BBC AFAAN OROMOO
128K subscribers
1.77K photos
1 video
1 file
22.6K links
This channel shares news from publicly available sources for informational purposes only. We are not affiliated with the BBC News Afaan Oromoo. All copyrights belong to their respective owners.
Download Telegram
Mootummaan Federaalaa dhiyeessii qorichaa fi deeggarsa biroo Tigraay keessatti akkaa olitti hanqateera jedhame geejiba konkolaataan furuun waan hin danda'amneef balalii qilleensaa dabalataa hayyamuu beeksise.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3rMQSl5
Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa Itoophiyaa keessaa lammiilee biyyattii manneen hidhaa Saa'udii Arabiyaa keessatti dararamaa jiraniif, sochii 'festaala gurraacha' jedhuun sagalee dhageessisaa jiru.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3ItvNDa
Kaabineen mootummaa Somaaliyaa kan aangoorra jiru paartii siyaasaa Itoophiyaa keessa socho'u Adda Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogaaden (ONLF) tarree shororkeessitootaa keessaa baasuu beeksise.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3KBqraT
Burkinaa Faasootti humni waraanaa fonqolcha gaggeessuun aangoo qabachuu ibse. Humni waraanaa biyyattii aangoo qabachuu isaa televizhinii mootummaa irratti kan labse ammoo qondaala waraanaati.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3fS5hab
Faatis Timboo komeediyanii ganna 25ti, moodelii Tiktokii gubbaatti hordoftoota miliyoona lamaa ol horatte. Timboon faana afur ykn meetira 1.21 dheeratti.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3qWZc2u
Addunyaa keessa yeroo namoonni bilbila ismaartifoonii ammayyaarratti guyyuu ija keenya buufne oollu kanatti namoonni kanarraa fuula garagalfatanis jiru.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3qXxSRN
Kaaba Itoophiyaatti waraana humnoota mootummaa Federaalaafi TPLF gidduutti ji'oota 14 dura jalqabe hordofuun wellistoonni hedduun gama lamaaninuu sirboota lolicha si'eessan gadhiisaa turan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3rQkUEz
👍1
Waggoota sadiin dura hakiimonni Itoophiyaa hedduun hiriira bahan. Miindaan nuuf yaa dabalamu, sarbamni nurra gahu yaa dhaabbatu, sirni wal'aansa fayyaa yaa foyyaa'u, meeshaaleen tajaajila fayyaa ittiin kennan yaa guutaman kanneen jedhan gaaffilee hedduu kaasan keessaa muraasa turan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3KDShTV
Kaameruun istaadiyeemii tapha Waancaa Afrikaa keessummeessaa jiruun alatti wal dhiibbaa uumameen yoo xinnaate namooni saddeet du’anii, hedduun madaa’uu isaani gabaafame.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3GZdVQ1
Poolisiin namicha gurraacha Ameerikaa dhalataa naannoo Nevaadaa jiraatu kan nama adii wajjin maqaa wal-fakkaataa qabu dogoggoraan guyyaa ja’aaf mana hidhaa buuse. Namni adii kuni umriidhaanis dachaa nama isa gurraachaati.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3AtNLTf
Waraanni Kaaba Itoophiyaa qabbanaa'ee ture gama daangaa Tigraay fi Affaariin akka haarawatti itti fufee jiraachuu fi finciltoonni Tigraay daangaa Affaar seenanii haleellaa raawwachaa akka jiran Mootummaan Naannoo Affaar hime.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3fT3927
Humnoonni TPLF Naannoo Affaar seenuun Godina Lama jedhamu keessa aanaalee sadii to'achuu Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Naannoo Afaar BBC'tti himan. Qondaalli naannichaa humni federaalaa 'tarkaanfii barbaachisaa' akka fudhatu gaafataniiru.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3fTnsfK
Kamaalaa Hariis filannoo waggaa darbeen ‘’pirezidaantummaaf xiqqumaaf hanqattee’’ pireezidantii itti-aantuu dubartii Ameerikaa jalqabaa taateetti.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3AzeEVP
Hojjetoota 11 doonii sana keessa turan keessaa Ayyenaachew Mokonnin kan jedhamu namni lammii Itoophiyaa ta'e akka keessatti argamu guyyootaan booda maatii isaaf bilbiluu hordofeeti kan barame.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3KNwido
Itoophiyaan bara 2020tti  jecha ‘sex’ ykn saal-quunnamtii jedhu Google irratti barbaaduun (search) akka addunyaatti sadarkaa tokkoffaa irra turte.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3G06Nl9