BBC AFAAN OROMOO
128K subscribers
1.77K photos
1 video
1 file
22.6K links
This channel shares news from publicly available sources for informational purposes only. We are not affiliated with the BBC News Afaan Oromoo. All copyrights belong to their respective owners.
Download Telegram
Leetanaa Koloneel Daamibaa Burkinaa Faassootti umurii waggaa 41 fi torba sadiitti aangoo qabate. Ofi waa'ee isaa kan biraa maal beeknaa? Dubbifadhaa.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://bbc.in/32HuRvD
Aliyaana Devezaa jedhamti, umriin ishee ganna 19 wayita ture lubbuu haadha ishee du’a oolchuuf wal’aansa baqaqsanii yaaluu qindeessite, wal’aansi baqaqsanii yaaluu isheerrattis gaggeeffameera.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://bbc.in/3ubAEVE
Erga labsiin yeroo muddamaa hojiirra oolee kaasee bakkeewwan tokko tokkootti qaamoolee nageenyaatiin rakkooleen naamusaa jiraachu komiin hawaasa irraa kan ka'u yoo ta'u, mootummaa fi dhaabileen mirga namoomaas rakkinni kun jiraachu ni amanu.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://bbc.in/32HzuGb
👍1
Weellisaan Kiriis Biraawon, dubartii tokkoof qoricha of walaalchisuu kennee gudeedduun himatamee beenyaa miiliyoona 20 akka kaffaluuf gaafatame.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://bbc.in/3IKum3p
Akkuma Dhaabbanni motummoota gamtoomanii blaan beelaa kaaba Itoophiyaa Tigraay mudachuuf jiru ilaalchisee akeekkachisa baaseen, dooktaroonni naannichatti argamanis waan dameen fayyaa keessatti argamu ibsaniiru.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://bbc.in/3goqY29
Balaa konkolaataa godina Shawaa Lixaa aanaa Baakkoo Tibbeetti Jimaata kaleessa mudateen lubbuun namoota sadii darbuu komunikeeshiniin aanichaa BBCtti hime.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://bbc.in/3AEhb17
Akka addunyaatti namoonni kumaatamaan lakkaa’aman nama kalee isaaniif arjoomu eegaa lubbuun isaanii dabarti. Namoonni fayyaalessi warreen dhukkusatanitti gurguruu qabu?

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/f7xeKkhru
Barreessaa Tasfaayee Gabra’aab kan dhiheenya kana du’aan boqote, kitaabasaa ‘Ye siddatanyaawu Maastaawashaa’ jedhu keessatti, fuula 181-187 irratti waa’ee weellisaa qaroo- dhabeessa Gabbisaa Mul’ataa jedhamuu, kan godina Horro Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuutti argee dubbisee barreesse ture. Tasfaayeen keewwatasaa mata duree ‘Ye Shaambuu Nigus’ jedhuun katabe jalatti, weellisaa kana ‘mootii Shaambuu gonfoo mataarra hin keewwanne’ jechuun isaan ibsa. Ofii wallisaan kun eenyu? Kunoo dubbifadhaa.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/lMUAwmTZ4
Appiiwwan gochaa basaasaatiif oolan kunneen namoota beekumsa teeknoolojii qabu jedhamaniif illeen rakkoodha. Sababiinsaa haalli itti oomishaman akka dafamee irra gahamu kan dandeessisu miti.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/JaVPSeohZ
Kooriyaan Kaabaa yaalii misaa'eelii erga waggoota shanii as isa guddicha jedhame Dilbata raawwattee. Kan ammaa kunis misaa'eeloota baatii kana keessa qofaa furguggiste torba taasiseera.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/L8VNUiwou
Dubartiin lammii Ameerikaa IS keessatti garee waraanaa addaa guutummaatti dubartoota of keessaa qabu ijaaruufi hoogganuun himatamte to'annoo jala oolte.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/faEQe3KW7
Namni saalashee dhiira irraa gara dubartiitti jijjiirratte Daani'eellaa Makdoonaaldi jalqaba dhiirota jaalalaaf beellamuun akkuma ''agarsiisa sodaachisaa'' [horror show] tahe tokkoo ture jette. Ergasii nama Joosh jedhamu waliin wal baruun waggaa lamaa fi walakkaa jaalalaan waliin dabarsaniiru.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/HbUoCpifD
👍1
Motummaan Itoophiyaa humnootii TPLF injifachuu isaa ibsun gara naannoo Tigiraayitti seenuuf duula waraanaa bal'aa taasisuuf karoora akka hin qabne kaasuun eddoowwan qabate keessatti murtaa'ee akka turu erga beeksisee bubbuleera.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/kg4MWrcBl
Haalli waraana Itoophiyaa keessatti diroonniiwwan waraanaa itti fayyadamaa tureerratti yaaddoowwan ka'aa turan. Gareen Reality Check keenyas eenyuu akka diroonoota waraanaa kana Itoophiyaaf dhiyeessurratti waan beekamu ilaaluu yaaleera.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/pXvYiC61a
Gaazexessitootni biyya alaa Chaayinaa keessa jiran miidhaan qaamaa irra gahuu dabalatee, butamuu fi rakkoowwan biroof saaxilamaa jiru jedhe gabaasni haaraan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/uxzLPJI7H