BBC AFAAN OROMOO
128K subscribers
1.77K photos
1 video
1 file
22.6K links
This channel shares news from publicly available sources for informational purposes only. We are not affiliated with the BBC News Afaan Oromoo. All copyrights belong to their respective owners.
Download Telegram
Jilli Ministira Maallaqaa, Obbo Ahimad Shideetiin durfamu haala lammileen Itoophiyaa Sa'ud Arabiyaa keessa jiran itti jiran irratti mariyachuudhaaf garas imaluu isaanii Imbaasiin Itoophiyaa Riyaad jiru beeksiseera.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3o3c45o
Viidiyoowwan dharaa namoota wareersan namoonni hojjatan kun ta’iiwwan lubbuu namaa baasu fakkaatu dalaguufi, fuula namaarratti keekii darbachuun namoota naannoo isaanii jiran wayita naasisan mul’ataniiru.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/32EApqJ
Dhaabbata deeggarsa namoomaa Ameerikaa kan ta'e Ejeensiin Gargaarsaa Idil-addunyaa (USAID) naannoo Oromiyaa keessa namoota 400,000 rakkoo keessaa baasuuf kan ooluu invastimantiiwwan haaraa lamaaf birrii biliyoona 10.2 ramaduu beeksiise.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3u8B7YG
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii jalatti Saganta Nyaataa Addunyaa(WFP) Kaaba Itoophiyaatti beelli hamaan mudachuu akka malu akeekkachiise.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/33TWnH4
Kaaba Itoophiyaatti haleellaa humnoonni Tigraay raawwatan qolachuuf Raayyaan Ittisa Biyyaafi humnoonni nageenyaa naannolee 'tarkaanfii qorannoorra hundaa'e' karaatti fudhatan kallattiin kaa'amu ibsame.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3r9NVwb
Leetanaa Koloneel Daamibaa Burkinaa Faassootti umurii waggaa 41 fi torba sadiitti aangoo qabate. Ofi waa'ee isaa kan biraa maal beeknaa? Dubbifadhaa.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://bbc.in/32HuRvD
Aliyaana Devezaa jedhamti, umriin ishee ganna 19 wayita ture lubbuu haadha ishee du’a oolchuuf wal’aansa baqaqsanii yaaluu qindeessite, wal’aansi baqaqsanii yaaluu isheerrattis gaggeeffameera.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://bbc.in/3ubAEVE
Erga labsiin yeroo muddamaa hojiirra oolee kaasee bakkeewwan tokko tokkootti qaamoolee nageenyaatiin rakkooleen naamusaa jiraachu komiin hawaasa irraa kan ka'u yoo ta'u, mootummaa fi dhaabileen mirga namoomaas rakkinni kun jiraachu ni amanu.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://bbc.in/32HzuGb
👍1
Weellisaan Kiriis Biraawon, dubartii tokkoof qoricha of walaalchisuu kennee gudeedduun himatamee beenyaa miiliyoona 20 akka kaffaluuf gaafatame.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://bbc.in/3IKum3p
Akkuma Dhaabbanni motummoota gamtoomanii blaan beelaa kaaba Itoophiyaa Tigraay mudachuuf jiru ilaalchisee akeekkachisa baaseen, dooktaroonni naannichatti argamanis waan dameen fayyaa keessatti argamu ibsaniiru.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://bbc.in/3goqY29
Balaa konkolaataa godina Shawaa Lixaa aanaa Baakkoo Tibbeetti Jimaata kaleessa mudateen lubbuun namoota sadii darbuu komunikeeshiniin aanichaa BBCtti hime.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://bbc.in/3AEhb17
Akka addunyaatti namoonni kumaatamaan lakkaa’aman nama kalee isaaniif arjoomu eegaa lubbuun isaanii dabarti. Namoonni fayyaalessi warreen dhukkusatanitti gurguruu qabu?

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/f7xeKkhru
Barreessaa Tasfaayee Gabra’aab kan dhiheenya kana du’aan boqote, kitaabasaa ‘Ye siddatanyaawu Maastaawashaa’ jedhu keessatti, fuula 181-187 irratti waa’ee weellisaa qaroo- dhabeessa Gabbisaa Mul’ataa jedhamuu, kan godina Horro Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuutti argee dubbisee barreesse ture. Tasfaayeen keewwatasaa mata duree ‘Ye Shaambuu Nigus’ jedhuun katabe jalatti, weellisaa kana ‘mootii Shaambuu gonfoo mataarra hin keewwanne’ jechuun isaan ibsa. Ofii wallisaan kun eenyu? Kunoo dubbifadhaa.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/lMUAwmTZ4