektirikaan du'uu isaanii poolisiin ibse.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/GKyM6cjEF
Bulchiinsa Abbeeye kan Sudaan fi Sudaan Kibbaa irratti waldhabaniitti ajajaa waraanaa nagaa kabachiiftoota Motummoota Gamtoomanii kan turan Meejar Janaraal Kafiyaalawu Amde Tasemmaa kaafamuun Jeeneraal lammii Naayijeeriyaa kan ta'aniin bakka buufamu dhaabbatichi beeksiisera.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/oW5eGR8gI
Sanyii biqiltootaa nuti kanaan dura jiru jennee yaaduun ol Dachee kanarra jiru jedhame, garuu hedduun isaanii bosona saffisaan manca'aa jiran keessa badaa jiru.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/ozp67yZ1u
A L I Amajjii 10, 2014 addunyaa kanarraa du’aan kan boqotaniifi yeroo tokkotti “Gota CNN’ [CNN HERO] jedhamurra kan ga’an Obbo Yohaannis Woldegoorgis, namoota hedduu biratti mana kitaabaa harreen harkifamu hundeessuu isaaniin yaadatamu.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/jaRhlpEqJ
Akka obboleessi Sablee jedhutti, hiriyyaan/jaalalleen ishee kun erga billaadhaan waraanee boodas qaama isheerratti saanitaayizarii firfirsuun ibidda itti qabsiisee ishee gube.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/kGKwQrMPm
Sodaa Raashiyaan Yukireen weerarti jedhuun Ameerikaan loltoota dabalataa Poolaand, Roomaaniyaa fi Jarmanitti erguufi. Raashiyaan gochaa looltoonni US awuurooppaa keessatti baay'achu kanaan 'badiidha' jechuun balaaleeffatte.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/hietqTvzj
Murteessaan kubbaa miilaa Baamlaak Tasammaa Wayyeessaa kan tapha waancaa Afrikaa walakkaa xumuraa Senegaal fi Burkinaafaasoo jidduutti Roobii galgala taphatame taphachiisan deeggartootaan jajamaa jira.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/WsNj7B1R5
Dhaabbanni haadhoo Facebook, Meetaa Netwoork fayyadamtoonni guyyuu miidiyaa hawaasaa kanaa, ji’a sadan darban, dhuma baatii Muddeetti biiliyoona 1.930 irraa gara biiliyoona 1.929tti gad-siqeera jedhe.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/WZrM7DBKf
Qormaatni biyyaalessaa kutaa 12 rakkoo nageenyaarraa kan ka'e godinaalee Oromiyaa afur keessatti gariin osoo hin kennamiin hafe amma kennamaa jiraachuu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/WnMcFz7Si